Dubbii Iimaana Diigu-Kutaa 13.3

Offline dubbisuf

4-Beektonni nama amantii irraa murtii dirqamaan beekkame morme kafarsiisu irratti wali galanii jiru. Ijmaa’a (wali galtee) kana beektonni baay’een dubbatanii jiru. Isaan keessaa kanneen armaan gadiiti:

Ibn Abdul Barr ni jedha: namni khamrii inabaa nama macheessu akka halaalatti ilaale, kaafira, kitaaba Isaa keessatti wanta Rabbiin beeksisee kan deebisuu fi murtaddi akka ta’e irratti wali galanii jiru. Namni kuni akka tawbatu ni gaafatama. Yoo tawbatee fi jecha isaa irraa deebi’e, deebi’e. Ta’uu baannan, akkuma kaafiroota biroo dhiigni isaa akka hayyamamaatti ilaallama.” At-Tamhiid 1/142-143)

Qaadi Iyaad ni jedha: “Haraama ta’uu isaa erga beeke booda nama wanta Rabbiin dhoowwe irraa kan akka [lubbuu qulqulluu] ajjeesu ykn khamrii dhuguu ykn zinaa akka halaalatti ilaale hunda kafarsiisu irratti Muslimoonni wali galanii jiru.

Haaluma kanaan, bu’uuraalee shari’aa irraa nama bu’uura tokko, hojii Rasuulaa irraa gabaasa namoota baay’een wanta beekkame fi irratti wali galame kijibsiisee fi morme hunda kafarsiisu jala murra. Kan akka nama salaanni shanan dirqama ta’uu morme…” (Ash-Shafaa 2/1073)

Dhimma kanarratti wali galteen akka jiru Ibn Qudaamah ni dubbata: “Namni wanta haraama ta’uun isaa irratti wali galame, Muslimoota keessatti murtiin isaa ifa bahee, keeyyattoonni waan dhufaniif shakkiin irraa deeme, kan akka foon booyye, zinaa fi kkf kan wal dhabbiin keessa hin jirre halaala jedhee amane, kafaree jira… Akkasumas, shakkii fi hiika jijjiruu tokko malee [halaalefachuun] namoota nagahaa yoo ajjeese fi qabeenya isaanii saame, akkuma kana.” (Al-Mughnaa 8/131)

Dhimma kana irratti wali galtee sahaabotaa fi iimaamootaa ibn Taymiyaan ni dhiyeessa. Ni jedha: Nama khamrii akka halaalatti ilaale ajjeesu irratti wali galanii jiru… kan sahaabonni irratti wali galan kuni iimaamota Islaamaa jidduutti irratti kan wali galameedha, kana keessatti waa hin morman. Namni dirqamoota garii ifatti bahan dirqama ta’uu isaanii waakkate (dirqama ta’uu osoo beeku morme), kan akka salaata shananii, sooma ji’a Ramadaanaa, hajjii, ykn haraamaa garii ifatti bahan waakkate, kan akka zulmii, khamrii, qumaari, zinaa fi kanneen biroo ykn halaala garii ifatti bahan morme, kan akka daabboo, foon, nikaah, inni kaafira, murtaddiidha. Akka tawbatu ni gaafatama. Yoo tawbate tawbate. Ta’uu baannan ni ajjeefama.” (Majmuu’al Fataawaa 11/404=gabaabbinnaan) (Hubachiisa: Asitti kan ajjeesu nama dhuunfaa osoo hin ta’in hogganaa Muslimootaati.)

Ammas ni jedha: “Namni yeroma haraama irratti wali galamee halaala godhe ykn halaala irratti wali galame haraamaa godhe ykn seera irratti wali galame jijjire, akka wali galtee aalimootatti inni kaafira Islaama irraa duubatti deebi’e ta’a.” (Majmuu’al Fataawaa 3/267-268)

Ibn Hazm ni jedha: “Namni wanta Rabbiin haraama godhe, haraama ta’uu osoo beeku, halaala godhe, hojii kana hojjachuu isaatiif inni kaafira. Namni wanta Rabbiin olta’aan halaala godhe haraama godhe, wanta Rabbiin azza wa jalla haraama godhee halaala godhee jira. Sababni isaas, Rabbiin azza wa jalla wanta Inni halaala godhe namoonni haraama gochuu dhoowwe jira.” (Al-Fasl 3/245)

Shawkaani ni jedha: “Wanta jala murame namni morme, waakkate fi finciluun ykn osoo beeku faallessuun ykn akka halaalatti ilaalun ykn gadi xiqqeessun faallaa isaa hojjatu, Rabbitti fi shari’aa Rabbiin gabroota Isaatiif filatetti kan kafare ta’uu bu’uura Islaamummaa keessatti mirkanaa’e jira.” (Ad-Dawaa’ul Aajilu fii Daf’il aduwa Saa’il-fuula 34)

As-Sa’dii ni jedha: “Namni dirqama salaata waakkate ykn dirqama zakaa ykn soomaa ykn hajjii waakkate, inni Rabbii fi Ergamaa Isaa kan kijibsiisuudha-kitaaba Rabbii, Sunnah Nabiyyi Isaatii fi wali galtee Muslimootaa kan kijibsiisuudha. Akka wali galtee Muslimootatti amanti keessaa kan bahuudha. Namni murtiwwan Qur’aanaa fi Sunnah irraa murtii zaahiraa wali galtee jala muraa irratti wali galame morme, kan akka nama daabboon, gaalli, qotiyyoon, hoolonni fi kkf halaala ta’uu isaanii morme ykn zinaan, qazf (nama qulqulluu zinaan maqaa balleessu), khamrii dhuguun haraama ta’uu morme, inni kaafira, Kitaaba Rabbii fi Sunnah nabiyyi isaa kan kijibsiisuu, karaa mu’mintootaatin ala karaa biraa kan hordofuudha.” (Al-Irshaadu ilaa ma’arifatil ahkaami-fuula 206-207)

Guduunfaa
Kana ilaalchise wanti aalimman jedhan baay’eedha. Garuu wanta isaan jedhan haala kanaan guduunfun ni danda’ama:
1-Namni osoo beekuu fi dirqii tokko malee fedhii isaatin, wanta Islaama keessatti haraamaa ta’uun isaa ummata keessatti beekkamee fi irratti wali galamee, “Kuni halaala” jedhe, ni kafara. Fakkeenyaf, zinaan (sagaagalummaan) ykn ribaan (dhalli) ykn khamriin (wanta nama macheessu) fi kkf halaala yoo jedhe ni kafara.
2-Ammas, namni osoo beekuu fi dirqii tokko malee fedhii isaatiin, wanta Islaama keessatti halaala ta’uun isaa ummata keessatti beekkamee fi irratti wali galamee, “Kuni haraama” jedhe, ni kafara. Fakkeenyaf, daabbo, bishaanii fi kkf haraama yoo jedhe ni kafara.
3-Ammas Namni osoo beekuu fi dirqii tokko malee fedhii isaatiin wanta Islaama keessatti dirqama ta’uun isaa ummata keessatti beekkamee fi irratti wali galamee, “Kuni dirqamaa miti.” jedhe, ni kafara. Fakkeenyaaf, salaanni shanan, zakaan, soomni ji’a Ramadaanaa, hajjiin dirqamaa miti yoo jedhe ni kafara.

Sababni isaas, namni wanta Islaama keessatti haraama ta’e, halaala godhu ykn halaala ta’e haraama godhu ykn wanta dirqama ta’e dirqama ta’uu isaa mormuu, Rabbiin irratti kijiba uumaa fi aayaata (keeyyattoota) Isaa kijibsiisaa jira. Rabbii olta’aa irratti kijiba uumuu fi aayaata Isaa kijibsiisuun kufriidha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

6:21

Nama Rabbiin irratti kijiba uumee yookiin keeyyattoota Isaa kijibsiise caalaa namni zaalimni (miidhaa hojjataan) eenyu? Dhugumatti, zaalimoonni (miidhaa hojjattoonni) hin milkaa’an.” Suuratu Al-An’aam 6:21

Ammas ni jedha:

“Rabbiin irratti kijiba uumuuf waan arrabni keessan kijiba dubbatuun, “Kuni halaala, kuni haraamaa” hin jedhinaa. Dhugumatti, warroonni Rabbiin irratti kijiba uuman hin milkaa’an. [Isaaniif] qananii xiqqootu jira. Adabbii laalessaatu Isaaniif jira.” Suuratu An-Nahl 16:116-117
Kana jechuun Rabbiin irratti kijiba odeessuuf wanta Rabbiin haraama godhee “kuni halaala ykn hayyamamaadha”, wanta Rabbiin halaala godhe, “kuni haraama” hin jedhinaa. Namoonni Rabbii olta’aa irratti kijiba uuman wanta gaarii addunyaa fi Aakhiraatin hin milkaa’an. Addunyaa keessatti qananii xiqqoo baddutu isaaniif jira. Ergasii, Aakhiratti sababa isaan Rabbiin irratti kijibaniif adabbii laaleessaa garmalee nama dhukkubsutu isaaniif jira. (Tafsiiru Muyassar-280, Tafsiiru Xabari-14/390)

Madda:
Nawaaqidul Iimaani al-qawliyah wal amalayah” fuula 252-260 Abdulaziz bin Muhammad

Print Friendly, PDF & Email
Hojii Iimaana Diigu-Kutaa 1
Dubbii Iimaana Diigu-Kutaa 13.2
Offline dubbisuf

Leave a Reply