Hiika islaamaa fi Laa Ilaaha Ill-Allah haala kitaabaatiin

Dhimmi hundarra barbaachisan amanti ofii sirnaan beekuu fi odeefannoo gahaa qabaachudha. Namni amanti ofii sirnaan yoo hin beekin, dukkana jireenyaa keessatti kufuun dhama’a. Dhugumatti, hiika Islaamaa fi Laa ilaah illallah beekun dirqama nama hundaati. Sababni isaas, namni addunyaa tana keessatti gammachuun kan jiraatuu fi Aakhiratti adabbii jalaa nagaha kan ittiin bahuu hiika Islaamaa fi Laa ilaah illallah beekee hojii irra yoo oolche qofaadha.

Namoonni baay’een hiikni Islaamaa maali? Laa ilaaha illallah jechuun maal jechuudha? Jedhamanii yommuu gaafataman, deebii deebisuuf ni rakkatu. Kuni takkaa beekumsi kana isaaniif ibsuu isaan bira hin geenye ta’a takkaa immoo beekumsa kana barbaadu irraa ni garagalan. Rakkoo kanaaf furmaata fiduuf kitaabni kuni haala salphaan kan qophaa’edha. Kitaaba kana keessatti hiika Islaamaa, Tawhiida, gosoota isaa, hiika Laa ilaah illallah fi ulaagaalee jecha tanaa ni argattu. Kuni hundi Qur’aana fi hadiisa sahiih irratti kan hundaa’edha.

Kitaaba kana “Mana kitaaba Al-Tawba” Masjiida Anawaar biratti argamuu keessatti ni argattu. Gara masjiida Anawaar seenuuf yommuu taatan gara mirgaatti yommuu mil’attan mana kitaaba At-Tawba (“አል-ተውባ መጽሐፍ መደብር-Al-Tewba Bookstore” jedhu ni argitu. Namni gara Finfinnee dhufu hin dandeenye warra kitaaba gurguranitti kitaaba kana agarsiisuun akka isaaf fidan gochuu danda’a.

Hojii Iimaana Diigu-Kutaa 2

Kutaa darbe keessatti wareegni (qalmii) gosoota ibaadaa keessaa tokko akka ta’e ilaalle jirra. Qalmii ibaadaa kan ta’uu Gabbaramatti dhiyaachuuf, Isaaf gadi of qabuuf yoo niyyatameedha. Kanaafu, qalmi haala kanaan qalame Rabbii tokkichaaf malee hin ta’u. Namni qalma akkanaa Rabbiin ala wanta biraatiif godhe, shirkii hojjate jira. Kanaafu, hojiin isaa kuni hojii iimaana isaa diigudha jechuudha. Har’as itti fufuun gosoota ibaadaa biroo ilaalla. Gosoota ibaadaa sirriitti beekun keenya shirkii irraa of eeggannoo guddaa akka goonu nu gargaara.

Itti Haa Fufnu

Hojii Iimaana Diigu-Kutaa 1

Hanga ammaatti dubbii iimaana faallessuu fi diigu ilaalaa turreera. Amma immoo hojii iimaana diigu ilaalla. Akkuma seensa keessatti jenne iimaanni dubbii fi hojii of keessatti qabata. Kufriinis akkuma kana dubbii fi hojii of keessatti qabata. Akkuma iimaanni dhugoomsu qofa osoo hin ta’in, dubbii fi hojii qalbii, dubbii arrabaa fi hojii qaamolee of keessatti qabatu, kufriinis kijibsiisu qofa osoo hin ta’in, dubbii fi hojii qalbii, dubbii arrabaa fi hojii qaamolee of keessatti qabata. Akkuma keeyyattoonni Qur’aanaa fi Sunnah agarsiisan. Fakkeenyaf jecha Rabbii olta’aa:

Itti Haa Fufnu
1 2 3 13