Hiika Iimaanaa fi Arkaana Isaa

Dhugumatti namni Rabbiin kan sodaatu fi Muslima ta’ee du’uuf hundee amanti isaa yoo beekee fi hojii irra oolchedha. Hundeen amantii arkaana iimaanati. Arkaanni iimaana kunniin qalbii keessa yoo hin jiraatin, namni amanti sirrii hin qabuu jechuudha. Kanaafu, bu’uura kana irratti xiyyeefachuun Muslima hunda irratti dirqama. Namootas itti waamun nama beekumsa qabu irratti dirqama. Kana yaada keessa galchuun hundeewwan iimaana jahan kitaaba kana keessatti haala salphaa fi nama hawwatuun ibsamanii jiru. Iimaana jechuun maal jechuudhaa? Garaagarummaan iimaanaa fi Islaama maali? Hundeewwan (arkaannni) iimaana maal fa’aa? Haalli sirriin amanan maalidhaa? gaafilee kanaa fi kan kana fakkaataniif kitaaba kana keessa ni argattu. https://sammubani.files.wordpress.com/2020/05/hiika-iimaanaa-fi-hundeewwan-isaa.pdf

Guduunfaa Iimaanaa

Alhamdulillah Rabbil Aalamiina! Ji’oota torbaa ol waa’ee iimaanaa ilaalle turre. Barnoota guddaas akka irraa argattan abdii qabna. Ji’oota kana keessa iimaanni maal jechuudha? Garaagarummaan Islaamaa fi iimaaanaa maal akka ta’e, arkaana Iimaanaa jahan ilaalle turre. Tarii dubbistoonni hundi kanniin hunda hin dhaqqabne ta’a. Amma haala wali galaa ta’een waa’ee iimaanaa ni guduunfina.

Dabalata Dubbisi

Iimaanaa fi Barbaachisummaa Isaa

Kutaalee darban keessatti waa’ee iimaanaa fi Islaamaa ilaalle turre. Iimaana jechuun qalbiidhaan dhugaan amanuu fi wanta qalbiin amanan san dubbii fi hojiin dhugoomsudha. Fakkeenyaf namni “Rabbii olta’etti amanee jira” jedhu, Rabbii fi wantoota Rabbiin beeksisetti amanuu, wanta Rabbiin itti ajajee dubbachuu fi hojjachuu, akkasumas wanta irraa dhoowwe dhiisun isarraa eeggama.Yoo kana hojjate namni kuni iimaanaa qabaa jechuudha. Bal’innaan waa’ee iimaanaa hubachuuf kutaalee darban irraa dubbisuun gaarii ta’a. In sha Allah, har’a kan ilaallu barbaachisummaa iimaanati fi akkamitti qalbii keessatti hidda akka qabsiisaniidha. Read more

Islaama fi Iimaana

Kutaa darbee keessatti hiika iimaanaa ilaalle turre. Caalatti ifa gochuuf har’as fakkeenya waliin ni ilaala. Fakkeenya waliin ilaalun salphatti waa’ee iimaanaa fi Islaamaa akka hubatan nama gargaara. Fakkeenya kanatti seenun dura mee garaagarummaa fi wal-fakkeenya Islaama fi iimaana jiddu jiru haa ilaallu. Read more

İimaana jechuun maal jechuudhaa?

Baay’een keenya waa’ee iimaanaa ni haasofna. Iimaanaa dabalachuuf ni carraaqna. Garuu ma’anaa (hiika) isaa ni beeknaa? Dhugumatti, iimaanaa jechuun maal jechuudhaa? Iimaanni qalbii qofa irratti daangeefamu danda’aa? Namni hiika iimaanaa madda sirrii irraa yoo beeke fi hojii irra oolche, jireenya gammachuu fi mi’aawa jiraata. Sababni isaas, namni mi’aa iimaanaa argate, jireenya tasgabboofte jiraataa. Mi’aa iimaanaa dhandhamuuf hiika isaa beeku fi hojii irra oolchuf tattaafachuu qabnaa miti ree? Har’a yoo Rabbi fedhe, madda sirrii fi hayyoota Islaamaa beekkamoo wabii godhachuun hiika iimaanaa beekuf ni tattaafanna. Kanaafu imaanaa jechuun maal jechuudhaa?
Dhugummaan (haqiiqan) wanta tokko karaa sadiin beekkama. Takkaa karaa afaanitiin fakkeenyaf “aduu”, takkaa immoo karaa shari’aatiin fakkeenyaf “iimaana, Islaama”, takkaa immoo karaa aadaatin fakkeenyaf “qabuu”. Hiikni shari’aan jecha tokkoof kennu takkaa hiika afaanitiin walitti galuu danda’a takkaa immoo garagara ta’uu danda’a. Hiikni shari’aa hiika lugaa (afaanii) caalaa hiika bal’aa kennu danda’a.Kanaafu kana irratti hundaa’un hiika iimaanaa karaa lamaan ilaalu dandeenya.

Read more

Seensa İimaanaa-kutaa 2

Kutaa darbee keessatti iimaanni maal akka ta’e ilaaluf yaalle turre. Hojiin gaariin kamiyyuu fudhatama argachuu fi mataa isaati gaarii jedhamuuf bu’uura (foundation) irratti gadi dhaabbatu isa barbaachisa. Bu’uurri kuni yoo hin jiraatin, hojiin hanga fedhe gaarii haa fakkaatu Rabbiin biratti fudhatama hin argatu. Bu’uurri kuni yoo jiraate immoo hojiin gaariin hanga feete haa xiqqaattu lafa hin buutu, Rabbiin biratti fudhatama ni argatti. Bu’uura kanaan iimaana jennaan. Gara afaan keenyatti yommuu deebisnu, wanta Rabbii fi Ergamaan Isaa beeksisan dhugoomsu fi dhugaan itti amanuudha. Iimaanni amanti qofa osoo hin ta’in hojiis kan of keessaa qabuudha. Read more

Seensa İimaanaa-Kutaa 1

Akka lugaa Arabiffaatti iimaana jechuun tasdiiq (dhugoomsu) fi dhugaan amanuudha. [1] Akka shari’aatti immoo imaanni dubbii qalbii fi arrabaa, hojii qalbii fi qaamaa kan of keessatti hammateedha. Dubbii qalbii yommuu jennu wanta Rabbiin beeksise dhugoomsu fi dhugaan itti amanuudha. Fakkeenyaf, Jireenya fi tokkichummaa Rabbitti amanuu, Qiyaamatti amanuu fi kkf. Hojii qalbii yommuu jennu immoo kanneen akka jaallachuu, iklaasa qabaachu (niyyaan Rabbiif ta’uu), obsuu, Rabbiin irratti hirkachuu, galata galchuu, sodaachu fi kkf. Read more