Ramadaana Keessa Ramaddi Namootaa-kutaa 2ffaa
Ramaddii 7ffaa- Karaa deemaa
Namni karaa deemu imala isaa keessatti tahayyula yoo hin niyyatin, sooma hiikun isaaf ni hayyamama. Garuu tahayyula yoo niyyate, sooma hiikun isarratti haraama. Soomun isarratti dirqama. ( Tahayyula jechuun tooftaa wanta tokko jalaa bahaniin. Karaa deemun ykn biyya biraa deemun sooma jalaa nan baha jedhe yoo niyyate, sooma hiikun isarratti haraama.) garuu namni karaa deemu tahayyula yoo hin niyyatin, yeroo imala isaa filannoo soomu fi sooma hiiku qaba. Rabbiin (subhaanahu wa ta’aala) akkana jedha:
“Namni isin irraa ji’a kana dhaqqabee isa haa soomu. Namni dhukkubsataa yookiin karaa deemaa ta’e, guyyaa biraa irraa lakkaawwachuun (haa soomu). Rabbiin isiniif laaffisuu fedha malee isin irratti jabeessu hin fedhu…” (Suuratu Al-Baqaraa 2:185)
Namni karaa deemu yoo soome soomni isaa sirriidha ykn guutudha. Sahiih Al-Bukhaari fi Musliim keessatti Anas ibn Maalik akkana jedhe: Ergamaa Rabbii (SAW) waliin diida (imala) deemaa turre. Namni soomu nama sooma hiiku hin qeeqne (maaliif hiikta jedhee hin lolleen). Namni sooma hiikes nama soomu hin qeeqne (maaliif soomta jedhe hin lolleen).” Sahiih Al-Bukhaari
Nama karaa deemuf haalota sadiitu jira. Isaaniis:
1.Soomni isarratti kan ulfaatu yoo ta’e yookiin hojii gaarii hojjatuu irraa gufuu kan isatti ta’u yoo ta’e- haala kana keessatti sooma hiikun isaaf filatamaadha.
2.Soomni isarratti kan hin ulfaanne fi hojii gaarii hojjachuu irraa gufuu kan itti hin taane– haala kana keessatti soomun isaaf irra gaariidha (filatamaadha).
Aa’ishaan (Radiyallaahu anhaa) akka gabaastetti, Hamzaa bin Amr Al-Aslamii Ergamaa Rabbii (SAW) akkana jechuun gaafate: Osoo imala irra jiruu soomu danda’aa?’ Ergasii Ergamaan Rabbii (SAW) ni jedhe: “Yoo feete soomi, yoo feete hiiki.” Sahiih Al-Bukhaari
Soomni ulfaatinni keessa yoo hin jiraatin adda soomu irra namoota waliin soomun salphaa fi hatamtamaan dirqama ofirraa buusudha.
3.Soomni garmalee itti ulfaachun gara du’aatti kan oofu yoo ta’e– haala kana keessatti sooma hiikun isa irratti dirqama, soomun dhowwamaadha.
Jaabir bin Abdullaah (RA) akkana jechuun gabaase: Ergamaan Rabbii (SAW) imala irra turan. Namoota walitti duudani (walitti qabamanii) namticha tokko gaaddiseessan arge. Ergamaan Rabbii (SAW) ni jedhe, ‘Kuni maaliidhaa?’ Namoonnis ni jedhan: “Namtichi nama soomu.” Ergamaan Rabbii ni jedhe: “Imala irra oso jiranuu soomun gaarummaa irraa miti.” Sahiih Al-Bukhaari
Ergamaan Rabbii (SAW) kan akkana jedhaniif imala irra osoo jiranuu soomni gara baditti (du’aatti) kan nama oofu yoo ta’ee soomun gaarii akka hin taane agarsiisuufi.
Namni soomu karaa irra jiraate sooma xumuruun kan itti ulfaatu yoo ta’e, sooma hiikun isaaf ni hayyamama.
Garuu warroonni armaan olii kunniin Ramadaana booda qadaa baasu (sooma bakka buusu) qabu.
Nama karaa deemuf hayyamni sooma hiiku yoom addaan citaa?
Dhimma lama keessatti kara deemaf hayyamni sooma hiiku ni bu’a (ni cita).
1.Guutu jireenyaa bakka san jiraachu yoo niyyate yookiin yeroo muraasaf yoo ture
Ibn Abbaas (RA) irraa akka odeefametti Ergamaan Rabbii (SAW) Ramadaana keessa duula banamiinsa (Fatih) Makkaa duule. Ergamaan Rabbii (SAW) hanga iddoo bishaanii Qudaydi fi Usfaan jidduu jiru Al-Kadiid jedhamu gahuutti ni soome. Ergasii ni hiike. Hanga jiiyni dhumatutti sooma hiiku itti fufe.” Sahiih Al-Bukhaari
Akkuma beekkamu banamiinsi Makkaa Ramadaana irraa guyyaan kudhan yoo hafu adeemsifame. Akkuma Ergamaa Rabbii (SAW) irraa beekkamu Makkaan keessatti guyyaa kudhaniif yookiin kudha tokkoof sooma hiike, garaagarummaa gabaasaa irratti hundaa’un. Yeroo hanganaa kana keessatti sooma hiikun isaa guyyaa kana caalaa soomu hiiku waliin wal hin faallessu.
Namni karaa deemu hanga yoomif sooma hiiku danda’a gaafi jedhuuf hayyoota (Aalimman) jidduu wal dhabbi jira. Maaliki fi Shaafi’ii biratti hanga guyyaa afurii. Hanbalii biratti guyyaa afur caalaa. Haanifi biratti immoo hanga guyyaa kudha shanii.
Gabaabumatti namni guutumatti magaalaa ykn ganda san jiraachu niyyate, ni sooma, sooma hin hiiku. Guutumatti achi jiraachu kan hin barbaanne (hin niyyanne) yoo ta’e garuu haajaa isaa fixachuuf kan achi turuu fi yoom akka fixatu kan hin beekne yoo ta’e, sooma hiiku ni danda’a. Rabbiin hundarra beekadha.
(Ajaa’iba: Namoonni gariin waggaa sadii ykn achi ol magaala san keessa turanii kan hin soomne ni jiru, nuti musaafira (karaa deemtota) ofiin jechuun. Kuni dogongora guddaadha. Dogongora kana beekun gocha akkanaa akka itti hin deebine ergaa kana darbarsaaf.)
2.Gara Iddoo jireenya isaatti yoo deebi’e
Iddoo jireenyaa isaatti halkan yoo deebi’e, Ramadaana irraa sooma barii san soomun dirqama. Garuu sooma kan hiiku ta’ee guyyaa adiin gara iddoo jireenyaatti yoo deebi’e, sa’aati hafe osoo soomeyyu soomni isaa guutu hin ta’u. Sababni isaas, subii irraa jalqabe sooma waan hiikef. Soomni dirqamaa (waajibaa) fajrii irraa yoo hin jalqabin sirrii hin ta’uu. Kanaafu, sooma kan hiiku ta’ee gara iddoo jireenyatti yoo deebi’e sooma guyyaa kanaa qadaa baasu qaba.” (Sahiih fiqhu sunnah-jildii 2ffaa- fuula 120-123)
Ramaddii- 8ffaa– Nama dhukkubsataa fayyuun isaa kajeelamu ykn abdatamuu
“Namni dhukkubsataan akkanaa haala sadii qaba. Isaaniis:
1.Soomni isarratti kan hin ulfaanne fi isa kan hin miine yoo ta’e, soomun isarratti dirqama. Uzrii (sababa) sooma isa hiiksisu waan hin qabneef. Fakkeenyaf kan akka qufaa salphaa, bowwoo salphaa fi kkf. Kanaaf sooma hiikun hin hayyamamu.
2.Soomni isarratti kan ulfaatu garuu isa kan hin miine yoo ta’e, sooma hiikun isaaf jaallatamaadha. Soomun isaaf ni jibbama. Rabbiin (subhaanahu wa ta’aala) waan akkana jedheef: “Namni dhukkubsataa yookiin karaa deemaa ta’e, guyyaa biraa irraa lakkaawwachuun (haa soomu).” (Al-Baqaraa 2:185)
3.Soomni isarratti kan ulfaatu fi kan isa miidhu yoo ta’e sooma hiikun isarratti dirqama. Rabbiin (subhaanahu wa ta’aala) waan akkana jedheef:
“Lubbuu teessanis hin ajjeessinaa. Dhugumatti Rabbiin isiniif mararfataadha.” (An-Nisaa 4:29),
“Harka keessaniin gara baditti of hin darbinaa.” (Al-Baqaraa 2:195)
Ji’a Ramadaanaa keessa osoo soomu yoo dhibamee fi sooma guyyaa sanii guutun yoo isatti ulfaate, sooma hiikun isaaf ni hayyamama. Ji’a guyyaa Ramadaana keessa sooma kan hiiku ta’ee dhibee irraa yoo fayye, soomni guyyaa sanii sirrii hin ta’u. Fajrii irraa sooma waan hin jalqabneef. Garuu sooma guyyaa kanaati fi guyyoota biroo kan hin soomne qadaa deebisu qaba.
Sababa soomatiin dhibeen isatti kan abaasu (hammaatu) yookiin dhibee irraa fayyuu kan duubatti harkisuu (tursiisu) ta’uu isaa wal’aansa fayyaatin yoo mirkaneefame, sooma hiikun isaaf ni hayyamama. Fayyaa ofii eegu fi dhibee irraa of eeguf waan ta’eef. Dhibeen kuni namarraa deemu isaa yoo abdatame, hanga dhibeen kuni isarraa deemu ni eega. Ergasii sooma irraa guyyoota hiike qadaa baasa. Garuu dhibeen isarraa deemun kan hin abdatamne yoo ta’e, sooma hiikun guyyaa hundaa miskiina (hiyyeessa) nyaachisa.” (Majalisu shahru ramadaan-fuula 53-54)
Ramaddii- 9ffaa- Dubartii heydii (laguu) fi Nifaasaa
Dubartoonni heeydii (laguu) fi nifaasa (dhiiga dahaa) qaban, soomni isaanii sirrii (sahiih) akka hin taane aalimman irratti walii galanii jiru. Yeroo kanatti soomun isaan irratti dirqamaa miti. Inumaa soomuun dhowwamaadha. Garuu erga laguu yookiin nifaasa irraa of qulqulleessanii sooma qadaa baasun isaan irratti dirqama.
Aa’ishaan (Radiyallaahu anhaa) akkana jette: “Nuti gadaa Rasuulaa (SAW) laguu argaa turre. Sooma qadaa baasutti ni ajajamnaa turre garuu salaata qadaa baasutti hin ajajamnu.” (Muslim: 335)
Barreefamni gabaabdun armaan gadii tuni barruu ‘Soomana dhukkubsataa…By Jafar Bayaan irraa fudhatame.
“Dubartiin takka osoo soomanarra jirtu guyyaa kheeysa heeydiin (laguun) yoo itti dhufe soomana san ni furti. Soomana guyyaa sanii ammoo ni kafalti.
Fajrii dura daqiiqa muraasa yoo heeydirraa qulqullooyte qaama dhiqattee qulqulleeyfatuu baattus Soomanaaf niyyattee soomanti.(Akkuma heeydii irraa qulqulloofte fajrii dura nafa osoo dhiqachuu baatteyyu garuu sooma barii niyyatte yoo soomte soomni ishii sirriidha ykn guutudha. Nafa fajrii booda dhiqachuu dandeessi.)Akkasuma Maghriiba dura daqiiqaa muraasni kan hafe heeydiin itti dhufnaan soomana guyyaa sanii kafaluu qabdi. Ammoo yoo dhukkuba mallattoo heeydii agarsiisu agarte, dhiigni yoo itti hin dhufin soomanni isii guutuudha; kafaluunis irratti dirqamaa miti.
Wanti Hubatamu qabuu:
1-Dubartiin dhiiyni ji’a guutuu irraa yaa’u dhukkubaaf ykn dawaa adda addaa fudhachuun rakkoon akkasii isaan mudate soomanuu qaban. Dhiigni sun dhiiga heeydiiti miti.
2-Dubartiin dawaa heeydiin akka Ramadaana kheeysa itti hin dhufne fudhattee yoo soomante soomanni isii guutuudha. Garuu akkuma Rabbiin Isii uumetti soomantee gaafa heeydin dhufe sooma hiikte ergasi itti guututu irra caala.”
Ramaddii 10ffaa- Lubbuu baraaruf nama sooma hiiku
Nama isaan ala jiru irraa badii hanbisuuf kan akka nama nagahaa bishaaniin nyaatamu irraa baraaruuf, ibidda irraa baraaru, haleellaa diinaa irraa baraaru, dhiiga kennuun lubbuu baraaru fi kkf irraa lubbuu baraaruf namni sooma hiikutti dirqame, sooma hiiku danda’a. Lubbuu baraaruf jabeenya yoo kan hin qabne ta’e jabeenya argachuuf guyya kana nyaate guyyaa biraa kafalu danda’a. Dhugumatti lubbuu baraaruf jabeenya yoo hin qabaatin sooma hiikun dirqama, lubbuu baraarun dirqama waan ta’eef.
Fakkeenyi kanaa qabsoo karaa Rabbii irratti diinan wal-loluuf namni of jabeessu barbaade, iddoo jireenyatti ta’ii imala irratti ta’ii yoo diinni itti dhufe, sooma hiikun guyyaa biraa kafaluu danda’a. Sababni isaas, Muslimoota irraa badii deebisuu fi Jecha Rabbii ol taasisuuf waan ta’eef. Sahiih Musliim keessatti Abu Sa’id Al-Khudri (ra) akkana jedhe:
“Soomnee osoo jirru Ergamaa Rabbii (SAW) waliin gara Makkaa imalle. Bakka tokko erga geenye booda Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan: “Gara diina keessanitti dhiyaataa jirtu. Sooma hiikun caalatti isaaniif jabeenya ta’a.” Hayyamni sooma hiiku nuuf kenname ture. Garuu nu keessaa namni soome jira, akkasumas kan sooma hiiketu jira. San booda bakka biraa geenye. Ergasii Ergamaan Rabbii ni jedhe: Ganama diina keessan qunnamuuf deemtu. Jabeenya keessaniif sooma hiikun isiniif gaariidha. Kanaafu sooma hiikaa.” Suni ajaja ture. Kanaafu, sooma ni hiikne.” (Sahiih Musliim)
Hadiisa kana keessatti waraansa keessatti jabeenya argachuuf imalaan ala sababa of danda’a akka ta’e ni agarsiisa.
Namoota armaan olii keessaa kanneen hiikun isaanif hayyamamuu, ifatti nyaachun ykn dhuguun isaaniif kan jibbamu miti yoo sababni sooma itti hiikanii zaahira (ifa ta’e). Fakkeenyaf kan akka dhukkubsataa, jaarsa soomu hin dandeenye. Garuu sababni sooma hiiku dhokataa yoo ta’e, dhokate sooma hiika. Fakkeenyaf, dubartii heeydi (laguu) argitee, nama badii irra lubbuu baraaruf sooma hiike. Kunniin dhokatanii sooma hiiku, ifatti labsuu hin qaban. Sababni isaas, namni wallaalan uzrii (sababa tokko) malee sooma hiikun ni danda’ama jedhe akka hin yaannef yookiin namoonni yaada badaan akka isaan hin shakkineef.
Qadaa Baasu (Sooma darbee guyyaa biraa soomun bakka buusu)-1
Garreewwan sooma hiikun isaaniif hayyamame kunnin, Ramadaanan booda qadaa baasu qabu. Rabbiin (subhaanahu wa ta’aala) ni jedhe:
“Namni dhukkubsataa yookiin karaa deemaa ta’e, guyyaa biraa irraa lakkaawwachuun (haa soomu)” (Al-Baqaraa 2:185)
Ji’a guutu yoo sooma cabse (hiike), ji’a guutu qadaa baasu qaba. Jiiyni guyyaa 30 yoo ta’e, guyyaa 30 sooma. Guyyaa 29 yoo ta’e guyyaa 29 sooma.
Waqtiin qadaa itti baasan waggaa guutudha, jiiyni Ramadaanaa itti aanu dhufun dura. Garuu akkuma gufuun soomuu irraa nama dhowwu ka’een, qadaa baasun filatamaadha. Sababni isaas, gara keeyritti daddafuu (ariifatuu) fi hatamtamaan dirqama ofirraa buusu waan ta’eef.
Sababa tokko malee hanga Ramadaana itti aanutti tursiisun isaaf kan maluu miti. Hanga Ramadaana itti aanutti tursiisun, soomni isatti tuulamuun qadaa baasun isatti ulfaachu danda’a. Yookiin immoo tarii du’uu danda’a.
“Namni tokko hanga Ramadaanni itti aanu seenutti qadaa yoo tursiise, akkuma ajajametti Ramadanaa itti dhufe kana ni sooma. Yommuu shawwaal keessa (ji’a Ramadaanaa booda) sooma hiike, guyyoota isarra turan qofa qadaa baasa. Guyyoota sanitti homaa hin dabalu. Nyaachisuus ta’ee wanti biraas isarraa hin eeggamu waa’ee kanaa ilaalchise Ergamaa Rabbii irraa ragaan dhufe waan hin jirreef. Kuni adeemsa Abu Haniifati fi ibn Hazm.” (Sahihu Fiqhu sunnaah-jiildi-2ffaa fuula 129)
Hanga du’uu uzriin yoo itti fufe, homaa isarra hin jiru. Sababni isaas, Rabbiin (subhaanahu wa ta’aala) guyyaa biraa qadaa akka baasu dirqama isarratti godhe. Garuu qadaa baasu waan hin dandeenyef dirqamni irraa bu’a; akkuma nama osoo Ramadaanni hin seeniin duratti du’ee.
Haa ta’uu malee qadaa baasu osoo danda’u beekaa yoo dhiise fi ergasi yoo du’e, waliyyiin (warrii) isaa guyyoota hundaa qadaa baasu qabu isarraa soomu. Ergamaan Rabbii (SAW) akkana waan jedhaniif:
“ مَنْ مَاتَ وَعَلَيْهِ صِيَامٌ صَامَ عَنْهُ وَلِيُّهُ ”
“Soomni isarra osoo jiruu namni du’ee, waliyyiin isaa isarraa sooma.” Sahiih Al-Bukhaari
Waliyyiin (warri isaa) ykn firoonni isaa, garee ta’anii guyyaa tokko guyyoota soomaa isarra jiru soomufii danda’a. Al-Bukhaarin ni jedhe, Al-Hasan ni jedhe: namoonni soddomni guyyaa tokkotti soomufi danda’u. Waliyyi kan hin qabne yoo ta’e ykn waliyyiin isaa isarraa soomu kan hin barbaanne yoo ta’e, guyyoota qadaa baasu dhiise san lakkaawun miskiinoota (namoota hiyyeessa) nyaachisa. (Majaalisu shahru Ramadaan-fuula-60)
Alhamdulillaah Rabbil Aalamiin. Dogongoraa fi hanqinna keenya Rabbiin nuuf haa araaramu.
Kitaabile wabii
1.Majaalisu Shahru Ramadaan by Ibn Useymiin (Fuula 50-60)
2.Sahihu Fiqhu Sunnaah-jildii 2ffaa fuula 120-123 fi 129 Abu Maalik
3.Sooma dhukkubsataa By Jafar Bayaan
4.EssentialsOfRamadhan By Tajuddin B.Shu’aib (fuula 52-53)