Sababoota fi Furmaata Waliin Oduu Warra Duubatti Deebi’anii-kutaa 14.1

Yeroo ijoollummaa kootti yommuu namoota khaatima badaa irratti du’an dhagayu, maaltu khaatima badaatti akka isaan geessu beekuuf hawwii guddaan qabaa ture. Alhamdulillah haala guutuu ta’een kitaaba ‘Min akhbaaril muntakisiina’ jedhu keessatti argachuu kootiif gammachuu guddaatu natti dhagayama. Kanaafu, gammachuu kana isiniif qoodu fi balaa khaatima badaa irratti du’uu irraa akka of eegnuf kitaaba kana gara Afaan Oromootti hiikaa jira. Xumuruuf fuula muraasatu hafe. Hanga hiikkame haala kanaan gabaabsine dhiyeessu itti fufna. Amma mee sababa 15ffaa haa ilaallu.

15-Al-Ghuruur

Dr. Muhammad Sayyid Nuuh kitaaba isaa `Afaatu Ala Xariiqi` jedhu keessatti wanta inni dubbateen mata duree kana jalqaba. Akkana jechuun al-guruura hike: al-guruur jechuun hanga wanta namoota biroo irraa bahu hunda tuffatuu fi gadi xiqqeessu gahuutti namni tokko of dinqisiifachuudha. (Namni kuni namootaa fi hojii isaanii ni tuffata, mataa ofii ni dinqisiifata.)` Dr. Muhammad sababoota fi wantoota of dinqisiifachuu agarsiisan ni kaasa. Gabaabbinnaan asitti nan kaasa.

Sababoota of-dinqisiifachuu keessaa:
-Manni dhiibbaa ol`aanaa irratti uumu. Mana namoonni of-dinqisiifatan keessa jiran keessatti ilmi ni guddata. Innis akkuma isaanii of dinqisifata.

Dargaggeessi nu keessaa guddatu ni guddataa
Wanta abbaan isaa isa barsiisaa turee irrattii

-Namoonni biroo isa faarsuu fi faarsuu keessatti daangaa shari`aan kaa`etti xiyyeefannoo kennu dhiisu
-Faarsuu kijibaa. Kunis wanta nama keessa hin jirreen isa jajuu
-Namoota dhibee naqarsaa kanaan qoraman waliin hiriyyoomu
-Namoota biroo tuffachuu itti fufuu, gowwaa akka ta`anitti ilaaluu fi amala gaarii isaanii amanu dhiisu.
-Bilchaachu fi haala guutuun leenji`uun dura hojiif gara fuunduraatti bahuu. (Fakkeenyaaf, osoo sirriitti barnoota diinii hin baratiin namoota barsiisuuf masjiida keessatti gara fuunduraatti bahuu.)
-Hiyyeeyyi, miskinoota fi kanneen isaan fakkaatan biroo tuffachuu

-Haqiiqaa nafsee dagachuu fi wallaalu. Jalqabni ishii copha bishaaniti. Xumurri ishii immoo raqa ajaa`adha.
-Namni nafsee ofii ilaalchisee baay`isee dubbachuu fi jajuu
-Nama biraatiif ajajamuu fi masakamuun garmalee itti ulfaachu. Sababni isaas, inni nama hunda akka caalu godhee of ilaala.
-Sanyiin isaa kabajamtu ta`uu
-Qajeelfama bu`uuraa shari`aa osoo hin beekin namoonni isa kabajuu fi isaaf ajajamuu
-Miidhaa nafsee ofii dinqisiifachuun qabuu wallaalu
-Beekumsa addaa fi ajaa`ibaa ta`eetti lixuu.

Of-dinqisiifachuu irraa wanta argamu:

  • Wal falmii fi mormiitti kufuu
  • Dachii keessatti of tuuluu
  • Yaada kiyya qofatu ta`a jechuu
  • Ummanni fi namoonni dhuunfaa isa jibbu. Jibbinsi kunis diinotaaf haala salphaan akka adamamu isa taasisa.

Mallattoolee of dinqisiifachuu keessaa tokko:
– Namoota biro tufachuu fi nafsee ofii qulqulleessudha. (Dubbiin Dr. Muhammad Nuuh asumatti xumurama.)
-Gorsa fudhachuu didu keessumaayyu namoota isaa gadi jiran irraa gorsa fudhachuu diduu fi aybii (hanqinnaa fi balleessaa) namoota biroo yommuu dhagayuu gammadu.

Kana booda badiin kuni badii dhoksaa namni isaan tuqamee ofirratti hin beekne fi hin amanne akka ta`e ibsuu barbaada. Kuni wanta ulfaatinna isaa dabaluudha. Osoo namni of dinqisiifatu hundee fi xumura isaa beekee, ammas inni kanaan (of dinqisiifachuun) dachii akka hin urree fi dheerinnaan gaaraa akka hin geenye beekee silaa jallinna isaatti hin lixu ture.

Akka garmalee ol hin guddisneef of-dinqiisifachuun wantoota armaan gadii keessaa tokko irraa madda:
A-Qabeenya:
Namoota Rabbiin duroomsee fi qabeenya isaaniif bal`isee keessaa gariin Rabbiin hin galateefatan. Namoota biroo gadi xiqqeessu, akka gabricha isaaniitti isaan godhatu.  Kuni wanta kufriif isaan saaxilu ta`uu danda`a. Kanarratti fakkeenyi hundarra ifa ta`e: Qaaruun, warra Ashaakilti (suuratu Qalam keessatti dubbataman), abbicha Ashaakiltii lamaa suuratu Al-Kahf keessatti dubbatamedha.

B-Beekkamtii fi Iddoo ol`aanaa qabaachu:
Namoonni iddoo ol`aanaa qaban gariin namummaa namoota biroo itti amananii hin fudhatan. Miira isaanii hin kabajan. Isaan tuffatu, gadi xiqqeessu. Haqaa fi bakka akka qabaniitti hin ilaalu. Gama kanaan sababa of-dinqisiifachuun namoota of duuba deebi`an keessaa tokko: Jublah ibn Ayham.

C-Beekumsa:
Rabbiin azza wajalla uumamtoota Isaa garii irratti beekumsa, loojikii, falmii fi fageessanii yaadu ni banaaf. Garuu namni qananii kana bakka isaatti itti hin fayyadamu. Kan inni itti fayyadamu namoota biratti sadarkaa isaa dabalachuuf, namoota gowwoota ta`an falmuu, hayyoota ittiin mormuu fi namoota biroott mul`achuuf itti fayyadama. Namoota fuunduratti bahuu fi fatwa kennu jaallata. Osoo inni jiru namni biro gaafi yoo gaafatamee dallansuun isatti dhagayama. Inumaa, gaafi isatti hin qajeelfamne deebisuuf ariifata. Warra beekumsa qaban gowwaa akka ta`anitti yommuu ilaaluu, fatwa isaanii qeequ fi arrabsuu, kabaja isaanii hir`isuu ni argita. Sadarkaa isaanii, gatii beekumsa isaaniitii fi gara Islaamatti dursuu isaaniitiif qooda isaan qaban hin dubbatu.

Dogongora isaaniitiif ni gammada. Hanga isaan kuffisee ofii ol`aanaa ta`utti dogongora isaanii kana ummatatti labsa. Yommuu wanti inni barbaadu fi alaabaa isaa ittiin ol-qabu galma gahuu dhabuu, geengoo Islaamaa keessaa bahuun geengoo biraa kan kaayyoo ofii galmaan itti gahuutti darba. Mata-duree kana jalatti fakkeenyi kanaa Islaama irraa duubatti deebi`uu Abdullah Al-Qusaymii fi kanneen birooti. Dhugumatti, of dinqisiifachuun balaa badaa fi kallacha irratti mallattoo salphinnaati. (In sha Allah seenaa namticha kanaa gara boodaatti ni ilaalla.)

Dirqamni Muslima irra jiruu qananiin kuni Rabbiin irraa akka ta`ee fi of-dinqisiifachuun galata galchuu dhiisu (kufrii) akka ta`e beeku qaba. Ammas, namoota biroo fi qajeelcha isaanii irraa fayyadamu qaba. Muslimni daaw`iti obboleessa isaa akka ta`e beeku qaba. Qilee badiitti akka isa hin dabarsineef yeroo hundaa nafsee ofii gadi xiqqeessee ilaalu qaba.

Asitti seenaa barataa Afrikaa yuniversitii Imaam Muhammad keessaa eebbifamee bahe tokkoo kaasu barbaada. Barataan kuni beekumsa qulqulluu erga argatee booda ummata barsiisuu fi qajeelchuuf gara biyya isaa deeme. Ergasii namoonni isa faarsu jalqaban. Innis beekumsa shari`aatiin isaan irraa adda waan ta`eef of dinqisiifate. Ergasi namoota biro tuffachuu eegale. Masjiida isaa keessatti daa`iwwan biroo akka dubbatan hin hayyamu. Zamana isaa keessatti inni tokkicha akka ta`etti of ilaale. Namni tokko da`awaa yoo godhee arraba isaa muraa ta`een qeeqa. Isaan ala namni biraa fatwaa yoo gaafatamee dallansuun isarraa ol danfa. Hanga namoonni sababa isaatiin qoomni isaanii dhiphatu gahanitti haala kanaan itti fufe. Ergasii Rabbiin daa`i tokko masjiida isaatti qajeelche. Daa`in kunis waa`ee gadi of qabuu ilaalchisee jecha wayi darbate. Gadi of qabuu sahaabaa tokko ni dubbate. Sahaabaan kuni yommuu aangoo qabatu of-dinqisiifannaan isatti waan dhagahameef, qoraan baadhachuun of ko`oomse.  Seenaan kuni akka harcummee isa rukkutee. Xiqqeenyi nafsee isaatti dhagahame. Jechoota kanaan ergaan isaaf akka ta`e ni hubate. Ergasii inni haala isaa ni jijjire. Amantiin kuni fedhii nafsee guuttachuuf geejjiba akka hin taane ni beeke. Abbichi addunyaa keessatti milkaa`inna hamma ta`e osoo galmaan gaheellee, haalli Aakhirah guutumaan guututti garagara ta`a. Innis gara Rabbii tawbatee deebi`e.

Print Friendly, PDF & Email
Sababoota fi Furmaata Waliin Oduu Warra Duubatti Deebi'anii-Kutaa 14.2
Sababoota fi Furmaata Waliin Oduu Warra Duubatti Deebi'anii-Kutaa 13.2

Leave a Reply