Firii Malaaykotatti Amanuu

Wanti itti amananii fi hojjatan tokko gaarii yoo ta’e, firiin (bu’aan) isaas akkasuma guddaadha. Kutaa darbe keessatti waa’ee malaaykotati amanuu kaasne turre. Tarii namni tokko, “Bu’aan ani malaaykotatti amanuun argadhu maali?” jechuun of gaafachu danda’a. Nuti iimaana Ergamaan Rabbii (SAW) namoota itti waamaa turanitti mataa keenya fi namoota kan itti waamnuuf bu’aa namoonni darban irraa argatan argachuufi. Bu’aan sunis sa’aadatu duniya wal aakhirah (gammachuu addunyaa fi Aakhirah) argachuudha.  Kanaafu, malaaykotatti amanuun wanta gammachuu addunyaa fi Aakhiraa isaaf fidu keessa tokko. Akkuma yeroo darbe jenne malaaykotatti amanuu jechuun isaan jiraachutti, hojii isaanitti, amaloota isaanitti fi gabroottan Rabbii ta’uutti amanuudha. Malaaykotatti amanuu irraa firii argannu keessaa:

Read more

Hundee Iimaanaa 2ffaa-Malaaykotatti Amanuu

Al-Imaanu bil Malaa’ikati (Malaaykotatti Amanuu)
Maqaa Rabbii akkaan mararfataa, akkaan rahmata godhaa ta’een jalqaba. Waa’ee iimaanaa fi hundeewwan isaa ilaalchise kutaalee darban keessatti ilaaluuf carraaqne jirra. Yaadachiisaaf iimaana jechuun qalbiin dhugaan amanuu, ergasii arrabaan dubbachuu fi qaaman hojii hojjachuun wanta qalbii keessa jiru dhugoomsudha. Iimaanni hundeewwan (arkaana) jaha akka qabu ilaalle jirra. Isaan keessaa tokkoffaa ilaalle turre. Innis, al-iimaanu billah (Rabbitti amanuu). Itti fufuun har’a immoo kan ilaallu rukni (hundee) iimaanaa lammaffaati. Innis, Al-Imaanu bil Malaa’ikati (Malaaykotatti Amanuu). Read more