Sababootaa fi furmaata waliin seenaa warra fooyya’iinsa booda duubatti deebi’anii

Seenan haa lakkaa’u namoota erga fooyya’anii fi kaabbaa iimaanaa diratanii booda ofirraa mulquun iddoo badaa duraanitti ykn san caalutti deebi’an meeqa ta’uu? Namoota akkanaatiin muntakisiina jennaan. Dhugumatti, erga qajeelanii booda jallachuun, erga kabajamanii booda salphachuun, erga milkaa’uf hammi xiqqoon nama hafu kufaatiitti kufuun hangam nama rifachiisaa, hangam nama gaddisiisaa! Salafoonni dhuma (khaatimaa) badaa sodaachuun khaatima gaarii irratti du’uuf wanta danda’an hunda godhu. Dhugumatti, xumurri hundu sababa qaba. Kanaafu, sababoonni fooyya’iinsa booda duubatti akka deebi’anii fi khaatima badaa irratti akka du’an nama taasisan baay’eetu jiru. Kitaaba “Min Akhbaaril muntakisiina” jedhu keessatti furmaataa fi seenaa waliin sababoota kanniin ni dhiyeessa. Kitaabni kuni Afaan Oromootiin sammubani.com irratti kutaa kutaan dhiyaataa tureera. Amma haala kitaabaatiin walitti qabuun kunoo dubbistootaaf dhiyaatee jira.

Wanti kitaaba kana akka hiikuuf na kakaase keessaa tokko, dargaggoonni fi shamarran baay’een jalqaba irratti fedhii cimaan (nashaaxadhaan) Islaama sirritti qabatu. Ergasii Islaama laaffisu jalqabu inumaa hanga guutumatti hordofuu dhiisu gahuu danda’u. Sababni kanaa guddaan, gufuuwwan karaa Islaamaa keessatti nama qunnaman wallaaludha. Gama biraatiin, umrii guutuu Islaama hordofanii khaatimaa badaa irratti du’un wanta nama rifachiisuudha. Kanaafu, namni hundu sababoota khaatimaa badaatti nama geessan beekuuf carraaqu fi irraa fagaachu qaba. Kitaabni kuni sababoota kanniin ni dhiyeessa. Rabbii kitaaba kana akka hiikuuf naaf laaffise galanni fi faaruun hundi Isaaf haa ta’u. La hawla walaa quwwata illah billah.

Kitaaba Buufachuuf as tuqaa: https://sammubani.files.wordpress.com/2022/02/sababootaa-fi-furmaata-waliin-seenaa-warra-fooyyaiinsa-booda-duubatti-deebianii-.pdf

Print Friendly, PDF & Email
Seenaa Warra Duubatti Deebi’anii-1

Leave a Reply