Arkaana Salaataa
Arkaana (rogoota) salaataa yommuu jennu salaatatti erga seenanii booda wantoota dirqamaan guuttamu qabanii jechuudha. Wantoonni kunniin yoo hafan akka shari’aatti salaanni guutuu hin ta’u. Shuruuxa fi Arkaana akka walitti hin naqne. Shuruuxa yommuu jennu salaatatti seenun dura hal-dureewwan guuttamuu qaban yommuu ta’uu harkaanni salaataa immoo erga salaatatti seenanii booda ulaagaalee guuttamu qabaniidha. Arkaanni salaataa kanniini:
1.Dandeettin isaa kan hayyamuu yoo ta’ee dhaabbate salaatu qaba– dhaabbate salaatu yoo dadhabe taa’e salaatu danda’a.
2.Takbiiratul ihraami- Salaata yommuu jalqabu Allahu Akbar (Rabbiin waan hundarra Guddaadha) jechuu qaba. Asitti Arabiffaan jechuu qaba.
3.Qiraa’atul faatiha-raka’aa hunda keessatti Faatiha qara’u qaba. Imaama duuba dhaabbates dhiises faatiha qara’u qaba.
4.Ruku’a bu’uu fi ruku’a keessatti tasgabbaa’u- namni salaatu ruku’a bu’uu fi ruku’a keessatti tasgabbaa’u qaba. Akka harraageessa lafa qofoqofu, salaatas hatamtamaan akkas gochuu hin qabu. Tasgabbaa’u qaba.
5.Ruku’aan booda qajeelee (qax jedhee) dhaabbachuu fi tasgabbaa’u
6.Sujuuda bu’uu fi sujuuda keessatti tasgabbaa’u
7.Sujuuda lamaan jidduu taa’u fi tasgabbaa’u
8.Tashahhuda dhumaa qara’uu-kana jechuun Attahiyyaatun qara’u
9.Salaama baafachuu
Abu Hureyraan akkana jechuun gabaase: Gaafa tokko Ergamaan Rabbii (SAW) masjiida seene. Namtichi tokkos masjiida seenee salaata salaate. Ergasii gara Ergamaa Rabbii (SAW) dhufuun salaama gaafate. Ergamaan Rabbiis salaama deebiseef. Ergasii Nabiyyiin namticha kanaan akkana jedhe, “Deebi’i salaati dhugumatti ati hin salaanne.” Namtichis ni salaate. Ergasii gara Ergamaa Rabbii dhufuun salaama gaafate. Nabiyyinis (SAW) “Ati hin salaanne deebi’i salaati.” jedhaniin. Yeroo sadii akkana jedhaniin. Kana booda namtichi ni jedhe, “Rabbii haqaan si ergeen kakadhe, kana caalaa bareechise salaatu hin danda’u. Haala itti salaatan na barsiisi.” Ergamaan Rabbii (SAW) ni jedhan, “Salaataf yommuu dhaabbattu Allahu akbar jedhi. Ergasii Qur’aana irraa wanta siif laafu qara’i (dubbisi). Sana booda ruku’a bu’i hanga ruku’a keessatti tasgabbooftutti. Ergasii ruku’a irraa ol jedhi hanga ol-qajeelte dhaabbatutti. Ergasi sujuuda bu’i hanga sujuuda keessatti tasgabbooftutti. Ergasii sujuuda irraa ol-jedhi hanga taa’umsa keessatti tasgabbooftutti. Salaata hunda kee keessatti haaluma kanaan hojjadhu.” Sahih al-Bukhari 793
Wanti guddaan asirraa barannu salaata tasgabbiin salaatu fi jarjaruu dhiisudha. Namni salaata keessatti yoo hin tasgabbaa’in salaata ofii balleessaa jiraa jechuudha. Akka fakkeenyatti namticha armaan olii ilaalu dandeenya.
Maddoota: 1. The Concise Presentation of the Fiqh of the Sunnah and the Noble Book fuula 111-117, Kalamullah.Com
2. Sahihu Fiqhu sunnaah- jildii 1ffaa, fuula 314-328, Abu Maalik, Maktabata Tawfiqiyya
3. Fiqhu sunnaah-jildi 1ffaa fuula 125-133, Sayyid Saabiq, Daru ibn Kasiir
Baay’ee nama gammachisaa