Qur’aanni Akkamitti Buufame?-Kutaa 1
Qur’aanni Jecha Rabbii olta’aati. Dhala namaa dukkana keessaa gara ifaatti baasuf Rabbiin (subhaanahu wa ta’aala) jecha Isaa kan ta’e Qur’aana jaarraa 14 dura Nabii Muhammad (SAW) irratti buuse. Namoonni kana ajaa’ibsifachuun Rabbiin akkamitti Nabiyyi irratti kitaaba kana buusee? Sila akka amma arginu kanatti waraqaa irratti barreesse buuse moo akkamitti buufamee? In sha Allah har’a akkaata buufama Qur’aanaa gabaabbinnaan ni ilaalla. Asii gaditti waa’ee wahyii fi buufama isaa ilaalla. Qur’aanni wahyii keessaa tokko waan ta’eef akkataa buufama isa hubachuun nama hin dhibu. Barreefama keessatti “Ergamaa Rabbii (SAW)” yommuu jedhu Nabi Muhammad (SAW) akka ta’e haa hubatamu. SAW jechuun Salallahu Aleyh Wassalam (nageenyi fi rahmanni Rabbii isarratti haa jiraatu) jechuudha.
Qur’aanni Rabbiin irraa buufamu shakkii wayitu hin qabu. Rabbiin ni jedha:
“Buufamuun Kitaabichaa (Qur’aanaa) Rabbii Injifataa, Ogeessa ta’e irraayyi.” Suuratu Az-Zumar 39:1
Akkuma barruu “Seensa Imaanaa kutaa 2ffaa” keessatti jenne, wahyiin karaa wantoota geeybi ittiin beekaniidha.
Wahyii jechuun maal jechuudhaa?
Akka lugaa Arabiffaatti wahyiin hiika baay’ee qaba. Isaan keessaa, wahyii jechuun odeefannoo wayii dhoksaa fi ariitin (daddaffiin) namni tokko akka beekuf sammuu ykn qalbii isaatti darbuudha. Fakkeenyaf sheyxaanni ilma namaa jallisuuf oduu qalbii namaatti darba ykn itti hasaasa. Bifa dhokataa fi aritiin, “Kuni gaariidha akkana godhi.” jechuun wanta badatti nama kakaasa.
Karaa biraatin wahyii jechuun beeksisa, odeefannoo fi ergaa Rabbiin Ergamtoota Isaa keessaa qalbii Ergamaa tokkootti darbuudha. Beeksisni, odefannoo fi ergaan kunniin murtii shari’aa, seenaa ummata darbee, wanta gara fuunduraatti dhufu, amala gaarii, amala jibbamaa dhiisu qaban, haala jireenya ilma namaa fi kan kana fakkaatan ta’uu danda’a. Qur’aanni kana hunda waan qabateef wahyiidha. Wahyiin Qur’aana qofatti kan daangefamu osoo hin ta’in hadiisota sahiihis kan of keessatti qabatuudha. Hadisoonni sahiihin Ergamaa Rabbii (SAW) irraa gabaafaman wahyiidha.
Garuu Rabbiin akkamitti ilma namaa keessaa nama fedhe dubbisaa?
Rabbiin subhaanahu wa ta’aala bifa sadiin ilma namaa keessaa nama fedhe ykn filate akka dubbisu Qur’aana keessatti akkana jechuun nuuf hima:
“Wahyiin yookiin girdoo duubaan yookiin ergamaa ergee hayyama Isaatiin waan fedhe itti buusun yoo ta’e malee Rabbiin isa dubbisuun namaaf kan ta’uu miti. Dhugumatti, Inni Ol’aanaa Ogeessa.” Suuratu Ash-Shuuraa 42:51
Kana jechuun bifa (karaa) sadiin malee bifa biraatin Rabbiin ilma namaa hin dubbisu. Isaanis:
Karaa 1ffaa: Wahyiin- Rabbiin olta’aan wanta fedhe qalbii Ergamaa irratti darbuun nama filate ykn Ergamaa Isaa dubbisa.
Karaa 2ffaa: Girdoo duuban Ergamaa Isaa dubbisuudha. Fakkeenyaf, Rabbiin Nabii Muusatti dubbatee fi waame jira. Garuu Nabii Muusan Rabbiin arguu hin dandeenye. Sababni isaa, ilmi namaa Rabbiin arguu hin danda’u. Ogummaa fi rahmata Rabbitiin ilmaan namaa addunyaa tana keessatti Isa arguu hin danda’an. Osoo Isa arganii, silaa garmalee Isa sodaachu irraa kan ka’e hojiif, nyaata fi dhimmoota birootiif socho’u hin danda’an. Rabbiin ni jedha:
Agartuun (Ijji) Isa hin dhaqqabdu (hin hubattu). Inni immoo agartuu hunda ni arga. Inni Mararfataa, Beekaadha.” (Suuratu Al-An’aam 6:103)
Wantoota dandeetti Rabbii mul’isanii fi mallatoolee Tokkichummaa Isaa agarsiisan ilaalun ilma namaatiif ni gaha.
Karaa 3ffaa: Rabbiin Ergamaa Isaatti ykn nama filatetti Malaaykaa erguudha. Kana jechuun Malaaykan Rabbiin irraa ergaa fuudhun Ergamaa Rabbiitti geessa. Fakkeenyaf, Malaaykan Jibriil (Gabra’eel) ergaa Rabbiin irraa fuudhun Nabii Muhammad (SAW) itti geessa. Malaaykan kuni abbaa iccitiiti; humna cimaa kan qabuu fi amanamaa kan ta’eedha. Amaloonni lamaan kunniin (humni cimaa fi amanamummaan) ergaa geessuf amaloota garmalee barbaachisoo ta’aniidha.
Ergamaan Rabbii (SAW) Malaaykaa Jibriil yeroo garii suuraa inni irratti uumameen isa argu. Yeroo garii Malaaykan Jibriil suuraa namtichaatin gara Ergamaa Rabbiiti dhufa. Yeroo kanatti namoonni Ergamaa Rabbii (SAW) marsanii jiran Jibriilin ni argu, dubbii isaa ni dhagahu. Yeroo garii immoo Jibriil dhoksaan Ergamaa Rabbii irratti bu’a, namoonni achi jiran isa hin argan. Garuu mallattoo wahyii (ergaa inni bu’eenii) ni argu.
Kunniin karaalee sadan Rabbiin namoota keessaa nama filate itti dubbisuudha.
Sadarkaalee Wahyii Ergamaa Rabbitiif (SAW) ta’an
Ergamaa Rabbitiif bifoonni fi sadarkaaleen adda addaa wahyiin (ergaan, beeksisni, odeefannoon dhugaa Rabbiin irraa ittiin bu’uu) isaaf ta’ee jira. Isaanis:
1ffaa-Abjuu dhugaa hirriba keessatti argu– kuni sadarkaa jalqabaa wahyiin gara Ergamaa Rabbiitti (SAW) bu’uu jalqabeedha. Abjuun Nabiyyiin argu hundii dhugaadha. Namoonni abjuu arguu danda’u. Tarii abjuun isaanii dhugaa ta’u danda’a dhugaa ta’uu dhiisus danda’a. Garuu abjuun Nabiyyoota dhugaadha. Sababni isaas, sheyxaanni qalbii nabiyyootatti taphachu hin danda’u. Ijji Nabiyyoota ni rafti, garuu qalbiin isaanii hin raftu. Wanti abjuun argan wanta dhugaan Rabbiin isaanitti buusu fi borumta ykn gara fuunduratti ta’uudha. Fakkeenyaf, Qur’aanni wanta Nabii Ibraahimi fi ilma isaa Ismaa’il jiddutti adeemsifame haala kanaan nuuf hima:
“[Mucaan] yeroma isa waliin deemuu irra gahu [Nabi Ibraahim] ni jedhe, “Yaa ilma kiyya! Ani abjuu keessatti kan si gurra’un arge. Waan sitti mul’atu ilaali.” Ilmis ni jedhe:”Yaa abbaa kiyya! Waan itti ajajamte dalagi. Yoo Rabbiin fedhe obsitoota irraa ta’uu na argita.” Suuratu As-Saaffaat 37:102
Ismaa’il yommuu abbaa isaa Ibraahim waliin deemu ykn fiigu irra gahe, abbaan “Yaa ilma kiyya! Ani abjuu keessatti kan si gurra’un arge. Yaanni kee maali?” jedhee gaafate. Abjuun Nabiyyoota wahyii Rabbiin irraa bu’e waan ta’eef, hojii irra oolchun barbaachisaadha. Ismaa’el, “Wanta itti ajajamte hojjadhu.” jechuun abbaaf yaada kenne.
Gara Nabi Muhammad (SAW) yommuu dhufnu immoo, banamiinsi Makkaa abjuu Ergamaan Rabbii (SAW) argeen bakka gahe. Rabbiin abjuu isaa dhugaa taasiseef. Rabbiin ni jedha:
“Rabbiin Ergamaa Isaatiif abjuu haqaan dhugaa taasisee jira. Yoo Rabbiin fedhe nagayaan mataa keessan haadachaa, [gariinis] gabaabsachaa, osoo hin sodaanne Masjiida kabajamaa [Makkaa] ni seentu.” Suuratu Al-Fat’hi 48:27
Abjuun Ergamaan Rabbii (SAW) mataa haadachuun, akkasumas, namoonni gariin rifeensa gabaabsunii fi osoo hin sodaanne Masjiida Kabajamaa Makkaa seenu arge wahyii haqaa Rabbiin itti buuse fi ergasii dhugaa taasisedha. Kuni sadarkaalee wahyii keessaa sadarkaa jalqabaa wahyiin Ergamaa Rabbitiif dhugaa taasifameedha.
2ffaa- Ergamaan Rabbii (SAW) Malaayka suuraa irratti uumamen argu– Kuni sadarkaa lamaffaa karaa wahyiin ittiin dhufuudha. Qur’aanni si’a lama Ergamaan Rabbii (SAW) suuraa Malaaykan Jibriil irratti uumame akka arge nuuf hima. 1ffaa Suuratu Najm Ayaata 1-11, 2ffaa suuratu Najm armaan olii Aaayat 12-18
Ergamaan Rabbii (SAW) suuraa Jibriil irratti uumame kan argan yeroo wahyiin (Qur’aanni) bu’uu jalqabe irratti. Haati mu’mintoota tan taate Aa’ishaan (Radiyyallahu anhaa) haala kanaan ibsiti:
“Wahyiin gara Ergamaa Rabbiitti bu’uu kan jalqabe abjuu gaarii hirriba keessatti arguuni. Abjuu homaatu hin argu akka guyyaa adii dhugaa yoo taate malee. Ergasii kophatti bahuun isaaf jaallatamaa ta’e. Goda Hiraatti kophaa bahuun gara maatii isaa deebi’uun dura halkan baay’eef achitti Rabbiin gabbaraa ture. Kanaaf galaa (siinqi) fudhataa ture. Ergasii gara Khadiijaa deebi’uun akkuma duraa siinqi fudhata. Hanga guyyaa tokko osoo inni goda Hiraa keessa jiru Haqni tasa isatti dhufuu [haala kanaan itti fufe]. Malaaykan dhufee akkana jedheen, “Iqra’a (dubbisi)” Ergamaan Rabbii (SAW) ni jedhe, “Akkamitti akka dubbisan hin beeku.” Ergamaan Rabbii itti fufuun ni jedhe, “Ergasii Malaaykan sirritti na qabuun hanga dhiphachuu gahuutti na ukkaamse. Ergasi gadi na fure.” Ammas Malaaykan ni jedhe, “Dubbisi!” Ani nan jedhe, “Akkamitti akka dubbisan hin beeku.” Ergasii Malaaykan yeroo lammataaf sirritti na qabuun hanga dhiphachuu gahuutti na ukkaamse. Ergasi gadi na fure, “Dubbisi!” naan jedhe. Anis nan jedhe, “Akkamitti akka dubbisan hin beeku.” Ammas yeroo sadaffaaf sirritti na qabuun hanga dhiphachuu gahuutti na ukkaamse. Ergasi gadi na furee akkana jedhe, “Maqaa Rabbii keeti Kan [waan hunda] uumen dubbisi. Ilma namaa dhiiga ititaa irraa uume. Dubbisi! Gooftaan kee arjaadha. Kan qalamaan [barreessu] barsiise. Nama waan inni hin beekne barsiise.” (Suuratu Al-Alaq 96:1-5)
San booda Ergamaan Rabbii Aayata armaan olii kana fudhachuun osoo qalbiin dhikkistuu fi hollatanuu gara haadha manaa isaanii Khadiijaa deebi’an. Ergasii ni jedhan, “Na haguuga, na haguugaa!” Hanga sodaan irraa deemu ni haguugan. Ergasii Ergamaan Rabbii (SAW) Khadijaan ni jedhe, “Yaa Khadiijaa! Rakkoon kiyya maalii? Lubbuu tiyya irratti sodaadhe.” Wanta malaayka waliin ta’e ishitti hime. Khadijaanis ni jette, “Dhoorgami! Abshir (gammadi), Rabbiin kakadhe! Rabbiin si hin salphisu. Rabbiin kakadhe! Ati dhugumatti, hariiro firummaa sufta (eegda), dhugaa dubbatta, hiyyeessaa fi rakkataa gargaarta, keessumma kabajaa fi arjaan keessumeessita, warra balaan itti bu’e gargaarta.” Ergasi Khadijaan ilma abbeeraa ishii kan ta’e Waraqaa bin Nawfal bira Ergamaa Rabbii fidde. Waraqaa bin Nawfal Ergamaan Rabbii (SAW) ergamuun dura Kiristaana ture. Kitaaba Arabiffaa fi wanta Rabbiin fedhe Injiila Arabiffaan barreessaa ture. Jaarsa dulloomee fi ijji isaa tan badde ture. Khadijaan “Yaa ilma abbeeraa kiyyaa! wanta ilmi obboleessa keeti jedhu dhagahi mee.” jetteen. Waraqaan ni jedhe, “Yaa ilma obboleessa kiyyaa! Maal argite?” Ergamaan Rabbii (SAW) wanta arge isatti hime. Waraqaan ni jedhe, “Kuni [Malaayka Jibriil] kan iccitii eegu Nabii Muusa irratti bu’etu sirrattis bu’e. Maal qaba ani osoo dargageessa ta’ee jiraadhe! Osoo hanga ummanni kee biyyaa si baasanii lubbuun jiraadhe maal qabaa!” Ergamaan Rabbiis ni jedhan, “Isaan biyyaa na baasu?” Innis ni jedhe, “Eeyyen! Namni fakkaataa wanta ati fidde fide namoonni diina isatti ta’u. Osoo hanga guyyaa sani lubbuun jiraadhe silaa deeggarsa cimaan si deeggaraa ture. ” Garuu Waraqaan yeroo muraasan booda ni du’e. Wahyiniis yeroo muraasaf Nabiyyii irratti bu’uu dhiise.” Sahih al-Bukhari 3
Kuni yeroo jalqabaatif Ergamaan Rabbii (SAW) Malaaykaa Jibriil suuraa irratti uumame argan. Malaaykan Jibriil Qur’aana irraa aayata (keeyyata) muraasa yeroo jalqabaatif Rabbiin irraa fuudhe gara Nabi Muhammad (SAW) geesse.
Yeroo lammataa Nabiyyiin suuraa Malaaykan Jibriil irratti uumame halkan Mi’raaja samii ol’aantu Sidratal Muntahaa biratti isa argan. Kuni sadarkaa fi bifa 2ffaa wahyiin Rabbiin irra gara Nabiyyi bu’uudha. Innis Malaayka Jibriil suuraa irratti uumameen arguuni.
3ffaa- Suuraa Namaatin Malaaykaa arguu – Malaaykan Jibriil nama fakkaachun gara Ergamaa Rabbii (SAW) wahyii fide dhufa. Namoonni naannawa san jiran Jibriilin ni argu, wanta inni jedhu ni dhagahu. Ragaan kanaa hadiisa Umar bin al-Khaxxaab dabarseedha. Osoo sahaabonni (hiriyoonni) Nabiyyi fi Nabiyyiin bakka tokko walitti qabamanii taa’anuu, Jibriil suuraa nama hin beekkamneetin dhufe. Ergamaa Rabbii (SAW) fuundura taa’un waa’ee Islaamaa, iimaanaa, ihsaanaa fi Guyyaa Qiyaamaa gaafate. Ergamaan Rabbiis gaafiwwan Jibriil ni deebisaniif. Jibriilis dhugaa dubbatte jechuun mirkaneesse. (Sahiih Musliim-8)
Malaaykan Jibriil akkuma suuraa namaatin gara Ergamaa Rabbii dhufu, osoo nama hin fakkaatinii fi ijaan hin mul’atin gara Nabiyyitti dhufuun wanta “itti geessi” jedhame itti geessa.
Kitaaba wabii
Taarikhu Nuzuulu al-Qur’aan al-Kariim– fuula 9-23, by Mahammad Ra’afat Sa’iid
Akkasumas, www.almaany.com irraayis fayyadame jira