Beekumsi Islaama Nama Hunda Haa Gahu

Tarii dubbistoonni websaayiti kana daawwattan interneeti waan qabdaniif beekumsa asirra argamu haala salphaan guduunfattu. Garuu namoonni baay’een interneeti waan hin qabneef beekumsi kuni isaan gahaa hin jiru. Kanaafu falli maali ree? Falli isaa bakka interneetin hin jirre kitaaba maxxansuun isaanitti geessudha. Tarii torbaanitti maallaqni interneeti irratti fixnu birr 24. Ji’atti immoo birr 96 ta’a. Tarii wanti interneetin arganne baduu danda’a. Kitaaba armaan gadi birr 65 yoo maxxansine jireenya guutuu nu waliin tura, dhaloota irraa dhalootatti darba. Nama baay’eetu irraa fayyadama.

Kanaafu kitaaba kana waliin maxxansuuf kaayyefannee jirra. Isin qophiidhaa? Maqaan kitaabichaa: “Hiika Islaamaa fi Laa Ilaah illallah” Maaliif kitaabni kuni filatame?
A- Namoonni baay’een hiika Islaama fi Laa ilaah illallah hin beekan. Islaamni fi Laa ilaaah illallah immoo karaa tokkicha adabbii addunyaa fi Aakhirah jalaa ittiin baraaramaniidha. Kanaafu, namni hiika wanta tokkoo beeke hojii irra yoo hin oolchin akkamitti wanta saniin baraaramaa?
B-Namoonni amantin kamtu haqa akka ta’e beekuuf garmalee dhama’u. Inumaa amanti sobaa haqa akka ta’etti ilaalun hordofu. Kitaabni kuni Islaamni maaliif amanti haqa akka ta’e, amantiwwan biroo maaliif soba akka ta’an, namni Islaaman ala amanti biraa hordofee maaliif hojiin isaa Rabbiin biratti fudhatama akka hin argannee fi Aakhiratti (jireenya boodaatti) kasaaru ni ibsa. Kuni beekumsa baay’ee barbaachisa namni hunduu beeku qabuudha.
C-Haala salphaan kan qophaa’e fi fuulli isaa garmalee kan hin baay’anneedha. Fuula 152 dha.Kitaaba kana maxxansinee raabsuuf tokkicha isaa birr 65 qabne jirra. Kanaafu, namni kitaabni kuni akka maxxanfamu barbaadu xiqqaate xiqqaatu birri 65 kafalu danda`a.

Gaafin akkana jedhu ka’u danda’a: ‘Ati ofii maxxansitee gabayaa irra maaliif hin oolchine?’ Deebiin:
i-Haala ummataa kan beeku namuma ummata san keessa jiraatudha. Kanaafu, dubbistoonni wanta naannoo isaanitti adeemsifamu waan beekaniif matama ofiiti yoo maxxansanii naannoo sanitti raabsan bu’aan isaa guddaadha. Manni Maxxansaa Najjaashi yeroo tokko akkana jedhe ture: “Kitaabban baay’een gabaya irra ni oolu. Garuu hangas mara bitamaa hin jiran. Haa ta’uu malee, namni dhuunfaa yommuu naannoo isaatti raabsu kitaabni suni bal’innaan raabsama.”
ii-Namni wanta tokkotti xiyyeefanno kan kennu humna, qabeenyaa fi yeroo isaa yoo itti baasedha. Kitaaba kana yoo ofii maxxansan, qabeenya isaanii irra hamma ta’e, humna fi yeroo isaanii ni baasu. ‘Kuni kitaaba ani maallaqa itti baasun maxxanse’ yaanni jedhu isaan keessatti waan uumamuuf xiyyeefannoo itti kennuun dubbisu.
iii-Kheeyri irratti wal gargaaru fi wal jabeessu. Qur’aana keessatti: “Toltuu fi Sodaa Rabbii irratti wal gargaara.” Suuratu Al-Maa’ida 5:2 Namni yoo waliin hojjate bu’a-qabeessa ta’a. Tarii kitaabni har’a waliin maxxansinu kuni kitaabban biroo akka maxxanfamanii fi hojii biroo dabalata akka hojjatamu sababa ta’uu danda’a.

Adeemsa maxxansuu fi raabsu:
1ffaa-Namni fedhe maallaqa karaa baankitiin ni galcha. Kitaaba tokko fudhachuu yoo barbaade birr 65 galcha. 2 fudhachu yoo barbaade 130, hamma kitaaba fudhachu barbaaden baay’ise galchu danda’a. Namni naannoo isaatti kitaaba 100 raabsu barbaade qarshii 5000 galchu danda’a. Kuni haala gabayaati, namni kitaaba baay’ee bitu gatii isaa ni hir’isuuf. Kaayyoon keenya guddaan bu`aa maallaqa argachuu osoo hin ta`in beekumsi kuni ummata bira akka gahuufi. Osoo kaayyon keenya kana ta`e sila maxxansun dura kitaaba kana interneeti irratti gadi hin furru turre.
2ffaa-Hammi maallaqa ittiin maxxansan walitti yoo qabame, qajeelotti mana maxxansaa deemun wali galte mallattessinee maxxansu jalqabsiisna. Akka warri maxxansa natti himanitti rakkoon yoo hin uumamin yeroon maxxansa ji`a tokko fudhata.
3ffaa-Maxxanfame erga xumurame booda namoota maallaqa galchaniif kitaabni ni kennama. Takkaa mataa ofiitin dhufuun takka nama erguun takkaa immoo yoo danda`ame bakka jiraanitti isaaniif erguun kitaabichi ni raabsama.
Maallaqni ittiin maxxansan gahaa yoo hin ta’in namoota maallaqa erganiif akkaawunti isaanii irratti isaaniif deebi’a.

Maallaqa bankiitti galchuuf:
-Baanki dhaquun akkaawunti armaan gadii irratti galchuu
-Nagahee (receipt) fudhachuu-Nagahee kana karaa fesbuukitin ykn teleegiraamitiin nu bira gahu qaba
-Nagaheen kuni gatamu hin qabu. Sababni isaas, yeroo kitaaba fudhatan nagahee kana agarsiisuun dirqama. Kitaabichi osoo hin maxxanfamin yoo hafe immoo, maallaqni nagahee kanaan abbichaaf deebi`a. Baanki akkaawunti CBE (Baanki Daldala Itiyoophiya-Nigd Bank): 1000378272867 (Jibril Abdela Ismael). Karaa fesbuukitiin ykn teleegiraamitiin nagahee ergu dandeessu. Lakk. Telegiraami: +905070617609 (Biyya Turkii jiraachaa waan tureef kuni lakkoofsa telegraami fi whatsappiif itti fayyadamuudha. Whatsappinis qunnamu dandeessu)

Amaanaa isinitti haa ta’u: Yommuu maallaqa galchitan baanki irraa nagahee (risiiti) fudhaa. Nagahee keessan erga fudhattanii booda suuraa kaasun toora fesbuukitin ykn telegiraamitiin ergaa.

Wanti shakkitan tokkollee hin jiru. Kitaabichi yoo maxxanfame kitaabni isin gaha. Yoo maxxanfamu baate immoo maallaqni isiniif deebi’a. Birr 65 homaayyu miti. Qarshii hanganaatiif jenne baanki hin dhaabbannu yoo jettan, mobaayil banking galchuu dandeessu. Garuu of eeggannoo kana gochuu qabdu: Yommuu maallaqni galuu isa “Complete” jechuun agarsiisu screen shot godha. Yoo hin danda’amin immoo mobaayili birootin suuraa kaasa. Ergasii telegraamin nuuf ergaa.

Print Friendly, PDF & Email

2 comments

Leave a Reply