Tafsiira Suuratu Yuusuf-Seenaa Xumuraa

Alhamdulillah Rabbil aalamiin seenaa ji’a baay’ee dura jalqabne kunoo as irratti xumurra. Dhugumatti seenaa ajaa’ibaa nama barsiisu fi namummaa namaa sirreessudha. “Ani kana booda nama akkami ta’uu qabaa?” nama jechisiiisa. Kutaa darbe irraa itti fufuun seenaa Yuusuf xumuraa ni ilaalla. Garuu tafsirri suuratu Yuusuf asirratti hin xumuramu. In sha Allah itti fufa.

12:99

Yommuu Yuusufitti seenan, haadha fi abbaa isaa ofitti dhiyeesse. Ni jedhes, “Yoo Rabbi fedhe nagaha taatanii Misirin seenaa.” [Suuratu Yuusuf 12:99]
Ya’quubi fi maatiin isaa Yuusufin wal-qunnamuuf biyya isaanii keessaa bahuun gara biyya Misiritti qajeelan. Yommuu isa bira gahan, Yuusuf abbaa fi haadha isaa ofitti qabe, ni hammate. Akkanas jedhe: Yoo Rabbi fedhe, haala beela, dheebuu fi sodaa irraa nagaha taataniin Misiriin seenaa.[1] Yuusuf Misir keessatti nageenya isaaniif waadaa galuun dura fedhii Rabbii ni durse (In sha Allahu (yoo Rabbi fedhe) jedhe). Sababni isaas, yoo Rabbiin olta’aan hin fedhin, fedhiin gabroota bu’aa homaatu buusu hin danda’u. Kanaafu, Yuusuf Misir keessatti nagahaan jiraachu waadaa yommuu galu, biyya haarawa keessatti Rabbiin madda nageenyaa fi badhaadhinnaa akka ta’e isaan yaadachiise.[2]

Abjuun Waggaa Dheeraa Dura Argee Yommuu Galma Gahu

12:100

Abbaa fi haadha isaa zufaana irratti olfuudhe. Isaanis sujuuda isaaf bu’an. Innis ni jedhe, “Yaa abbaa koo! Kuni hiika abjuu tana duraati. Gooftaan kiyya dhugaa ishii taasise jira. Yommuu mana hidhaa keessaa na baasee fi erga sheyxaanni jidduu kiyyaa fi obboleeyyan kiyyaa balleesse booda baadiya keessaa isin fide, tola natti oolee jira. Dhugumatti, Gooftaan kiyya wanta fedheef Laxiifa. Dhugumatti Inni Al-Aliim (Beekaadha), Al-Hakiim (Ogeessa).” [Suuratu Yuusuf 12:100]

Yuusuf (aleyh salaam) haadha abbaa fi obboleeyyan isaa gara masara mootummaa erga ol seensisee booda isaan kabajuuf haadha abbaa isaa zufaana (barcumaa mootii) irra teesise.

Abbaa fi haatii Yuusufi zufaana irraa gadi bu’uun Yuusufif sujuuda bu’an. Obboleeyyan isaas sujuuda isaaf bu’an. Asitti sujuunni isaan bu’an sujuuda ibaadaa osoo hin ta’in sujuuda kabajaati. Yeroo sanatti nama sadarkaa guddaa qabuuf sujuudun sochii nageenya itti wal-gafaatanii fi kabajaniiti. Sababni isaas, akka aadaa isaanitti sujuunni hiika nageenya wal gaafachuu fi wal kabaju qaba. Shari’aan Ya’quub sujuuda akkanaa ni hayyamaa ture. Garuu akka shari’aa keenyaatti Rabbiin ala namaaf ykn wanta tokkoof sujuudun dhoowwadha. Rabbiin shari’aa nabiyyoota darbanii ni fooyyesse, shari’aan (seerri) Nabiyyii keenyaa hunda caalaa guutuu kan ta’eedha. Kanaafu, akka shari’aa Nabii Muhammadiitti (SAW) kabaja agarsiisuuf eenyufillee sujuuda bu’uun ykn mataan gadi jechuun hin hayyamamu. Kuni Rabbi qofaaf ta’a. Akka hadiisa keessatti dhufeetti: Mu’aaz ibn Jabal yommuu Soriyaa irraa deebi’uu Masjiida Nabiyyii (Sallallahu aleyh wassallam) seenun sujuuda isaaf bu’e. Nabiyyinis (S.A.W) rifachuun akkana jedhe: “Yaa Mu’aaz kuni maalidhaa?” Mu’aazis akkana jechuun deebise: “Ani gara Sooriyaa deemee namoonni qeeysi isaaniittiif kan sujuudan arge. Siif sujuudun isaan caalaa siif mala.” Nabiyyinis (S.A.W) “Kana hin godhin” jechuun namaaf sujuudu irraa dhoowwan. (Sunan Ibn Maajah (1853)[3]

Yuusuf kabajaaf jecha yommuu maatiin isaa isaaf sujuudan argu, abjuu yeroo ijoollummaatti arge yaadatee akkana jedhe: “Yaa abbaa koo! Kuni hiika abjuu tana duraati. Gooftaan kiyya dhugaa ishii taasise jira.”

Akkuma jalqaba suurah tanaa irratti dubbate Yuusuf abjuudhaan urjiileen kudha tokko, aduu fi jiyni kan isaaf sujuudan arge. Urjiileen kudha tokko obboleeyyan isaa kudha tokko bakka bu’u. Aduu fi jiiyni immoo abbaa haadha bakka bu’u.  Kunoo amma abbaa haati fi obboleeyyan isaa isaaf sujuudun hiikni abjuu ifa bahe. Gooftaan isaa abjuu tana dhugaa ijaan mul’attu taasise.

Itti aanse qananii Gooftaan isaa isa qananiise tarreessu jalqabe:
1-Mana hidhaa keessaa isa baasu
2-Sheyxaanni jidduu isaati fi obboleeyyan isaa erga balleesse booda Rabbiin maatii isaa baadiyaa keessaa isa baasun magaalaa Yuusuf keessa jiraatutti fidu.

Yommuu mana hidhaa keessaa na baasee fi erga sheyxaanni jidduu kiyyaa fi obboleeyyan kiyyaa balleesse booda baadiya keessaa isin fide, tola natti oolee jira.

Asitti Yuusuf jechoota ajaa’ibaa fayyadame. “Mana hidhaa keessaa na baasun akkamitti Rabbiin tola akka natti oole ilaalaa.” jedhe. Eela keessaa baafamun mana hidhaa keessaa baafamu caalaa qananii guddaa haa ta’uyyu malee waa’ee eelaa asitti hin kaasne. Yuusuf beekaatumaan eela dubbachuu dhiise. Sababni isaas, waa’ee eela itti darbamee kaasun obboleeyyan isaa kana dura dhiifama godheef qaanessa. (Dhiifama gochuu jechuun badii namni suni hojjate yaadachiisu dhiisuu fi adabuu dhabuudha.) Kanaafu, Yuusuf tana dura obboleeyyan isaatiin, “Har’a komiin (waqqasaan) isin irra hin jiru, dhiifama isiniif godhe” waan jedheef, waa’ee eelaa kaasun isaan qaanessu hin barbaanne. Kunoo namni dhiifama namaaf godhu akkana ta’uu qaba.

Badii obboleeyyan isaa hojjatan sheyxaanatti maxxanse. Sababni isaas, hasaasaa isaatiin kan badii kana akka hojjatan isaan kakaasaa fi dhiibaa ture sheyxaana. Sheyxaana malee eenyutu “abbaa irraa ilma jaallatamaa fageessun jaalala isaa ni arganna” jedhanii akka yaaadan isaan kakaasaa? Sheyxaanni waanyu (hasada) isaan keessatti bobeessun hariiroo Yuusufi fi obboleeyyan isaa jidduu jiru balleesse. Garuu Rabbiin tola isaatiin waggaa dheeraa booda Misir keessatti wal-qunnamsiisuun hariiroo jidduu isaanii jiru ni bareechise.

Dhugumatti, Rabbiin eela keessaa Yuusufin baraarun, mana hidhaa keessaa isa baasun bulchaa aangoo guddaa qabu gochuu fi maatii isaatiin wal-qunnamsiisuun tola guddaa isatti oole. Kunis sadarkaa sadarkaan haala namni ijaan hin argineenii fi hin hubanneen raawwatame. Kanaaf itti aanse ni jedhe: “Dhugumatti, Gooftaan kiyya wanta fedheef Laxiifa. Dhugumatti Inni Al-Aliim (Beekaadha), Al-Hakiim (Ogeessa).”

Jechi Laxiif jedhu hiika lama qaba:
1ffaa– Hojiwwan fedhe tartiiba qabsiisuu fi galmaan gahuuf tarkaanfilee dhokatoo fi baay’ee gaarii kan fudhatu; iccitiiwwan garmalee dhokatoo kan beeku.
2ffaa-Mararfataa

Rakkoolee fi miidhamni nama irra gahuu mararfannaa fi tarkanfilee dhokatoo Rabbiin fudhatu ta’uu danda’u. Sababni isaas, rakkooleen kunniin wanta gaarii guddaa Rabbiin fedhetti geessu danda’u. Waanyon wanta badaa barbaadun shira (dhara) xaxa. Rabbiin immoo shirri isaanii kuni wanta gaariitti akka geessu taasisa.[4]

Akka fakkeenyaatti, wanta Yuusufiin muudateedha. Rabbiin sababa obboleeyyan isaa eelatti isa darbaniin Misir keessatti sadarkaa fi aango ol’aanaatti isa geesse. Kuni Yuusufif mararfannaadha, akkasumas, haala dhokataan bakka ol’aanaa isa geessudha. Akkuma irranitti jenne Laxiif -Hojiwwan fedhe tartiiba qabsiisuu fi galmaan gahuuf tarkaanfilee dhokatoo fi baay’ee gaarii kan fudhatu; iccitiiwwan garmalee dhokatoo kan beekudha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa Al-Laxiif waan ta’eef hojiiwwanii fi karoora Isaa haala namni hin hubannee fi hin argineen galmaan gaha.

Mee ilaali, akkaataa Rabbiin Yuusufin bakka ol’aanaa geesse hiika Al-Laxiif sirritti ibsa. Eenyutu mucaan kuni eela keessaa baraaramuu fi mana hidhaa keessaa baafamuun bulchaa ol’aana biyya Misir ta’a jedhe yaadee? Eelatti darbamuun, Misiritti akka gabraatti gurguramuu fi mana hidhaatti darbamuun tarkaanfilee dhokatoo sadarkaa ol’aanatti Yusufin geessaniidha. Tarkaanfilee dhokatoo kanniin Rabbiin malee eenyullee hin fudhatu. Akkasumas, qormaataa fi rakkoolee kanniin keessaa isa baasun, beekumsaa fi qananii baay’ee isaaf kennuun mararfannaa Rabbii agarsiisa.

Wanti asirraa hubannu, rakkoolee fi qormaanni nu qunnaman tarii sadarkaa ol’aana irra nu geessu danda’u. Kanaafu, obsuu fi taqwaa qabaachu barbaachisa. Kanaafi, suurah (boqonnaa) tana keessatti irra deddeebi’un obsaa fi taqwaa kaasa.

“Dhugumatti Inni Al-Aliim (Beekaadha), Al-Hakiim (Ogeessa).” Kana jechuun Rabbiin wanta hundaa kan beekudha. Al-Hakiim-wanta hundaa bakka isaaf malu kan kaa’u, dhimmoota hundaa yeroo isaaniif murtaa’e keessatti galmaan kan gahuudha.[5] Yuusuf (aleyh salaam) yommuu ajalli isaa dhiyaatu, Gooftaa isaa haala kanaan kadhate:

12:101

 

Gooftaa kiyya! Mootummaa irraa [qooda wayii] naaf kennite, hiika abjuu na barsiiste, [Yaa] Uumaa samiwwanii fi dachii, Ati addunyaa fi Aakhiratti Tiiksaa kiyya, Muslima godhi na ajjeessi, warra gaggaariittis na dabali.” [Suuratu Yuusuf 12:101]

Yuusuf (aleyh salaam) du’aayi kana Gooftaa isaa faarsu fi qananii Inni irratti oolu amanuun jalqabe. Kana sababa baay’eef hojjate. Karaan hundarra gaariin Rabbiin itti galateeffatan, qananii fi tola Isaa dubbachuudha. Qananiiwwan Isaatiif Rabbiin galateeffachuun tola dabalataa argachuutti nama geessa. Akkuma Rabbiin olta’aan jedhe: “Yoo galateeffatan, isiniif dabala.” Suuratu Ibraahim 14:7

Yuusuf akkana jechuun qananii Rabbiin isatti oole dubbate: “Gooftaa kiyya! Mootummaa irraa [qooda wayii] naaf kennite, hiika abjuu na barsiiste”

Rabbiin Yuusufif mootummaa Isaa irraa aangoo muraasa kenneef. Akkasumas, beekumsa Isaa daangaa hin qabne irraa beekumsa abjuu hiiku Yuusufiif kenne. Yuusuf ni jedhe, “Mootummaa (aangoo) irraa qooda wayii naaf kennite…” Kana jechuun aangoo ministeera diinagde. Aangoo Rabbiitiin yommuu wal bira qabamu aangoon ministeera diinagde xiqqoodha. Akkasumas, beekumsa Rabbiitiin yommuu wal bira qabamu beekumsi abjuu hiiku xiqqaadha.

“[Yaa] Uumaa samiwwanii fi dachii”

Faaxir jechuun dhabama irraa kan argamsiisuu (uumudha). Qur’aana keessatti wanti maqaa “Al-Faaxir” jedhu booda dhufu samaawati wal-ard (samiiwwanii fi dachii) dha. Al-Faaxir Rabbi qofaaf itti fayyadaman. Sababni isaas, Isa qofatu wantoota dhabama irraa uuma. Boca umamtootaa jijjiruu qofa osoo hin ta’in dhabama irraa argamsiisa. Ilmi namaa immoo wanta Rabbiin dursee uume fooyyessa ykn jijjira.

“Ati addunyaa fi Aakhiratti Tiiksaa kiyya.” Yuusuf maqaa Rabbi kan biraatti fayyadame. Al-Waliyy- hiikni isaa Tiiksaa fi Hiriyyaa. Al-Mawlaa fi Al-Waliyy maqaalee Rabbii hiika wal fakkaatu qabaniidha. Sababni isaas, lamaanu hundee tokko irraa dhufan. Hundeen kunis jecha “yali” jedhuudha. Yali jechuun wanta tokkotti ykn nama tokkotti aanu (dhiyaatu).  Kanaafu, Al-Waliyy jechuun Dhiyoo kan ta’ee jechuudha. Arabiffa keessatti deeggartoonni, maatii fi eegdonni nama tokkoo waliyy jedhamu. Qur’aanni Rabbin waliyyi mu’mintoota fi yatimootaa akka ta’etti ibsa.

Yuusuf naamusa du’aayi erga hordofee booda wanta Gooftaa isaa irraa kajeelu dubbate: “Muslima godhi na ajjeessi…” Du’aayin isaa hiika gadi fagoo qabdi. Jalqaba qananii Rabbiin isarratti oole ni amane. Garuu amma wanta san caalaa qaali (baay’ee barbaachisaa) ta’e kadhate. Wanti kunis: Islaama irratti du’uudha. Tuqaa kana irratti garmalee itti xinxalluu qabna. Sababni isaas, xumura irratti wanti garmalee murteessaan Rabbiif kan ajajamnu (Muslimoota) taane Isa qunnamuudha.[6]

Kanaafi, Yuusuf (aleyh salaam) Islaama irratti du’uu Gooftaa isaa irraa kajeele. Rabbiin olta’aan: “Yaa warra amantan! Sodaa dhugaa Rabbiin sodaadhaa, Muslimoota taatanii malee hin du’inaa.[7] jechuun gabroota Isaatiif dhaame. Sababni isaas, nama tokkoof kabajni hundarra guddaan mu’mina tawhiida qabu ta’ee du’uudha.[8]

Yuusuf itti aanse “warra gaggaariittis na dabali.” Jechuun kadhate. Kunis hiika gadi fagoo kan qabuudha. Yuusuf jireenya itti aantu (Aakhiraa) keessatti warra gaggaarii waliin akka Rabbiin isa kaasu kadhate. Garee namootaa amala gaggaarii addaa qaban keessaa tokko ta’uu barbaade. Warri gaggaariin kunniin nabiyyoota. Kuni barbaachisummaa hiriyummaa gaarii barbaadu agarsiisa. Nabiyyiin (sallallahu aleyh wassallam) akkana jedhan: “Namtichi amanti jaalallo (hiriyyaa garmalee wal jaallatanii) irra ta’a. Kanaafu, tokkoon keessan nama waliin hiriyyoomu sirritti haa ilaalu.” (Sunan Al-Tirmizi 2378) Haala wali-galaatiin yommuu ilaallamu namni amala namoota isatti dhiyoo ta’anii kooppi godha. kanaafu, namoonni gaggaarii fi hiriyyoonni isaanii gaggaariin Aakhiratti walitti fidamu.

Jechoota gabaabdu hiika gadi fagoo qaban kanaan Yuusuf tawhiida, guutummaa maqaalee fi amaloota Rabbii, dhugaadhaan Rabbiif harka kennuu isaa ni mirkaneesse. Du’aayi waa baay’ee of keessatti hammattee tanaan seenaan Yuusuf guduunfa baay’ee bareedaa ta’een xumurame. [9]

Guduunfaa
✏Dhugumatti seenaa Yuusuf irraa barnoota guddaa arganne jirra. Seenaa kana irraa barnoonni guddaan keessa kiyya tuqe: tawaadu’u (of-gadi qabuu) fi dhiifama namaaf gochuudha. Dhugumatti, baay’een keenya yeroo milkaa’inna guddaa irra geenyu, milkaa’inni kuni Rabbiin irraa akka ta’e dagachuun “Natu akkana godhe, kana galmaan gahe” jenne dhaadanna. Garuu Yuusuf milkaa’innaa fi qananii argate hunda gara Rabbiitti deebise. ‘Rabbiitu qananii kana hunda naaf kenne.’ jechuun of-gadi qabe. Kuni amala gaarii hundi keenya qalbii keessatti dagaagsu qabnuudha.

✏Ammas, yommuu namni nu miidhu isaaf dhiifama gochuun garmalee nutti ulfaata. Kunoo Yuusuf obboleeyyan isaa qilee du’aa irra isa geessaniif dhiifama godhe. Of-gadi qabuu fi dhiifama gochuun sadarkaa nama olkaasa. Rasuulli (S.A.W) akkana jedhan:
وَمَا زَادَ اللَّهُ رَجُلاً بِعَفْوٍ إِلاَّ عِزًّا وَمَا تَوَاضَعَ أَحَدٌ لِلَّهِ إِلاَّ رَفَعَهُ اللَّهُ ‏”
Rabbiin namticha dhiifama namaaf godhuuf kabaja (jabeenya) malee hin dabaluuf, eenyullee Rabbiif jedhee gadi of hin qabu, Rabbiin sadarkaa isaa yoo olkaase malee.” Jaami’u Tirmizi 2029

Asitti of-gadi qabuu jechuun qalbiin of gadi qabuu fi of-tuuluu (boonu) dhiisudha.


[1] Tafsiir Muyassar[2] Ma’aariju Tafakkur- 10/736, Lessons from Suurah Yuusuf-Yaasir Qaadi-fuula-151[3] Lessons from Suurah Yuusuf-Yaasir Qaadi-fuula 149-150[4] Ma’aariju Tafakkur-10/741, Madda olii, https://www.kuranvemeali.com/yusuf-suresi/99-ayeti-tefsiri[5] Tafsiir Sa’dii[6] Lessons from Suurah Yuusuf-Yaasir Qaadi-fuula 154-155[7] (Suuratu Aali-Imraan 3:102)[8] https://www.kuranvemeali.com/yusuf-suresi/101-ayeti-tefsiri[9] Lessons from Suurah Yuusuf-Yaasir Qaadi-fuula 155-156

Print Friendly, PDF & Email
Tafsiira Suuratu Yuusuf-Kutaa 26
Tafsiira Suuratu Yuusuf-Kutaa 24

Leave a Reply