Hojii Iimaana Diigu-Kutaa 5

Offline dubbisuf

Kutaalee darban keessatti Rabbiin ala wanta biraatiif silati seenuu fi qalma qaluun (wareegun) shirkii akka ta’e ilaalle jirra. Har’as itti fufuun Rabbiin ala wanta biraatiif sujuudu fi ruku’a bu’uun (mataan gadi jechuun) shirkii akka ta’e ni ilaalla. Isin qophiidhaa?

(B)-Gara murtii Rabbii olta’aan ala wanta biraatif sujuudu fi ruku’a bu’uutti yoo dabarre immoo kuni shirkii zaahiraa (ifatti bahe) irraayyi. Shakkii hin qabu, sujuudaa fi ruku’uni ibaada Rabbii tokkicha shariika hin qabneef ta’uu qabaniidha. Namni Rabbii olta’aan ala kan biraatiif sujuude ykn rukuu’a bu’e shirkii hojjatee jira. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

“Isa kan gabbartan yoo taatan, aduu fi ji’aaf hin sujuudinaa, Rabbii isaan uumeef sujuudaa.” Suuratu Fussilat 41:37

Kana jechuun Isatti waa hin qindeessinaa. Isa gabbaruun keessan wanta biraa gabbaruu waliin isin hin fayyadu. Dhugumatti, Inni Isatti waa qindeefamu hin araaramu. (Ilaali Tafsiiru Ibn Kasiir 4/104)

Warri beekumsaa gariin ibsa aayata tanaa ilaalchisee akkana jedhan: Namni Rabbiif gabricha qulqulluu ta’uu barbaade, Isa malee homaafu hin sujuudin, aduu fi ji’aaf hin sujuudin. Isaan lamaaniin (aduu fi ji’aan) uumamtoota olii gabbaruu irraa akeekachiise, uumamtoonni gadii kan akka dhagaalee, mukkeen, qabrii fi kkf immoo san caalaa [irraa akeekachifamuu kan qabaniidha.] Sujuunni haqa Khaaliqaati. Wanti fedhee haa galu, hundemaa uumamaaf (makhluuqaaf) hin sujuudamu. Uumama keessatti aduun, jiyni, waliyyiin, nabiyyiin, dhagaan, mukni fi kkf wal qixxaatu. [Uumamtoota kanniin keessaa tokkofillee sujuunni hin ta’u.]” (Ad-Diinul Khaalis 2/53)

Akkasumas, aayat armaan olitti aanse Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa akkana jedhee jira:

41:38

“Yoo of tuulan, kanneen (malaaykonni) Gooftaa kee bira jiran halkanii guyyaa Isa qulqulleessu, isaan hin hifatan.” Suuratu Fussilat 41:38

Namni Rabbii tokkichaaf sujuude, Rabbii tokkichaaf gadi jedhee fi masakamee jira, gadi of xiqqeessu guutuu fi jaalala galmaan gahe. Faallaan kanaa, nama ibaadaadhaan Rabbiin tokkichoomsu irraa of tuuledha. Ibaada kana keessaa sujuuda. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa of tuultoota kanniin adabbii nama salphisuu isaaniif waadaa galee jira:

“Dhugumatti, isaan Ana gabbaruu irraa boonan (of tuulan), salphattoota ta’anii Jahannam seenuf jiru.” Suuratu Ghaafir 40:60

(Kana jechuun Ani Gooftaa isaanii qananii adda addaatiin isaan qananiisu ta’ee osoo jiru, namoonni of tuuluu isaanii keessatti lixuun Anaaf of gadi qabuu fi ajajamu didan, Guyyaa Qiyaamaa xiqqaattoota fi salphattoota ta’anii Jahannamiin ni seenu.[1])

Qurxubiin ni jedha: “sujuuda irraa dhoowwame kana wallaaltonni mutasawwifaa yeroo sheekkota isaanitti seenan, dhageefatanii fi araarama isaan irraa kadhatan isaaniif sujuudu aadaa godhatanii jiru. Isaan keessaa tokko akka oduu isaatti haalli yoo isatti cime, wallaallumma isaa irraa kan ka’e miilarratti kufee sujuuda… carraaqqin isaa bade, hojiin isaas haxaawame.” (Tafsiir Qurxubii 1/294)

Ibsa shirkii kanaa ilaalchisee Ibn Al-Qayyim akkana jedha: gosoota shirkii keessaa barataan sheekaf sujuududha. Nama sujuudu fi nama sujuudamufu irraa kuni shirkiidha. Wanti ajaa’iba, akkana jechuu isaaniiti: kuni sujuudaa miti. kuni kabajuu fi gadi of qabuuf mataa miila sheekaa irra kaa’u qofaadha. Namoota kanniin akkana jedhama: wanta jettan osoo jettanii, haqiiqan sujuudaa: kan sujuudamuuf jedhanii mataa lafa irra kaa’uudha. Haaluma kanaan, sanamaaf, aduuf, urjiif, dhagaaf sujuunni godhamu hundi mataa lafa irra kaa’udha. (Madaariju Saalikiin 1/344-345)

Ammas, ni jedha: sheekonni jallinnaa Gooftummaaf dorgoman dhufanii barattoota (hordoftoota) isaanii isaaniif jecha akka mataa haaddatan ni miidhagsan. Akkuma isaaniif sujuudu isaaniif miidhagsanii fi maqaa isaatiin ala maqaa biraa itti baasan. Ni jedhan, “Sheeka fuundura mataa lafarra kaa’udha.” Rabbiin kakadhe! Dhugumatti, Rabbiif sujuudun Isa fuundura mataa lafarra kaa’udha. Ammas akka isaaniif silati seenan, gara isaanitti tawbatan, maqaalee isaanitiin kakatan ni bareechisaniif. Kuni Rabbii gaditti gooftoolee fi gabbaramtoota isaan godhachuudha. Rabbiin olta’aan ni jedha:

Ilma namaa tokkoof Rabbiin kitaaba, hukmii (beekumsaa fi hubannoo seera amantii) fi nabiyyummaa kennee ergasii namootaan, “Rabbii gadiitti anaaf gabroota ta’aa.” jechuun hin malu. Garuu [kan inni isaaniin jedhu], “Kitaaba waan barsiisaa turtanii fi waan qo’ataa turtaniif beektota beekumsa isaanitiin hojjatan ta’aa.” Malaykoota fi nabiyyoota gooftolee akka godhattan isin hin ajaju. Sila Muslimoota erga taatanii booda kufriitti isin ajajaa?” (Suuratu Aali-Imraan 3:79-80)

Ibaadan hundarra kabajamtu ibaadaa salaatati. Dhugumatti, sheekonni, warri ulamaa’a fakkaatanii fi abbootin salaata qoodatanii jiru. sheekonni salaata keessaa wanta hundarra kabajamaa fudhatan. Innis sujuuda. Warri ulamaa’a fakkaatanis salaata irraa rukuu’a fudhatan. Gariin garii yoo qunname isaaf rukuu’a bu’a (mataan gadi jedhaaf), akkuma namni salaatu Gooftaa isaatiif ruku’a bu’u. Moottonni abbaa irree immoo salaata irraa qiyaama (dhaabbannaa) fudhatan. Isaan gabbaruuf namoonni bilisaa fi gabroonni mataa isaanii irra ni dhaabbatu, isaan immoo ni taa’u. Ergamaan Rabbii sallallahu aleyh wassallam dhimmoota sadan kana bal’innaan irraa dhoowwanii jiru. Rabbiin ala wanta biraatif sujuudu irraa akkana jechuun dhoowwe: “Tokko kan biraatiif sujuudun hin malu.” Kuni dhoowwamaa ta’uun amanti irraa dirqamaan kan beekkamedha.  Sujuudni gosoota ibaadaa daangaa ol’aanaa irra gahan keessaa tokkoodha. Mushrikni kuni gosa ibaada kana ilma namaatiif yoo hayyame, ibaadaa Rabbiin ala wanta biraatiif hayyamee jiraa jechuudha. Akkasumas, yeroo nagaha wal gaafatan mataan gadi jechuun sujuuda. Kana ilaalchise jecha Rabbii olta’aa:

2:58

Yeroo “Magaalatti tana seenaa, ishii irraas iddoo feetanii [nyaata] bal’aa nyaadhaa, Balbalichas sujuudaa seenaa, “Badii keenya nurraa harcaasi” jedhaa, badii keessan isiniif araaramnaati. Warra toltuu hojjataniis [mindaa] ni daballa.” Jenne, [yaadadhaa].” Suuratu Al-Baqarah 2:58

Asitti Balbalichas sujuudaa seenaa, jechuun gadi jedhaa seenaa. Ta’uu baannan, kallacha lafa irra kaa’un seenun hin danda’amu…

Wanti barbaadame, nafseen wallaaltuun jallattuu taate ibaadaa Rabbii subhaanahu dhiistee uumamtota irraa kan ol guddiste itti qindeessite. Kanaafu, Rabbiin ala kan biraatiif sujuudde, ruku’a buutef, akka salaataf dhaabbatanitti isa fuundura dhaabbatte. Rabbiin ala kan biraatin kakkatte, kan biraatiif nazrii (silati) seente, mataa haadatte, qalma qalte, Mana Isaatin ala kan biraa irra xawaafa goote… uumamtoota irraa wanta gabbartu Gooftaa aalamaatin wal qixxeessite. Namoonni kunniin da’awaa (waamicha) Ergamtootaa kan faallessaniidha. Isaan warra Rabbitti waa qixxeessaniidha. Wanta warri Rabbiin waliin waan biraa gabbaran guyyaa Qiyaamaa jedhan ilaalchise Rabbiin olta’aan ni jedha:

“Rabbiin kakanne! Dhugumatti jallinna ifa bahaa keessa turre, yommuu Gooftaa aalamaatti isin qixxeessinu.” Suuratu Ash-Shu’uraa 26:97-98” Zaadul Ma’aad 4/159-161=gabaabbinnaan)

Rabbiin ala wanta biraatiif sujuudun (kallacha (adda) lafa irra kaa’uu) fi ruku’u bu’uun (mataan gadi jechuun) shirkiidha.

Kanaafu, namoonni masqala dhungachuuf qeeysif gadi jedhanii fi batakiristaana fuunduratti mataa isaanii gadi qaban, shirkii hojjataa jiru. Kana jechuun Rabbiin waliin qeeysotaa fi masqala waaqefataa jiru. Namni Rabbiin waliin waan biraa osoo waaqefatu du’e, Rabbiin irraa araarama hin argatu, gonkuma Gannata hin seenu.Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

“Dhugumatti, namni Rabbiin waliin waan biraa waaqefate, Rabbiin isarratti Jannata haraama (dhowwaa) taasiseera. Teessoon isaas ibidda. Zaalimootaf gargaartonni wayiitu hin jiran.”  Suuratu Al-Maa’ida 5:72


[1] Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi -12/403
Nawaaqidul Iimaani al-qawliyah wal amalayah” fuula 272-… Abdulaziz bin Muhammad

Print Friendly, PDF & Email
Hojii Iimaana Diigu-Kutaa 6
Hojii Iimaana Diigu-Kutaa 4
Offline dubbisuf

Leave a Reply