Dubbii Iimaana Diigu-Kutaa 12.2

Offline dubbisuf

Wa’da jechuun waan gaariin waadaa galuudha. Wa’iid immoo zaachadha.
2-Wanta wa’da fi wa’iidatti amanuun of keessatti qabatu keessaa tokko: Jannataa fi ibiddatti amanuudha. Innis, isaan lamaan akka jiran, uumamtoota ta’uu, amma jiraachu isaanii fi kan hin bannee ta’uutti amanuudha. Keeyyattoonni Qur’aanaa fi Sunnah haala fi amaloota Jannataa fi ibidda dubbachu keessatti wal duraa duuban dhufanii jiru. Haaluma kanaan, aalimman Islaamaa kana irratti wali galanii jiru. Wali galtee kana beektonni baay’een ni dubbatu. Isaan keessaa mee muraasa haa kaasnu:

Abu Haniifah An-Nu’maan ni jedha: Jannataa fi ibiddi uumamtoota har’a jiraniidha. Gonkumaa hin badan, Al-Huurul Iin (dubartoonni Jannataa ijaan adaadi ta’an) gonkumaa hin du’an. Adabbii fi mindaan Rabbii olta’aa gonkumaa hin badan.”  (Al-Fiqhul Akbar-fuula 6)

Abu Hasan Al-Ash’aariyy ni jedha: Jannataa fi ibiddi haqa. Qiyaamaan ni dhufti, ishii keessa shakkiin hin jiru. Rabbiin namoota qabrii keessa jiran ni kaasa.” (Al-Ibaanah fuula 21)

Ibn Abi Haatim Ar-Raazi ni jedha: “Jannani haqa, ibiddis haqa. Isaan lamaan uumamtoota, gonkumaa hin badan. Jannani mindaa warra Rabbiitti amananii fi Isa sodaataniiti. Ibiddi immoo adabbii warra Isa faallessaniiti, nama Inni rahmata godheef malee.” (Aslu As-Sunnati wa I’itiqaadu diini-fuula 21)

Ibn Abi Zayd Al-Qayruwaanii ni jedha: Rabbiin subhaanahu Jannata uumee warra Isatti amananii fi sodaataniif ganda yeroo hundaa keessa jiraatan godhe. Ishii keessatti gara Fuula Isaa Kabajamaatti ilaalun isaan kabaje… Ibidda uumee namoota Isatti kafaran, aayata, kitaabbanii fi Ergamtoota Isaa keessatti jallataniif ganda yeroo hunda keessa turan godhe. Isa ilaalu irraa kan haguuggaman isaan taasise.” (Muqaddimatu Risaalatu ibn Abi Zayd Al-Qayruwaanii-fuula 7)

Ibn Taymiyaa ni jedha: “Jannata keessatti nyaachu fi dhuguun Kitaaba Rabbiitiin, Sunnah Rasuulaa fi wali galtee Muslimootaatin kan mirkanaa’edha. Amanti Islaamaa irraa dirqamaan kan beekkamuudha. Haaluma kanaan, Jannata keessatti sinbirroo fi gamoowwan akka jiran shakkii tokko malee mirkanaa’anii jiru. Akkuma Nabiyyii (sallallahu aleyh wassallam) irraa hadiisota sahiih ta’an keessatti ibsametti. Akkasumas, warri Jannataa hin fincaa’an, sagaraa hin bahan, hin tufan. Namoota Rabbii fi Ergamaa Isaatti amanan irraa eenyullee kana hin faallessine. Kana keessatti kan faallessu namoota lama keessaa nama tokko: takkaa kaafira takkaa immoo munaafiqa.” (Majmuu’al Fataawaa 4/313)

3-Wa’da fi wa’iidatti amanuun, isa irraa Jannataa fi ibiddatti amanuun dirqama ta’uu erga mirkanaa’e, wanti iimaana kana diigu bifaa fi fakkeenya baay’ee qaba. Isaan keessaa: wa’da fi wa’iida mormu. Kana keessaa Jannataa fi ibidda mormuu. Akkuma falaasfonni jallattoonni jedhan: “Waadaa fi zaachan akka namoonni itti fayyadamaniif fakkii yaadati.” Jechuu. Bifoota mormii fi itti qoosu keessaa tokko wanta jallattoonni Mutassawifa: “Jannani ykn ibiddi hiika keesso qananii ruuhi ykn laalaa ishii ittiin barbaadamee qofaadha.” jechuun odeessaniidha. Bifa kufrii kanaa keessaa: wa’da fi wa’iidatti qoosu… kanneen biroo.

Akkaataa wa’da fi wa’iida mormuu fi itti qoosun iimaana itti diigu

Fakkeenyota iimaana diigan kanniin keessaa: wa’da fi wa’iida mormuu fi itti qoosudha. Akkaataan iimaana itti diigu karaa baay’een. Isaan keessaa:
(A)-Keeyyattoota wa’daa fi wa’iiditti amanuun: isaan mirkaneessu, dhugoomsu, kabajuu of keessatti qabata. Mormiin kuni amanuu kana diiga. Fakkeenyaaf, Jannataa fi ibidda mormuun, dhugoomsu qalbii diiga, akkuma dubbii arrabaa diigu. Keeyyattoota Jannataa fi ibidda dubbatanitti qoosun, kabaju fi ol-guddisuu kana diiga. Sababni isaas, hojii qalbii keeyyattoota wa’da fi wa’iid akka kabajanii fi ol guddisan nama taasisu diiga.

(B)-Keeyyattoota wa’da fi wa’iid mormuun ykn itti qoosuun kuni Qur’aana kabajamaa kijibsiisuudha. Rabbiin keeyyattoota isaa akka mirkaneessanii fi dhugoomsan waan dirqama godheef, tapha godhachuu irraa ni dhoowwe. Akkasumas, Rabbiin nama keeyyattoota Isaa waakkate (kaade), kufrii irratti murteesse jira. Adabbii nama salphisuu waadaa galeef. (Kutaa darbee keessa adabbii nama keeyyattoota Rabbii olta’aa kijibsiisee fi irraa of tuule ilaalle jirra. Duubatti deebi’uun ilaalun ni danda’ama.)

(C)- Keeyyattoota wa’da fi wa’iida mormuu fi zaahira isaanii irraa jijjiruun ykn isaanitti qoosun nabiyyoota maqaa xureessu fi kabaja isaanii gadi xiqqeessu of keessatti qabata. Nabiyyooni namoota hunda caalaa dhugaa kan ta’aniidha. Haala ifa ta’een ergaa ummatatti geessanii jiru. Ragaa namoota irratti gadi dhaabanii jiru. Rabbiin olta’aan wayhii Isaatiin isaan waan adda baasee fi namoota hafan keessaa waan filateef, Isa biratti uumamtoota hunda kan caalaniidha. Beekumsaa fi hojiin namoota hunda caalaa guutu kan ta’aniidha.

Kanaafu, nabiyyoota maqaa xurreessuun kufrii fi Islaama irraa duubatti deebi’uudha. Inumaa maqaa isaan xureessun madda gosoota kufrii fi jallinna baay’eeti.

Kanarratti dabalatee, keeyyattoota wa’da fi wa’iida mormuu fi itti qoosun, shari’aa dhabamsiisuu, ajajaa fi dhoowwaa haaqu, keeyyattoota shari’aatti taphachuu fi shakkisiisudha.

(D)-Mormiin ykn itti qoosun kuni ijmaa’a (wali galtee Muslimootaa) faallessu fi kijibsiisuudha. Akkuma irranatti jenne wa’da fi wa’iida mirkaneessu fi dhugoomsu irratti wali galanii jiru. Akkuma asi gaditti kaasnu, nama wa’da fi wa’iida mormee ykn itti qoose akka kafaru irratti wali galanii jiru.

Ibn AbdulBarr ni jedha: “Jannataa fi Ibidda mirkaneessun dirqama irratti wali galameedha. kuni jalqaba dhaamsaa keessatti tawhiida fi nabiyyii (sallallahu aleyh wassallam) ragaa bahuu waliin wanta barreefamu irraayyi.”

4-Amma nama wa’da fi wa’iida morme ykn isaanitti qoose kafarsiisu ilaalchisee dubbii beektota hamma ta’e haa dhiyeessinu:

Muhammad bin Ismaa’iil Rashiid ni jedha: “Beeki, namni Qiyaamaa ykn Jannata ykn ibidda ykn siraaxa ykn qorannoo ykn galmee hojiin gabroota keessatti barraa’e morme (hin jiran jedhe), ni kafara.” (Tahziibu Alfaazil Kufri- fuula 53)

Ash-Sharbiini ni jedha: namni Jannata ykn ibidda ykn qorannoo ykn mindaa ykn adabbii mormee ni kafara. Yookiin isaan mirkaneessee garuu “wanti barbaadamee hiika isaaniiti miti” yoo jedhe ni kafara.” (Mugnaa Al-Muhtaaji 4/136)

Ibn Taymiyaan ni jedha: “[Garee] Ismaa’iliyyah fi Qaraamixah jedhamanii fi namoota tasawwufaa irraa dubbiin akkanaa dhagahamu danda’a: “Adabbiin waadaa galame kan kitaabban Rabbii ittiin dhufan, namoonni wanta irraa dhoowwaman akka dhiisaniif sodaachisuu qofaafi. Haqiiqaa (dhugaa) hin qabu…” Namoonni kunniin Ergamtoota Rabbiitti, Kitaabban Isaatii fi Guyyaa Aakhiraatti kanneen kafaranii fi ajaja, dhoowwaa, wa’ada fi wa’iida Isaa mormaniidha.” (Majmuu’al Fataawaa 19/150)

Al-Bahuuti wanta Islaama irraa duubatti nama deebisu keessaa tokko wa’datti ykn wa’iiditti qoosu akka ta’e dubbate. (Ilaali Kashaaf Al-Qanaa’i 6/170)

NamniJannataa fi Jahannam hin jiran” jedhee morme ni kafara

Madda:
Nawaaqidul Iimaani al-qawliyah wal amalayah” fuula 233-241 Abdulaziz bin Muhammad

Print Friendly, PDF & Email
Dubbii Iimaana Diigu-Kutaa 13.1
Dubbii Iimaana Diigu-Kutaa 12.1
Offline dubbisuf

Leave a Reply