Hojii Iimaana Diigu-Kutaa 1

Hanga ammaatti dubbii iimaana faallessuu fi diigu ilaalaa turreera. Amma immoo hojii iimaana diigu ilaalla. Akkuma seensa keessatti jenne iimaanni dubbii fi hojii of keessatti qabata. Kufriinis akkuma kana dubbii fi hojii of keessatti qabata. Akkuma iimaanni dhugoomsu qofa osoo hin ta’in, dubbii fi hojii qalbii, dubbii arrabaa fi hojii qaamolee of keessatti qabatu, kufriinis kijibsiisu qofa osoo hin ta’in, dubbii fi hojii qalbii, dubbii arrabaa fi hojii qaamolee of keessatti qabata. Akkuma keeyyattoonni Qur’aanaa fi Sunnah agarsiisan. Fakkeenyaf jecha Rabbii olta’aa:

24:47

“[Munaafiqoonni] “Rabbiitti fi Ergamaatti amanne, ajajamnees.” jedhu. Ergasii, san booda isaan keessaa gareen wayii ni garagalu. Isaan suni mu’mintootaa miti (warra amananii miti.)” Suuratu An-Nuur 24:47

Sababa isaan garagalanii fi Isaaf ajajamuu didaniif kufrii isaan irratti murteesse, iimaana isaan irraa dhabamsiise. Ammas ni jedha:

“(31)-Hin dhugoomsine, hin salaanne. (32)-Garuu kijibsiisee garagale.” Suuratu Al-Qiyaamah 75:31-32

Aayaanni tunniin garagaluun kijibsiisu akka hin taane ibsu. Dhugumatti, kijibsiisuun faallaa dhugoomsuti. Garagaluun immoo faallaa ajajamuu fi itti buluuti. Kufriin qalbiin wanta amananiin, dubbii arrabaatin, hojii zaahiraa kan akka sanamaaf sujuudu, Qur’aana balfatti darbuu fi kkf nin ta’uu danda’a. Hojiiwwan kunniin wantoota iimaana diiganiidha. Sababni isaas, karaa qaamoleetin wanta mul’atun kan argamaniidha. Kana waliinu hojiiwwan kunniin wanta qalbii keessa jiru kan akka masakamu, jaallachu, ol guddisuu fi kkf kan diiganiidha. Hojiiwwan iimaana diigan haala salphaan hubachuuf mee asi gadiitti qoqoodun haa ilaallu:

Tawhiida keessatti Hojiiwwan iimaana diigan

Qorannoo 1ffaa: Ibaadaa keessatti shirkii
1-Hiika tawhiida ibaadaati fi barbaachisummaa isaa gabbaabinnaan ilaalle jirra. Akkasumas, tawhiida ibaadaa keessatti daangaan shirkii dubbatamee jira. Shirkiin guddaan namni tokko gosoota ibaadaa irraa wanta tokko Rabbiin ala kan biraatiif gochuudha jechuun hiikne jirra.

Qorannoon kuni mata dureen isaa ibaadaa hojii keessatti shirkii ilaalchise ta’a. Kan akka Rabbiin ala wanta biraatiif qalma qaluu, silati seenu… fi kkf. Baniinsa qorannoo kanaa keessatti ibaadawwan kanniin keessatti tawhiida gosoota ibaada hunda Rabbii tokkichaaf gochuun dirqama ta’uu of keessatti qabate galmaan gahuuf Rabbii tokkicha shariika hin qabne tokkichoomsun dirqama akka ta’e gabaabbinnaan ni dubbanna. Akkuma Rabbiin olta’aan jedhe:

2:163

“Gabbaramaan keessan Gabbaramaa tokkicha. Haqaan gabbaramaan Isa malee hin jiru. [Inni] Ar-Rahmaan Ar-Rahiim.” Suuratu Al-Baqarah 2:163

Ammas, Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa akkana jedha:

“Dhugumatti,’Rabbiin gabbaraa, xaaghuuta irraa fagaadhaa’ [jechuun] ummata hunda keessatti ergamaa erginee jirra.” Suuratu An-Nahl 16:36

Wareegni (Qalmi) Gosoota Ibaadaa Keessaa tokko

(A)-Qalmi gara Rabbiitti ittiin qajeelu fi dhiyaachuun yoo ni niyyatame (yaaddame), inni (qalmii) ibaadaa irraayyi. Nusk jedhamuun waamama. Sababni isaas, nusk ibaadaa fi wanta ittin dhiyaataniidha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa kana akkana jechuun dirqama godhe:

“Jedhi, “Dhugumatti, salaanni kiyya, qalmi kiyya, jireenyi tiyyaa fi duuti tiyya Rabbii Gooftaa aalamaa hundaatifii. Shariikni Isaaf hin jiru. Isuma kanatti ajajame, ani jalqaba Muslimootaati.” Suuratu Al-An’aam 6:162-163

Asitti nusk qalma.

Ibn Kasiir ibsa aayah tanaa ilaalchisee ni jedha: “Mushrikoota Rabbiin ala wanta biraa gabbaran, maqaa Isaatiin ala wanta biraatiif qalma qalan, kana keessatti faallaa isaanii ta’uu akka qaban ajaja. Dhugumatti, salaanni isaa Rabbiifi, qalmis maqaa Isaa qofa irratti. Kuni akka jecha Rabbii olta’aa:

108:2

Gooftaa keetif sagadi, qaliis.” Suuratu Al-Kawsar 108:2

Kana jechuun salaataa fi qalma kee Isaaf qulqulleessi. Dhugumatti, mushrikoonni sanamoota gabbaraa turan, sanamootaaf qalu. Kanaafu, Rabbiin olta’aan akka isaan faallessuu fi wanta isaan keessa jiran irraa goruu, dhugaan, niyyaani fi ijjannoon gara Rabbii olta’aaf hojii qulqulleessutti akka qajeelu ajaje.” (Tafsiiru Ibn Kasiir 2/189)

Wanta Muhammad Rashiid Ridaa jedhe keessaa: “ibaadan aadaa irraa kan ittiin addaan baafamu, Isatti dhiyaachuuf, Isa ol guddisuuf, mindaa fi jaalala Isaa barbaaduf gara Gabbaramaa qajeeluuni. Wanti kamiyyuu namni salaataan ykn qalmaan ittiin qajeelu fi isa ol-guddisuu niyyate, wanti suni gabbaramaa isaati. Namni kana hojjatu dubbii kana agarsiisu dubbate dhiisee waluma qixa. Ibaadaan Rabbii Gooftaa gabrootaa fi Uumaa isaanii ta’eef malee hin ta’u… Amanti haqaa keessatti salaata fi qalmii Rabbii tokkichaaf qulqulluu ta’uun dhimma zaahiraa dirqamoota amanti irraa lakkaawamuudha.” (Tafsiiru Manaari-8/241-243=Gabaabbinnaan)

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

108:2

Gooftaa keetif sagadi, qaliis.” Suuratu Al-Kawsar 108:2

Aayah tana ilaalchise ibn Taymiyaan ni jedha: “Rabbiin ibaadaa gurguddoo lamaan kana walitti akka fidu ajaje. Isaanis salaataa fi qalma. Kunniin lamaan Rabbiitti dhiyaachu, gadi of qabu, Isatti hajamuu, zanni tolchu, humna yaqiinaa, gara Rabbiitti, ajajaa fi waadaa Isaatti qalbiin tasgabbaa’u agarsiisu. Faallaa kanaa, Warri of tuulanii fi durummaa salaata isaanii keessatti gara Gooftaa isaanitti haajaa hin qabne, [salaata hin salaatan]. Kanneen biroo immoo hiyyummaa sodaachun, hiyyeeyyi gargaaru fi nyaachisuu dhiisun, waa’ee Gooftaa isaanii ilaalchise yaada badaa yaadun Isaaf jedhanii qalma hin qalan. Kanaafi, jecha Isaa keessatti isaan lamaan (salaata fi qalma) bakka tokkotti walitti fide:

6:162

“Jedhi, “Dhugumatti, salaanni kiyya, qalmi kiyya, jireenyi tiyyaa fi duuti tiyya Rabbii Gooftaa aalamaa hundaatifii.” Suuratu Al-An’aam 6:162

Nusk jechuun Fuula Isaa barbaadun qalma qalamuudha. Ibaadaa qabeenyaa keessaa isa guddaa ta’eedha. Qalma isaa keessatti iimaanaa fi ikhlaasa yoo qabaate wantoonni ajaa’ibaa kunniin gabrichaaf ni argamu: Rabbiin filachuu, waa’ee Isaa ilaalchisee yaada gaarii qabaachu, yaqiinni cimuu fi wanta harka Rabbii jiru amanuu. Nabiyyiin sallallahu aleyh wassallam ajaja Gooftaa isaa itti bulee jira. kanaafu, Gooftaa isaatiif salaata kan baay’isuu fi qalma baay’ee kan qalu ture. Hanga hajjatil wadaa’i harka isaatiin gaala 63 qalutti. Yeroo ayyaanotaa fi yeroo biraa keessatti ni qalaa ture.” (Majmuu’al Fataawaa 16/531-532=gabaabbinnan)

Haala kanaan Rabbii tokkichaaf jedhanii qalma qaluun ibaadaa gurguddoo keessaa ibaada tokko akka ta’e ni mirkanaa’a.

Ibaadan hojii aadaa irraa kan ittiin addaan baafamu: Gabbaramaatti dhiyaachuuuf, Isa ol-guddisuuf, mindaa fi jaalala Isaa barbaaduf gara Isaatti qajeeluni.
Muhammad Rashiid Rida
Tweet

Madda:
Nawaaqidul Iimaani al-qawliyah wal amalayah” fuula 262-265 Abdulaziz bin Muhammad

Hojii Iimaana Diigu-Kutaa 2
Dubbii Iimaana Diigu-Kutaa 13.3

Leave a Reply