Dubbii Iimaana Diigu-Kutaa 13.2

Offline dubbisuf

Akkaataa murtii amantii irraa dirqamaan beekkaman mormuun kufrii itti ta’u

3-Amma akkaataa murtii amanti irraa dirqamaan beekkamu mormuun kufrii itti ta’u ilaalla.
(A)-Mormuun kuni Rabbii olta’aa irratti kijibuudha. Nama Rabbiin irratti kijibe caalaa namni zaalimni fi yakkamaan hin jiru. Akkuma Rabbiin olta’aan jedhe:

6:21

Nama Rabbiin irratti kijiba uumee yookiin keeyyattoota Isaa kijibsiise caalaa namni zaalimni (miidhaa hojjataan) eenyu? Dhugumatti, zaalimoonni (miidhaa hojjattoonni) hin milkaa’an.” Suuratu Al-An’aam 6:21

Ammas ni jedha:

“Rabbiin irratti kijiba uumuuf waan arrabni keessan kijiba dubbatuun, “Kuni halaala, kuni haraamaa” hin jedhinaa. Dhugumatti, warroonni Rabbiin irratti kijiba uuman hin milkaa’an. [Isaaniif] qananii xiqqootu jira. Adabbii laalessaatu Isaaniif jira.” Suuratu An-Nahl 16:116-117

(Kana jechuun Rabbiin irratti kijiba odeessuuf wanta Rabbiin haraama godhee “kuni halaala ykn hayyamamaadha”, wanta Rabbiin halaala godhe, “kuni haraama” hin jedhinaa. Namoonni Rabbii olta’aa irratti kijiba uuman wanta gaarii addunyaa fi Aakhiraatin hin milkaa’an. Addunyaa keessatti qananii xiqqoo baddutu isaaniif jira. Ergasii, Aakhiratti sababa isaan Rabbiin irratti kijibaniif adabbii laaleessaa garmalee nama dhukkubsutu isaaniif jira.[1])

Akkasumas, amanti irraa murtii beekkamaa mormuun shari’aa Rabbii olta’aa faallessuu fi mushrikoota daldalli akkuma dhalaati jedhaniin wal fakkaachudha. Kanaafi ibn Taymiyaan ni jedha: “Ilaalcha namootaatiin dubbii nabiyyootaa faallessuu fi dursiisuun hojii namoota Ergamtoota kijibsiisaniiti. Inumaa, kufrii hunda kan walitti qabeedha. Akkuma Shahrastaani jalqaba kitaaba isaa beekkama: “Al-Milalu wa Nihlu” keessatti jedhe: hundeen sharrii hundaa keeyyata [Qur’aanaa fi hadiisa sahiih] yaadaan faalleessuu fi shari’aa caalaa fedhii qullaaf dursa kennuudha.” Suni akkuma inni jedhe…” (Dar’u Ta’aarudi aqli wa naqli-5/204)

Kanarratti dabalatee, murtii Rabbii olta’aa mormuun Gooftummaa Rabbiitti gammaduu kan diigudha. Gooftaan Kan uumu, ajaju, gabrootaaf waan gaarii halaala kan godhu fi waan badaa haraama Kan godhuudha. Gooftummaa Rabbiitti gammaduu jechuun ajajaa Isaa shari’aa fi kawniyyaatti gammaduudha. Ajaja shari’aa jechuun ajajootaa fi murtiiwaan Qur’aana fi Sunnah keessatti dhufaniidha. Ajaja kawniyyaa immoo murtiiwwan adda addaa namni humna irratti hin qabneedha. Kan akka dhibee, du’a, rakkoo adda addaa. Namni Rabbii Gooftaa isaa akka ta’etti itti gammade, ajajoota lamaan kanniinitti gammaduu fi fudhachuu qaba.

(B)-Dhugumatti, iimaanni dhugoomsu fi mirkaneessu of keessatti hammata. Mormuun kuni kijibsiisuu fi waakkachuudha. Innis iimaana kan diigu waan ta’eef gonkumaa iimaana waliin bakka tokkotti ta’uu hin danda’u. Amanti irraa murtii dirqamaan beekkame mormuun keeyyattoota Kitaaba Rabbii azza wa jalla kijibsiisuudha. Rabbiin keeyyattoota Isaa dhugoomsuu fi mirkaneessutti ajajee jira. Nama keeyyattoota Isaa waakkatee fi mormee kufrii irratti murteesse, adabbii salphisaa isaaniif waadaa gale. Balbaloonni samii isaaniif hin banaman, Jannatas hin seenan. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

7:40

“Dhugumatti, warroota keeyyattoota Keenya kijibsiisanii fi isaan irraa of tuulan, balbaloonni samii isaaniif hin banaman, hanga gaalli qaawwa lilmoo keessa seentutti Jannata hin seenan. Akka kanatti yakkamtoota mindeessina.” Suuratu Al-A’araaf 7:40

Gaalli qaawwa lilmootin gonkumaa seenu hin dandeessu. Kanaafu, namoonni keeyyattoota Rabbii kijibsisanii fi isaan hordofuu irraa of tuulan gonkumaa Jannata seenu hin danda’an.

Ammas ni jedha:

22:57

“Warroonni kafaranii fi keeyyattoota Keenya kijibsiisan, isaan san adabbii salphisaatu isaaniif jira.” Suuratu Al-Hajj 22:57

(C)-Mormiin kuni hadiisota sahiih Rasuula (sallallahu aleyh wassallam) irraa gabaafaman kijibsiisuudha. Namni hadiisa sahiih deebisee ykn kijibsiisee inni kaafira akka ta’e aalimman (beektonni) mirkaneessanii jiru. Dhugaa kana hadiisni Al-Baraa’i ibn Aazib (radiyallahu anhu) yommuu akkana jedhu ni agarsiisa: Ani abbeeraa kiyyaan wal qunname. Isa waliin alaabaa duulatu jira. Ani isaan ni jedhe, “Eessa deemaa jirtaa?” Innis ni jedhe, “Ergamaan Rabbii sallallahu aleyh wassallam namicha niiti abbaa isaa fuudhetti na erge. Morma isaa akka haleelu (ajjeesu) fi qabeenya isaa fuudhu na ajaje.” Sunan Abu Daawud 4457, Sunan Nasaa’i 3332

Akkuma beekkamu, niiti abbaa fuudhun jala muramee kan dhoowwameedha. Saniifi, Ergamaan sallallahu aleyh wassallam nama niiti abbaa fuudhe akka ajjeefamu ajaje. Sababni isaas, inni Islaamaa irraa duubatti deebi’e. Rabbiin olta’aan ni jedha:

4:22

Wanta darbe malee dubartoota abbootin keessan fuudhan hin fuudhinaa. Dhugumatti, inni fokkataa, jibbamaa fi karaan isaa hamaa ta’ee jira.” Suuratu An-Nisaa 4:22

(Kana jechuun wanta yeroo darbe raawwatame malee fuudhaa heeruma akkanaa irraa fagaadhaa. Hojiin fokkuun akkanaa raawwatamee jira. Garuu isin kana booda gonkumaa itti hin deebi’inaa. Dhugumatti, dubartii abbaan keessan nikaha hidhate fuudhun ykn ishii waliin wal-qunnamtii raawwachuun hojii fokkataadha. Namni kana raawwatu Rabbiin biratti jibbamaadha. Akkasumas, namni yommuu niiti abbaa fuudhu, wal jibbaa fi diinummaan ni uumama. Sababa kanaan, hariiroon firummaa ni cita. Karaan isaa hamaa fi badaa ta’ee jira.)

Ibn Kasiir niiti abbaa fuudhu ilaalchise ni jedha: Namni kana boodaa wanta kana hojjate, amanti isaa irraa duubatti deebi’ee jira. Kanafu, inni ni ajjeefama, qabeenyi isaa beeytul maal (Mana qabeenyaa) Muslimootatiif galii ta’a.” (Tafsiiru Ibn kasiir 1/444) (Kuni murtii haddii waan ta’eef kan ajjeesu nama dhuunfaa osoo hin ta’in iimaama ykn hogganaa Muslimootaati.)

Hadiisa Al-Baraa’i yommuu ibsu Ibn Jariir ni jedha: “Niiti abbaa kan fuudhe suni wantoota dhoowwaman lama hojjachuu fi Rabbiin faallessuu (ma’aasiyaa) irraa badii gurguddaa lama bakka tokkotti walitti fiduun daangaa darbee jira. Isaan keessaa tokkoffaan: nama Rabbiin keeyyata Qur’aanatiin haraama godhe nikaah hidhachuu. “dubartoota abbootin keessan fuudhan hin fuudhinaa.” (Suuratu An-Nisaa 4:22) Lammaffaan: qaama hormaata isarratti haraama ta’etti dhufu. Kana keessaa inni guddaan osoo Ergamaan Rabbii sallallahu aleyh wassallam jiranu hojii kana hojjachuu fi nama Rabbiin haraama godhee nikaah hidhachuu isaa labsuudha. Kana hojjachuun isaa kuni wanta hunda caalaa Ergamaa Rabbii sallallahu aleyh wassallam kijibsiisuu fi Qur’aana keessatti aaya (keeyyata) ifa taate waakkachuu isaa agarsiisa…. Sababa hojii isaa kanaan murtiin ajjeechaa fi morma rukutu isarratti darbe. Kanaafi, Ergamaan Rabbii sallallahu aleyh wassallam akka ajjeefamu fi mormi isaa rukutamu ajaje. Sababni isaas, nama Islaama irraa duubatti deebi’e keessatti kuni Sunnah isaati.” (Tahziibu Al-Aasaari 2/148)

Shawkaani ni jedha: “Hadiisa keessa, iimaamni nama wanta shari’aa keessatti jala murame beekkame, kan akka dhimma kanaa, faallesse akka ajjeefamu ajajuu ragaa agarsiisutu jira. Rabbiin olta’aan ni jedha: “dubartoota abbootin keessan fuudhan hin fuudhinaa.” (Suuratu An-Nisaa 4:22) Garuu namtichi Rasuulli akka ajjeefamu ajaje kuni niiti abbaa fuudhun haraama ta’uu kan beekee fi akka halaalatti ilaalun kan hojjate ta’uu hadiisa irraa hubatamu qaba…” (Nayl Al-Awxaari 8/322)

Osoo Qur’aanaa fi sunnah ragaa hin godhatin lafaa olka’ani “Kuni haraama ykn halaala” jechuun dhoowwamaadha.


[1] Tafsiiru Muyassar-280, Tafsiiru Xabari-14/390
Nawaaqidul Iimaani al-qawliyah wal amalayah” fuula 247-252 Abdulaziz bin Muhammad

Print Friendly, PDF & Email
Dubbii Iimaana Diigu-Kutaa 13.3
Dubbii Iimaana Diigu-Kutaa 13.1
Offline dubbisuf

Leave a Reply