Tafsiira Suuratu Yuusuf-Kutaa Dhumaa

Alhamdulillah Rabbiil aalamiin. Kunoo tafsiirri suuratu Yuusuf xumura irra gahee jira. Kutaa dhumaa har’a ilaalun ni goloobna. Garuu tafsiira isaa haa xumurru malee ammaa amma itti xinxalluun barnoonni irraa fudhannu garmalee baay’eedha.

Kutaa darbe keessatti Nabiyyii (sallallahu aleyh wassallam) fi namoonni isa hordofan namoota karaa Rabbiitti beekumsa ifa ta’ee fi ragaa qabatamaan akka waamu qaban ajajaman. Adeemsa waamicha (da’awa) kanaa keessatti mushrikoonni Nabiyyiin akkamitti ilma namaa irraa ta’aa? maaliif malaayka hin taane jechuun morman. Rabbiinis mormii isaanii kana akkana jechuun deebii itti deebisa:

12:109

Siin dura warra magaalotaa keessaa dhiirota gara isaaniitti wahyii buusne malee hin ergine. Sila dachii keessa deemanii booddeen warra isaaniin duraa akkam akka turee hin ilaalanii? Gandi Aakhiraa warra Rabbiin sodaataniif irra caaltudha. Sila hin hubattanii?” Suuratu Yuusuf 12:109

Akka ahli sunnah wal-jama’aatti, Ergamtoonni Rabbii hundi dhiirotaa fi namoota magaalaa keessa jiraatan keessaa filatamuun ergaman. Sababni isaas, dubartoonni ijaarsa qaamaa fi ruuhi isaanii irratti hundaa’e dandeetti ba’aa nabiyyummaa baadhachuu hin qaban. Akkuma beekkamu yeroo durii dubartoonni ummata isaanii keessatti ni tuffatamuu turan. Dhiironni gurguddoon isaaniif hin ajajaman. Kanaafu, nabiyyin nama ummanni isaa ajajamuufi qabu waan ta’eef dubartoota nabiyyi godhee erguun waan hin malleedha.

Gama biraatiin warri baadiyaa gahee nabiyyummaa taphachuuf gamnummaa, gaarummaa fi laafinna barbaachisu hin qaban. Amalli warra magaalaa amala warra baadiyaattin wal bira yommuu qabamu amalli warra magaalaa kan dagaagee fi nama hawwatuudha. Warra magaalaa keessa beekumsi, amalli gaariin, laafinnii fi haala salphaan wali galuun ni jira. Warra baadiya keessatti immoo beekumsa dhabuun (wallaalummaan), gara-jabeenyi, gogiinsii, dubbiin badaa fi abdii kutuun ni mul’ata. Kanaafu, amala gaarii nama hawwatuu fi bilchinna beekumsaa waan hin qabneef warra baadiyaa keessaa nabiyyiin bahuun hin malu. Sababa kanaaf, nabiyyonni hundi warra magaalaa jiraatan keessaa ergaman. Nabiyyin Xumuraa Muhammad (S.A.W) magaala Makkaa ummul-quraa (haadho magaalota) jedhamuun beekkamtu keessaa ergaman.[1]

Kanaafi, Rabbiin akkana jedha: “Siin dura warra magaalotaa keessaa dhiirota gara isaaniitti wahyii buusne malee hin ergine.” Kana jechuun Yaa Rasuula! Siin dura malaykaa hin ergine. Garuu dhiirotuma akka keeti ummata magaalota keessa jiraatan keessaa filannee ergaa keenya irratti buusun ergine. Kanaafu, maalif ummanni kee kuni ati nama ta’uu kee akka addaatti ilaaluu?

Qureeshonni ‘maaliif ergamaan nutti ergamu malaykaa hin taane?’ jechuun falmu. Garuu akka seera Rabbiittti ergamtoonni kana dura ergaman hundi isaanitu ilma namaa turan. (Bal’innaan maaliif ergamtoonni namootatti ergaman hundi malaykota osoo hin ta’in ilma namaa akka ta’an baruuf as tuqaa: https://sammubani.com/2018/10/31/maaliif-malaykaan-hin-ergamnee/#more-8216)

“Sila dachii keessa deemanii booddeen warra isaaniin duraa akkam akka turee hin ilaalanii?”

Araboonni xumura ummata Saalih sirritti beeku turan. Mallattooleen ummata yeroo durii badanii baay’eetu jira. Kanaafu, Rabbiin akkana isaaniin jedhe, “Sila isaan dachii keessa deemuun haftee ykn mallatoolee ummata isaaniin duraa hin ilaalanii? Sababa kufrii isaaniitiin Rabbiin akkamitti akka isaan balleesse haftee kana irraa hin hubatanii?’ Sabni fi hawaasni kamu qaroominna ol’aanaa irra geenye jirra, humna jabaa qabna, kanaafu nuti gonkumaa hin bannu jechuun yaadan.  Garuu Rabbiin akkana jedha: “Isin namoota jalqabaati miti. Akkasumas, akkas yaadun keessan namoota xumuraati miti. Namoota isin caalaa humna jabaa qabanii fi ‘Nu caalaa jabaan eenyutu jira?’ jedhan balleessinee jirra. Kanaafu, of tuulu keessan dhiisaa.”[2]

Akkuma hima armaan olii irraa hubannu, warri kafaranii fi Rabbiin hin sodaanne hanga fedhan addunyaa tana keessatti haa qanani’an, xumurri isaanii badiinsaa fi ibidda. Warri amananii fi Rabbiin sodaatan immoo hanga fedhan addunyaa tana keessatti haa rakkatan, xumurri isaanii nageenyaa fi qananii Jannataa addaan hin cinneedha: “Gandi Aakhiraa warra Rabbiin sodaataniif irra caaltudha. Sila hin hubattanii?” Kana jechuun faaydaa fi mi’aa addunyaa Rabbiin sodaachu irraa nama garagalchituu irra warra Rabbiin sodaataniif ganda Aakhiraatu caala. Sababni isaas, qananin addunyaa yeroo gabaabaaf kan turu fi addaan cituudha, akkasumas, gaddaa fi rakkinnaan kan walitti makameedha. Namni qananii baay’ee argadhe jedhe osoo gammadu, yeroo muraasan booda balaan wayii itti bu’uun gammachuu isaa gaddatti jijjira. Garuu gandi Aakhiraa qananiin ishii turaa addaan hin cinne, gammachuu gaddii fi rakkinni keessa hin jirreedha. Kanaafu, sammuu wanta xiqqaa irra wanta guddaa ittiin filattan hin qabdanii?[3]

Asitti namni tokko akkana jechuun of gaafachu danda’a: sila Rabbiin mujrimoota (yakkamtoota) darban akkuma kufrii isaanii ifatti baasaniin adabee moo yeroo dheeraaf erga isaan tursiisee booda adabe? Deebiin kanaa akkana jechuun dhufe:

12:110

“Hanga yeroo Ergamtoonni abdii kutanii fi akka kijibsiifamanitti yaadan, gargaarsi Keenya isaaniif dhufe. Namni feene ni baraarame, adabbiin Keenya yakkamtoota irraa hin deebifamu.” Suuratu Yuusuf 12:110

Kana jechuun Rabbiin ergamtoota ummata qajeelchuuf ni erge. Ergamtoonni gara Rabbiitti ni waaman, adabbii Rabbii isaan akeekachiisan. Garuu namoonni kunniin ergamtoota ni kijibsiisan, irraa garagalan. Kijibsiisuu fi irraa garagaluun isaanii kuni itti fufe hanga ergamtoonni amanuu isaanii irraa abdii muratanii fi ummanni isaanii akka isaan kijibsiisanitti yaadan gahanitti. Yommuu isaan haala kana irra gahan, gargaarsi keenya ergamtootaa fi hordoftoota isaaniitiif ni dhufe.  Gargaarsi kunis warroota isaan kijibsiisan balleessuu fi, ergamtootaa fi hordoftoota isaanii nagaha baasudha. “Namni feene ni baraarame, adabbiin Keenya yakkamtoota irraa hin deebifamu.” Kana jechuun Ergamtoonni fi hordoftoonni isaanii ni baraaraman, warri isaan kijibsiisanii fi hordofuu didan immoo ni badan.

Asirraa wanti barannu, adeemsaa da’awaa fi qabsoo keessatti gargaarsi Rabbii yoosu ammuma kan dhufu osoo hin ta’in, hanga dhugaa fi sobni addaan fooyamu fi namoonni ulaagaalee isaan irraa barbaadamu guutanitti ni tura. Kanaafu, “gargaarsi Rabbii maaliif hin dhufne, zaalimota kanniin maaliif hin balleessine?” jechuun hin ariifatinaa. Namoonni ulaagaalee isaan irraa barbaadamu yoo guutan gargaarsi Rabbii isaaniif dhiyoodha. Ulaagaaleen kunis, haala sirriin amanuu, ikhlaasa qabaachuu fi ajajoota Rabbii hordofuudha.

12:111

Dhugumatti, seenaalee isaanii keessa warra sammuu qabaniif barnootatu jira. Inni (Qur’aanni) oduu lafaa kaafamee odeefamee miti. Garuu dhugoomsaa [kitaabban] isa duraati. Addeessaa wantoota hundaati; ummata amananiif qajeelfamaa fi rahmata.” Suuratu Yuusuf 12:111

Kana jechuun seenaalee Ergamtootaa kanniin keessa warra sammuu qulqulluu qabaniif barnoota fi gorsatu jira. Warri sammuu yaaddu fi qulqulluu qaban seenaalee kanniin irraa barnoota fudhatu.

Ibrah jechuun wanta darbeen gorfamuu fi barnoota irraa fudhachuudha. Hundeen ibrah wanta raawwatamee irraa gara wanta hin raawwatamneetti yookiin dhimma tokkorraa gara dhimmuma san fakkaatutti darbuudha. Amaloonni fi sababoonni isaanii yoo wal fakkaatan, wanti hin raawwatamne kuni gara fuunduraatti akka raawwatamu murteessudha. Sababni kanaa, seerri Rabbii uumamtoota Isaa keessatti gadi dhaabbataadha.[4]

Kanaafu, seenaalee Ergamtootaa fi ummata isaanii keessa ibrah’tu jira. Namni wanta isaan hojjatan hojjate, kabajaa fi salphinna irraa wanta isaan qunname isas ni qunnama. Namni wanta Ergamtoonni hojjatan hojjate, kabajatu isaaf jira. Namni wanta ummanni Ergamtoota kijibsiisan hojjate immoo salphinnatu isaaf jira. Haala kanaan, wantoota lama wal bira qabuun barnoota (ibrah) fudhata.  

“Inni (Qur’aanni) oduu lafaa kaafamee odeefamee miti.” Kana jechuun Qur’aanni kuni oduu sobaan uumamee fi dubbatamee miti. “Garuu dhugoomsaa [kitaabban] isa duraati.” Kana jechuun Qur’aanni kitaabban isa dura samii irraa bu’an dhugoomsa. Wanta sirrii kitaabban kanniin keessa jiru dhugaa akka ta’e ni mirkaneessa,  micciramuu fi jijjirraa isaan keessatti argamee immoo ni haaqa. “Addeessaa wantoota hundaati” Kana jechuun hundee fi damee amanti irraa wanta gabroonni itti hajaman sirritti ibsa. Kan akka utubaalee (arkaana) iimaanaa, halaalaa fi haraama, ajajoota dirqamaa fi jaallatamoo, mindaa fi adabbii ifa godha.  “ummata amananiif qajeelfamaa fi rahmata.” Sababa Qur’aanaatiin beekumsa argataniin jallinna irraa eeggamuun karaa sirriitti qajeelfamu. Ajajoota Qur’aana keessa jiran hojii irra yoo olchanii fi wanta inni dhoowwe yoo dhiisan, haalli jireenya isaanii toluun qalbiin isaanii tasgabboofti. Aakhirattis adabbi jalaa nagaha bahuun mindaa guddaa argatu. Kuni Rabbiin irraa isaaniif rahmata.[5]  

Alhamdulillahi Rabbil aalamiin tafsiirri suuratu Yuusuf asirratti xumurame.


[1] https://www.kuranvemeali.com/yusuf-suresi/109-ayeti-tefsiri

[2] Lessons from Suurah Yuusuf-Yaasir Qaadi-fuula 163

[3] Tafsiir Sa’dii, Ma’aariju tafakkur 10/756

[4] Ma’aariju tafakkur 10/759

[5] Tafsiir Ibn Kasiir, Tafsiir Sa’dii, Tafsiir Xabarii, Tafsiir tahriir wa tanwiir

Print Friendly, PDF & Email
Tafsiira Suuratu Yuusuf (Guutuu isaa)
Tafsiira Suuratu Yuusuf-Kutaa 27

One comment

Leave a Reply