Hojii Iimaana diigu-Kutaa 7.1

Offline dubbisuf

Kutaa darbee irraa itti fufuun hojii iimaana diigu ni ilaalla. Kutaa kana keessatti Ka’abaan alatti wanta biraa irratti xawaafa gochuun shirkii fi hojii iimaana diigu akka ta’e ni mirkaneessinna

(C)-Xawaafatti yoo dabarre immoo, xafaawni shirkii ta’uu Rabbiin ala wanta biraatti dhiyaachuuf xawaafa Ka’aban alatti godhamuudha. Kan akka qabrii, hujubaa fi kkf irra naanna’u (xawaafa gochuu). Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa akkana waan jedheef xawaafni ibaadadha:

https://df61994948e9a54a5259-ad04094bac72ed4d481dba65a1920e88.ssl.cf1.rackcdn.com/22_29.png

Sana booda xuriiwwan isaanii haa dhabamsiisan, qodhaa (silati) isaaniis haa guutan, Mana duriis (Ka’abaa) haa naannawan (xawaafa godhan).” Suuratu Al-Hajj 22:29

Ibaadaa ykn ibaada irraa wanta tokko Rabbiin ala kan biraatiif gochuun shirkiidha. Osoo Rabbiitti dhiyaachuf qabrii irra naanna’e (xawaafa godhee), kuni dhoowwamaadha, bid’aa fokkuudha, karaa qabrii tana itti gabbaraniidha.

Dhimma kana ilaalchise ibn Taymiyaan ni jedha: Namtichi abbaa isaa irraa hajjii akka hajju barbaade. Ergasii abbaanis matama isaa irra akka naanna’u ajajee akkana jedhe: Mana irra naanna’i, Rabbiin libsu ijaatif sirraa addaan hin bahu.” Akka wali galtee Muslimootatti kuni kufriidha. Ka’abaa irra naanna’un wanta Rabbii fi Ergamaan Isaa ajajaniidha. Nabiyyootaa fi saalihota irra xawaafa gochuun immoo akka wali galtee Muslimootatti haraaama. Namni kana akka amantiitti amane, inni kaafira.” (Majmuu’al Fataawaa 2/308)

Ammas ni jedha: “Akkuma Ka’aba irra xawaafni godhamu dachii keessa iddoon xawaafni itti godhamu hin jiru. Namni Ka’aban alatti xawaafni hayyamama akka ta’etti amane, nama Ka’aban ala gara biraatti garagalanii salaatuun ni hayyamama jedhee amane caalaa badaadha…” (Majmuu’al Fataawaa 27/10=gabaabbinnaan)

3-Murtiin hojiwwan kanniinii erga mirkanaa’e, akkaata gochoonni kuni kufrii itti ta’an haala kanaan gabaabsun ni danda’ama:

(A)-Gochoonni kunniin shirkii tawhiida ibaadaa diiganiidha. Qalmii, nazriin akkasumas, sujuunni, ruku’uni, xawaafni ibaadaa Rabbiif malee homaafu gochuun hin danda’amne erga ta’anii, namni wanta Rabbiif malee homaafu hin taane, Rabbiin ala wanta biraatiif mirkaneesse ykn godhe, inni kaafira. Sababni isaas, shirkiin guddaan ibaada irraa gosa ykn wanta tokko Rabbii olta’aan ala kan biraatiif gochuudha. Ibaadan shari’aa fi Isa jaallachuu daangaa ol’aanaa irra gahe waliin Rabbiif gadi of xiqqeessu of keessatti qabata. Akkuma Ibn Taymiyaan jedhu: “Ilaah qalbiin jaalala, ol-guddisuu, kabaja, sodaa, abdachuu guutuunii fi kan kana fakkaataniin kan gabbartuudha.” (Al-Ubuudiyyah fuula 51)

Akkuma beekkamu, qalmii, nazriin, sujuunni, rukuu’a, xawaafa fi kkf ibaadaa gadi of qabuu, sodaa, kabajuu, abdachuu, jaallachuu fi itti dhiyaachu of keessatti qabataniidha. Ibaadawwan kunniin Rabbiif qofa yoo godhaman, kun iimaana fi tawhiida. Yoo Rabbiin ala kan biraatiif godhaman immoo kuni kufriidha.

(B)- Ibaadawwan kanaan namni Rabbii olta’aan ala kan biraa niyyatee fi godheef, dhugumatti, makhluuqa dadhabaa Khaaliqa abbaa humnaa, Danda’aa ta’een wal fakkesse. Saniifi, ibn Al-Qayyim akkana jedha: “Amaloota addaa gabbaramaa qofaaf ta’an keessaa tokko: ibaadan mogolee lama irra dhaabbattee Isaaf ta’uudha. Isaanis: jaalala daangaa ol’aanaa irra gahee fi gadi of xiqqeessu daangaa ol’aanaa irra gaheedha. Kuni guutummaa ibaadati. Kana keessatti hamma hundee lamaan kanaan wal caalaniin sadarkaan uumamtootaa wal darba. Namni jaalala, gadi of xiqqeessu fi gadi of qabuu isaa Rabbiin ala kan biraatif kenne, haqa Isaa qulqulluu keessatti Isatti fakkeesse jira… Hanga akkana jedhuutti, amaloota gabbaramaa qofaaf ta’uu qaban keessaa tokko sujuuda. Namni Isaan ala kan biraatiif sujuude, makhluuqa Isatti fakkeessee jira. Ammas, tawakkula. Namni Isaan ala kan biraa irratti hirkate (tawakkula godhe), Isatti fakkeesse jira. ammas, tawbaa. Namni Rabbiin ala gara biraatti tawbate, Isatt fakkeesse jira.” (Al-Jawaabul Kaafi-fuula 183=gabaabbinnaan)

Kitaaba biraa keessattis ni jedha: sababoota sanamoota gabbaraniif keessaa: makhluuqa keessatti daangaa darbuu fi hanga gabbarri irraa qoonni isaaf godhamutti sadarkaa isaati ol isa olkaasudha. Makhluuqa kana Rabbiitti subhaanahu fakkeessan. Kuni fakkeessaa ummattoota keessatti argamuudha. Rabbiin kana ni haaqe, mormuu fi warra isaa irratti deebii deebisuuf Ergamtoota ni erge, kitaabban ni buuse.

Warri shirkii nama ol-guddisanii fi jaallatan keessatti, hanga wanta kana Khaaliqatti fakkeessanii fi amaloota addaa Gabbaramaaf ta’ee isaaf kennan gahanitti daangaa darban. Inumaa inni gabbaramaadha (gooftadha) jechuun ifatti labsan. Gabbaramtoota gabbaramaa tokko gochuu ni morman. Ni jedhan:

38:5
38:6

Sila gabbaramtoota gabbaramaa tokko godhee? Dhugumatti kuni wanta ajaa’ibaati. Isaan (mushrikoota) keessaa namoonni gurguddoon deemanii, “Deemaa, gooftolee keessan [gabbaruu] irratti obsaa, dhugumatti inni kuni wanta barbaadamudha.” Suuratu Saad 38:5-6

Ammas, wanti mushrikoonni gabbaran ilaah gabbaramaa abdatamu, sodaatamu, ol-guddifamu, isaaf sujuudamu, wantoonni isaaf dhiyeefaman akka ta’ee fi ibaadaa biroo Rabbiif malee homaafu hin taane akka isaaf ta’u ifatti labsan. Mushrikni hundi wanta gabbaruu Rabbiitti kan fakkeessudha. Osoo gara hundaan Isatti fakkeessu baateyyu.” (Ighaasatu Lahfaani 2/322-323=gabaabbinnan)

Print Friendly, PDF & Email
Hojii Iimaana Diigu-Kutaa 6
Offline dubbisuf

Leave a Reply