Tafsiira Suuratu Yuusuf-Kutaa 27

Guyyaa guyyaan dachii keessa asi achi ni deemna. Guyyama tokko gadi dhaabbannee wantoota dachii fi samii keessa jiranitti xinxallinee beeknaa? Baay’isnee waan arginuuf xiyyeeffannoo itti hin kenninu. Yookiin jireenya addunyaa tanaan waan ko’oomneef yaanni keenya kana quba hin qabu. Qur’aanni haguuggi keenya ofirraa kaasun wantoota samii fi dachii keessa jiran kanniinitti akka xinxallinu nu affeera:

Samiiwwanii fi dachii keessatti mallattoo meeqa irraa kan garagalan ta’anii ishii irra darbuu. Irra hedduun isaanii mushrikoota ta’anii malee Rabbiitti hin amanan.” Suuratu Yuusuf 12:105-106

Aayata jechuun mallattoo wanti tokko akka jiruu agarsiisuudha. Aayaanni bakka lama gurguddaatti qoodamu. Isaaniis: aayata dubbii fi aayata gochaa. Kitaabban Rabbii olta’aa irraa bu’anii fi kitaabni xumuraa buufame Qur’aanni aayata dubbitiin kan guuttamaniidha. Kitaabban kunniin gara jiraachu fi tokkichummaa Rabbii akeeku. Samiin, dachii fi wantoonni isaan lamaan keessa jiran immoo aayata gochaa gara jiraachu, tokkichummaa fi dandeetti Rabbii olta’aa akeekaniidha. Copha bishaanii garmalee xiqqaa ta’e irraa ilma namaa guutuu ta’e kana uumun, galaana irraa bishaan hurkisisuun biyyeetti rooba buusun, beelladonni, allaattiwwan, qurxumileenii fi biqiltoonni bifaa fi amala baay’ee garagaraa qaban Khaaliqa tokkoon akka uumaman mallatoolee agarsiisaniidha. Kunniin hundi nama dandeetti yaaduu fi hubachuu qabuuf dhiyeefaman. Ilmaan namaa beekumsa, yaadaa fi gocha isaanii keessatti yeroo hundaa wantoota kanniin waliin  kan oolaniidha. Uumamtoota kanninitti xinxallanii Khaaliqa isaanii beekun isaan irra osoo jiru, faallaa kanaa, tafakkura (itti xinxallu) irraa fuula garagalchuun barnoota fi gorsa barbaachisu irraa hin fudhatan. Bu’aan kanaas, akkaata Rabbiin barbaadu fi itti gammaduun amanuu dhiisudha. Amanuu (iimaana) isaanitti shirkii maku.[1]

Irra hedduun isaanii mushrikoota ta’anii malee Rabbiitti hin amanan.” (Mushrikoota jechuun namoota shirkii hojjataniidha, jecha biraatin Rabbiin waliin waan biraa gabbaraniidha.) Namoonni kunniin samii, dachii fi wantoota isaan keessa jiran kan uumee Rabbiin ta’uu haa amananii malee, Rabbiin alatti wanta biraa gabbaru (waaqefatu). Qureeshonni Rabbiin samii fi dachii akka uumee fi humna jabaa akka qabu ni amanuu turan, garuu kuni Muslima isaan hin taasisne. Sababni isaas, isaan kanarratti dabalatee sanamoota Rabbiif shariika godhanitti ni amanu. Gooftoleen sobaa Rabbiin waliin qoodama aango qabu jechuun yaadun isaanii Rabbiitti amanuu isaanii haaqe. (Akkuma kana kiristaanonni nuti Rabbii tokkichatti amanna jedhan, Iisaan (Iyyasuus) Rabbiin waliin gooftaa jedhanii waan yaadaniif amantiin isaanii kuni soba ta’a.) Rabbiin, Gooftaan keenya dhugaan, amanti isaanii kanaan shirkii jedheen.

As keessa Muslimonni amantii isaanii akka qulqulleessanii fi shirkii irraa qulqullaa’aniif isaan yaadachiisutu jira. Qabeenya, aangoo fi beekkamti akka hin gabbarreef akeekachiisatu kana keessa jira. Aadaa zamanaa kana keessatti, akka waan gooftota ta’anitti namoota weellistoota, aaktarootaa fi artistoota sanamoota godhan ni argina. Aayan tuni wanta biraa Rabbiif shariika gochuun iimaana zeeroo akka taasisu nu barsiisti.[2]

Iimaanni fi qajeelchi nama tokkoo jireenya tana keessatti dhimma garmalee jabaa (siiriyes) ta’eedha. Dhimma kana keessatti wanti xiqqoon dhiisanii fi dogongoran, halaaka (badiinsa) jireenya abadiitti nama geessa. Kanaafu, adabbiin Rabbii bu’uu yookiin Qiyaamaan dhaabbachuun dura akkaataa barbaadamuun Rabbiitti amanuu fi gabbaruun dirqama.[3]

12:107

Adabbii Rabbii irraa haguuggin isaanitti dhufuu yookiin osoo isaan hin beekne Qiyaamaan tasa isaanitti dhufuu irraa ni tasgabbaa’u?” Suuratu Yuusuf 12:107

Ghaashiyah jechuun wanta nama haguugudha. Wanti asitti barbaadame adabbii gara hundaan namoota haguugu fi marsuudha. Haala gaafitiin dhiyeessun kuni isaan waqqasuufi.

Sila namoonni jallatan kunniin Gooftaa isaanii irraa adabbiin gara hundaan isaan haguugu fi jalaa dheessu hin dandeenyee isaanitti dhufuu ykn osoo isaan hin beekin Qiyaamaan tasa isaanitti dhufuu irraa nagaha akka ta’anitti ni yaadu? Jecha biraatin, sababa badii isaanii itti fufaniif, ‘Rabbiin irraa adabbiin nutti dhufuu danda’a’ jedhanii hin sodaatanii?[4]

Namni badii hojjatu ‘adabbiin Rabbii natti hin bu’u’ jechuun yoo of amane, badii hojjachuu itti fufa, tawbachuuf fedhii hin qabu. Faallaa kanaa, namni adabbii Rabbii sodaatu, dafee badii isaa irraa buqqa’e tawbata.

Kuni Karaa Kiyya Qajeelaadha

12:108

Jedhi ‘kuni karaa kiyya, anaa fi kan na hordofe beekkumsa ifaatiin gara Rabbii waama. Rabbiin qulqullaa’e, ani mushrikoota irraayyi miti.’ [Suuratu Yuusuf 12:108]

Ergamaan Rabbii (S.A.W) akkana akka jedhu ajajame: kuni karaa kiyya, beekkumsa ifaatiin gara Rabbii waama…’ Karaan Nabiyyii (S.A.W) karaa Rabbiitti nama geessudha. Karaan kunis Islaama. Islaamni karaa qajeelaa tokkicha Rabbiitti nama geessudha. Mee ilaali, Rabbiin jecha tokkeetti (singular’tti) fayyadamuun “karaa kiyya (sabiilii)” jedhe. “Karaalee kiyya” hin jenne. Suurah Faatiha keessatti, “Karaa qajeelatti nu qajeelchi” jechuun dubbisna. Kanaafu, karaan Rabbii tokkicha. Gaafa tokko Nabiyyiin keenya (S.A.W) biyyee irratti sarara qajeelaa sarare. Ergasii ni jedhe: “Kuni karaa Rabbiiti.” San booda bitaa mirgatti sararoota baay’ee sarare. Itti aanse ni jedhe: “Kun karaaleedha. Karaa hundarra shayxaana itti waamutu jira.” San booda aayah tana qara’e: “Kuni karaa Kiyya qajeelaa ta’eedha, kanaafu isa hordofaa. Karaalee biroo hin hordofinaa karaa Isaatirraa isin fottoqsuuti.” (Suuratu Al-An’aam 6:153)[5]

Kuni karaan Rabbii qajeelaa fi tokkicha akka ta’e nutti agarsiisa. Wanta karaa qajeelaa kana faallessu hunda, Qur’aanni jecha heddumminna agarsiisuun (plural’in) ibsa. Fakkeenyaf, “Rabbiin waliyyi warra amananiiti. Dukkana baay’ee keessaa gara ifaatti isaan baasa.” (Suuratu Al-Baqarah 2:257) Haqni takkattiidha, sobni immoo baay’eedha.

Basiirah jechuun beekumsa ifa ta’ee fi ragaa qabatamadha.  Jechi basiirah jedhu jecha basara jedhu irraa dhufe. Basara jechuun arguudha. Akkuma namni ijaan waa arguuf ifa aduu ykn ifa elektrikii isa barbaachisu, namni amanti isaa keessatti dhugaa fi soba addaan baafachuuf beekumsa sirrii fi ragaa qabatamaa isa barbaachisa. Beekumsa sirrii fi ragaa qabatamaa kanaan basiirah jennaan. Kanaafu, mataa ofiiti karaa qajeelaa irra deemu fi namoota biroo karaa kanatti waamuuf beekumsa sirrii fi ragaa qabatamaa barbaachisa. Kanaafi itti aanse ni jedha: “anaa fi kan na hordofe beekkumsa ifaatiin gara Rabbii waama.” Kana jechuun ani beekumsa sirrii Rabbiin irraa dhufeen gara Isa qofa gabbaruu fi ajajoota Isaa hordofuutti namoota waama. Namoonni ana hordofanis beekumsa sirrii Rabbiin irraa dhufeen gara Isaatti namoota waamu.  Kuni Muslimoonni gara Rabbiitti waamu (da’awaa gochuu) keessatti beekumsa sirrii irra ta’uu akka qaban dirqisiisa. Haqa Rabbii sobaan, jallinnaa fi fakkeessaan gargaaruun isaaniif hin hayyamamu.

“Rabbiin qulqullaa’e, ani mushrikoota irraayyi miti.”

Wiirtuun da’awaa kanaa Rabbiin wanta Isaaf hin mallee irraa qulqulleessuu fi Isa qofa gabbaruudha. Kanaafu, ani wanta Rabbiif hin mallee irraa Isa qulqulleessa. Kan akka ilma qabaachu, shariika (hiriyyaa fi hirmaataa) qabaachu, muguu fi hanqinnoota biroo. Rabbiin kanniin hundarraa qulqullaa’e. Ani warra Rabbiin waliin waan biraa gabbaran (waaqefatan) irraayyi miti.

Guduunfaa
☛Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa akka namoonni sifaata (amaloota) Isaa beekanii Isa qofa gabbaraniif aayaata lama gurguddoo ilma namaa fuundura godhe. Isaaniis, kitaabban Ergamtoota irratti buusee fi uumamtoota Isaati. Kitaabban Rabbiin buuse tokkichummaa, sifaataa Isaa, ajajoota, mindaa fi adabbii Isaa ibsu. Uumamtoonni Isaas gara tokkichummaa, dandeetti, rahmata, beekumsaa fi amaloota Isaa biroo ibsu. Kanaafu, namni aayaata lamaan kanniinitti xinxaalluun Gooftaa isaa beekun Isa qofa gabbaru danda’a.
☛Mallattooleen baay’een samii fi dachii keessa haa guutanii malee harki caalaan namootaa haala sirrii fi guutuu ta’een Gooftaa isaaniitti hin amanan. Kana irra, shariika Isaaf godhu.
☛Amantiin Islaamaa amantii sirrii fi qajeelaa waan ta’eef tilmaamaa fi yaada sobaa irratti osoo hin ta’in beekumsa sirrii fi ragaa qabatamaa irratti kan hundaa’eedha. Kanaafu, namni amanti qajeelaa kana hordofuuf beekumsa sirrii argachuuf tattaafachuun isarra jira. Akkasumas, namni tokko gara Islaamaatti namoota waamuuf beekumsa sirrii qabaachun isarratti dirqama.


[1] https://www.kuranvemeali.com/yusuf-suresi/105-ayeti-tefsiri [2] Lessons from Suurah Yuusuf-Yaasir Qaadi-fuula 163 [3] https://www.kuranvemeali.com/yusuf-suresi/105-ayeti-tefsiri [4] Ma’aariju tafakkur 10/753 [5] Sunan Ad-Daraami 1/78, Musnad Ahmad 4142, An-Nasaa’i 11109)

Print Friendly, PDF & Email
Tafsiira Suuratu Yuusuf-Kutaa Dhumaa
Tafsiira Suuratu Yuusuf-Kutaa 26

Leave a Reply