Dubartiin Zinaa Dhiira Qulqulluutti Ni Heerumti?
Dubartiin takka zinaa (sagaagalummaa) yoo raawwattee fi dhiira qulqulluu zinaa hin raawwatinitti akka heerumtu yoo dirqisiifamte, fuudhaa heerumni (gaa’illi) kuni sirrii ta’uu danda’aa?
Gaafii: Rabbiin (subhaanahu wa ta’aala) Qur’aana keessatti, “Dhiirri zinaa (sagaagalummaa) raawwate dubartii zinaa raawwatte yookiin mushrika taate malee hin fuudhu. Dubartiin zinaa raawwattes dhiira zinaa raawwate yookiin mushrika ta’e malee namni biraa ishii hin fuudhu. Suni warroota amanan irratti dhoorgamee jira.” (An-Nuur 24:3) jechuun dubbata. Akkasumas, hadiisa, namticha zinaa raawwate haddiin (adabbiin) irratti dhaabbame fi dubartii akka isaa malee dubartii qulqulluu fuudhu irraa dhoowwame dhagahee jira. (Haddi jechuun seera adabbii Islaama namni yakkamaan adabamuudha. Fakkeenyaf, dhirri fi dubartiin hin fuune yoo zinaa (sagaagalummaa) raawwatan si’a dhibba (100) reebamu (garafamu)).
Murtiin akkana yoo ta’e, dubartii zinaa raawwatte ergasii dhiira zinaa hin raawwannetti akka heerumtu yoo dirqiisifamte murtiin ishii maal ta’aa?
Sababa kamiyyu osoo ta’ee heeruma kana dhiisu hin dandeessu. Amma maal gochuu dandeessi? Qunnamtii dhiirsa ishii waliin gootu keessatti sodaan itti dhagahama. Ragaa armaan olii irratti hundaa’e gaa’illi sirrii akka hin taane waan agarsiisuuf. Haala akkanaatiif murtii shari’aa ifa akka naaf gootan barbaada. Dubartiin tuni gargaarsa namoota biroo dhabde jirti. Maatiin lamaan (maatiin jaarsa fi jaarti) rakkoo guddaa keessa jiru.
Deebii: Alhamdulillah
Jalqaba irratti jecha Rabbii (subhaanahu wa ta’aala) “Dhiirri zinaa (sagaagalummaa) raawwate dubartii zinaa raawwatte yookiin mushrika taate malee hin fuudhu. Dubartiin zinaa raawwattes dhiira zinaa raawwate yookiin mushrika ta’e malee namni biraa ishii hin fuudhu. Suni warroota amanan irratti dhoorgamee jira.” (An-Nuur 24:3) jedhu hiikni isaa “dhiirri zinaa raawwate wanta fuudhu hin qabu dubartii zinaa raawwatte malee, akkasumas, dubartiin zinaa raawwatte dhiira zinaa raawwate malee kan biraatti heerumu hin dandeessu.” jechuu miti. Kana irra hiikni isaa, “yoo hin tawbatin, dubartiin ykn dhiirri zinaa raawwate nama qulqulluu fuudhun ykn itti heerumuun dhoowwadha.” jechuudha.
Ibn Kasiir (rahimahullahu) akkana jedha: “Imaamu Ahmad ibn Hanbal (rahimahullahu) ilaalcha akkana jedhu qaba: dhiirri qulqulluun dubartii gumnaa (sagaagaltu) hojii zinaa itti fuftu hanga tawbatuutti malee nikaha hidhachuun isaaf hin hayyamamu. Yoo tawbatte, nikaha hidhachuun isaaf ni hayyamama (sirriidha). Ta’uu baannan hin ta’u. Haaluma kanaan, dubartii qulqulluu dhiira naamusa hin qabnee fi zinaa hojjatuutti heerumsiisun hin ta’u hanga tawbaa dhugaa tawbatuutti malee. Rabbiin waan akkana jedheef, “Suni mu’mintoota irratti dhoorgamee jira.” (an-Nuur:3) (tafsiira ibn kasiir 6/9 irraa)
Shekh Abdurahman Sa’diyyi akkana jedha: Hiikni aayaa armaan olii: dhiira ykn dubartii irraa nama zinaa raawwate fi kana irraa hin tawbanne, ergasii kuni haraama ta’uu isaa osoo beeku namni ishiif/isaaf nikahaaf dhufu, wantoota armaan gadi keessaa hin bahu:
-Takkaa murtii Rabbii fi Ergamaa Isaatiif hin bulu. Kuni nama mushrika ta’e malee namni biraa kana hin hojjatu.
-Takkaa immoo murtii Rabbii fi Ergamaa Isaatiif kan bulu ta’ee ergasii zinaa isaa/ishii osoo beeku nikahaaf yoo barbaade, nikeenyi kuni mataan isaatu zinaadha. Nikaha kan hidhatu nama zinaa raawwatu ta’a. Osoo dhugaan Rabbitti amane silaa nikaahaf hin dhufu.
Kuni dubartiin zinaa raawwatte yoo hin tawbatin fuudhun haraama ta’uu isaa agarsiisa. Haaluma kanaan yoo hin tawbatin dhiira zinaa raawwatutti heerumun haraama ta’uu agarsiisa.” Dhumaate, Taysiirul kariimu rahmaani fii tafsiiri kalaamil mannaani- fuula 561)
Kanaafu, dhiirri qulqulluun dubartii zinaa raawwatte fuudhun isaaf hin hayyamamu hanga tawbattuutti malee. Akkasumas, dubartiin qulqulluun dhiira zinaa raawwatetti heerumuun ishiif hin hayyamamuu hanga tawbatuutti malee. Haaluma kanaan dubartii fi dhiirri zinaa raawwattan hanga tawbatanitti malee wal fuudhu hin danda’an.
Lamaffaa: namni zinaa irraa dhugaan tawbate, zinaadhaan ibsamuun irraa ka’a (sagaagala /sagaagaltu hin jedhamu). Seerri nama zinaa fuudhu /itti heerumu dhoowwu isa/ishii hin hammatu [waan tawabateef/tawbatteef]. Dubartii qulqulluu fuudhun isaaf ni hayyamama. Kana jechuun dubartii tanaan duraa zinatti hin kufne. Akkasumas, dubartii zinaa raawwattee ergasii tawbatte fuudhun isaaf ni hayyamama.
Haaluma wal-fakkaatun, dubartiin zinaa raawwatte hanga taawbatutti dhiira Muslimaa qulqulluu ta’etti heerumuun ishiif hin hayyamamu. Yoo dhugaan tawbatte, isatti heerumuun ni ta’a (sirriidha). (Kana jechuun dubartiin zinaa raawwatte ergasii tawbaa dhugaa yoo tawbatte, dhiira qulqulluutti heerumu ni dandeessi.)
“Dhiira zinaa raawwate fi haddiin irratti dhaabbate gaa’illi (fuuti) isaaf hin jiru, dubartii akka isaa zinaa raawwatte fi haddiin irratti dhaabbate malee” kan jettee kaastef, kuni jecha salafoota garii irraa dabarfameedha. Kana irratti wanta Abu Daawud (2052) Abu Hureeyraa irraa gabaase akka ragaatti dhiyeessun ni danda’ama. Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhu, “Dhiirri zinaa raawwate fi reebame, kan akka isaa malee hin fuudhu.” Sheykh Albaani sunan Abu Daawud keessatti sahiih jalatti ramade jira.)
Qurxubiin (rahimahullahu) akkana jedha: “az-Zajjaaji fi namni biraa Hasan irraa akkana jechuun dubbatan: Hasan akkana jedhe, “Wanti barbaadame: dhiira haddiin irratti dhaabbate fi dubartii haddiin irratti dhaabbateedha.” Ni jedhe, “Kuni murtii Rabbiin irraa ta’eedha. Dhiirri zinaa raawwatee haddiin irratti dhaabbate dubartii haddiin irratti dhaabbate malee fuudhu hin danda’u.” Ibraahim Nakha’i wantuma wal fakkaatu jedhe.
Musannaf Abu Daawud keessatti, Abu Hureeyran akkana jechuun Ergamaa Rabbii (SAW) irraa dabarse: “Dhiirri zinaa raawwate fi haddiin irratti dhaabbate, kan akka isaa malee hin fuudhu.” Akkana jechuuniis gabaafame jira: dhiirri haddin irratti dhaabbate tokko dubartii haddiin irratti hin dhaabbanne (dubartii qulqulluu) fuudhe. Ergasi Aliyy (radiyallahu anhu) lamaan isaanitu addaan baase.”
Yaanni sirriin: hadiisa keessatti “nama haddiin irratti dhaabbate” kan jedhu nama zinaa raawwachuun beekkamee fi ragaan irratti dhiyaatee ergasii haddiin irratti dhaabbate qofaaf ta’a. Kanaafu, hiikni hadiisaa akkana ta’a: dubartiin qulqulluun nama zinaa hojjachuun irraa beekkame (ifatti bahetti) heerumuun ishiif hin hayyamamu. Akkasumas, dhiirri dubartii zinaa hojjachuun irraa beekkame (ifatti bahe) fuudhun isaaf hin hayyamamu. Hiikni hadiisaa aayaa “Dhiirri zinaa (sagaagalummaa) raawwate dubartii zinaa raawwatte malee hin fuudhu.” (an-nuur:3) wal simata, ni jabeessa.
Shawkaanin ni jedha: jechi, “Dhiirri zinaa raawwate fi reebame” kan jedhu nama zinaa hojjachuun irraa beekkame agarsiisa. Kuni kan agarsiisu, dubartiin qulqulluun nama zinaan irraa beekkame (ifatti bahetti) heerumuun ishiif hin hayyamamu. Akkasumas, dhiirri dubartii zinaan irraa beekkame (ifatti bahe) fuudhun isaaf hin hayyamamu. Aayan kitaaba keessatti eeramte kana ni agarsiisti. Sababni isaas dhumarratti ni jedha: “Suni mu’mintoota irratti dhoorgamee jira.” (an-Nuur:3) “ Nayl al-awxaar 6/210) irraa
Wanta armaan oli kana irratti hundaa’e, dhiirri kuni nakaha ishii hidhachuun dura, dubartittiin zinaa keessatti yoo kuftee fi ergasii gaabbite fi tawbatte, nikeenyi sirriidha (guutudha). Garuu of dhoksuu qabdi, wanta badaa yeroo darbe hojjatte eenyutillee himu hin qabdu.
Haa ta’uu malee, osoo ishiin hin tawbatin nikeenyi yoo godhame, ilaalchi websaayitiin kuni irra jiru, nikeenyi guutuu (sirrii) hin ta’u, nikeenyi irra deebi’amu qaba. kanaaf ilaali deebii gaafii lakk. 85335
Kanaafu, nikeenyi tawbaan dura kan godhamu yoo ta’e, sababuma ta’een nikaha irra deebi’uun yoo danda’ame, akkas gochuun wanta barbaadamu fi of eegganoof irra gaariidha. Akkasumas, kilaafa (wal-dhabbii) warraa beektoota keessaa bahuu fi nagahaaf karaa irra gaariidha.
Garuu zinaa raawwachuu ishii ifa kan baastu malee nikeenyi irra deebi’uun kan hin danda’amne yoo ta’ee fi ifa baasun wanta badaa kan fidu yoo ta’ee, In sha Allah cal’iste nikaha kanaan itti fufuun homtu ishii irra hin jiru. Fakkeenyaf zinaa raawwachu ishii ifa yoo baaste wanti badaan uumamuu, kan akka dhiirsi niiti isaa hiikuu yoo badii ishii darbe beeke, yookiin xiqqaate xiqqaatu yoo ishii waliin turuu jaallate, shakkii qalbii isaa keessatti uuma yookiin haguuggi ishii namoota keessatti irraa tarsaasa (badii ishii namootatti beeksisa) yookiin ishii salphisuu fi badiiwwan kanneen fakkaatan kan fidu yoo ta’e, nikaha kanaan ittii fufuun homaa rakkoo hin qabu. Dhugumatti, ilaalchi kuni madaala kan kaasu fi hundee sirrii kan qabuudha. Inumaa, ilaalcha hayyoota harka caaluti (baay’eeti).
Guduunfuuf: badii guddaa uumu yookiin dubartii salphisuu malee maatii lamaan jidduutti nikeenya haaromsuun yoo kan hin danda’amne ta’e, nikaha kanaan itti fufuu, dhiirsi akka ishii qunnamu hayyamuu fi jireenya ishii haala gaariin gaggeessun homaa rakkoo hin qabu. Rabbiin hundarra beekaadha.
Madda: Arabic, https://islamqa.info/ar/199600
English: https://islamqa.info/en/199600
Supervisor: Shekh Muhammad Salih al-Munajjid
Guduunfaa
– Badii fi adabbiin zinaa guddaa akka ta’e beekun namni kamiyyuu zinaa fi wantoota zinatti nama dhiyeessan irraa fagaachu qaba. Boodarra nan tawbadha jechuun gonkumaa zinatti dhiyaatu hin qabu. Fokkinnaa fi adabbii zinaa (sagaagalummaa) irraa kan ka’e, Rabbiin (subhaanahu wa ta’aalaa) akka itti hin dhiyaanne nu akeekachisa.
“Sagaagalummattis hin dhihaatinaa. Dhugummatti inni hojii fokkataa fi karaa hamaa ta’ee jira. “ Suuraa Al-Isra 17:32
-Yoo hin tawbatin dubartii zinaa raawwatte fuudhun ykn dhiira zinaa raawwateetti heerumun hin danda’amu. Garuu yoo dhugaan tawbatte, ishii fuudhun ni hayyamama. Akkasumas, yoo dhugaan tawbate isatti heerumuun ni danda’ama.
Jecha biraatin, dhiirri zinaa raawwatee ergasii yoo dhugaan tawbate, dubartii qulqulluu fuudhu ni danda’a. Akkasumas, dubartiin zinaa raawwattee ergasii dhugaan yoo tawbatte, dhiira qulqulluutti heerumu ni dandeessi.Garuu namni fuudhu nikaha hidhachuun dura marsaa laguu (heydii) eegun ulfa irra qulqulluu ta’uu mirkaneefachu qaba. Yookiin ishiin ulfa ykn dhibee akka Eedisii dhoksuu hin qabdu.
– Dogongoranii zinatti yoo kufanii fi Rabbiin namaaf dhokse, dhugaan tawbachuu fi araarama kadhachuu barbaachisa. Namootatti himuun hin barbaachisu.
-Dubartiin zinatti kuftee ergasii dhugaan tawbachuun yoo gara Rabbii deebite fi dhiira gaaritti heerumte, badii darbe isatti himuun hin barbaachisu. Isatti himuun badii guddaa waan fiduufi. Fakkeenyaf, ishii hiiku danda’a, ija jibbaa fi shakkiin ishii ilaala, ishii salphisu danda’a.