Hojii Iimaana Diigu-Kutaa 4

Offline dubbisuf

Ji’oota muraasan dura dubbiiwwan iimaana diigan ilaalle jirra. Hojiwwan iimaana diiganiis ilaalu jalqabnee osoo hin xumurin jidduun dhiifne. Amma bakka itti dhaabne irraa jalqabuun adeemsa keenya itti fufna. In sha Allah, barruulee kanniin haala kitaabatin walitti qabuun guyyaa tokko mana kitaabaa keessatti akka argannu ni abdanna.

Abbaan kitaaba “At-Tawdiihu an tawhiidi Al-Khallaaqi (382-383” jedhamu Rabbii olta’aan ala kan biraatif nazrii (silati) seenun shirkii akka ta’e akkana jechuun ibsa: “Namni silati seenu Rabbiin ala kan biraatiif silati kana hin seenu, namni inni silati seenuf ni miidha ykn ni fayyada, ni kenna ykn ni dhoowwata, takkaa uumama isaatin takkaa immoo sababa isa keessa jiruun, kheeyri fi barakaa ni fida, sharrii fi rakkoo ni ittisa jedhee amanuu isaatiif yoo ta’e malee. Amanti warroota silati seenanii fi shirkii isaanii kana wanti agarsiisu keessaa oduu fi dubbii isaaniiti. Rakkoo guddaa keessatti ni kufu, ergasii ebaluu fi ebaluuf silati seenan… san booda rakkoon isaanii isaan irraa saaqama (ka’a), sammuun isaanii ni boqota. Kanaafu, silatiin tuni waan barbaadan argachuu fi waan sodaatan isaan irraa deebisu keessatti sababa akka taate nafsee isaanii keessatti qubatee jira. Namni Qur’aanaa fi Sunnah Nabiyyiin sallalahu aleyh wassallam ittiin ergamanitti xinxallee, akkasumas, haala salafu saalih (dhaloota gaggaarii darban) ilaale, silatin tuni wanta mushrikoonni gabbaramtoota isaaniitiif godhaniin akka wal fakkaattu ni beeka. Wanta mushrikoonni gabbaramtoota isaaniitiif godhan Qur’aanni akkanatti nutti hima:

6:136

“Oyruu fi beellada Inni uumee irraa Rabbiif qooda godhanii, yaaduma isaanitiin, “Kuni Rabbiif, kuni immoo shariikota keenyaafi” jedhan. Wanti shariikota isaaniitiif ta’e, gara Rabbii hin gahu. Wanti Rabbiif ta’e immoo sharikota isaanii ni gaha. Wanti isaan murteessan waa fokkate.” Suuratu AlAn’aam 6:136

Mushrikoonni midhaan, firaafiree fi beelladota irraa wanta Rabbiin uume qooda Isaaf godhan. Qooda biraa immoo sanamoota gabbaraniif godhan. Wanti isaan sanamootaf adda baasan, sanamoota qofaaf gaha, gara Rabbii hin gahu. Wanti Rabbii olta’aaf adda baasan immoo sanamoota isaanii ni gaha. Fakkeenyaf, firaafireen isaan sanamoota isaanitiif godhan irraa wanti tokko kan gara Rabbiif godhanitti yoo kokolaate, gara wanta sanamootaaf godhaniitti deebisu. Yoo wanta Rabbiif godhan irraa wanti tokko gara sanamootaaf godhanitti kokolaate, gara wanta Rabbiif godhanitti hin deebisan. Waa fokkate murtii fi qoonni namootaa![1]

Mubaarak Al-Miilii haala dhugaa namoota Rabbiin ala kan biraatiif wareeganii ilaalchisee ni dubbata. Wantoota gabbaran kanniinitti dhiyaachuf kana akka hojjatan ni ibsa… wanta jedhe keessaa: “Namni kamiyyuu ummatatti makame “niyyaan warra beellada nama qabrii keessatti awwaalameef wareeganii isatti dhiyaachuf akka ta’e” jala muree beeka. Wantoonni baay’een kana ifa godhu:
1ffaa: isaan wareega kana nama qabrii keessatti awwaalametti maxxansu. Ni jedhu, “wareega ebaluu kiyyaa! Yookiin fakkeenyaf, nyaata sayyidi kiyyaa Abdul Qaadir Jeylaani.”
2ffaa: Qabrii isaa biratti qalu. Wareega kana qabrii isaa biratti malee bakka biraatti qaluu hin barbaadan.
3ffaa: Akkuma wareega qalaniin itti aanse roobni yoo roobe, rooba kana gara iccitii nama wareegameefi fi ciminna amanti isaan isaaf qabanitti maxxansu. (Sababa nama kanaatiif roobni nuuf roobe jedhu.)
4ffaa: osoo wareegu dhiisanii ergasii rakkoon isaan tuqxe, mataa isaanii irra garagaluun akkana jedhu, “gama isaatiin waan hanqisneef waliyyiin keenya nutti dallane.” (Risaalatu Shirkii wa mazaahirihi fuula 257)

Xumura irratti, mata-duree Rabbii olta’aan ala kan biraatiif qalma qaluu ykn silati seenu keessatti: itti dhiyaachuu fi ol guddisuuf Rabbiin ala wanta biraatiif qalma qalamee fi akka aadaatti nyaachuuf ykn keessummaaf qalma qalamuun walitti makuu akka hin qabnee hubachiisu barbaanna.

Qalmii (wareegni) ibaadaa ta’u, wanta qalmi qalamuuf ol-guddisuuf, isaaf gadi jechuu fi isatti dhiyaachuuf qalma qalamuudha. Kuni Rabbiif malee eenyufillee hin ta’u. Kana Rabbiin ala wanta biraatiif gochuun shirkii guddaadha. Qalmii gosoota qaba: kan shari’aan karaa godhee fi itti ajaje, hayyamamaa ta’ee fi haraamaa ta’ee.

Qalmii shari’aan karaa godhee fi itti ajaje: kan akka yeroo hajjii qaluu (uduhiyyah), Rabbiif waadaa galuun qaluu, aqiiqa (yeroo daa’imni dhalatu qaluu), yeroo cidhaa qaluu, keessummaan yommuu namatti dhuftu qaluu, Rabbiif jedhanii sadaqachuuf qaluu…
Hayyamamaan immoo: kan akka nyaataaf qaluu, gurguraaf qaluu
Haraamni (dhoowwamaan) immoo: kan akka sanamaaf qaluu, jinniif qaluu, qabriif qaluu, hujubaaf qaluu, irraa dhuguun dura biirii (boolloo bishaanii) haarawaatiif qaluu, jinni ittisuuf jecha yommuu misirroonni (mushurroonni) mana seenan qaluu. Kuni hundi shirkii guddaadha.[2]


[1] Tafsiiru Muyassar-145, Tafsiiru Ibn Kasiir 3/617-618

[2] Hiika Islaamaa fi Laa ilaah illallah-fuula 97

Print Friendly, PDF & Email
Hojii Iimaana Diigu-Kutaa 5
Hojii Iimaana Diiguu-Kutaa 3
Offline dubbisuf

Leave a Reply