Maqaalee Rabbii Keessaa Muraasa-Kutaa 3

Galannii fi Faaruun hundi Rabbii kitaaba gabricha Isaa irratti buusee fi kitaabicha keessatti jallinna wayitu kan hin godhiniiti. Galanni fi faaruun hundi Qur’aana ibsaa jireenyaa namoonni itti qajeelanii fi dukkana keessaa itti bahan Rabbii taasiseef haa ta’uu. Ibsaa kana keessaa tokko namoonni Gooftaa ofii beekuudha. Osoo Qur’aanni bu’uu baate silaa namoonni akkamitti Gooftaa isaan uumee fi kunuunsu beekanii? Kanaafi, namoonni Qur’aana irraa garagalan dukkana kufrii keessa jiraatu. Namni dukkana fi rakkoo jireenyaa keessaa bahuu fedhe, Rabbiin sirritti beekuuf haa carraaqu. Namni Rabbii ofii beeku barbaade, Qur’aana haa ilaalu. Qur’aanni haala gaarii fi ifa ta’een waa’ee Rabbii ilaalchise ibsa. Wal-diiggaa fi wanti nama dhamaasu isa keessatti hin argamu. Har’as itti fufuun mee maqaalee Rabbii muraasa haa ilaallu. Read more

Maqaalee Rabbii Keessaa Muraasa-Kutaa 2ffaa

Ilmaan namaa jireenya isaanii keessatti wantoota lama garmalee barbaadu. Isaaniis: gaddi jireenya keessaa akka hir’atu fi sodaan akka isaan irraa deemudha. Gaddaa fi sodaa jireenya keessaa hir’isanii nageenyaa fi gammachuu argachuuf jecha bakki isaan hin seenne hin jiru. Haa ta’uu malee, bakki baay’een isaan seenan bakka gaddaa fi sodaa isaanitti dabaluudha. Fakkeenyaf, namoonni maallaqa argachuuf garmalee hojjatu. Maallaqa baay’ee erga argatanii booda yommuu maallaqa irraa waa hir’atu ni gaddu. Yommuu maallaqni dabalu immoo akka isaan jalaa hin hatamnee fi hin banne garmalee sodaatu. Haala kanaan jireenya gaddaa fi sodaa jiraatu. Kanaafu, furmaanni kanaa maali ree? Furmaanni kanaa Rabbii olta’atti amanuu fi Isaaf buluudha. Nama Rabbitti amanee fi Isatti bule, Rabbiin gaddaa fi sodaa akka irraa kaasu waadaa galee jira. Akkana jedha: Read more

Maqaalee Rabbii Keessaa Muraasa-Kutaa 1

Yaa nama Rabbii kee beekuuf carraaqu hoo! obsi gara fuunduraatti gammachuu hangana hin jedhamne dhandhamtaati. Yaa nama Rabbiin beekee Isaaf tole jedhu hoo! gammachuu xaa’a (Rabbiif ajajamuu) irraa argattuun gammadi! Gara fuunduraatti gammachuu kana caalutu siif jiraa, Rabbii keetiif tolee jechuu fi jaallachuu itti fufi. Gara ati hin beeknee irraa si soora, milkaa’inna ati gonkumaa hin yaanne si milkeessa. Ibhaarim ibn Ad’haam akkana jedha: “Wanta (gammachuu) nuti keessa jirru osoo mootonni beekanii silaa seyfiin nutti qabsaa’u turan.Read more

Gooftaan Kee Eenyuu?-Kutaa 5ffaa

Dhalli namaa erga addunya tana irra dhufee booda karaalee gammachuu fi tasgabbii ittiin argatuun halkanii guyyaa barbaada. Daa’ima xiqqaa irraa kaase hanga jaarsa dulloomaa gahuutti ilmi namaa hundii tasgabbii adamsa. Garuu tasgabbii kana eessaa argachuu danda’aa? Akkuma bishaanii lafaa waraabu danda’aa? Eeti, osoo bishaan kuni samii irraa bu’uu baate silaa wanta bishaan jedhamu hin argatu ture. Bishaan samii irraa buusun lafa keessa kan tursiisu Rabbii olta’aa akka ta’e hundii keenyaa ni amanna. Tasgabbii fi gammachuun namni hunduu dheebotu qalbii irratti buusun qalbii keessa kan tursiisu Rabbiin malee ni jiraa? Osoo tasgabbii fi gammachuun akka fedhii keenyatti bakka tokkoo kan waraabbamu ta’ee silaa hundi keenyaa ni waraabbannaa turre. Garuu tasgabbii fi gammachuu qalbii namaa irratti kan buusu Rabbii Tokkicha. Eeti, wanta qaali garmalee barbaadamu kana Rabbiin akkanumatti cal’isee nama hundaa irratti hin buusu. Ulaagaalee itti buusu kaa’ee jira. Ulaagaaleen kunniinis iimaanaa fi hojii gaggaarii hojjachuudha. Iimaana keessaa Rabbitti shakkii tokko malee amanuun bu’uura amantiitii fi jireenyati. Read more

Gooftaan Kee Eenyuu?-Kutaa 4ffaa

Dhalli namaa jireenya keessatti keessa ofii faayun jireenya gammachuu fi milkaa’innaa gaggeessu barbaada. Salphinnaa fi xiqqeenya irraa baraaramuun fiixee kabajaa fi sadarka ol’aana irra gahuuf namni kamiyyuu ni hawwa. Kana galmaan gahuuf hundi keenya karaa adda addaatiin ni carraaqna. Garuu baay’een keenya wanta yaanne kana galmaan osoo hin gahin ni hafna. Sababni kanaa maal akka ta’ee beeknaa sila? Sababni kanaa guddaan karaa sirrii gammachuu, kabajaa fi fiixee milkaa’innatti nama geessu hordofu dhiisudha. Namni tokko addunyaa tana keessatti kabajamee fi gammachuun jiraachuuf lubbuu (nafsee) ofii beeku qaba. “Ani eessaa dhufee? Eenyutu na uumee? Maaliif addunyaa tana keessa jiraadha? Eessa deemaa jira? Hanqinni ani qabu maalii?” jechuun of gaafata. Kuni hundii gara kaayyoo guddaa tokkotti isa dhiiba. Innis, “Gooftaa isaa beekudha.” “Man arafa Rabbahu arafa nafsahu (namni Rabbii ofii beeke lubbuu ofii beeke)” jedhan gamnoonni. Sababni kanaa, namni akkuma Rabbii ofii beekuuf carraaqun, eessa akka jiruu fi maaliif akka jiraatu beekaa adeema. Kuni immoo fiixee milkaa’innaa fi gammachuu inni gonkumaa hin yaannetti isa geessa. Read more

Gooftaan Kee Eenyu?-Kutaa 3ffaa

Dhugumatti Rabbii ofii beekanii itti amanuu fi itti buluun burqaa gammachuu eessattu hin argamneedha. Aarifoonni (warroonni Rabbiin sirritti beekan) gariin akkana jedhu, “Jiraattonni addunyaa tanaa wanta garmalee mi’aayaa (gaarii) ta’ee osoo hin dhandhamin addunyaa tana gadi dhiisanii deeman.” Wanti garmalee gaariin (mi’aawan) suni maali? jedhamanii yommuu gaafataman, isaaniis akkana jechuun deebisan, “Rabbiin beekuu fi jaallachuudha.” Dhuguma jedhan, namni akkuma Rabbiin beeku fi jaallatuun tasgabbiin qalbii isaa keessa diriira. Yommuu namoonni dhiphinnaa fi sodaan gubatan inni immoo jireenya gammachuu jiraata. Read more

Gooftaan Kee Eenyu?-Kutaa 2ffaa

Kutaa darbee irraa itti fufuun Gooftaan keenya eenyu akka ta’e ni ilaalla. Namni addunyaa irraa gara Aakhiraatti erga godaane booda gaafin jalqabaa inni gaafatamu, “Man Rabbuka (Gooftaan kee eenyu)” kan jedhuudha. Namtichi nama dhugaan Rabbitti amanee fi itti bule yoo ta’e, Gooftaan kiyya Rabbii anaa fi wanta hundaa uumedha jechuun deebisa. Nama Rabbitti kafaree ykn munaafiqa yoo ta’e immoo, “Ha, ha! ha!..laa adrii (ani hin beeku)” jedha. Kanaafi, Rabbitti amanuun hundee amantiiti. Akkuma yeroo darbee jenne Rabbitti amanuun wantoota afur of keessatti qabata. Isaan keessaa tokkoffaa ilaalle jirra. Har’a immoo lammaffaa ni ilaalla. Read more