Amaloota Gabroota Ar-Rahmaan-Kutaa 5.3

Ammas gabroonni Ar-Rahmaan warra, “zinaa (sagaagalummaa) hin raawwanneedha.” Kana jechuun amaloota gabroota Ar-Rahmaan keessaa tokko isaan zinaa hin raawwatan. Sababni isaas, badii gurguddaa irraa fagaachu keessatti of eeggannoo cimaa godhu. Isaan iddoolee gara badii zinaatti nama kuffisan irraa ni fagaatu. Haada iffaa (kabaja ofii eegu) qabachuuf karaalee Rabbiin itti ajajee ni hordofu.

Isaan zinaa kan hin raawwanne erga ta’anii, wanta zinaa caalaa fokkuu ta’e kan akka saalaa wal fakkaatun wal qunnamu (homosexually) itti hin taran.

Zinaa” jechuun osoo karaa seera qabeessaatiin wal hin fuudhin dhiiraa fi dubartiin wal qunnamti foonii raawwachuudha. Gara Afaan Oromootti yommuu deebisnu sagaagalummaa jennaan. Miidhaan zinaan nama dhuunfaa fi hawaasa irraan gahuu garmalee guddaa waan ta’eef, Rabbiin azza wa jalla zinatti akka hin dhiyaanne ajaje:

17:32

Sagaagalummattis hin dhihaatinaa. Dhugummatti inni hojii fokkataa fi karaa hamaa ta’ee jira.” Suuratu Al-Isra 17:32

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa keeyyata tana keessatti sababoota fi wantoota dursaa zinaatti nama geessan irraa dhoowwu agarsiisuuf zinatti dhiyaachu irraa dhoowwe. Kanaafi, gabroonni Ar-Rahmaan ija, harka, gurraa fi miirota biroo isaanii badii irraa ni qabu. Rabbiin Azza wa jalla zinaa faahishaa akka ta’e ni ibse. Kana jechuun badii fokkuu guddaa ta’eedha.

Akka lugaatti faahishaa jechuun dubbii fi hojii irraa wanta fokkuu hunda. Dhimmi haqaa fi murtii sirriin walitti hin gallee hundi faahishaadha.

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa zinaan karaan isaa hamaa akka ta’e ni ibse. Zinaan “karaa hamaa ta’ee jira.” kana jechuun fedhii fooni guuttachuuf karaa badaa fi fokkuu ta’eedha.

Zinaan karaan isaa hamaa ta’uun Rabbiin azza wa jalla zinaa haraama gochuu yommuu fedhettii fi wanta guddaa namni addunyaa tana keessatti ittiin qoramu yommuu godhetti, bu’aa badaatti wanta nama geessu fi karaa isaa wanta badaa godhu isa keessa kaa’e.

Gama fayyaatin sababa zinaatiin dhibeewwan adda addaa ni babal’atu. Akkuma saayinsii fi dhaabbileen fayyaa mirkaneessaniitti sababa zinaan hawaasa keessatti babal’ateen dhibeewwan daddarboon baay’atanii jiru. Dhibeewwan kanniin keessaa dhibeen qoricha dhabee fi sababa zinaatin daddarbuu dhibee Edisiiti. 

Gama hawaasummaattin yommuu ilaalle, Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa sirna hawaasummaa ilma namaa bilooketti maatii dhiigan wal qabatan irratti akka ijaarramu taasise. Kana jechuun maatiwwan baay’een walitti dhufuun hawaasa guddaa ijaaru. Garuu miseensi maatii hariiroo firummaa dhiigaatin kan wal qabatan ta’uu qabu. Ammas, maatii kana keesaa haqa baasi dirqamaa baasu, haqa wal dhaalu fi soddoomu kaa’e.

Yommuu zinaan hawaasa keessa babal’atu sirni kuni ni bada. Sababni isaas, amanummaan maatiin firummaa dhiigaa irraa qaban ni bada. Kana jechuun yommuu zinaan babal’atu maatii keessatti ilmi dhalatu kan isaanii ta’uu ykn dhiisu amanuuf isaanitti ulfaata. Fkn, dubartiin abbaa manaa qabdu zinaa raawwattee abbaa manaa ishii waliin yoo jiraatte, ilmi yommuu dhalatu, abbaan manaa kuni kan isaa ta’uu ykn kan isaa ta’uu dhiisu isaa ni shakka. Ergasii amanamummaan maatii keessaa ni bada.

Ammas, yommuu zinaan babal’atu daa’imman badhetti gataman kan abbaan isaanii hin beekkamne ni baay’atu. Yeroma daa’imman badhetti gataman kunniin baay’atan yakkamtoonni ni baay’atu.[1] Sababni isaas, daa’imman kunniin yommuu guddatan abbaan isaanii waan hin beekkamneef kan isaan guddisu ni dhabu. Kanaafu, galii isaanii argachuuf jecha yakka adda addaa hojjatu. Haala kanaan, hawaasa guutuu balleessu.

Kanaafi, Islaama keessatti miidhaa badaa zinaa irraa dhalatu hanbisuuf adabbii nama zinaa raawwate guddaa taasise. Inni yoo fuudhee ykn ishiin yoo heerumtee zinaa raawwatan, dhagaan buruqfamanii ajjeefamu. Yoo kan hin fuune ykn hin heerumne ta’e immoo si’a dhibba (100) reebamu. Garuu ajjeesuuf ykn reebuuf qajeelfama hordofantu jira. Qajeelfamoota sanniin keessaa: osoo hin dirqiisifamanii namni zinaa raawwate mataa ofiitin, “Ani zinaa raawwadhe” jedhee amanuu. Yookiin immoo ragaaleen afur argamuudha. Namoonni ragaa bahan kunniin shakkii tokko malee ija isaanitiin yommuu zinaa raawwatan argu qabu.

Gabroonni Ar-Rahmaan addunyaa fi Aakhiratti miidhaa fi adabbii guddaa zinaa irraa dhalatu waan beekaniif wantoota zinaatti nama geessu irraa ni fagaatu. Kanneen akka dubartoota nyaaphaa (ajnabiyyah) waliin kokkolfuu, haasawa hin barbaachisne isaan waliin haasawu, fiilmi ilaalu fi kkf irraa ni fagaatu. Dubartoonni gabroota Ar-Rahmaan irraa ta’anis dhiiraa nyaaphaa waliin akkuma fedhan hin ta’an, hijaaba isaanii sirnaan uffatu.

“Namni kana hojjate adabbii qunnama.” Kana jechuun namni Rabbii Tokkicha waliin waan biraa gabbare, haqa malee nafsee Rabbiin haraama godhe ajjeessee fi zinaa raawwatee, adabbii hojii badaa isaa ni argata. Adabbii kana itti aanse ni ibse: “Guyyaa Qiyaamaa adabbiin isaaf dachaa ta’a,”

“Gabroota Ar-Rahmaan keessaa nama badii shirkii, nafsee ajjeesu fi zinaatti kufeef adabbiin dachaa ta’uu keessa iccitii maaltu jiraa?” jedhamee gaafatamu danda’a.

Akkana jedhamuun ni danda’ama: Mu’imintoota biroo caalaa gabroonni Ar-Rahmaan amantii irraa waa’ee baay’ee beekanii jiru. Ija ummataa keessatti fakkeenya gaarii ta’anii jiru. Namni beekumsa qabuu fi beekumsa hin qabne wal-qixa adabamaa? Gabroonni Ar-Rahmaan beekumsa badii kanarraa isaan deebisuu namoota biroo caalaa kuufatanii jiru. Kanaafu, yoo badii kanniin hojjatan namoota biroo caalaa adabbiin isaaniif dachaa ta’a. Akkuma mindaan hojii gaggaarii isaanii namoota biroo caalaa dachaa ta’u, akkasumas, adabbiin isaaniis dachaa ta’a.

Azaabni (adabbiin) dachaa kuni nama badii kana keessatti kufee osoo hin tawbatin du’eef ta’a. “kan salphifame ta’ee yeroo hundaa achi keessa jiraata.” Yeroo hunda adabbii jahannam keessa jiraachun isaa sababa shirkii hojjatee osoo hin tawbatin du’eefi. Salphifamaa ta’uun isaa immoo yommuu gabroota Ar-Rahmaan keessaa ta’uun Rabbiin isa kabaju, inni kabaja kana duubatti deebi’uun ofirraa mulqe. Shirkii hojjachuun ni kafaree, ajjechaa fi zinaa hojjachuun badii hundarra fokkuutti tare. Isa salpisuun kan ta’u, bakka hawaasa mushrikoota wali galaa gadi itti ta’u kaa’uni. Kunis, sadarka gara olii erga ol bahee booda gara gadi waan deebi’eef jazaa isaati.

Amma gaafi haa gaafannu, “Namni sadarkaa gabroota Ar-Rahmaanitti erga ol bahee booda akkamitti badii shirkii, ajjeechaa fi zinaatti kufuu danda’aa?”

Akkana jennee deebisuun ni danda’ama: namoonni sadarkaa guddaa kanarra gahan itti gaafatamumma amanti guddaa akka fudhataniif kaadhimtoota ta’u. Yommuu itti gaafatamummaa amanti kana fudhatanii hojii isaanii jalqaban, gara abbooti aangooti fi gara biraa irraa dhiibbaan isaan irra gaha. Hacuuccaa fi dhiibbaan kuni badii gurguddaa kanniin keessatti akka kufan isaan taasisuun abbaa aangoo daangaa darbaa ta’e gammachiisuuf ykn sadarka isaanitiif sodaachuun Rabbiin waliin waan biraa kadhatu.

Tarii abbaan aangoo nama isa faalleessu ajjeessuuf murtii shari’aa (fatwaa) akka kennan isaan irratti dhiibbaa gochuu danda’a. Isaanis, haqa malee fatwaa kennanii nama ajjeefamu hin qabne ajjeessuun abbaa aangoo (sulxaana) waliin ajjeechaa keessatti hirmaatu.

Ammas, gabroota Ar-Rahmaan keessaa namoonni gariin fitnaa dubartoota babbareedotiif saaxilamuun badii zinaa keessatti kufuu danda’u. Kanaafu, amaloota gaggaarii isaanii ibsuu waliin gabroota Ar-Rahmaan keessaa gariin badii kannitti kufuu akka danda’an beeksisuun ogummaa (hikmaa) irraayyi.

“Namni badii kana keessatti yoo küfe karaan keessaa ittiin bahaniin jiraa?” jedhee gaafachuu danda’a. Eeti, duuti dhufuun dura karaa ittiin bahan ni jira: “Nama tawbate, amanee fi hojii gaarii hojjate malee. Warra san Rabbiin hamtuu isaanii gaariitti jijjiraaf. Rabbiin Araaramaa, rahmata godhaa ta’eera.”

Nama badii shirkii, ajjeechaa fi zinaatti erga kufee booda Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa rahmataa fi tola Isaatiin karaa tawbaa isaaf banee jira. Tawbaa jechuun badii hojjachuu irraa gara Rabbiif ajajamuutti deebi’uudha. Tawbachuun badii kanniin irraa qulqullaa’e adabbii jalaa nagaha bahuu danda’a. Aayah tana keessatti tawbaan kunis waa sadii akka of keessaa qabu Rabbiin azza wa jalla ni ibse:
1ffaa-Tawbaan dhugaa ta’uu. “Nama tawbate” jechi jedhu ni agarsiisa
2ffaa-Shirkii irraa of qulqulleessuuf iimaana haaromsu. “amanee” jechi jedhu ni agarsiisa.
3ffaa- tawbaa fi iimaanni isaa dhugaa ta’uu ibsuuf hojii gaggaarii jaalala Rabbii ittiin barbaadan hojjachuu. Jechi, “hojii gaarii hojjate” jedhu ni agarsiisa.

Rabbiin azza wa jalla balbala tawbaa isaaniif erga banee booda, namoota tawbataniif waadaa gaarii seene.[2] Waadaan kunis: “Warra san Rabbiin hamtuu isaanii gaariitti jijjiraaf. Rabbiin Araaramaa, rahmata godhaa ta’eera.

“Warra san Rabbiin hamtuu isaanii gaariitti jijjiraaf.” Jedhu ilaalchise hayyoota jidduutti ibsa lamatu jira:
1ffaa-Addunyaa keessatti hojiin badaan isaanii gara hojii gaaritti jijjirama. Shirkii gara ikhlaasatti, zinaa gara kabaja ofii eegutti, hojii badaa biroo gara hojii gaaritti jijjiraaf. Yommuu dhugaan tawbatan hojii badaa hojjachaa turan dhiisun hojii gaggaarii hojjachuu jalqabu. Kanaafu, jireenyaa isaanii hafee keessatti hojii badaa dhiisun hojii gaarii hojjachuun dabarsu (xumuru). Akkuma namni dhukkubsataan yommuu fayyuu dhibeen isaa gara fayyaatti jijjiramu, namoonni tawbatan kunniinis amallii fi hojiin badaan isaanii gara amalaa fi hojii gaariitti jijjirama.

2ffaa-Aakhiratti tawbaa dhugaa yoo tawbatan badiin isaan hojjatanii dabarsan kunniin gara toltuutti jijjiramu. Sababni isaas, akkuma namni hojii badaa hojjate dabarse san yaadachuun gaabbuu fi araarama kadhatuun zanbiin (badiin) toltuudhaan bakka buufama. Araarama kadhachuun mataa isaatinu toltuu waan ta’eef.[3]

Gabroonni Ar-Rahmaan badii erga hojjatanii booda yoo dhugaan tawbatan, bakka duraan turanitti deebi’u. Yeroo duubatti deebi’uun badii hojjatan sanitti, badii galmee hojii isaanii keessatti barreefame Rabbiin tola Isaatiin haaqun bakka sanii hojii gaarii godha. Kuni Rabbiin irraa arjoominna guddaadha. Bakka hojii badaa toltuu gochuun badii haaqu, dhoksuu fi irra darbuu caala. Dhugumatti, tolti Rabbiin gabroota Ar-Rahmaan irratti oolu ee guddate!!![4]

Namni mindaa namoota tawbataniif waadaa galame kana argachuuf, tawbaan isaa dhugaa ta’uu qaba. “Namni tawbate fi hojii gaarii hojjate, dhugumatti inni gara Rabbii tawbaa dhugaa tawbata.” Kana jechuun namni badii irraa buqqa’uun gaabbee gara Rabbii deebi’ee fi hojii gaarii hojjate, tawbaan isaa guutuu fi fudhatama tan qabduudha. Sababni isaas, tawbachuun gara karaa Rabbitti nama geessutti deebi’a waan ta’eef. Kanaafu, tawbaa isaa Rabbiif haa qulqulleessu.[5] Mindaan tawbaa isaa Rabbiin biratti guddaa ta’ee argataati.

Ammas hiikni biraa aayah tanaa: namni dhugaadhaan tawbachuu barbaade fi niyyate, tawbaa kanaan Jaalala Rabbii qofa barbaadun isarra jira, wanta tawbaa balleessun walitti makuu hin qabu.[6] Kaayyoon tawbaa guutuu fi haala hundarra gaarii ta’een hojjachuutti kakaasu keessa jiru, qulqullinnaa fi guuttamu tawbaa irratti hundaa’e badii irraa haxaawu fi mindaa isaaf guddisuufi. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

Yaa warra amantan tawbaa qulqulluun gara Rabbii deebi’aa. Guyyaa Rabbiin Nabiyyii fi warra isa wajjiin amanan hin hoongessine san Gooftaan keessan diliiwwan keessan isin irraa haxaawee Jannata laggeen jala yaa’an isin seensisuun ni kajeellama. Ifti isaanii fuundura isaaniitii fi mirga isaanii deema; “Yaa Gooftaa keenya! Ifa keenya nuuf guuti, nuufis araarami; Ati waan hundaa irratti danda’aadha.” Jedhu.” Suuratu At-Tahriim 66:8

Akkuma Umar bin Al-Khaxxaab fi kan biroo jedhan tawbaa qulqulluu (tawbaa dhugaa) jechuun badii irraa buqqa’uu fi gonkumaa itti deebi’u dhiisudha. Akkuma aannan gur’uu sa’aatti hin deebine, namni dhugaan tawbatus badiitti gonkumaa deebi’u dhiisudha. Ammas, Hasan ni jedha: tawbaa qulqulluu jechuun qalbiin gaabbu, arrabaan araarama kadhachuu, qaaman badii irraa buqqa’u fi gara fuunduratti itti deebi’u dhiisudha.

Guduunfaa
✏ Badiiwwan keessaa isaan hundarra gurguddoo ta’an:
1-Shirkii-Rabbii olta’aa waliin waan biraa gabbaruu
2-Haqa malee nama nagahaa ajjeesu
3-Zinaa
✏ Shikiin qalbii ajjeesa, ajjeechaan qaama ajjeesa, zinaan immoo kabaja namaa ajjeesa.
✏ Namni badiiwaan kanniin hojjate, addunyaa fi Aakhiratti adabbii cimaatu isa qunnama. Garuu, namni badiiwwan kanniinitti tare, tawbaa qulqulluu fi dhugaa tawbachun adabbii jalaa ni baha. Tabwaa jechuun badii irraa buqqa’uun gara Rabbiif ajajamutti deebi’uudha.
✏ Namni sharxii tawbaa guutuun tawbate, dhugumatti inni tawbaa dhugaa fi fudhatama qabdu gara Rabbii (subhaanahu wa ta’aalaa) tawbata.

✏ Yaa obboleessa koo/ Yaa obboleetti koo! Badiiwwan armaan olii keessaa tokko yoo hojjatte, hanga duuti dhuftu balballi tawbaa siif banaadha, carraa kanatti fayyadami. Carraa tawbaa of jala dabarsuun adabbii guddaaf of hin saaxilin. Eeti, hadhaan badii takkamaan nama keessaa hin bahu, ulfaatinni isaa takkamaan namarraa hin salphatu. Garuu akkuma tawbaa, istighfaara fi hojii gaggaarii baay’istuun hadhaa fi ulfaatinni kuni hir’ataa adeema. Mee ilaali, jireenya kee keessatti akka waan ba’aan guddaan gurmuu kee irra jiruutti, ulfaatinni fi dhiphinni sitti dhagahama. Akkasi mitii? Sababni kanaa maali jettee gaafatte beektaa? Sababni kanaa “Badii (zanbii) dha” Qalbii irratti badiin yoo baay’atee ulfaatinnaa fi dhiphinna guddaa namatti ta’a. Karaan ba’aa zanbii ittiin ofirraa darban: tawbaa dhugaa tawbachuu, salaata sirnaan salaatu, araarama kadhachuu, sadaqaa kennu, sooma soomu fi hojii gaggaarii biroo hojjachuudha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aala rahmata Isaatiin tawbaa nasuuha (dhugaa taateen) nu haa milkeessu.


Kitaabban wabii:
[1] Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi -9/611
[2] Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi  -6/639-645
[3] Tafsiiru Ibn Kasiir-5/610-611, Bidaa’u Tafsiir-2/267, Zaadul Masiir-fuula 1023
[4] Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi  6/646
[5] Tafsiiru Sa’dii-fuula 687
[6] Zaadul Masiir fuula 1024

Print Friendly, PDF & Email
Amaloota Gabroota Ar-Rahmaan-Kutaa 6
Amaloota Gabroota Ar-Rahmaan-Kutaa 5.2

Leave a Reply