Sharrii Ittisuu fi Gaarii Argachuuf

Imaam ibn Al-Qayyim akkana jedha: Wantoonni afran armaan gadii haadho wantoota namoonni Rabbal Aalamiina irraa barbaadaniidha. Isaanis;
1. Sharrii (wanti badaan) amma keessa jiru akka isa irraa ka’u namni tokko Rabbiin kadhachuu
2. Sharriin akka isatti hin dhufne kadhachuu
3. Wanti keyriin (toltuun) isa bira jirtu akka itti fuftu fi irraa hin fudhatamne kadhachuu
4. Keyriin ammatti hin arganne gara fuunduraatti akka argatu kadhachuu 
Aayatni lamaan Suuratu Ali-Imraan gara dhumaatti argamtu wantoota armaan olii kan of keessatti hammatteedha.

3:193

Rabbanaa innanaa sami’naa munaadiyan yunaadii lil-iimaani an aaminuu birabbikum fa-aamannaa. Rabbanaa faghfirlanaa zunuubanaa wakaffir annaa sayyi’aatinaa watawaffanaa ma’al-abraar

Gooftaa keenya! Dhugumatti nuti lallabaa, ‘Gooftaa keessanitti amanaa‘ [jechuun] iimaanaf lallabu dhageenyee amannee jirra. Gooftaa keenya! Badii keenya nuuf araarami; hamtuuwwan keenyas nurraa harcaasi;warra qulqulluu wajjiinis nu ajjeesi.”

3:194

Rabbanaa wa-aatinaa maa wa’attanaa alaa rusulika walaa tukhzinaa yawmal-qiyaamati innaka laa tukhliful-mii’aad

Gooftaa keenya! Waan Ergamtoota Kee irratti waadaa nuuf seente nuuf kenni.Guyyaa Qiyaamas nu hin salphisin, dhugumatti Ati waadaa hin diigdu.”  (Suuratu Aali-Imraan 3:193-194) 

Tokkoffaa:”Gooftaa keenya! Dhugumatti nuti lallabaa, ‘Gooftaa keessanitti amanaa’ jechuun iimaanaf lallabu dhageenyee amannee jirra. Gooftaa keenya! badii keenya nuuf araarami; hamtuuwwan keenyas nurraa harcaasi;..” yommuu jedhu sharrii amma jiru akka irraa ka’u kadhataa jiru jechuudha. Sababni isaas, badii fi hamtuun sharrii waan ta’aniif. (Badiin namni tokko hojjatu jireenya isaa itti dukkaneessa. Ba’aa guddaa itti ta’a. Balbala rizqii fi milkaa’innaa namatti cufa. Kanaafu, badii hojjachuun gufuu milkaa’innaa fi gammachuuti. Gufuun kuni akka karaa irraa ka’uu Rabbiin kadhachuun milkaa’innaa fi gammachutti akka bahan nama taasisa.)

Lamaffaa:warra qulqulluu wajjiinis nu ajjeesi.” Kuni immoo keyrii (waan gaarii) amma jiruu hanga du’aa akka itti fufu kadhachuudha. Keyrin kunis iimaana, hojii gaggaarii dalaguu fi kkf. Namni hundii kaatimaa (dhuma) gaarii irratti du’uu barbaada. Kanaafu, namni qalbii qabu kaatima gaarii irratti du’uu yoo barbaade du’aayi armaan oli godha.

Sadaffaa:Gooftaa keenya! Waan Ergamtoota Kee irratti waadaa nuuf seente nuuf kenni.” Kuni keyrii ammatti isaan bira hin jirre gara fuunduraatti argachuuf kadhachuudha. (Keyriin kunis injifannoo, Jaalala Rabbii (subhaanahu wa ta’aalaa) argachuu fi Aakhiratti Jannataan badhaafamuudha. Kuni milkaa’inna akkam tole!)

Afraffaa:Guyyaa Qiyaamas nu hin salphisin.” Kuni immoo sharrii ammatti hin jirre irraa akka isaan baraaru kadhachuudha. Sharriin sunis salphinna Guyyaa Qiyaamati. (Guyyaa Qiyaamaa salphachuu irraa baraaramu fi tiikfamuun milkaa’inna guddaadha. Malaaykonni akkana jechuun warroota gaggaariif du’aayi akka godhan Rabbiin nuuf hima:

40:9

Hamtuu irraas isaan eegi. Namni Ati hamtuu irraa eegde, dhugumatti Guyyaa san rahmata isaaf gootee jirta. Suni isumatu Milkaa’inna guddaadha.“(Suuratu Ghaafir 40:9)

“Hamtuu irraa isaan eegi” jechuun badii isaan dalaganii fi adabbii badii kanarraa dhalatu irraa isaan eegi. Fakkeenyaf, sababa badii isaan hojjatanitiin Jahannam irraa isaan tiiksi, isaaniif araarami. Dhugumatti Guyyaa Qiyaamaa namni Rabbiin adabbii irraa isa tiikse, Rabbiin isaaf/ishiif rahmata godhee jira. Suni immoo milkaa’inna guddaadha. Adabbii irraa tiikfamuu fi rahmata Rabbiitin Jannata seenuun milkaa’inna ol’aanaa fi guddaadha.
Kanaafu, milkaa’inna guddaa san argachuuf du’aayi suura Aali-Imraan 3:193-194 jalqaba irratti kaasne gochuuf haa tattaafannu.)
Kitaaba wabii: Bidaa’u tafsiir 3/397

Hubachiisa: Namootaf akka galu halluu baay’een hiika aayaa armaan olii garagara godhe jira. Fesbuuki irratti copy-paste yoo gootan halluun kuni waan baduuf, copy-paste dhiistanii  share yoo gootan irra gaariidha. Akkasumas, copy-paste yommuu gootan Aayan Arabiffaa fesbuuki irratti hin bahu.

Tawbaa-Kutaa 1ffaa
Zinaa Irraa Akkamitti Tawbatanii?

One comment

Leave a Reply