Seenaa Warra Duubatti Deebi’anii-1

Kutaalee darban keessatti sababoota Islaama erga qabatanii booda duubatti akka deebi’an nama taasisan ilaalle turre. Amma immoo kanumaan wal-qabatee seenaalee muraasa ni ilaalla.

Nama Jihaada Keessatti Qorame

Dargaggeessa tokkotu ture. Kitaaba Rabbii sirritti qomatti kan qabate (haffaze) ture. Waa’ee jihaadaa fi wanta Rabbiin warra shahiida ta’aniif qopheesse ni dhagaye. Nafseen isaa sadarkaa guddaa fi kabajaa warra shahiidaa kanaaf kennamu ni dharraate. Kanaafu, wanta addaa kana argachuuf ni murteesse. Gara Bosniyaa ni deeme. Akkuma achi gaheen akka isaaniin wal-qunnamu hiriyyoota isaatiin waadaa walii seenan. Garuu inni osoo isaanin wal hin qunnamin ni ture. Hiriyyoonni isaas oduun isaa waan addaan citeef ni sodaatan. Isa soquuf (barbaaduuf) ni deeman. Ergasii mana alkoolin (khamriin) itti gurguramu tokko keessatti isa argan.

Ammas mujaahinni tokko akkana jechuun natti hime: hiriyyaan waliin deemnu tokko shamarri takka bifa ishiitiin isa gowwoomsite, fooli urgaa’a ishiitiin isa ofitti harkiste. Otobusi keessa turre. Yommuu naannoo tokko geenye, hiriyyaan keenya kuni fi shamarri tuni nu jalaa dhokatan.

Asumaan, dargaggoota nan gorsa: akka sheyxaanaaf adamoo hin taane gara jihaada deemuun dura dhugaa jihaadaa fi fitnaa isa keessa jiru beeku qabu. Akka sheyxaanaaf adamoo hin taane:

  1. Hiriyyoota gaarii ta’an waliin malee gara jihaada akka hin deemne. Sababni isaas, namni adda deemu haala salphaan adaffama.
  2. Beekumsa shari’aa sirritti haa baratan
  3. Hanga danda’aniin iddoo fitnaa irraa haa fagaatan.
  4. Niyyaa isaanii keessatti ikhlaasa haa qabatan, Gooftaa isaanii waliin dhugaa haa ta’an.

Abiidullah Ibn Jahsh

Ibn Sa’d kitaaba isaa ‘Ax-Xabaqaat’ jedhu keessatti akkana jechuun oduu Abiidullah Ibn Jahsh dubbate: Muhammd ibn Umar nutti beeksise, Ismaa’il ibn Amr ibn Sa’iid ibn Aas irraa Abdullah ibn Amr ibn Zuheyr nutti hime: Umm habiibaan akkana jette: Abjuudhaan Abiidullah ibn Jahsh suuraa hundarra fokkuu ta’e irratti isa arge. Ergasii rifadhe akkana jedhe: “Rabbiin kakadhe haalli isaa jijjirame.” Abiidullah akkuma bariisifateen akkana jechuu jalqabe: Yaa umm Habiibah ani amantii keessa ilaale, nasaaraa caalaa amanti gaarii hin argine. Amanti nasaaraa kana hordofaa ture. Ergasii amanti Muhammad keessa nan seene. San booda gara nasaaraatti deebi’e.’ Anis nan jedhe: Rabbiin kakadhe, kheeyrin homaatu siif hin jiru. Abjuu waa’ee isaa ilaalchisee arge isatti hime. Garuu inni xiyeeffannoo itti hin kennine. Hanga du’uutti khamrii (alkooli) irratti gonbifame.”

Ibn Kasiir akkana jechuun itti dabale: Abiidullah Muslimoota tuffataa ture. Akkana isaaniin jechaani ture: nuti argine, isin immoo ni dhamaatan.

Rabbiin kakadhe! Namni tokko seenaa kanaan ni gadda. Namni akkanaa Islaama irraa duubatti ni deebi’a jedhe eenyullee hin eegne. Inumaa wanti adda isa taasisu: namtichi kuni karaa Rabbii keessatti wanta danda’u danda’e, yeroo warri iimaanaa xiqqaa ta’an keessatti amanee jira, azaa Qureeshota irraa isarra gahuurratti obse, maatii fi qabeenya isaa dhiisee amanti isaatiin baqachuuf gara Habashaa godaane. Inumaa dachii itti godaanetti du’e. Dhugumatti, oduu salphinnaa kana booda namni tokko ‘Amanti irratti gadi dhaabbadha, nan tura’ jedhee nafsee ofiitiif wabii hin ta’u… Muslimni amanti isaa irratti of eeggannoo gochuu qaba. Wanta namtichi kuni itti kufetti innis akka itti hin kufneef a’oo isaatiin ciniinee qabachuu qaba (amanti isaa sirratti qabachuu qaba). Ani yommuu Muslimni dhugaa oduu kana dhagayuu, akka dhama’uu fi kufuu irraa sodaachuun harka isaa qalbii isaa irra akka godhu mirkaneeffannaa jala muraa irra jira.

Namni tokko akkana jechuu danda’a: namtichi kuni maaliif munaafiqa hin taanee?’ Deebiin kanaa: Nifaaqni Madiinaatti malee hin mul’anne. Madiinaatti Islaamni ifatti bahe. Makkaan keessatti immoo fuggisoo kanaati. Muslimoonni baay’een fitnaa sodaachuun Islaama fi iimaana isaanii ni dhoksuu turan.

Yaa Rabb! Gabroota kee dadhabdoota ta’an kanniiniif rahmata godhi:

3:102

Yaa warra amantan! Sodaa dhugaa Rabbiin sodaadhaa. Muslimoota taatanii malee hin du’inaa.” Suuratu Aali-Imraan 3:102

Daldalli Sababa

Dargaggeessi tokko warra amanti qabatanii fi jabeessaniif fakkeenya ture. Jum’aa fi jama’aa ni eegaa ture. Abbaa isaa hanqisaa ta’ee fi obboleeyyan isaa dhiistota ta’anitti ni qabsaa’e. Tooftaa da’awaa hundatti fayyadamuun isaan waliin carraaqe. Yommuu gorsi isaa faayda buusu dhiisu, amanti isaatiin baqachuun mana tokko keessa ni qubate, ba’aa qabeenya isaa ni baadhate. Fakkeenya itti hidhatan ni ta’e.

Gaafa tokko firri isaa tokko dhaabbata tokko akka waliin banan isaaf dhiyeesse. Innis kana irratti isaan wali gale. Hanga dhimmi isaa marsaa tokko irraa gara marsaa biraatti darbuutti haala isaa irratti itti fufe. Ergasii kaafirota faayda wayii waliin qabaniin wal barachuu jalqabe. Dhimmoota shari’aa garii irraa ija gadi qabate. Hanga iimaanni isaa yaratuu fi yaqiinni isaa dadhabutti akka nama qaroomee kan hojii isaa amantiin wal hin qabsiisne ta’ee isaan waliin mul’ate. Areeda isaa baay’ee ni haade, uffata isaa ni dheeresse. Hanga Islaama irraa maqaa malee homaa kan hin baadhanne gahuutti itti fufe. Yeroo fedhetti raka’aa muraasa salaata.

Guduunfaa
*Dhugumatti, Islaama irratti gadi dhaabbachuun ijjannoo fi jabeenya guddaadha. Seenaalee armaan olii keessatti wantoonni Islaama irraa duubatti deebi’uuf sababa ta’an gurguddaan afuri:
1ffaa– Alkoolii (khamrii), 2ffaa-Dubartii, 3ffaa-Shubhaat 4ffaa- Qabeenya
*Namtichi jalqabaa jihaadaf bahee achumaan alkoolitti kufe. Kan biraas jihaadaaf bahee dubartiin qoramee achumaan bade. Ganama wanta gaariif bahanii galgala badiitti kufan.
Kan sadaffaa immoo shubhaata. Shubhaata jechuun shakkii, dhugaa fi sobni walitti makamuudha. Abiidullah nama qabeenya ofii dhiisee godaanee fi amanti isaatiif wareega guddaa kafaleedha. Namni akkana Islaama irraa duubatti ni deebi’a jedhame hin yaaddamu. Garuu shubhaanni qalbii isaa keessa buute, amanti isaa jalaa balleessite. Dhugumatti, kuni wanta rifachiisa nama hollachiisudha. Kanaafu, yeroo hundaa “Yaa muqallibal-quluub sabbit qalbii alaa diinika (Yaa Kan qalbii gaggaragalchu hoo! Qalbii tiyya amantii Kee irratti gadi dhaabi)” haa jennu. Akkasumas:

3:8

Gooftaa keenya erga nu qajeelchitee booda qalbii teenya dhugaa irraa hin jallisin. Si biraas rahmata nuuf kenni.Dhugumatti Ati akkaan Kennaadha.” Suuratu Aali-Imraan 3:8

Print Friendly, PDF & Email
Sababootaa fi furmaata waliin seenaa warra fooyya'iinsa booda duubatti deebi'anii
Sababoota Duubatti Deebi'insaa-Kutaa 24

Leave a Reply