Dubbii Iimaana Diigu-Kutaa 13.1

Offline dubbisuf

Amantii Irraa Murtii beekkamaa mormuu
1-Jalqaba irratti mata-duree kutaa kanaa: “Amantii irraa murtii dirqamaan beekkamu mormuu” hiikna. Asitti mormuun hiika waakkachuu, amanuu dhiisu fi mirkaneessu didu qaba. Amanti irraa dirqamaan murtii beekkamaa jechuun: murtiiwwan amantii irraa wanta zaahiraa (ifaa) namoota addaa kan akka aalimmanii fi namoota wali gala biratti beekkamaa ta’ee fi aalimman wali galtee jala muraa irratti wali galaniidha. Fakkeenyaf kan akka salaataa, zakah, fi kkf, wantoota haraamaa ifaan ifatti dhoowwaman. Fakkeenyaf kan akka ribaa (dhala), zinaa, khamrii fi kanneen biroo. Kunniin hundi amanti keessatti murtiwwan beekkamo ta’aniidha.

Akkuma beekkamu: iimaanni murtii Rabbii olta’aa fi murtii Ergamaa Isaa sallallahu aleyh wassallam dhugoomsu irratti kan dhaabbateedha. Murtiiwwan kanniin keessaa barbaachisoo fi jabaa kan ta’an, murtiiwwan amantii irraa shakkii tokko malee dirqamaan beekkamaniidha. Kanaafi, Ibn Taymiyaan ni jedha: dirqamoonni zaahiraa dirqama ta’uutti amanuu fi wantoota dhoowwaman zaahiraa dhoowwama ta’utti amanuun hundee iimaanaa fi bu’uura amantii gurguddaa keessaa tokkoodha. Namni kana waakkatu akka wali galtee Muslimootatti kaafira.” (Majmuu’al Fataawaa 12/497)

Bakka biraatti akkana jedha: Halaalli wanta Rabbii fi Ergamaan Isaa halaala godhan, haraamni wanta Rabbii fi Ergamaan Isaa haraama godhaniidha. Amantiin wanta Rabbii fi Ergamaan Isaa karaa godhaniidha. Wanta Rasuulli sallallah aleyh wassallam karaa godhee keessaa bahuun eenyufillee hin ta’u. Suni shari’aa abbootin taaytaa namoota qabsiisuu qabaniidha. Mujaahidonnis isarratti qabsaa’un isaanirra jira. Nama tokkoon tokkoon irra isa (shari’a) kana hordofuu fi gargaarutu jira.” (Majmuu’al Fataawaa 35/372)

Murtiin dirqamaan amantii irraa beekkamu kan namni isa mormee akka kaafiratti ilaallamu kuni hidhaa beeku fi daangeessu danda’amu qaba: Shaafi’iin akkana jedha: Beekumsa irraa beekumsa wali galaa nama sammuun isaa moo’atamee malee namni umrii saalfannaa irra gahee wallaalu hin qabnetu jira. fakkeenyaf, salaata shanan, sooma ji’a Ramadaanaa, yoo danda’an beeyti hajjuu, qabeenya isaanii keessatti zakaa, isaan irratti zinaa, haqa malee ajjeessu, hanna, khamrii dhoowwu Isaa fi kan kana fakkaatan… Beekumsa irraa gosti kuni wanta Kitaaba Rabbii keessa jiruu fi warra Islaamaa biratti haala wali galaatin argama. Awwaamni isaanii awwaama darban irraa ni odeessu. Dhaloonni darbees Ergamaa Rabbii irraa ni gabaasu. Gabaasaa fi dirqama ta’uu isaa keessatti wal hin morman. Beekumsi kuni beekumsa wali galaa dogongorri keessatti uumamu fi hiikni isaa jijjiramuu hin danda’amneedha. Isa keessattis wal mormuun hin hayyamamu.” (Ar-Risaalah fuula 357-359)

 Bakka biraattis akkana jedha: “Wanti keeyyata Qur’aanaa ifa ta’ee ykn sunnaan irratti wali galame, isa keessatti uzriin kan citeedha. Isaan lamaan keessaa tokko keessatti shakkuun hin ta’u. Namni fudhachuu dide, akka tawbatu gaafatama.” (Madda olii fuula 460)

An-Nawawiin murtiiwwan kunniin wali galteen (ijmaa’an) mirkanaa’aa fi ummata biratti beekkamaa akka ta’e ni mirkaneessa. Ni jedha: “Yeroo ammaa kana amantiin Islaamaa babal’atee jira. Beekumsi zakaan dirqama ta’uu hanga namoonni addaa fi wali galaa beekanitti, wallaalaa fi beekaan keessatti wal qixxaatanitti Muslimoota keessa faffacaa’e jira. Kanaafu, eenyullee kana (dirqama zakaa) mormuuf hiika jijjiruu isaatiin dhiifamni isaaf hin godhamu. Haaluma kanaan, dhimmoota amanti keessaa wanta ummanni irratti wali galee nama mormee hunda keessatti dhimmichi akkanuma, beekumsi isaa kan babal’atee yoo ta’e, kan akka salaata shananii, ji’a Ramaadaana soomu, janaaba irraa nafa dhiqachuu, zinaan, khamriin, dubartoota mahram fuudhun dhoowwamaa ta’uu…

Wanta irratti wali galamuun (ijmaa’a) isaa karaa beekumsa addaatiin beekkamaa ta’e kan akka niiti irratti adaadaa ishii nikah hidhachu dhoowwamaa ta’uu, namni osoo beeku fira ajjeese kan hin dhaalle ta’uu, dhaala irraa akkawoon tokko jahaffaa akka qabdu fi murtiiwwan kana fakkaatan, namni kanniin morme hin kafaru. Beekumsi kanaa ummata bal’aa keessa waan hin babal’anneef dhiifamni isaaf godhama.” (Sahiih Muslim bi sharih An-Nawawi 1/205)

Qaraafanis nama wanta amanti keessatti irratti wali galamee morme kaafira godha, garuu namni kuni kaafira ta’uuf wanti inni morme wanta irratti wali galame fi beekkamaa ta’uu qaba. Ni jedha: Namni wanta irratti wali galamee morme ni kafara jedhamee guutumaan guututti hin guduunfamu. Kana irra, wanti irratti wali galamee amanti keessatti beekkamaa ta’uu qaba. Dhimmoota meeqatu irratti wali galamee garuu aalimman muraasa malee kan hin beeknetu jira. Dhimmoota akkanaa kan irratti wali galamuun isaanii dhokataa ta’e mormuun kufrii miti…” (Al-Furuuq 4/117)

Gabaabumatti, namni wantoota dirqaamaa amanti Islaamaa keessatti irratti wali galame fi ummata keessatti beekkamaa ta’e mormee fi fudhachuu didee, ni kafara. Fakkeenyaf, namni salaata shanan, zakaa, sooma ji’a Ramadaanaa, hajjii fi kkf mormee fi fudhachuu didee ni kafara. Ammas, wanta haraamaa irratti wali galamee fi ummata keessatti beekkame, kan akka zinaa, ribaa (dhala), khamrii fi kkf mormee ni kafara.

Namni amanti Islaamaa keessatti wanta waajiba (dirqama) ta’uun ykn dhoowwamaa (haraama) ta’uun irratti wali galamee fi ummata keessatti beekkame fudhachuu didee fi morme, ni kafara.

2-Amantii irraa wanta dirqamaan beekkamu mormuun kufrii ta’u erga ifa ta’e, mormiin kuni bifoota adda addaa akka qabuu itti akeekna. Tarii mormii ifaa ta’uu danda’a. Fakkeenyaf dirqama salaataa ykn zakaa mormu (salaanni ykn zakaan dirqamaa miti jechuun mormuu)… ribaan ykn khamrin halaala akka ta’e dubbachuu…Yookiin wanta wali galteedhaan halaala ta’ee kan akka daabboo, bishaanii fi kkf haraama jechuu. Mormiin hiika jijjiruu badaa lugaa Arabiffaa keessatti hin fudhatamne ta’uu danda’a. Kan akka hiika jijjiru Baaxiniyyah akkana jedhanii: Hojiiwwan dirqama (waajiba) ta’an maqaalee dhiirotaa jaalallo isaanii akka ta’an ajajamaniidha. Wantoonni dhoowwaman maqaalee dhiirotaa isaan irraa akka qulqullaa’an ajajamaniidha.” Ulamaa’onni kufrii warra akkana jedhanii irratti wali galanii jiru. Akkasumas, suufiyya irraa wanta jallattoonni jedhan: “namni sadarkaa yaqiina irra gahe dirqamoonni (hojiiwwan waajibaa) isarraa bu’u.” Jechuun odeessan bifa mormii keessaa tokko.

Murtii kufrii keessatti wanta mormii kanatti dabalamu qabu keessaa tokko, namni tokko murtii amantii keessatti beekkame kana ni amana, garuu murtii kana fudhachuu diduu isaa beeksisa, Rabbii olta’aaf buluu ni dida, osoo beeku faallessu fi of tuuluu irraa kan ka’e murtii kanaaf masakamuu ni dida. Ibn Taymiyaan dhimma kana bal’inaan ibsee jira. Ni jedha:

“Dhugumatti, Rabbiin isarratti haraamaa akka godhee amanuu fi wanta Rabbiin dhoowwe fi dirqama godhee keessatti Isaaf masakamuu isaa amanuu waliin gabrichi zanbii yoo hojjate, inni kuni kaafira miti. Haa ta’u malee, Rabbiin akka haraama hin goone yoo amane ykn haraama godhu Isaa amanee garuu haraama godhamu kana fudhachuu ni dida, Rabbiif buluu fi masakamuu dida, inni kuni takkaa waakkataa takkaa immoo osoo beeku kan faallessu ta’a. Kanaafi akkana jedhu: Namni akka ibliisatti of tuuluu irraa kan ka’e Rabbiin faallesse ni kafara. Garuu namni dharra’uu (garmalee fedhuu) irraa kan ka’e Rabbiin faallesse akka ahli Sunnah waljam’aa inni hin kafaru. Kan kafarsiisu khawaarija qofa. Namni of tuuluun Rabbiin faallessu, osoo Rabbiin Gooftaa isaa ta’uu dhugoomseyyu, beekaa Isa faallessu fi mormuun isaa dhugoomsu kana faallessa. Ibsi kanaa: namni wanta dhoowwame (haraama) halaala gochuun hojjatu, akka wali galteetti inni kaafira. Sababni isaas, namni wanta Qur’aanni haraama godhee halaala godhu Qur’aanatti hin amanne…” (As-Saarimul Masluul fuula 521-522) (Fkn, namni hojii haraamaa kan akka dhugaati nama macheessu halaala (hayyamamaadha) jedhe dhugu, inni kaafira.)

Haala kanaan wanti kufrii ta’ee ni beekkama. Akkasumas, amanti irraa murtii dirqamaan beekkame mormuun itti dabalama. Kunis kan ta’u, murtii Rabbii akka ta’e beeku fi amanu isaa waliin murtii kana fudhachuu dhiisu fi diduudha.

Asitti sababni kufrii dhugoomsu didu osoo hin ta’in: dhiisu, deebisuu fi diddaadha. Kanaafi, Rabbiin Kitaaba Isaa keessatti kufrii kijibsiisuu fi kufrii garagaluu wal qabsiise. Sababni isaas, lamaan isaanitu gargar waan ta’aniif. (Kufriin kijibsiisu odeefannoo Rabbiin subhaanahu beeksiiseen wal qabata. Kufriin garagaluu immoo ajajoota Rabbiin ajajeen wal qabata.) Akkuma Rabbiin olta’aan jedhe:

“(31)-Hin dhugoomsine, hin salaanne. (32)-Garuu kijibsiisee garagale.” Suuratu Al-Qiyaamah 75:31-32

(Asitti namtichi kaafirri kuni wanta Rabbiin beeksise hin dhugoomsine. Kana irra ni kijibsiise. Kanaafu, kuni kufrii kijibsiisuti. Ammas, wanta gurguddaa Rabbiin itti ajaje keessaa salaata hin salaanne. Kana irra, garagalee deeme. Kuni kufrii garagaluuti.)

Ammas ni jedha:

“Ishii kan seenu hin jiru dararamaa malee, kan kijibsiisee fi garagalee.” Suuratu Al-Layl 92:15-16

(Nama dararamaa keeyyattoota Gooftaa isaa kijibsiisee fi irraa garagalee malee Ibidda Jahannam kan seenu hin jiru.)

Namni akka ibliisaatti (sheyxaanaatti) of tuuluu irraa kan ka’e Rabbiif ajajamu dide ni kafara.

Yommuu Rabbiin ibliisaan Aadamiif sujuudi jedhee ajaju, sujuudu ni dide. Kanaafu, of tuuluu irraa kan ka’e Rabbiif ajajamu dide. Rabbiinis azza wa jalla kufrii isarratti murteesse. Ni jedha:

2:34

Yommuu Malaaykotaan “Aadamiif sujuudaa” jenne [yaadadhu]. Ibliisa malee isaanis ni sujuudan. [Ibliisni] didee fi of tuulee kaafiroota irraa ta’e.” Suuratu Al-Baqarah 2:34

Madda:
Nawaaqidul Iimaani al-qawliyah wal amalayah” fuula 242-245 Abdulaziz bin Muhammad

Print Friendly, PDF & Email
Dubbii Iimaana Diigu-Kutaa 13.2
Dubbii Iimaana Diigu-Kutaa 12.2
Offline dubbisuf

Leave a Reply