Ergamaan Ilma namaa irraa ta’uu
Dhalli namaa jireenya keessatti hogganaa hordofee milkaa’innatti bahu barbaada. Hogganaan namoonni hordofan kunis akkuma isaanii kan nyaatu, dhuguu, uffatuu fi rafuu ta’uu qaba. Ta’uu baannan, uumama sanyii isaanii irraa adda ta’e fi amalli isaa amala isaanii waliin kan hin deemne akkamitti hordofu? Hordofuu jechuun wanta namni suni hojjatu ilaalun hojjachuudha. Namoonni dhugaa kana hin hubanne dur irraa kaase, “Rabbiin maaliif malaykaa ergamaa godhee hin ergine?” jechuun Ergamtoota Rabbii faallessu. Rabbiin osoo malaaykaa erge akkamitti malaaykaa kana hordofuu? Uumamni malaaykaa fi namaa garagara. Malaaykan hin nyaatu, hin dhugu, hin fuudhu. Ilmi namaa immoo kana hunda godha. Rabbiin (subhaanahu wa ta’aalaa) haala ilma namaa akkana jechuun ibsa:
“Namoonni yommuu qajeelchi isaanitti dhufu, “Sila Rabbiin ilma namaa Ergamaa godhee ergaa?” jechuu malee homtuu amanuu irraa isaan hin dhoorgine.” Suuratu Al-Israa 17:94
Kana jechuun namoota baay’ee qajeelchi (kitaabni fi Ergamaan) Rabbiin irraa yommuu isaanitti dhufu, wanti amanuu fi ergamtoota hordofuu irraa isaan dhoowwe ilaalcha badaa fi jecha isaanii kana: “Sila Rabbiin ilma namaa Ergamaa godhee ergaa?, Maaliif Malaayka hin erginee?”. Rabbiinis akkana jechuun deebii isaaniif kenna:
Jedhi, “Osoo dachii keessa Malaaykonni tasgabbaa’anii deeman kan jiraatan ta’ee, silaa samii irraa Malaaykaa Ergamaa goone isaan irratti buufnaa turre.” Suuratu Al-Israa 17:95
Malaykaan kan ergamuu malaaykotaa qofaaf akka ta’e Rabbiin ni beeksisa. Sababni isaas, osoo Malaaykan namootatti ergamee, silaa namoonni haala irratti uumameen malaykaa kana arguu hin danda’an.[1] Malaykoonni uumamni isaanii kan namootaa irraa adda kan ta’e fi guddinni isaanii kan nama sodaachisudha. Rabbiin nabiyyoota qofa haala malaaykan irratti uumame arguu irratti isaan dandeesise. Kanaafu, namoonni malaykaa suuraa irratti uumame arguu fi isa waliin haasawu hin danda’an. Rabbiin akkana jedha:
“Ni jedhan “Maaliif Malaaykan isa irratti hin buufamin?” Osoo malaaykaa buufne silaa dhimmichi ni murteefama;ergasii yeroon isaaniif hin kennamu ture. Odoma malaayka isa gooneyyuu, silaa dhiira isa taasifna, waan isaan walitti fakkeessan isaan irratti walfakkeessinaa turre.” Suuratu Al-An’aam 6:8-9
Maaliif Malaaykan nabiyyii irratti hin buufamin? jechuun warri kafaran gaafatan. Osoo malaaykaa buufne silaa dhimmichi ni murteefama. Ibn Abbaas ni jedha: “Osoo malaaykaa suuraa inni irratti uumame arganii silaa ni du’u. Isa ilaalu waan hin dandeenyef.” Hasanii fi Qataadan ni jedhan: adabbii isaan balleessun ni baduu turan. Sababni isaas, nama mallattoo barbaade, ergasii mallattoon tuni mul’atte yoo amanuu dide, Rabbiin yeroma san ni balleessa. “Ergasii yeroon isaaniif hin kennamu ture.” Kana jechuun hin tursiifaman.
“Odoma malaayka isa gooneyyuu, silaa dhiira isa taasifna…” -Malaayka suuraa isaa irratti isa arguu hin danda’an, jismii (qaama) erga ta’een booda malee. Sababni isaas, uumamni hunduu sanyii isaa waliin taa’utti ni gammada, sanyii isaa kan hin taane irraa immoo ni dheessa. Osoo Rabbiin olta’e ilma namaatti malaayka ergee, silaa isatti dhiyaachu irraa ni dheessu, isa waliin hin taa’an. Dubbii isaa ni sodaatu, isa hin gaafatan…
Ammas, osoo malaaykan kuni suuraa dhiiraatin isaanitti ergamee akkana jedhu turan: “Ati malaykaa miti. Ati ilma namaa qofa, sitti hin amannu.” Haala isaanii duraanitti ni deebi’u turan. Malaaykonni suuraa namaatin ergamtootti dhufaa turan. Nabii Ibraahimii fi Luuxin suuraa namaatin itti dhufan. “waan isaan walitti fakkeessan isaan irratti wal fakkeessinaa turre.” Kana jechuun yommuu Ergamaan namaa isaanitti dhufu, “Kuni nama akka keenyaati. Nama akka keenyaa hin hordofnu” Jedhan. Osoo malaaykalleen suuraa namaatiin isaanitti dhufee, “Kuni nama akka keenyaati. Kanaafu, hin hordofnu.” Jechuu turan. Haala kanaan ni dhama’u, isaan irratti dhimmoonni wal fakkaatu, walitti makamu.[2]
Ogummaa (Hikmaa) Ergamaan ilma namaa irraa ta’uu
Ergamaan gara ilmaan namaatti ergamu malaykaa osoo hin ta’in isaanuma keessaa nama Rabbiin filateedha. Kuni faayda fi ogummaa baay’etu keessa jira. Isaan keessaa mee muraasa haa eerru:
1-Namootaf fakkeenya ta’uu- osoo malaaykan namootatti ergamee, silaa isa hordofuu fi fakkeenya isa godhachuuf ni rakkatu turan. Sababni isaas, uumamni namaati fi malaayka garagara. Namni ni nyaata, ni dhuga, ni fuudha. Malaaykonni immoo kana hundaa hin hojjatan. Osoo malaykaan namootatti ergamee waan badaa irraa isaan dhoowwe, silaa namoonni akkana isaan jechuu turan, “Ati uumama keenya irraa adda. Hin nyaattu, hin dhugdu, hin fuutu. Wanti gara baditti si dhiibu hin jiru. Kanaafu, ajaja kee hin fudhannu.”
Uumaman namni jecha caalaa hojii nama ilaalun hordofu. Kanaafu, ergamaan ilma namaa irraa ta’uun, namoonni hojii isaa ilaalun akka fakkeenyatti isa fudhatu. Rabbin ni jedha:
“Dhugumatti nama Rabbii fi Guyyaa Aakhiraa kajeeluf ammas Rabbiin baay’isee yaadatuuf Ergamaa Rabbii keessa hidhannaa (fakeenya) gaariitu isiniif jira.” Suuratu Al-Ahzaab 33:21
2.Namoonni isa hodofuuf kakka’uumsa qabaachu– osoo ergamaan Malaykaa ta’ee, silaa namoonni jireenya keessatti fakkeenya isa godhachuuf kakka’uumsa hin qabanii turan. Sababni isaas, sanyii isaanii irraa adda kan ta’ee fi uumamaan isaan irraa garagara waan ta’eef isa hordofuu hin danda’an. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa, sanyii isaanii irraa ergamaa isaaniif erguun fakkeenya gaarii hordofuu qaban isaaniif godhe. Kanaafu, ergamaa namaa hordofuuf kakkaa’umsa qabaatu. Tola kana Rabbiin haala kanaan ibsa:
“Dhugumatti, Rabbiin yeroo ergamaa isaan irraa ta’e, kan keeyyattoota Isaa isaan irratti dubbisu, isaan qulqulleessu, kitaaba fi hikmaa (sunnaa) isaan barsiisu isaan keessatti ergu mu’mintoota irratti tola ooleera. Dhugumati san dura isaan jallinna ifa bahaa keessa turan” Suuratu Ali-Imraan 3:164
Kana jechuun Rabbiin mu’mintoota (warroota amanan) irratti tola ooleera, yommuu ergamaa sanyii isaanii irraa ta’e ergu. Sanyii isaanii irraa ta’uun isa akka hordofan, waliin taa’un akka tasgabbaa’anii fi gaafi gaafatan isaan taasisa. Osoo sanyii biraa irraa ta’e silaa kana hunda gochuu hin danda’an. Ergamaan kuni keeyyattota Rabbii isaan irratti qara’a (dubbisa), waan gaaritti isaan ajajuu fi waan badaa irraa isaan dhoowwun lubbuu isaanii qulqulleessa. Qur’aana fi sunnaa isaan barsiisa. Dhugumatti isaan kana dura jallinnaa fi dukkana keessa turan.
3.Namoonni Malaayka waliin wal-qunnamu dadhabuu- akkuma duratti jenne osoo malaaykan suuraa jalqabaa irratti uumameen isaanitti ergame, silaa isa waliin haasawu fi taa’u hin danda’an. Sababni isaas, suuraan isaa suuraa namaa irraa adda kan ta’ee fi kan nama rifachisuudha. Kanaafu, uumama irraa dheessani fi nama rifachisu irraa akkamitti ergaa Rabbii beeku fi hubachuu danda’uu? Ergamaan isaan keessaa ta’uun isaaniif rahmataa fi mararfannaadha.
Guduunfaa
➥Malaykoonni uumamtoota Rabbiin ifa irraa isaan uume fi samii keessa jiraataniidha. Hin nyaatan, hin dhugan, wal hin horan. Rabbiin halkanii guyyaa hifannaa tokko malee gabbaru.
➥Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ilmaan namaatiif ergamtoota sanyii isaanii irraa ta’an erge. Kunis Rahmata Isaa agarsiisa.
➥Uumamni malaykotaa fi namootaa gargar waan ta’eef malaykaan ergamaa ta’ee namootatti hin ergamne.
➥ Malaykaan osoo namootatti ergamee nama fakkaate isaanitti dhufaa malee suuraa irratti uumameen isaanitti hin dhufu. Sababni isaas, namoonni suuraa inni irratti uumame ilaalu fi isa waliin dubbachuu hin danda’an
➥Kanaafu, warroonni malaykan maaliif hin ergamne jedhanii gaafatan, akkuma duraan of dhamaasan ni dhama’u turan.
Kitaabbilee wabii
al-aqiidatul Islaamiyyatu wa ususuhaa By Abdurahmaan Hasan Madiniyyi, fuula 344-345
[1] Tafsiira Qurxubii- 13/178
[2] Tafsiira Qurxubi-8/327-328
Tafsiira Ibn Kasiir
https://furtusammu.wordpress.com/2017/01/17/the-messengers-god-sends/
Pingback: Mormii Mushrikootaa-Kutaa 3 – Ibsaa Jireenyaa
Pingback: Tafsiira Suuratu Yuusuf-Kutaa Dhumaa - Ibsaa Jireenyaa