Tafsiira Suuratu Yuusuf (Guutuu isaa)

Dhugumatti, seenaan Nabiyyoota seenaa nama barsiisuu fi bu’aa bayii baay’ee qabuudha. Yommuu seenaa isaanii ilaalan, ‘Qormaata ciccimaa keessaan erga darbanii booda malee edaa milkaa’inni fi sadarkaa ol’aanaa irra gahuun akkanumatti hin argamu!’ nama jechisiisa. Nabiyyoonni namoota hunda caalaa Rabbiitti dhiyoo fi jaallatamoo ta’aniidha. Garuu isaan kana hunda waliin qormaata eenyullee hin qoramne qoramu. Kuni kan agarsiisu, milkaa’inni fi sadarkaa ol’aana irra gahuun wanta tasaa osoo hin ta’in qormaata ciccimoo keessa erga darbanii booda. Namni Rabbii olta’aatti amane (mu’iminni) yommuu kana hunda arguu fi beeku, qormaanni fi rakkooleen isa qunnaman milkaa’innaa fi sadarkaa ol’aanatti isa olkaasuuf akka ta’e ni hubata. Kanaafu, wanta isa qunnameef hin dallanu, Rabbii olta’aa hin komatu, ‘Rabbiin maaliif akkana na godhaa?` hin jedhu. Nabiyyoota fakkeenya gochachuun fuundura isaatti ifa milkaa’innaa fi sadarkaa ol’aana irra gahu ilaala. Mee gargaarsa Rabbiitiin qormaata ciccimoo Nabii Yuusuf (aleyh salaam) ijoollummaa irraa jalqabuun hanga ministeera biyyatti ta’uu gahuutti keessa darbee haa ilaallu. Yommuu seenaa isaa qorannu, jireenya keenya ni fooyyessina. Keessumaayyu, dargaggoonni qormaata fedhii jaalalaa waliin rakkatan barnoota guddaa hangana hin jedhamne argatu. Qur’aanni seenaa Yuusuuf osoo garmalee hin gabaabsin, osoo garmalee hin dheeressinis haala baay’ee nama hawwatuu fi barnoota namaaf ta’uun dhiyeesse jira.

https://sammubani.files.wordpress.com/2022/04/tafsiira-suuratu-yuusuf-gorsaa-fi-barnoota-waliin-1.pdf

Print Friendly, PDF & Email
Tafsiira Suuratu Yuusuf-Kutaa Dhumaa

Leave a Reply