Seensa İimaanaa-kutaa 2

Kutaa darbee keessatti iimaanni maal akka ta’e ilaaluf yaalle turre. Hojiin gaariin kamiyyuu fudhatama argachuu fi mataa isaati gaarii jedhamuuf bu’uura (foundation) irratti gadi dhaabbatu isa barbaachisa. Bu’uurri kuni yoo hin jiraatin, hojiin hanga fedhe gaarii haa fakkaatu Rabbiin biratti fudhatama hin argatu. Bu’uurri kuni yoo jiraate immoo hojiin gaariin hanga feete haa xiqqaattu lafa hin buutu, Rabbiin biratti fudhatama ni argatti. Bu’uura kanaan iimaana jennaan. Gara afaan keenyatti yommuu deebisnu, wanta Rabbii fi Ergamaan Isaa beeksisan dhugoomsu fi dhugaan itti amanuudha. Iimaanni amanti qofa osoo hin ta’in hojiis kan of keessaa qabuudha.

Iimaana qalbii irratti gadi qabsiisun akka muka gaarii lafatti dhaabuti. Akkuma mukni kuni yommuu guddatu firii gaarii kennu, imaannis yommuu qalbii irratti lafa qabatu firiin inni kennu guddaadha. Fakkeenyaf, abbichaaf nageenya fi tasgabbii, fuulaf ifa, hojii gaggaarii hojjachuu fi kkf kennaaf. Kanaafi, bu’uura jireenyaa kan ta’e iimaana dabalachuun wanta ilmi namaa kamu hawwuu fi galmaan gahuu qabuudha. Iimaana dabalachuu yommuu jennu shakkii qalbii irraa haaqu fi yaqiina (mirkaneefannaa) dabalachuudha. Iimaana keenya dabalachuuf mee kutaa darbee irraa adeemsa keenya itti haa fuufnu.

Akkuma yeroo darbe jenne iimaanni yeroo baay’ee wanta geeybi waliin kan wal qabateedha. Tolee! Dandeetti qaamolee miiraa irratti hundaa’e addunyaa bakka lamatti qoodu dandeenya. Isaaniis: Aalamul shahaadah fi Aalamul Gheeyb. Kana jechuun maal jechuudhaa?

Aalamul shahaadah (addunyaa mul’ataa)– wantoonni adduunyaa keessatti argaman kanneen qaamoleen miiraa keenya dhaqqabuu danda’an aalamul shahaadah (addunyaa mul’ataa) jennaan. Jiraachu wantoota kanniini eenyullee hin shakku nama qaamolee miira gate malee. Fakkeenyaf, dachii, aduu, ji’a, ilma namaa fi kkf. Qaamolee miira shanan keenyan wantoota kanniin beeku fi hubachuu dandeenya.

Aalamul Gheeyb (addunyaa hin mul’anne) jechuun immoo wantoota qaamoleen miira keenya dhaqqabuu hin dandeenyadha. Ijaan arguu hin dandeenyu, gurraan dhagahu hin dandeenyu. Wantoonni geeybi (hin mul’anne) kunniin dhugaan kan jiranii fi jiraachu isaanitti haqaan kan amannuudha. Fakkeenyaf, ruuhin (soul) iccitii jireenya ilma namaati. Ruuhin yoo baate ilmi namaa ni du’a. Ruuhi tana ijaan arguu dandeenyaa? Maal akka taate fi suuran ishii maal akka fakkaattu sammuu keenyan hubachuu dandeenyaa? Hin dandeenyu. Garuu jiraachu ishiitti ni amanna. Akkamitti? Asaara (mallatoon) beekna. Fakkeenyaf, oli gadi socho’uun ruuhin nu keessa jiraachu argiisisa. Yommuu duunu ruuhin nu keessa akka hin jirre agarsiisa.

Kanaafu, ragaan sammuu ykn miirri uumamaan ilma namaa keessa jiru jiraachu wanta geeybi ni agarsiisa. Namni wanti hin mul’anne kuni ifaan ifatti akka jiru ni amana.Garuu haqiiqan (dhugaan) wanti ijaan hin mul’anne suni maal akka ta’ee fi maal akka fakkaatu sammuun bira gahuu hin danda’u.

Wahyii (Revelation)Karaa geeybi ittiin beekaniidha

Wahyii jechuun-Jecha ykn ergaa Rabbiin Ergamtoota Isaa irratti buusudha. Fakkeenyaf Qur’aanni wahyiidha (Ergaa Rabbiin Nabii Muhammad (SAW) irratti buusedha).

Sammuun keenya wantoota geeybi bira gahuu akka hin dandeenye amannee jirra. Wantoonni geeybi kunniin karaa biraatin beekuf yoo hin tattaafatin osoo hin beekkamin hafu. Kuni immoo dhimmi namootaa fi addunyaa akka jeeqamu taasisa. Karaan wantoota geeybi ittiin beekan karaa wahyitiin. Sababni isaas, wanta mul’atu fi hin mul’anne hunda kan beeku Rabbiin qofa. Kanaafu, wanta geeybi (hin mul’anne) beekuf Rabbiin irraa odeefannoo muraasa argachuun karaa nama baasudha. Rabbiin (subhaanahu wa ta’aala) odeefannoo geeybi muraasa isaa ilma namaa hunda irratti hin buusu. Garuu isaan keessaa namoota filatamoo fi qulqulluu ta’an irratti buusa. Namoonni qulqulluun kunniniis Ergamtoota Isaa ta’u. Ergamtoonni kunniin ergaa Rabbiin isaanitti buuse homaa osoo hin hanqisiinii fi itti hin dabalin ilma namaatti geessu. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:
72:26
“Rabbiin Beekaa geeybiti; geeybi Isaa eenyuttillee hin beeksisuu.
72:27
Ergamaa irraa nama jaallate malee [nama biraatti hin beeksisu]. Inni fuundura isaatii fi duuba isaatiin eegdota (malaaykota) godhaaf.
72:28
Ergaawwan Gooftaa isaanii dhugumatti [namootatti] geessu isaanii ifa baasuf [eegdota (malaykota) duraa duuban kaa’e]; Inni (Rabbiin) wanta isaan bira jiru hunda kan marsee fi lakkoofsan wanta hundaa walitti kan qabeedha.” (Suuratu al-Jinn 72:26-28)

Ergamtootatti sheyxaanni akka itti hin dhiyaanne, Rabbiin Malaaykota duraa duuban eegdota gochuun kaa’e. Ergamtoonni Rabbii ergaa Gooftaa isaanii osoo homaa irraa hin hir’isinii fi itti hin dabalin ilma namaatti akka geessan Rabbiin gara hundaan isaan eege. Wanta Ergamtoonni dubbatan, yaadan, hojjatan, ifa baasanii fi dhoksan hunda ni beeka.

Kanaafu, Ergamtoota kanniin dhugummaa, qulqullummaa, amanamummaa fi Rabbiin irraa mu’jizaan (raajiin) gargaaramu isaanii erga beekne booda, wanta isaan fidanitti amanuu fi hordofuu irraa wanti nu dhoowwu tokkollee hin jiru.

Karaa wahyitiin wanta nu bira gaheetti amantii dhugaa erga amanne booda, ergaa Rasuulli (SAW) nutti dabarse irratti dhaabbatu qabna. Daangaa darbuun ragaa malee sammuu keenyan itti taphachuu hin qabnu.

Wanta darbe yommuu guduunfinu:
1.Sammuun keenya haala amma irratti uumame irratti hundaa’un wanta geeybi (hin mul’anne) hubachuu waan hin dandeenyef, kana hubachuuf wahyii isa barbaachisa. Fakkeenyaf sifaata (amaloota) Rabbii beekuf wahyii nu barbaachisa. Rabbiin (subhaanahu wa ta’aala) Arshii ol ta’uu karaa wahyiitiin beekna. Jannataa fi Jahannam jiraachu karaa wahyitiin beekna. Guyyaa Qiyaamaa maal akka adeemsifamu Qur’aana Rabbiin buuse keessatti arganna.

2.Qabiyyee wahyii irratti dhaabbachuun nurratti dirqama. Fakkeenyaf, amaloota Rabbii osoo homattu hin fakkeessin, osoo hiika isaa hin micciriin ykn osoo hin mormiin akkuma Qur’aana fi Hadiisa sahiiha keessatti dhufe fudhachuudha.

Qur’aana Keessatti qoodamiinsa addunyaa
Qur’aanni Aalamul Gheyb fi Aalamul shahaada jechuun addunyaa bakka lamatti qooda.
Fakkeenyaf: Rabbiin Qur’aaana keessatti ni jedha, hiikni isaa:
Rabbiin waan dhaltuun hundi baattu, waan gadaamessi hir’isuu fi dabalu ni beeka. Wanti hunduu Isa biratti hanga murtaa’adhaanii.
[Rabbiin] Beekaa waan geeybi (hin mul’annee) fi mul’atuuti. [Inni] Guddaa, Olta’aadha.
Isin irraa namni dubbii dhoksee fi ifa baase, ammas namni halkan dhokatee fi guyyaa ifatti bahe [Isa biratti] waluma qixa.” Suuratu ar-Ra’ad 13:8-10

59:22

Inni Allah, gabbaramaan dhugaa Isa malee Kan hin jirreedha, Beekaa geeybii fi wanta mul’atuuti. Inni akkaan rahmata godhaa, akkaan mararfataadha.” Suuratu Al-Hashr 59:22

Geeybii Rabbiin qofti beeku
Rabbiin subhaanahu wa ta’aala Ergamtoota Isaatti geeybi hunda hin beeksisne. Dhimmoota geeybi (hin mul’anne) irraa muraasa isaanii Ergamtootatti beeksise. Geeybi Rabbiin qofti beeku dachii fi samii keessatti eenyullee beeku hin danda’u. Fakkeenyaf Guyyaan Qiyaamaa yoom akka dhaabbattu Rabbiin malee eenyullee hin beeku. Rabbiin Olta’aan Qulqullaa’e ni jedha:
27:65
Jedhi, “Samii fi dachii keessa kan jiru hundi geeybi hin beeku; garuu Rabbiin ni beeka. Yoom akka kaafamaniis hin beekan.” (Suuratu An-Naml 27:65)

Guduunfaa

✔Kanaafu dandeetti qaamolee miiraa irratti hundaa’un addunyaan nu marsee jiruu fi wantoonni sami ol jiran bakka lamatti qoodamu. Isaanis: Addunyaa mul’atu fi addunyaa hin mul’anne (geeybi)dha.

1.Aalamul shahaadah (Addunyaa mul’atu)– wantoota qaamolee miiraa keenyan arguu, beeku fi hubachuu dandeenyudha. Wanti qaamolee miran hubannu kunniin baay’ee xiqqoodha. Akka lafa xiqqoo (odola) galaana jidduu jirtuuti.

2.Aalamul geeyb (addunyaa hin mul’anne) wanta qaamoleen miira keenya bira gahuu hin dandeenyedhe. Fakkeenyaf, ijaan arguu hin dandeenyu. Wantoonni qaamoleen miiraa keenya hubachuu hin dandeenye akka galaanaa baay’ee guddaadha.

✔ Qaamoleen miiraa keenya addunyaa hin mul’anne (geeybi) akkam akka jiru hubachuu hin danda’an. Garuu jiraachu isaa karaa adda addaatin ni beekna, itti amanna. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa jiraachu, ilmi namaa guutun ni amana, namoota muraasa uumamni isaanii bade malee. Rabbiin Guddaan jiraachu kan beeknu, karaa mallattoolee fi wahyitiini. Wantoonni addunyaa keessatti arginu hundi gara Khaaliqa (Uumaa) akeeku. Akkasumas, kitaabban Inni buuse sifaata (amaloota) Isaa nutti himu.
✔ Kanaafu, namni tokko addunyaa mul’atu malee addunyaan biraa hin jiru yoo jedhe, of gowwoomsaa jiraa jechuudha. Fakkeenyaf, “wanta samii ol jiru nutti himi” osoo jenneeni, nutti himuu danda’aa?

✔ Wahyiin ergaa ykn jecha Rabbiin Ergamtoota Isaa irratti buusedha. Fakkeenyaf, Qur’aanni wahyiidha. Wahyiin karaa wantoota geeybi ittiin beekaniidha. Kanaafi akkuma namni Qur’aana qo’atuun imaanni isaa dabala.
✔Iimaanni namaa guutuu kan ta’uu wantoota geeybi Rabbiin karaa wahyitiin beeksisetti shakkii tokko malee yoo amaneedha.

✔Namni wanta geeybi sammuu isaa qofaan “akkana jira, akkana jira” jedhee dubbachuun isarra hin jiru. Yoo akkas godhe, kijiba dubbachuun yakka guddaa hojjataa jira. Wanta karaa wahyitiin nama gahee qofa irratti dhaabbachu qaba.

Kitaaba wabii
al-aqiidatul Islaamiyyatu wa ususuhaa By Abdurahmaan Hasan Madiniyyi, fuula 25-30

İimaana jechuun maal jechuudhaa?
Seensa İimaanaa-Kutaa 1

Leave a Reply