Amaloota Gabroota Ar-Rahmaan-Guduunfaa

Alhamdulillah, amaloota gaggaarii Gabroota Ar-Rahmaan osoo ilaallu kunoo dhumarra geenye jirra. Har’a kutaa dhumaati fi mindaa isaanii ilaalun amaloota isaanii ni guduunfina. Dhugumatti namoonni amaloota gaggaarii qabanii fi hojii gaggaarii iimaana irratti hundeessun hojjatan, mindaan isaanii Rabbii olta’aa biratti garmalee guddaadha. Yaa obboleessa/ yaa obboleetti koo! Nu keessaa eenyutu amaloota gaggaarii kanaan of faayun ganda lamaanitti sadarkaa fi kabaja ol’aanaa irra gahuu barbaadaa? In sha Allah amaloota kanniin gara dhumaarratti ni guduunfina. Amma amaloota hafan haa ilaallu:

Itti Fufi…

Amaloota Gabroota Ar-Rahmaan-Kutaa 5.3

Ammas gabroonni Ar-Rahmaan warra, “zinaa (sagaagalummaa) hin raawwanneedha.” Kana jechuun amaloota gabroota Ar-Rahmaan keessaa tokko isaan zinaa hin raawwatan. Sababni isaas, badii gurguddaa irraa fagaachu keessatti of eeggannoo cimaa godhu. Isaan iddoolee gara badii zinaatti nama kuffisan irraa ni fagaatu. Haada iffaa (kabaja ofii eegu) qabachuuf karaalee Rabbiin itti ajajee ni hordofu.

Itti fufi…

Amaloota Gabroota Ar-Rahmaan-Kutaa 4

Rakkoolee gurguddaa jireenya keessatti nama muudatan keessaa tokko rakkoo diinagdeeti. Yommuu qabeenya argatan garmalee israafa gochuun (qisaasessuun) dhiphinna cimaatti seenu. Yookiin immoo doy’a ta’uun osoo itti hin fayyadamin, qabeenyi suni irraa fudhatama ykn inni irraa du’a. Gabroonni Ar-Rahmaan akkaataa diinagde itti horatanii fi bulchan warra beekaniidha. Kutaa darbe keessatti Gabroonni Ar-Rahmaan namoota waliin walitti dhufeenya akkami akka qabanii fi ibaada akkamitti akka hojjatan ilaalle turre. Har’a immoo diinagdee waliin hariiroo akkami akka qaban ni ilaalla. Amaloota kanniin qo’annee diinagdee keenya too’achuu fi haala sirriin bulchuuf nuti qophiidhaa? Waliin haa jalqabnu…

Itti Fufi…

Amaloota Gabroota Ar-Rahmaan-Kutaa 3

Kutaa darbee keessatti amaloota Gabroota Ar-Rahmaan sadii ilaalle turre. Isaanis: (1)-yommuu dachii keessa deeman tasgabbii fi haala madaallamaan deemu. (2)-Yommuu wallaaltonni fi gowwoonni dubbii badaan isaan dubbisan, dubbii gaarii isaanitti deebisuun nagaha ta’u. (3)-Halkan irraa hanga danda’an salaataa bulu. Halkan isaanii tapha, badii fi wanta faaydi hin qabne irratti kan dabarsan osoo hin ta’in Gooftaa isaanii gabbaraa bulu. Badii fi hanqinna isaanitiif obboroo araarama kadhachuu baay’isu. Kuni hundi jireenya isaanii keessatti tasgabbii fi gammachuu dhangalaasa. Mee har’as itti fufuun amaloota isaanii haa ilaallu:

Itti fufi…

Amaloota Gabroota Ar-Rahmaan-Kutaa 2

Kutaa darbe keessatti amaloota gaggaarii gabroota Ar-Rahmaan ilaalle jirra. Isaan warra amaloota hundarra baay’ee gaariin of faayaniidha. Amaloota kanniin keessaa lama ilaalle turre. Isaaniis, yeroo dachii irra deeman haala salphaa fi tasgabbiin kan deemaniidha. Yommuu wallaaltonni dubbii badaa isaanitti dubbatan, dubbii gaarii isaanitti deebisuun nagaha kan ta’aniidha. Of tuulu fi dubbii fokkuun isaan irraa hin mul’atu. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa warroota kana keessaa nu haa taasisu jechaa amaloota itti aanan haa ilaallu:

Itti fufi…

Amaloota Gabroota Ar-Rahmaan-Kutaa 1

Hawwin guddaan namni jireenya tana keessatti qabu keessaa tokko nama amalaa fi kabajaa guddaa qabu ta’ee argamuudha. Amala gaariin of faayee kabajamuu barbaada. Eenyullee taanan salphinnaan haguuggamee jiraachu hin barbaadu. Akkasi miti ree? Dhugumatti karaan amaloota gaggaarii fi kabaja guddaa itti argatan gabroota (ibaadu) ar-Rahmaan keessaa ta’uudha. Sababni isaas, yommuu isaan Rabbii Guddaa olta’aaf gabra ta’an, wantoota fokkuu fi salphinnatti nama geessan irraa ni fagaatu. Rabbiinis subhaanahu isaan qulqulleessun kabajaa fi sadarkaa isaanii olkaasa. Nu keessaa eenyutu amaloota kanniinin of faaye dachii irra tasgabbii fi kabajaan tarkaanfachuu jaallataa? Mee amaloota kanniin ibsa waliin suuratu Al-Furqaan irraa (aayah 63-76) haa ilaallu. Laa hawla walaa quwwata illaa billah.

Itti Fufii…