Dubbii Iimaana Diigu-Kutaa 12.1

Offline dubbisuf

Wa’da fi Wa’iida mormuu fi itti qoosu
Wa’da jechuun waadaa dha. Akka lugaa Arabifaatti Wa’da waan gaarii fi badaa keessatti itti fayyadaman. Ni jedhama: wa’dtuhu kheyran (waan gaarii isaaf waadaa gale.) Wa’dtuhu sharran (sharrii isaaf waadaa gale). Kheeyri fi sharrii yoo addaan baasan, kheeyri keessatti wa’da (waadaa) jedhan, sharrii keessatti immoo wa’iid jedhan. (Kanaafu, wa’da jechuun waan gaarii waadaa galudha. wa’iid immoo waan badaan (sharriin) itti dhaadachu ykn zaatudha.)

Qur’aanni waadaa fi zaachaa baay’ee of keessatti qabatee jira. Waadaan araaramaan, jaallachuun, kabajuun, Jannata seenuni fi gosoota mindaa biroo kana fakkaataniin ta’a. Wa’iid (Zaachan) immoo abaarsan, dallansuun, ibidda seenuun fi gosoota adabbii birootin ta’a.  

Rabbiin olta’aan ni jedha:

Rabbiin munaafiqoota dhiiraa dubartii fi kaafirota ibidda Jahannam yeroo hundaa keessa turan waadaa galeefi jira. Ishiin isaaniif gahoodha. Rabbiin isaan abaare, isaaniif adabbii itti fufaatu jira.” Suuratu At-Tawbah 9:68

Ammas ni jedha:

9:72

“Rabbiin mu’mintoota dhiiraatii fi dubartiif Jannata jala ishii laggeen yaa’an, kan yeroo hundaa keessa turanii fi Jannata Qubsumaa keessatti manneen gaggaarii waadaa galee jira. Jaalalli Rabbiin irraa ta’e hunda caalaa guddaadha. Suni isumatu milkaa’inna guddaadha.” (At-Tawbah 9:72)

Wanta Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa gabroota Isaa irratti tola oolee keessaa tokko nama hojii gaarii irratti waadaa galeef waadaa Isaa akka guutuuf ni beeksise. Rabbiin tola Isaatiin waadaa Isaa hin diigu. Ni jedha:

30:6

Waadaa Rabbiiti. Rabbiin waadaa Isaa hin diigu. Garuu irra hedduun namootaa hin beekan.” Suuratu Ar-Ruum 30:6

Namoota amananii Isa faallessaniif adabbiin Inni waadaa galeef immoo fedhii Isaa jala jira. Tarii waadaan adabbii kuni haqummaa fi jazaa hojii badaa isaanitiif isaan irratti kufuu danda’a. (Namoota amananii garuu hojii badaa kufrii fi shirkii gadi jiru yoo hojjatan, Rabbiin yoo fedhe ni araaramaaf, yoo fedhe ni adaba.)

Keeyyattoota waan gaarii fi adabbiin waadaa galuu dubbatan ilaalchisee dirqama nurra jiru yommuu dubbannu, keeyyattoota kanniin hundatti amanuu, isaaniif harka kennu, kabajuu fi ol-guddiisuudha. Rabbiitti ni amanna, akkaataa Rabbiin barbaaduun wanta Isarraa dhufeettis ni amanna. Ergamaa Rabbiitti ni amanan, akkaataa Ergamaan Rabbii barbaaduun wanta Ergamaa Rabbii sallallahu aleyh wassallam irraa dhufettis ni amanna.

Ibn Taymiyaan ni jedha: “Shakkii hin qabu, Qur’aana fi Sunnah keessa wa’da fi wa’iida jira. Rabbiin olta’aan akkana jedhee jira:

4:10

Dhugumatti isaan qabeenya yaatimoota zulmiidhaan (haqa malee) nyaatan, garaa isaanii keessatti ibidduma qofa nyaatu. Gara fuunduraatti ibidda boba’aa seenu.” Suurat An-Nisaa 4:10

Ammas ni jedha:

“Yaa warra amantan! Daldala jaalala keessan irraa ta’een malee qabeenya keessan jidduu keessaniitti sobaan hin nyaatinaa. Nafsee teessan [yookiin wal] hin ajjeesinaa. Dhugumatti, Rabbiin isiniif mararfataadha. Namni daangaa darbuu fi zulmiin kana hojjate, gara fuunduraatti ibidda isa seensifna. Kuni Rabbiin irratti salphaa ta’eera.” Suuratu An-Nisaa 4:29-30

Qur’aanaa fi Sunnah keessa wanti kana fakkaatu baay’etu jira. Dirqamni gabricha irra jiru kanaa fi san dhugoomsudha. (Majmuu’al fataawaa 8/270)

Ammas ni jedha: Jecha Rabbii fi Ergamaa Isaa kabajuun Musliimaf dirqama. Wanta Rabbii fi Ergamaan Isaa jedhan hundatti amanuun dirqama. Garii kitaabatti amanne, garii kitaabatti kafaruun nuuf hin ta’u…” (Al-Iimaan fuula 33-34)

Waadaa fi zaachaa Qur’aanaa fi hadiisota sahiih ta’an keessatti dhufanitti amanuun dirqama. Wa’ad (waadaan) kan akka Jannataa, araarama, rahmata fi kkf of keessatti qabata. Wa’iid (zaachan) immoo kan akka Jahannam, abaarsaa fi kkf of keessatti qabata.

Madda:
Nawaaqidul Iimaani al-qawliyah wal amalayah” fuula 230 Abdulaziz bin Muhammad

Print Friendly, PDF & Email
Dubbii Iimaana Diigu-Kutaa 12.2
Dubbii Iimaana Diigu-Kutaa 11.4
Offline dubbisuf

Leave a Reply