Tafsiira Suuratu Yuusuf-Kutaa 23

Kutaa darbee keessatti Nabii Ya’quub (aleyh salaam) sababa Yuusufin dhabeen gadda isaa yeroo dheeraaf liqimsaa fi dhoksaa akka ture, yommuu ilmaan lamaan jalaa badan gadda kana arraba irratti baase akka dubbate ilaalle jirra. Har’as itti fufuun kutaa hafe ilaalla.

12:85

Ni jedhan, “Rabbiitti kakannee! Hanga garmalee dhukkubsatte du’atti dhiyaatutti yookiin warra du’an keessaa tokko taatutti Yuusufin yaadachu hin dhiistu.”  [Suuratu Yuusuf 12:85]

Yommuu Ya’quub “Yuusufin irratti yaa gadda kiyya” jedhu, ilmaan ni dhagahan. Ergasii akkana isaan jedhan: “Rabbiin kakanne! Sababa gaddaatiin garmalee dhukkubsatte hanga du’atti dhiyaatutti ykn lubbuun si keessaa bahuun warra du’an keessaa tokko taatutti Yuusufin yaadachuu hin dhiistu. Nafsee tee irratti laaffisi.”

12:86

Innis ni jedhe, “Yaaddoo fi gadda kiyya Rabbiin qofatti himadha. Wanta isin Rabbiin irraa hin beekne ani nan beeka.” (Suuratu Yuusuf 12:86)

Ya’quubis akkana jechuun ilmaan isaatti deebise: ‘Yaaddoo fi gadda kiyya Rabbiin qofatti himadha. Inni rakkoo fi balaa Kan namarraa kaasudha. Wanta isin hin beekne ani Rabbiin irraa nan beeka.

Asitti Ya’quub maal jechuu barbaadee? Ilmaan isaa osoo beeku baatanillee, Ya’quub waa’ee abjuu Yuusuf sirritti beeka. Kanaafu, Ya’quub Yuusuf lubbuun akka jiru ni beeke. Ta’uu baannan, abjuun tuni akkamitti dhugaa ta’uu dandeessi? Wanti Ya’quub hin beekne Yuusuf eessaa fi haala akkami keessa akka jiruudha.  

Seenan Ya’quub rakkoo fi gadda ofii Rabbiitti himachuun mallattoo iimaanaa akka ta’e nu barsisa. Nabiyyiin keenya (SAW) erga ummanni Xaa’if ergaa isaa didanii fi dhagaa isatti darbachuun isa dhiigsanii booda wantuma wal fakkaatu hojjate. Rabbiitti himachuu jechuun rakkoo ofii dubbachuun rahmata akka namaaf godhu Isatti warwaachudha. Rahmata Rabbii yoo hin barbaadin rahmata eenyu barbaannaa? Jechi ‘Innamaa’ jedhu ‘qofa’ agarsiisa, “Tokkichi ani itti himadhu Rabbiin qofa. Mararfannaa keessan hin barbaadu.” Wanti amantin keenya dhoowwu Rabbiin himachuudha. Fakkeenyaf akkana jechuu, “Kuni akka narratti raawwatamu maaliif hayyamtaa? Kuni haqummaa miti.” [1]

12:87

Yaa ilmaan kiyya! Deemaatii Yuusufi fi obboleessa isaa iyyaafadhaa, rahmata Rabbii irraa abdii hin muratinaa. Namoota kaafirota malee kan rahmata Rabbii irraa abdii muratu hin jiru. [Suuratu Yuusuf 12:87]
Ya’quub (aleyh salaam) ilmaan isaatiin akkana jedhe: “Gara Misir deemaatii oduu Yuusufi fi obboleessa isaa funaanaa. Waa’ee isaanii qorachuu irraa hin dadhabinaa. Rahmata Rabbii irraa abdii hin kutatinaa. Dhugumatti, abdiin wanta abdatan argachuuf akka carraaqan nama taasisa. Abdii kutuun immoo akka ceem’anii fi harka maratanii taa’an nama taasisa. Wanti hundarra caalaa gabroonni abdatan tolaa fi rahmata Rabbiiti. Dhugumatti namoota kafaran malee rahmata Rabbii irraa abdii kan muratu hin jiru. Sababni isaas, isaan waan kafaraniif (hin amanneef) rahmata Rabbii akka fagootti ilaalu. Rahmanni Isaa isaan irraa fagoodha. Kanaafu, kaafirootaan wal hin fakkaatinaa.[2]   

Akka lugaatti jechi rawh jedhu hiika ‘afuura baafachu, boqachuu fi rahmata’ qaba. Kana keessaa hiikni wali galaa “rahmata”. Sababni isaas, rahmanni boqonnaa ba’aa rakkoo, yaaddoo fi gaddaa irraa ittiin boqotan fiddi.[3]

Rakkoon nabii Ya’quub (aleyh salaam) keessa jiru rakkoo cimaa qoma fi nafsee isaa dhiphiseedha. Kanaafu, kana keessaa bahuun afuura baafachu (boqochuu) barbaade. Rahmanni Rabbii boqonnaa kana kan of keessaa qabduudha. Kanaafu, rahmata boqonnaa of keessaa qabdu tanarraa abdii hin muratinaa jechuun ijoollee isaatiif dhaame. Kaafironni rahmata tanarraa abdii muratu. Rakkoo keessaa hin baanu jechuun abdii kutu. Asirraa wanti hubannu,

  • Mu’mintoonni rahmata Rabbii irraa abdii hin muratan. Sababni isaas, isaan Rabbiin gabroota Isaatiif rahmata kan godhuu fi wanta hunda irratti danda’aa akka ta’e ni beeku. Rakkoo keessa jiran kana keessaa isaan baasu irratti danda’aadha. Kanaafu yoo gara Isaatti dheessanii Isa kadhatan, rahmata isaaniif gochuun rakkoo kana keessaa isaan baasa.
  • Kaafironni immoo rahmataa fi dandeetti Rabbii waan hin beeknee fi itti hin amanneef, rahmata Isaa irraa abdii muratu. Mee ilaali, yeroo cinqiin garmalee jabaatu, kaafironni abdii murachuun of ajjeesu. Cinqii kana keessaa Rabbiin nama baasa jedhanii waan hin abdanneef lubbuu ofii galaafatu. Mu’mintoonni immoo yeroo cinqii gara Rabbii olta’aatti dheessun Isa kadhatu, rahmata Isaa ni kajeelu, abdii hin kutan. Abdiin kuni isaan tasgabbeessa.   

Yeroo sadaffaaf Yuusufin Wal Qunnamu fi Yuusuf Eenyummaa Isaa Ifatti Baasu

12:88

Yommuu isatti seenan, ni jedhan, “Yaa Aziiz! Rakkoon nuu fi maatii keenya muudate, mi’a daldalaa (maallaqa) yartuu taate finne. Kanaafu, safara nuuf guuti, nurrattis sadaqadhu. Dhugumatti Rabbiin warra sadaqatan ni mindeessa.” [Suuratu Yuusuf 12:88]

Obboleeyyan Yuusuf abbaa isaanitiif ajajamuun gara Misir ni deeman. Misiriin gahanii yommuu Yuusufitti seenan akkana jedhan: “Yaa Aziiz (Yaa Bulchaa biyyatti)! Hoongee fi beelli nuu fi maatii keenya muudate, maallaqa xiqqoo qabnu finne. Kanaafu, midhaan safara guutuun nuuf safari, dabalataanis nurratti sadaqadhu. Dhugumatti Rabbiin warra sadaqatan mindaa gaarii kennaaf.

Isaan hanga ammaatu bulchaan Misir kuni Yuusufin akka ta’e hin beekan. Yuusuf yommuu obboleeyyan isaa kunniin ciminna rakkoo kana isatti himatan, abbaa fi isaaniif mararfannaa guddaa mararfate. Kanaafu, eenyummaa isaa isaaniif labsu barbaade:

12:89

[Yuusufis] ni jedhe, “Yeroo wallaaltota turtan [sanitti] sila wanta Yuusufi fi obboleessa isaatti hojjattan beektuu?” [Suuratu Yuusuf 12:89]
Yuusuf eenyummaa isaa obboleeyyan isaatti ifa gochuuf yeroo kana ni filate. Akkana jechuun gaafi gaafachuun jalqabe: “… wanta Yuusufi fi obboleessa isaatti hojjattan beektuu?” Mee itti yaadi, ministeerri Ijipt kuni Yuusufin maqaa dhayuu kanaan obboleeyyan isaa kunniin rifannoo akkami akka rifatan! Akkamitti ministeerri kuni obboleessa isaanii bara dheeraan dura badee fi wanta isatti raawwatamee beeku danda’ee? Obboleeyyan kunniin iccitii kana sirritti hin eegnee?

Yuusuf miira yakkummaa isaanii hir’isuuf maq-dhaala ramaddi sadaffaa fayyadame. (Inni mataan isaatu Yuusufin ta’ee osoo jiru, “wanta Yuusufi fi obboleessa isaatti hojjattan beektuu?” jechuun gaafate.) Akkasumas, “Yeroo wallaaltota turtan [sanitti]…” jechuun uzrii (sababa) isaaniif dhiyeesse. Wallaalummaan kuni xumura badaa hojii isaanii walaalluudha. Akka yaadaa isaaniitti Yuusufin ija abbaa keenya fuunduraa balleessine jaalala isaa arganna kan jedhu ture. Garuu kuni wallaalummaadha. Akkamitti nama jalaa jaallatamaa isaa balleessitee jaalala nama kanaa argattaa? Waallalummaa irraa kan ka’e Yuusufin eelatti darban. Amma Yuusuf isaan salphisuu fi adabuuf dandeetti haa qabaatuyyu malee inni kana hin goone. Inumaa isaan hin qeeqne. Kana irra, uzrii isaaniif barbaade.  Kuni gaarummaa amala Yuusuf agarsiisa.

 Obboleeyyan wanti isaan hin eegne yommuu isaan muudatu, rifannaa isaanii dhoksuu hin dandeenye:

12:90

Isaanis ni jedhan, “Dhugumatti ati Yuusufi?” Innis, ‘Ani Yuusufi. Kuni obboleessa kiyya. Dhugumatti Rabbiin tola nutti oolee jira. Dhugumatti, namni Rabbiin sodaatee fi obsee, dhugumatti Rabbiin mindaa toltuu hojjattootaa hin balleessu.” jedhe. [Suuratu Yuusuf 12:90]

Obboleeyyan Yuusuf kan isaan dubbisu kuni Yuusufin akka ta’e ni beekan. Garuu amanuun isaanitti ulfaate. Kanaafu, “Dhugumatti ati Yuusufi?” jechuun gaafatan. Innis, “Eeyyen ani Yuusufi. Kuni obboleessa kiyya Biniyaamiini. Taqwaan, iimaanaan, addunyaa keessatti haala nuuf mijeessuun Rabbiin tola nutti oole. Kunis sababa obsaa fi taqwaatini.”

Yuusuf yoosu wanta gaarii hunda gara Rabbiitti deebise. Akka waan akkana jedhuuti, “Wanti isin argitan kunnin hundi humnaa fi aangoo kiyyaan wanta argamee miti. Ani sadarkaa ol’aana qaba jedhe hin dhaadhessu. Ani nama caalatti dureessaa ta’ee fi aango qabu isinitti agarsiisaa hin jiru. Rabbiitu kana hunda nuuf kenne.” Manna jechuun kennaa ofii itti ifaajani argatan osoo hin ta’in wanta Rabbiin nama badhaasedha.

“…Dhugumatti, namni Rabbiin sodaatee fi obsee, dhugumatti Rabbiin mindaa toltuu hojjattootaa hin balleessu.”

Mee hubadhu, hima jalqabaa keessatti Yuusuf kennaa Rabbiin irraa isaaf kenname ofitti maxxanse (Dhugumatti Rabbiin tola nutti oole jedhe). Asitti immoo maq-dhaala ramaddi sadaffaa fayyadame, “Dhugumatti, namni Rabbiin sodaatee fi obsee…” Inni akkana hin jenne, “Ani nama Rabbiin sodaatu fi obsa qabu ture, kanaafu Rabbiin na badhaase.” Jechoonni hundi Yuusuf itti fayyadame irra deddeebi’uun sadarkaa of gadi qabuu isaa agarsiisu. Haala kana keessatti jecha kana caalaa of gadi qabu agarsiisu yaadu hin dandeenyu. (Ani nama akkana jechuun hin dhaadanne. Qananiin hundi Rabbiin irraa akka ta’e ni amane.)

Yuusuf sabri (obsa) ni dubbate, sababni isaas fedhii Rabbiitin, hanga Rabbiin bulchaa Ijipt taasisuutti eela keessa ergasii gabrummaa fi mana hidhaa keessa kan tureef sababa obsaatini. Akkasumas, taqwaa ni dubbate. Sababni isaas, sababa taqwaatin sagaagalummaa niitin Aziiz itti affeerte hojjachuu dide. Jechoota kanaan ergaa suuratu Yuusuf guduunfu dandeenya: Namni taqwaa fi obsa qabu hundi Rabbiin mindaa gaarii isaaf kenna. (Taqwaa jechuun Rabbiin sodaachudha. Rabbiin sodaachu jechuun qaaman hollachuu fi rifachuu osoo hin ta’in, wanta Inni itti ajaje hojjachuu fi wanta Inni dhoowwe dhiisudha.)

Ergaan kuni obboleeyyan Yuusufifis kan ta’uudha. Yuusuf dhugaadhaan obboleeyyan isaa gara Rabbiitti dhiyeessu barbaade. Gadoo baafachu osoo hin ta’in, fooyya’iinsi wanta garmalee barbaachisaa sammuu mu’mina gaarii keessa jiruudha.[4]

12:91

Isaanis ni jedhan, “Rabbitti kakanne, dhugumatti Rabbiin nurra si filatee jira. Dhugumatti nuti dogongortoota keessaa turre.” [Suuratu Yuusuf 12:91]
Kunoo asitti sammuu obboleeyyan Yuusuf keessatti suuraan wanti duraan isatti hojjatanii ni kaafame. Yommuu Yuusuf wanta badaa isatti hojjatan tola isaanitti oolun isaaniif deebisu, salphinni fi qaaniin guddaan isaan haguuge. Kanaafu akkana jedhan: Rabbiitti kakanne! Dhugumatti Rabbiin nu irra si caalchise jira. Nuti immoo sababa waan badaa sitti hojjanneef dogongorree jirra.”

Obboleyyan Yuusuf Yuusufitti yakka guddaa akka hojjatan ni amanan. Waanyun (hinaaffin) tolli Rabbii nama Inni fedhe gahuu irraa akka hin dhoowwine sirritti hubatanii jiru.  

Yuusuf garmalee qaana’uu fi seena’u isaanii yommuu argu, fakkeenya araarama ol’aanaa agarsiisuun tola isaanitti oole:

12:92

Innis ni jedhe, “Har’a komiin isin irra hin jiru. Rabbiin isiniif haa araaramu. Inni warra rahmata godhan hunda caalaa rahmata kan godhuudha.” [Suuratu Yuusuf 12:92]
Tasriiba jechuun nama tokko badii inni hojjate yaadachiisuu fi waqqasuudha. Yuusuf (aleyh salaam) obboleeyyan isaatiin akkana jedhe: Yaa obboleeyyan kiyya har’a isin qeequn, waqqasuu fi badii keessaniif isin salphisuun hin jiru. Wanta hojjattaniif ani isiniif dhiise. Rabbiin akka isiniif araaramu abdiin qaba. Dhugumatti Inni gabroota Isaatiif warra mararfatan hunda caalaa Kan mararfatuudha.[5]

Kunoo akkana dhimmi namoota gurguddoo! Yommuu adabuuf dandeetti qaban dhiifama godhu. Fakkeenyi gaariin kanaan wal fakkaatu biraa wanta Nabii Muhammad (sallallahu aleyh wassalam) hojjateedha. Yommuu injifannoodhaan Makkaan seenu, warra Makkaa isa rakkisaa fi itti duulaa turaniin akkana jedhe: Deemaa isin gadi dhiifamtoota.”

Karaa kanaan, Yuusuf (aleyh salaam) badii obboleeyyan isaa itti hojjatan akka isaaniif irra darbee fi badii isaanii keessaan karoora Rabbii akka arge ni hubanna. Rabbitu isa qoruuf gabra taasisuun gara Misir fide. Taqwaa fi ihsaanni isaas ifatti bahe. Gamnummaa fi beekumsa ni kenneef. Beekumsa abjuu hiikutiin ni badhaase. Misir keessatti sadarka ol’aana irra gahe kana irra ni geesse. Abbaa, obboleeyyani fi maatii isaa biroo rakkoo keessaa gara biyya badhaadhina qabduutti akka darbaniif sababa taasise. Rabbiin karoora ajaa’ibaa dhokatoo baay’ee qaba.[6]

Guduunfaa:
✏ Rakkoon hanga fedhe haa guddatu, rahmata Rabbii irraa abdii hin muratin. Yaaddoo fi rakkoo kee Rabbii olta’aatti himadhu. Garaagarummaan Rabbiitti himachuu fi Rabbiin himachuu jidduu jiru maalidhaa? Rabbiitti himachuu jechuun gaddaa fi yaaddoo ofii arrabaan dubbachuun akka rakkoo kana keessaa nama baasu Rabbiin kadhachuudha. Kuni akka shari’aatti wanta jajjabefamuu fi jaallatamuudha. Rabbiin himachuu jechuun immoo “Rabbiin maaliif akkana na godha? Maal Isa godhe?…” jedhanii namootatti himachuudha. Kuni akka shari’aatti dhoowwadha.
✏Barruu tana keessatti Yuusuf irraa barnoota gurguddaa lama ni baranna:
1ffaa-Qananii argatan namoota irratti ittiin of tuulu osoo hin ta’in, “Rabbiitu naaf kenne” jechuun of gadi qabu. Mee ilaali wanta Yuusuf jedhe: Ani Yuusufi. Kuni obboleessa kiyya. Dhugumatti Rabbiin tola nutti oolee jira.” Ammas, sababa waa hojjateef qananiin yommuu isaaf dhuftu, ‘Sababa ani kana hojjadheef Rabbiin kana naaf kenne’ hin jenne. Kana irra, namoota irratti of dhaadachu irraa of eeggachuuf akkana jedhe: “…Dhugumatti, namni Rabbiin sodaatee fi obsee, dhugumatti Rabbiin mindaa toltuu hojjattootaa hin balleessu.”
2ffaa-Yommuu dhiifama namaaf godhan, dilii (cubbuu) fi dogongora namni suni raawwate deddeebisuun isa yaadachisuu dhiisu. Akkasumas, eebalu akkana na godhe jedhanii namootatti himu dhiisu. Yuusuf ‘Har’a tasriibni isin irra hin jiru.’ jechuun obboleeyyan isaatiif dhiifama godhe. Tasriiba jechuun waqqasu, badii fi dogongora darbe nama yaadachiisuudha. Kunoo amalli namoota gurguddoo akkanaa kaa!


[1] Lesson from Surah Yuusuf-Yaasir Qaadi [2] Tafsiir Sa’dii [3] Ma’aariju Tafakkur wa daqaa’iqu tadabbur-10/725 [4] Lesson from Surah Yuusuf-Yaasir Qaadi [5] Al_wasiix [6] Ma’aarij Tafakkur-10/728-729

Print Friendly, PDF & Email
Tafsiira Suuratu Yuusuf-Kutaa 24
Tafsiira Suuratu Yuusuf-Kutaa 22

Leave a Reply