Dubbii Iimaana Diigu-Kutaa 11.4
Akkaataa Du’aan booda Kaafama Mormuun Iimaana itti diigu-kutaa 2
(C)-Du’aan booda kaafama mormuun keeyyattoota Qur’aanaa ifaan ifatti kaafama mirkaneessan kijibsiisudha. Akkasumas, mormuun kuni odeefannoo sirrii kaafamun akka argamu dubbatan deebisuu, wanta waamichi Ergamtoota irratti wali galee fi kitaabban ittiin bu’an kijibsiisudha. Namoonni keeyyattoota Rabbii subhaanahu kijibsiisan adabbii cimaaf akka saaxilaman Qur’aana keessatti ni arganna:
“Dhugumatti, warroonni keeyyattoota Keenyatti kafaran, gara fuunduraatti ibidda isaan seensifna. Dhawaatuma gogaan isaanii gubatuun, akka adabbii dhandhamaniif gogaa biraa isaaniif jijjirra. Dhugumatti, Rabbiin Injifataa, Ogeessa ta’eera.” Suuratu An-Nisaa 4:56
“Warroonni kafaranii fi keeyyattoota Keenya kijibsiisan, isaan san adabbii salphisaatu isaaniif jira.” Suuratu Al-Hajj 22:57
Namoonni Tokkichummaa Rabbii waakkatan, Ergamaa Isaa kijibsiisanii fi keeyyattota Qur’aana akka sobaatti ilaalan, isaan san adabbii Jahannam keessatti isaan salphisuu fi xiqqeessutu isaaniif jira.[1]
Ibn Abi Al-Izza Hanafiyy ni jedha: Jireenya Aakhiratti amanuun wanta Qur’aanaa fi sunnaan, sammuu fi uumamni qulqulluun agarsiisan irraayyi. Rabbiin Kitaaba Isaa injifataa keessatti waa’ee Aakhirah ni beeksise, ragaalee irratti gadi dhaabe, suurah Qur’aanaa baay’ee keessatti nama mormu irratti deebii ni deebise.” (Sharih Al-Aqiidatu Ax-Xahaawiyyah-2/589)
Hadiisa Abu Hureeyran gabaase keessatti, Nabiyyiin sallallahu aleyh wassallam ni jedhan: Rabbiin ni jedha: Ilmi Aadam Na arrabsee jira, Na arrabsuun isaaf hin malu. Na kijibsiisee jira, [Na kijibsiisuun] isaaf hin malu. Arrabsoon isaa Ani ilma akka qabu dubbachuu isaati. Kijibsiisuun isaa immoo akkuma jalqaba na uume deebisee na hin uumu jechuu isaati.” Sahiih Al-Bukhaari 3193
Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa argamuu Qiyaamaa irratti Gooftaa isaatiin akka kakatu Ergamaa Isaa bakka sadiitti ajajee jira:
1ffaa:
“‘Sila inni (Guyyaan Qiyaamaa) dhugaadhaa?’ [jechuun] si gaafatu, jedhi, “Eeyyeen, Gooftaa kiyyaan kakadhe! Dhugumatti, inni dhugaadha. Isinis miliquu hin dandeessan.” Suuratu Yuunus 10:53
2ffaa:
Warri kafaran, “Qiyaamaan nutti hin dhuftu” jedhan. “Akka isin jettanii miti. Rabbii kiyya Beekaa waan hin mul’annee ta’een kakadhe, dhugumatti isinitti ni dhufti.” Suuratu Saba 34:3
3ffaa:
“Isaan kafaran [erga duunee booda] hin kaafamnu jechuun odeessan. Jedhi, “Eeyyen! Gooftaa kiyyaan kakadhe! Dhugumatti isin ni kaafamtu; ergasii wanti dalagdan hundi isinitti himama. Sunis Rabbiin irratti laafadha.” (Suuratu at-Taghaabun 64:7)
Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa iddoolee baay’eetti Guyyaan kuni argamu kakatee jira. Kan akka jecha Isaa:
“Rabbiin haqaan Gabbaramaan Isa malee hin jiru. Dhugumatti, gara Guyyaa Qiyaamaatti walitti isin qaba, shakkiin isa keessa hin jiru. Rabbiin caalaa eenyutu dubbiin dhugaadhaa?” (Suuratu An-Nisaa 4:87)
Kana jechuun ibaadan hundi Rabbiif malee hin ta’u. Guyyaa Qiyaamaa kan shakkiin keessa hin jirre qorannoo fi jazaaf walitti isin qaba. Wanta beeksiise keessatti Rabbiin caalaa dhugaa kan dubbatu hin jiru. Dhugummaa odeefannoo Ani isinitti beeksisuu beekaa. Jazaaf, qorannoof, mindaa fi adabbiif yaqiinan Guyyaa Qiyaamaa walitti isin qaba. Kuni sirrii ta’uu isaa hin shakkinaa. Haqiiqaa isaa hin maminaa. Dhugumatti, dubbiin Kiyya dhugaa sobni keessa hin jirreedha, waadaan Kiyya haqa diiggan keessa hin jirreedha. “Rabbiin caalaa eenyutu dubbiin dhugaadhaa?” Kana jechuun dubbataa kamtu Rabbiin caalaa dubbii keessatti dhugaa ta’aa? Kunis, namni kijibu kijiba isaatiin faayda argachuuf ykn miidhaa ofirraa deebisuuf qofa kijiba. Rabbiin olta’aan faaydaa fi miidhaa kan uumudha. Kanaafu, Isa irraa kijibni argamuun gonkumaa hin ta’u. Sababni isaas, faayda argachuu fi miidhaa ofirraa deebisuun kanatti hin kakaasu. Kuni kan Isaa gadi jiruuf ta’a.[2] Kanaafu, wanti kijibuutti Isa kakaasu waan hin jirreef hunda caalaa dhugaa dubbataa jechuudha. Odeefannoon Inni beeksisu odeefanno hunda caalaa dhugaa ta’eedha.
Rabbiin subhaanahu wa ta’aala namoota Qiyaamaa kijibsiisan balaalefate jira:
“Dhugumatti, warroonni qunnamti Rabbii kijibsiisan kasaarani jiru. Kan qajeelfamanis hin turre.” Suuratu Yuunus 10:45
Adabbii fi jallinna fagoo keessa akka jiran ni beeksiise:
“Akkasi miti, warroonni Aakhiratti hin amanne, adabbi (azaabaa) fi jallinna fagoo keessa jiru.” Suuratu Saba 34:8
(D)-Du’aan booda kaafamu Muslimoonni irratti wali galanii jiru. Beektonni ummata kanaa namni kaafama mormu akka kafaruu irratti wali galani jiru. Waligaltee (Ijmaa’a) kana beektota baay’etu dubbata. Isaan keessaa muraasa isaanii haala armaan gadiitiin ni dhiyeessina:
Ibn Hazm ni jedha: “Namni ruuhin gara qaama biraatti dabarti jedhee odeesse, kuni dubbii warra At-Tanaasuka ti, suni warra Islaamaa hunda biratti kufriidha.” (Al-Muhallaa 1/31)
Ammas ni jedha: Kaafamni haqa akka ta’e fi yeroon jireenyi addunyaa isaanii addaan citutti namoonni hundi akka kaafaman irratti wali galanii jiru….” (Maraatibul Ijmaa’i- fuula 175)
Kitaaba sadaffaa keessatti ni jedha: “Kaafamuun dhugaadha, qorannoonis haqa… Rabbiin olta’aan Guyyaa Qiyaamaa ruuhi fi qaama walitti qaba. Kuni wanta warri Islaamaa hundi irratti wali galaniidha. Namni isa keessaa bahee Islaama keessaa bahe.” (Ad-Duratu fiimaa yajibu I’itiqaadu-fuula 206)
Ibn Abdulbarr ni jedha: Namni kaafama morme iimaanaa fi shahaadan akka isaaf hin jirree Muslimoonni irratti wali galanii jiru. Du’aan booda kaafama mirkaneessu fi jabeessu Qur’aana keessa jiru waliin kana keessa wanta quubsaa fi gahaatu jira. Kanaafu, kana mormuuf sababni hin jiru.” (At-Tamhiid 9/116)
Ibn Taymiyaan ni jedha: “Kaafirota, mushrikootaa fi kanneen biroo irraa gareewwan baay’een du’aan booda deebifamu guutumatti mormu. Deebifamuu ruuhis ta’e deebifamu qaamas hin mirkaneessan. Rabbiin olta’aan dhimma deebifama ruuhi fi qaamaa Kitaaba Isaa keessatti arraba Ergamaa Isaa irratti ibsee jira. Kana irraa wanta tokkotti warra kafaranii fi morman irratti ibsa guutuu deebisee jira.
Ummata kana irraa munaafiqonni jechoota Qur’aanaa fi Sunnah beekkamaa hin mirkaneessine immoo, jechoota bakka isaaniiti jijjiru. “Kuni deebifama ruuhii akka hubannuuf fakkeenya dhiyeefameedha” jedhu. Kunniin akka Al-Qaraamixatu Al-Baaxiniyyah dubbiin isaanii dubbii majuusaa fi saabi’ah irraa walitti qabameeti…Dhugumatti, Muhammad sallallahu aleyh wassallam kana (du’aan booda kaafama) ibsa quubsaa uzrii kutu ibsee jira…” (Majmuu’al Fataawaa 4/313=gabaabbinnaan)
3-Wanti darbe erga mirkanaa’e, murtii nama kaafama mormee ilaalchisee dubbii beektota garii ni dubbanna:
Kunoo ibn Najiim kufrii nama kaafama mormee mirkaneessa. Akkuma kana Badru Rashiidis ni mirkaneessa.
Dardiir Maalikiyy ni jedha: “Namni “namni du’e ruuhin isaa fakkaatama isaatti dabarti ykn nama Rabbiif ajajamu irraa yoo taate kan isa caalutti dabartii ykn yoo kan badii hojjatu irraa taate kan isaa gadiitti ykn isa fakkaatutti dabarti” jedhe, inni kaafira. Sababni isaas, kana keessa kaafama mormutu jira.” (Ash-Sharh Al-Sughraa 6/147-148)
Al-Bahuuti ni jedha: “Kaafama yoo waakkate (kijibsiisee fi morme), kafaree jira. Qur’aana, Sunnah fi wali galtee ummataa waan kijibsiiseef.” (Kashaaf Al-Qanaa’i 6/136)
[1] Tafsiiru Muyassar-339
[2] Tafsiir Muyassar-92, Tafsiiru Xabarii-7/279-280
“Nawaaqidul Iimaani al-qawliyah wal amalayah” fuula 225-229 Abdulaziz bin Muhammad