Yaadaa fi Milkaa’ina

Milkaa’innaaf ni dheebottanii? Iccitii milkaa’inaa argachuu barbaadduu? Dhugumatti, akkamitti akka milkaa’an beekun karaa milkaa’innaa keessa deemu jalqabuudha. Kitaabban dhiibbaa (influence) guddaa Turkii keessatti uuman keessaa tokko kitaabni Düşün ve Başar (Yaadaa fi milkaa’inna)” jedhu gara Afaan Oromootti hiikuun gammachuu guddaatu nutti dhagahama. Alhamdulillah Rabbil aalamiin. Kitaabni kuni tarkaanfi tarkaanfin akkamitti akka milkaa’an namatti akeeka. Namni tarkaanfilee kanniin hordofe hayyama Rabbiitiin ni milkaa’a. Ammaaf kitaaba kana boqonnaa (tarkaanfi 1ffaa) asitti ni dhiyeessina. Guutuu isaa in sha Allah yommuu gabayaa irra oolu isin beeksifna. Tarkaanfi 1ffaa buufachuuf as tuqaa: https://sammubani.com/wp-content/uploads/2021/08/yaadaa-fi-milkaaina.pdf

Hiika islaamaa fi Laa Ilaaha Ill-Allah haala kitaabaatiin

Dhimmi hundarra barbaachisan amanti ofii sirnaan beekuu fi odeefannoo gahaa qabaachudha. Namni amanti ofii sirnaan yoo hin beekin, dukkana jireenyaa keessatti kufuun dhama’a. Dhugumatti, hiika Islaamaa fi Laa ilaah illallah beekun dirqama nama hundaati. Sababni isaas, namni addunyaa tana keessatti gammachuun kan jiraatuu fi Aakhiratti adabbii jalaa nagaha kan ittiin bahuu hiika Islaamaa fi Laa ilaah illallah beekee hojii irra yoo oolche qofaadha.

Namoonni baay’een hiikni Islaamaa maali? Laa ilaaha illallah jechuun maal jechuudha? Jedhamanii yommuu gaafataman, deebii deebisuuf ni rakkatu. Kuni takkaa beekumsi kana isaaniif ibsuu isaan bira hin geenye ta’a takkaa immoo beekumsa kana barbaadu irraa ni garagalan. Rakkoo kanaaf furmaata fiduuf kitaabni kuni haala salphaan kan qophaa’edha. Kitaaba kana keessatti hiika Islaamaa, Tawhiida, gosoota isaa, hiika Laa ilaah illallah fi ulaagaalee jecha tanaa ni argattu. Kuni hundi Qur’aana fi hadiisa sahiih irratti kan hundaa’edha.

Kitaaba kana “Mana kitaaba Al-Tawba” Masjiida Anawaar biratti argamuu keessatti ni argattu. Gara masjiida Anawaar seenuuf yommuu taatan gara mirgaatti yommuu mil’attan mana kitaaba At-Tawba (“አል-ተውባ መጽሐፍ መደብር-Al-Tewba Bookstore” jedhu ni argitu. Namni gara Finfinnee dhufu hin dandeenye warra kitaaba gurguranitti kitaaba kana agarsiisuun akka isaaf fidan gochuu danda’a.

Beekumsi Islaama Nama Hunda Haa Gahu

Tarii dubbistoonni websaayiti kana daawwattan interneeti waan qabdaniif beekumsa asirra argamu haala salphaan guduunfattu. Garuu namoonni baay’een interneeti waan hin qabneef beekumsi kuni isaan gahaa hin jiru. Kanaafu falli maali ree? Falli isaa bakka interneetin hin jirre kitaaba maxxansuun isaanitti geessudha. Tarii torbaanitti maallaqni interneeti irratti fixnu birr 24. Ji’atti immoo birr 96 ta’a. Tarii wanti interneetin arganne baduu danda’a. Kitaaba armaan gadi birr 65 yoo maxxansine jireenya guutuu nu waliin tura, dhaloota irraa dhalootatti darba. Nama baay’eetu irraa fayyadama.

Itti Haa Fufnu