Hojii Iimaana Diigu-Kutaa 6

Kutaa darbee keessatti Rabbiin ala wanta biraatiif sujuudun shirkii akka ta’e mirkaneessinee jirra. Garuu shari’aa Nabii Muhammaditiin (SAW) dura namoonni nama biraatiif sujuuda akka turan ni beekkama. Kuni akkamitti ilaallama jedhee namni gaafachu danda’a. Barreefamni gabaabdun armaan gadi kana ifa gooti.

Rabbiin ala wanta biraatiif sujuuduun shirkii akka ta’e erga mirkanaa’e, sujuuda ibaadaa fi sujuuda kabajaa addaan baasun nurra jira. Sujuuda ibaadaa ilaalchisee armaan olitti ibsamee jira. Sujuunni kabajaa immoo shari’aa duraanii keessatti hayyamamaa ture. Ergasii ummata kana irratti dhoowwamaa ta’e. Kabajaaf jedhanii namaaf sujuudun Rabbiin faallessu fi garmalee kan dhoowwameedha. Akkuma beekkamu, sujuunni ibaadaa gadi of qabu, of xiqqeessu, harka kennuu fi Rabbiin ol-guddisuu irratti kan hundaa’edha. Sujuunni kuni tawhiida waamichi Ergamtootaa irratti wali gale irraayyi. Rabbiin ala kan biraatif yoo godhame, suni shirkiidha. Garuu namni tokko abbaaf ykn aalimaaf fi kanneen birootif osoo sujuudee fi kanaan kabaja yoo niyyate, kuni shirkii gaditti wantoota dhoowwaman irraayyi. Garuu sujuuda kanaan nama saniif gadi of qabuu, itti dhiyaachu, gadi of xiqqeessu yoo niyyate, kuni shirkiidha. Haa ta’uu malee, osoo aduuf ykn ji’aaf ykn qabriif sujuude, sujuunni akkanaa ibaadaa, gadi of qabuu, itti dhiyaachu irraa malee hin argamu. Kuni sujuuda shirkiiti. Kana keeyyattota armaan gadiitiin siif ibsuun ni danda’ama:

Rabbiin olta’aan ni jedha:

“[Yuusuf] Abbaa fi haadha isaas siree irratti ol fuudhe. Isaanis sujuuda isaaf bu’an.” Suuratu Yuusuf 12:100

Tafsiira Aayah tanaa ilaalchisee ibn Kasiir ni jedha: shari’aa (seera) isaanii keessatti hayyamamaa ture, maanguddoo yommuu nagaha gaafatan isaaf sujuudaa turan. Aadam irraa kaase hanga seera Iisaatti kuni hayyamamaa ta’uu hin dhaabbanne. Ummata kana keessatti immoo kuni ni dhoowwame. Sujuunni Gooftaa olta’aa qofaaf godhama. Kuni qabiyyee jecha Qataadati fi kan biraati…hanga akkana jedhutti, “Wanti barbaadame: kuni seera isaanii keessatti hayyamamaa ture. kanaafi, sujuuda isaaf bu’an.” (Tafsiir Ibn Kasiir 2/491=gabaabbinnaan)

Muhammad Rashiid Ridaa tafsiira aayah tanaa ilaalchisee: Yommuu Malaykootan Aadamiif sujuudaa jenne.” (Suuratu Al-Baqarah 2:34) Ni jedha: suni sujuuda amala isaa nuti hin beeknedha. Garuu hundeen amanti akkuma nu barsiisu, suni sujuuda ibaadati miti. Sababni isaas, Rabbiin malee kan gabbaramu hin jiru. Akka lugaatti sujuuda jechuun gadi jechuu fi masakamuudha. Wanti hundarra ifatti isa baasu: fuulaan gara lafaatti kufuu fi kallacha biyyee irra gochuudha…” (Tafsiiru Manaar 1/265)

Anas ibn Maalik akka gabaasetti Ergamaan Rabbii (sallallahu aleyh wassallam) akkana jedhan: ilmi namaa ilma namaatiif sujuudun hin ta’u. Osoo ilmi namaa ilma namaatif sujuudun ta’ee, haqa guddaa inni ishirraa qabu irraa kan ka’e silaa niitin abbaa manaa ishiitif akka sujuuddu ajajaa ture.” (Ahmad 3/158, gabaase)

Qays ibn Sa’ad (radiyallahu anhu) ni jedha: Ani Al-Hiirah deeme. Goota isaaniitif kan sujuudan arge. Ergasii ani ni jedhe, “Ergamaa Rabbiitiif sallallahu aleyh wassallam sujuudun nama hunda caalaa haqa kan godhatudha. Anis gara Nabiyyii sallallahu aleyh wassallam dhufe akkana jedhe, “Ani Al-Hiirah deemee goota isaaniitif kan sujuudan arge. Ati yaa Ergamaa Rabbii! nuti siif sujuudun nama hunda caalaa haqa godhatta.” Nabiyyinis ni jedhe, “Mee natti himi, osoo qabrii tiyya irra dabartee, ni sujuuddafi?” Anis ni jedhe, lakki. Innis ni jedhe, “Kanaafu, hin hojjatinaa. Namni tokko nama biraatif akka sujuudu osoo ajaje, dubartoonni abbaa manaa isaanitiif akka sujuudan nan ajajaa ture, Rabbiin isaan irratti haqa waan isaaniif (dhiirsotaaf) godheef.” (Abu Daawud 2140)

Al-Xiibii ni jedha: Kana jechuun Jiraataa gonkumaa hin duunef, Kan mootummaan Isaa hin banneef sujuudaa. [Osoo amma naaf sujuudde] kabajaaf naaf sujuudda. Yommuu qabrii keessatti awwaalame, ni dhiista.” (Awnul Ma’abuudi 6/178)

Ibn Taymiyaan dhimma kana akkana jechuun ibsa: “[Rabbiin ala wanta biraatiif] lafa dhungachuun, mataa lafarra kaa’un, fi kkf irraa wanta sujuunni keessa jiru kan sheekkonni durii fi moottonni gariin hojjatan, hin hayyamamu. Inumaa, gadi jechuun kan akka ruku’aa hin hayyamamu. Sahaabonni Nabiyyii sallallahu aleyh wassallam akkana jechuun gaafatan: nu keessaa namtichi tokko obboleessa isaa ni qunnama, isaaf gadi jechu danda’aa?” Innis ni jedhe, “Lakki…” (Ahmad 3/198, At-Tirmizii 2728) (Majmuu’al Fataawaa 3/198)

Ammas ni jedha: sheekkotaa fi kanneen biroo irraa namoota gurguddoo biratti mataa lafa irra kaa’un ykn lafa dhungachuu fi kkf, dhoowwamaa ta’uun isaa imaamota jidduutti wanta wal mormiin keessa hin jirreedha. Inumaa Rabbiin ala kan biraatiif dugdaan gadi jechuunu dhoowwamaadha.” (Majmuu’al Fataawaa 27/92)

Ammas ni jedha: Gola Nabiyyi fi Abu Bakr itti awwaalamanii fi isaan lamaanin ala awwaalcha nabiyyi ykn nama saalih (gaarii) dhungachuu fi barakaa barbaadun harkaan haxaawun hin jaallatamu, akka wali galtee imaamotatti. Inumaa kana irraa ni dhoowwama. Kanaaf (qabriif) sujuudun immoo kufriidha.” (Majmuu’al Fataawaa 27/136)

Guduunfaa
Sujuunni bakka lamatti qoodama: Sujuuda ibaadaati fi sujuuda kabajaa.
✒Sujuunni ibaadaa sujuuda gadi of qabuun, itti dhiyaachuun, sodaa fi garmalee ol-guddisuun keessa jiruudha.
✒Sujuunni kabajaa kanniin kan of keessaa hin qabneedha.
✒Shari’aa duraanii keessatti sujuunni kabajaa hayyamama ture. Garuu shari’aa Nabii Muhammad (SAW) keessatti dhoowwamaadha. Kanaafu, kabajaaf jedhanii namaaf sujuudun hin ta’u.

Madda:
Nawaaqidul Iimaani al-qawliyah wal amalayah” fuula 278-281 Abdulaziz bin Muhammad

Print Friendly, PDF & Email
Hojii Iimaana diigu-Kutaa 7.1
Hojii Iimaana Diigu-Kutaa 5

One comment

Leave a Reply