Istiqaama

“Istiqaama jechuun namni tokko haala Rabbiin (subhaanahu wa ta’aala) ajajetti shari’aa Rabbii irratti gadi dhaabbachuu fi hordofuudha. Kuni immoo iklaasan (Rabbiif qulqulleessun) kan durfame ta’uu qaba.”

Ibn Rajab waa’ee Istiqaama ilaalchisee akkana jedha: Istiqaama jechuun karaa qajeelaa fi sirrii amantii Islaamaa osoo bitaa mirga hin gorin hordofuudha. Gochoota Rabbiif ajajamuu keessaa fi alaa kan of keessatti hammateedha. Haaluma wal-fakkaatun gochoota dhowwaman hunda dhiisu ykn irraa fagaachu kan of keessatti qabateedha.”

Gabaabumatti Istiqaama jechuun karaa qajeelaa fi haqaa Islaamaa irratti gadi dhaabbachuu fi itti fufuudha. Gadi dhaabbannaan kuni immoo kan ta’uu yoo wantoota itti ajajaman hojjatanii fi wantoota irraa dhowwaman dhiisanii fi irraa fagaatan qofaadha. Karaa biraatin namni tokko Islaama irratti gadi dhaabbate (Istiqaama qaba) yommuu jennu amanti Islaamatti homaa dabalu hin qabu, homaa irraa hir’isuus hin qabu. Akkuma jirutti hordofuudha. Kanaafi, bid’aan (wanti haarofti amantii keessatti uumame) istiqaaman wal faalleessa.

Sufyaan bin Abdullah (Rabbiin isarraa haa jaallatu) akkana jedha, ‘Ani ni jedhe, Yaa Ergamaa Rabbii jecha Islaama keessatti siin ala eenyullee hin gaafanne natti himi. Ergamaa Rabbii (SAW) ni jedhe: “ قُلْ: آمَنْت بِاَللَّهِ ثُمَّ اسْتَقِمْ” (Jedhi, Rabbitti amane’ sana booda gadi dhaabbadhu.)  (Riyaadu Saalihin)

‘Rabbitti amane’ yommuu jedhu arraba qofaan, ‘Rabbitti amane’ jechuu miti. Kana irra, qalbiin dhugaan Rabbitti amanuu ergasii arrabaan dubbachuudha. Amantii shakkiin wayitu keessa hin jirre qalbii keessatti hidda qabsiisudha. Rabbitti amane yommuu jedhu Rabbiin jiraachu, Gooftummaa Isaatti, Tokkichummaa Isaatti, maqaa fi amaloota Isaatti, murtiwwaan Isaatti, odefannoo Inni beeksisee fi wanta hunda Isarraa dhufetti amanu of keessatti qabata. Yoo kanniinitti amante, ergasii amantii Rabbii (Islaama) irratti gadi dhaabbadhu. Islaama irraa bitaa fi mirga hin gorin, homaa irraa hin hir’isin, homaa itti hin dabalin.

Shahadaa (Ragaa bahiinsa) an Laa ilaaha illAllaah wa anna Muhammadan rasulullah irratti iklaasan gadi dhaabbadhu. Ragaa bahiinsa kanniin irraa wantoota lama garmalee barbaachisaa ta’antu jira.Shahaadan: Laa ilaah illAllaah (Rabbiin malee kan haqaan gabbaramu hin jiru) iklaasa (hojii Rabbiif qulqulleessu) of keessatti tan hammateedha. Shahaadan: Muhammadan Rasulullah (Muhammad Ergamaa Rabbiiti) kan jedhu immoo hojii hojjatu Ergamaa Rabbii hordofuu akka qabu itti agarsiisa. Kanaafu namni Laa ilaaha ill Allaah  Muhammadan rasulullah jedhu hojii hojjatu keessatti ilkaasa qabaachu fi Ergamaa Rabbii (SAW) hordofuu qabaa jechuudha. Hojiin isaa fudhatama argachuuf kanniin lamaan guutu qaba: iklaasa fi Ergamaa Rabbii (SAW) hordofuu. Kanaafi, istiqaaman (gadi dhaabbanaan) hanga du’aa kanniin lamaan irratti gadi dhaabbachuudha.

Abu Bakr Siddiiq (Rabbiin isarraa haa jaallatu) waa’ee istiqaama yommuu gaafatamu akkana jedhe.”Rabbitti homaa qindeessu dhiisudha.”

Umar ibn al-Khaxxaab akkana jedhe,”Istiqaama jechuun wanta itti ajajamte hojjachuu irratti gadi dhaabbachuu fi wanta dhowwamte irraa fagaachu itti fufuudha. Akka jallinna jeedalaa hin jallatin.”

Al-Hasan ni jedhe, “ajaja Rabbii irratti gadi dhaabbadhaa, Isaaf ajajamaa, Rabbiin faallessu irraa fagaadhaa.”

Mindaa warra Istiqaama qabaniif kennamu
Rabbiin (subhaanahu wa ta’aala) warroota istiqaama (gadi dhaabbannaa) qaban haala kanaan mindaa isaanii ibse:

“Dhugumatti, isaan “Gooftaan keenya Allaah dha” jedhanii, ergasii achirratti gadi dhaabbatan, (yeroo isaan du’an) Malaaykonni isaan irratti bubbu’uun “Hin sodaatinaa, hin gaddinaas; Jannata waadaa isiniif galameen gammadaa. Nuti jiruu duniyaa keessatti hiriyyoota fi gargaartoota keessan turre; Aakhirattis akkasuma. Isiniif ishee (Jannata) keessa waan lubbuun teessan feetutu jira. Isiniif ishee keessa waan barbaaddantu jira. Affeerraa Rabbii Araaramaa, Rahmata godhaa ta’ee irraayyi.” (isaaniin jedhu)” Suuratu Fussilat 41:30-32

46:13

46:14

“Isaan “Gooftaan keenya Allaah dha” jedhanii ergasii san irratti gadi dhaabbatan, sodaan isaan irra hin jiru; isaan hin gaddanis. Isaan sun warra jannataati; ishee keessa yeroo hundaa jiraatu. (Kuni) mindaa waan dalagaa turaniif (isaanii kennamuudha).”  (Suuratu Al-Ahqaaf 46:13-14)

Asirraa namni tokko wanti hubatu, nama sirnaan amanee fi san irratti gadi dhaabbateef mindaan kennamu baay’eedha. Isaan keessaa: (1) Gargaarsa malaykoota addunyaa fi Aakhiratti qabaachu; (2) yeroo du’aa dhiphinnaa fi daraara san keessaa baasuf Malaykoonni gammachisan itti dhufuu;(3) Namtichi gara Jannataa wanta lubbuun isaa feetu keessa jirutti qajeelfama; (4) Namoonni istiqaama qaban yeroo hundaa Jannata keessa jiraatu; (5) Rabbiin isaanitti gammada, qananii Isaas isaanitti roobsa.

Wantoota Istiqaamaf barbaachisan:
Imaam ibn Al-Qayyim istiqaama sirrii argachuuf wantoonni jahan kunniin guutamu qaban jedha:

  1. Hojii barbaachisu hojjachuu
  2. Hojiwwan sanniin hojjachuuf humna baasu
  3. Hojiiwwan sanniin yommuu hojjatan wanta hayyamamaa ta’etti of daangessu ykn madaallamaa ta’uu.
  4. Beekumsa bu’uura godhatanii hojjachuu (gocha hojjatan san beekumsa amantii waliin hojjachuu)
  5. Hojii hojjatan san Rabbiif qulqulleessu (ikhlaasa qabaachu)
  6. Akkuma ajajamanitti hojii san hojjachuu. Jecha biraatin Sunnaah Ergamaa Rabbii (SAW) hordofuudha.

Salaafonni yeroo baay’ee wantoota lamaan kanniin ni kaasu. Isaanis hojii keessatti madaalamaa ta’uu fi sunnah Ergamaa Rabbii (SAW) hordofuudha. Sheyxaanni qalbii gabrichaa fuunfachuun ni qora (mokkora). Sheyxaanni hasaasa badaa gosa lama qaba. Takkaa dadhabaa akka ta’uu nama san kakaasa takkaa immoo daangaa akka darbu itti kakaasa. Yoo sheyxaanni nama sunnaah sirritti hordofu arge, daangaa akka darbu itti kakaasa. Wanta Ergamaan Rabbii (SAW) hin hojjanne hojjata, garuu hojii gaarii dabalataa hojjataa akka jirutti yaada. Namtichi akkana ofiin jedha, “kuni hojii gaggaarii ibaadati. Kanaafu, dabalataan hojjachuun ykn tarkaanfi cimaa fudhachuun hojii gaarii fi ibaadadha.” Haala kanaan sheyxaanni namoota baay’ee karaa irraa jallisee jira. Namoota baay’ee bid’atti kan geesse kana. Fakkeenyaf, Moolida yommuu kabajan, sheyxaanni ‘Kuni Jaalala Ergamaa Rabbii argisiisuuf malee wanta biraati miti.’jechuun isaanitti hasaasa. Moolinni Ergamaan Rabbiis (SAW) ta’ee sahaabonni isaa kan hin hojjanne ykn hin kabajne ta’ee osoo jiru. Ammas sheyxaanni hirribaa fi boqonnaa malee hojii ibaada tokko akka hojjatu nama san taasisuun daangaa akka darbu godha. Namni kuni boodarra hojii san ni dhiisa ykn of dinqiisifachuun hojii of jalaa balleessa.

Karaan lammataa sheyxaanni namoota itti jallisuu, yoo nama san keessatti dadhabinnaa fi ceem’u arge, faallaa nama armaan olii akka deemu taasisa. Hayyamaa fi dhiifama shari’aa itti agarsiisuun hojii hojjatu qabu akka hin hojjanne isa taasisa. ‘Salaanni amantii keessaa nama hin baasu’ jechuun salaata dhiisu eegala. Sababoota adda addaa itti fiduun hojii baay’ee akka hin hojjanne isa taasisa. Karaan lamaan kunniin istiqaama kan faallessudha. Namni karaa istiqaama irra deemu madaallamaa ta’uu qaba. Humna isaati ol hojjachuu fi of dadhabsiisuun daangaa darbuu hin qabu akkasumas, wanta itti ajajame dhiisun hojii gaarii qisaasessu hin qabu. Rabbiin (Azza wa Jalla) ni jedha:

11:112

Akkuma ajajamtetti gadi dhaabbadhu. Isaan si waliin tawbataniis (gadi haa dhaabbatan). Daangaas hin darbinaa. Dhugumatti Inni (Rabbiin) waan isin dalagdan Argaadha.” suuratu Huud 11:112

“Namni tokko dukkana gaflaatin ifa istiqaama dhaamsu hin qabu. Ifa dammaqiinsatiin daandii istiqaamaa ibsuu qaba.” jedha imaam ibn al-Qayyim

Istiqaamaa qalbii fi arrabaa
Furtuun istiqaamaa qalbiin namaa Daandii qajeelaa irratti gadi dhaabbachuu fi hordofuudha. Qalbiin Tawhiida irratti sirritti gadi dhaabbachuu qabdi. Sodaa Rabbii, jaalala Isaa fi kabaja Isaatiin tan guuttamte ta’uu qabdi. Yoo qalbiin tolte qaamoleen biroo ishii hordofuu. Imaam ibn Al-Qayyim namni istiqaama guutuu galmaan kan gahu yoo ulaagaaleen lama guuttamaniidha jedha. Tokko, namtichi nama ykn wanta hundaa caalchisee Rabbiin jaallachuu qaba.  Kuni salphaa akka ta’etti odeessun hin ulfaatu garuu hojii irra oolchun garmalee ulfaata. Yommuu Rabbiin nama san qoru, dhugaan ifa ni baha.

Istiqaaman guutu ta’uuf ulaagan lammataa namtichi wanta shari’aan itti ajaje fi irraa dhowweef kabaja guddaa qabaachu qaba (wantoota itti ajajamee hojjachuu fi wantoota irraa dhowwame hundaa dhiisu qaba.) Kabajni guddaan kuni kan dhufu ajajamoota fi dhowwamoota sanniin Rabbii lafa godheef (murteessef) kabaja guddaa yoo qabaatedha. Namtichi yeroo hundaa seerota shari’aa eenyu akka kaa’e (tume) sammutti qabachuu qaba. Kuni qalbii keessatti hidda yoo qabate, kabaja sirrii seerota saniif kenna.”
Qalbiin erga gadi dhaabbattee booda  wanti garmalee barbaachisaan arraba.

Abu Hureeyran akka gabaasanitti Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan:

‏ إِنَّ الْعَبْدَ لَيَتَكَلَّمُ بِالْكَلِمَةِ مِنْ رِضْوَانِ اللَّهِ لاَ يُلْقِي لَهَا بَالاً، يَرْفَعُ اللَّهُ بِهَا دَرَجَاتٍ، وَإِنَّ الْعَبْدَ لَيَتَكَلَّمُ بِالْكَلِمَةِ مِنْ سَخَطِ اللَّهِ لاَ يُلْقِي لَهَا بَالاً يَهْوِي بِهَا فِي جَهَنَّمَ ‏“‏‏.‏

“Dhugumatti gabrichi tokko jecha Rabbiin gammachiistu ni dubbata xiyyeefannoo osoo itti hin kenniin. Sababa saniin Rabbiin sadarkatti isa olkaasa. Dhugumatti gabrichi tokko jecha Rabbiin dallansiistu ni dubbata osoo xiyyeefannoo itti hin kenniin. Sababa saniin Jahannamitti darbama.” Sahih Al-Bukhaari

Gabaabumatti namni tokko istiqaama guutu qabaachuf, qalbii fi arraba isaa sirreessuf carraaqu qaba. Qalbii isaa tawhida qulqulluu irratti gadi dhaabuf tattaaffi addaan hin cinne taasisu qaba. Akkasumas, qaaman fi arrabaan wantoota itti ajajame hojjachuu fi wanta dhowwame irraa fagaachu qaba. Fakkeenyaf, salaata salaatu irratti gadi dhaabbachu qaba. Waa’een istiqaama asirratti kan dhaabbatu miti. In shaa Allaah, torbaan akkamitti istiqaama cimsuu akka dandeenyu ni ilaalla.

Kitaabilee wabii
1.Commentary on the Forty Hadith of An-Nawawi- Jamal Zarabozo- jildii 2, fuula 684-692
2.Sharih Rayidu Salihiid- Ibn Usaymiin- jildii 1ffaa- fuula 568-571
3.Madaarija saalikin- Imaam ibn Al-Qayyim- jildii-2ffaa,fuula 109-113

Istiqaama Cimsuuf
Niyyaa

2 comments

Leave a Reply