Iisaa (Iyyasuus)-Kutaa-2

Iisaan gara Samii Ol-Fuudhamuu
Akkuma beekamu Iisaan (nageenyi isarratti haa jiraatuu) gara ilmaan Israa’el nabiyyii ta’uun ergame. Garuu Yahuudonni Iisaa wantoota adda addaatin maqaa xureessu fi yakkuu turan. Dhumarratti isa ajjeesuf shira (tooftaa) baasan. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa akkana jechuun dubbata:

Isaan tooftaa baasan, Rabbis tooftaa baase. Rabbiin immoo irra caalaa warra tooftaa baasuti. Yeroo Rabbiin [akkana] jedhe [yaadadhu] “Yaa Iisaa! Ani si fudha, gara Kiyyattis ol si kaasa. Warroota kafaran irraas si qulqulleessa.” Suuratu Aali-Imraan 3:54-55

Yahuudonni Iisaa ajjeesuuf tooftaa baasan. Garuu Rabbiin olta’aan isaan dursuun tooftaa san caalu baase. Tooftaan kunis Iisaa gara Isaatti ol fudhachuu fi nama Iisaa fakkaatu isaanitti fakkeessudha. Seenaan tooftaa kana fakkaata:

Yahuudonni yommuu Iisaa ajjeesuf walitti qabaman, Iisaan isaan jalaa dheessun mana keessa seene. Mootiin isaanii namticha maqaan isaa Yahuuz jedhamu Iisaatti seenee akka ajjeesu ykn baasu ajaje. Namtichi kuni mana ni seene, garuu Iisaa hin arganne. Rabbinis fakkaataa iisaa namticha kanarratti darbe. Kana jechuun akka Iisaa fakkaatu isa taasise, Iisaa immoo gara samii ol fuudhe. Namtichi kuni yommuu bahu yahuudonni Iisaa kan fakkaatu ta’ee isa argan. Namtichi “ani saahiba (hiriyyaa) keessan” osoo jedhu, yahudoonni isa qabuun rarraasanii ajjeesan. Ergasi ni jedhan, “Fuulli isaa fuula Iisaa fakkaata. Qaamni isaa immoo qaama saahiba keenyaa fakkaata. Kuni saahiba keenya yoo ta’e Iisaan eessa dhaqee? Kuni Iisaa yoo ta’e, saahibni keenya isa dhaqee?” Isaan jidduutti wal dhabbiin guddaan ni uumame[1]”. Kanaafi, Rabbiin subhaanahu wa ta’aala itti aanse ni jedha:

Ammas isaan “Nuti Masiih İisaa ilma Mariyam, Ergamaa Rabbii ajjeefne jirra” waan jedhaniif [isaan abaarre]. Isaanitti fakkeefame malee isaan isa hin ajjeefne, hin fannisnes. Warroonni waa’ee isaa ilaalchisee wal dhaban dhugumatti isa irraa shakkii keessa jiru. Shakkii hordofuu malee isa irratti beekumsa homaatu hin qaban. Qabatamaan isaan isa hin ajjeefne. Dhugumatti Rabbiin gara Isaatti ol fuudhe. Rabbiinis injifataa, ogeessa ta’eera. Abbooti kitaabaa irraa eenyullee hin jiru du’a isaatiin dura kan isatti amanu yoo ta’e malee. Guyyaa Qiyaamaas isaan irratti ragaa ta’a.” Suuratu An-Nisaa 4:157-159

Yahuudonni Iisaa (nageenyi isarratti haa jiraatu) ajjeefne jirra jedhan. Garuu Rabbiin nama biraa isaanitti fakkeesse malee Iisaa hin ajjeefne. “Warroonni waa’ee isaa ilaalchisee wal dhaban dhugumatti isa irraa shakkii keessa jiru.” Waa’ee Iisaa (Iyyasuus) ilaalchisee Kiristaanonni fi Yahudoonni wal dhabbii guddaa keessa seenan. Yahudoonni ajjeefne jirra jedhan. Kiristaanoni gariin Iyyasuus nuuf jedhe du’e jedhan. Gariin isaanii Iyyasuuf gooftadha, ykn ilma gooftaati jedhan. Kuni hundi dhugaa irraa kan fagaate fi ragaa hin qabneedha. Kanaafi itti aanse akkana jedhe, “Shakkii hordofuu malee isa irratti beekumsa homaatu hin qaban.” Kana jechuun waa’ee Iisaa ilaalchisee wanti isaan jedhanii fi hordofan shakkii qofa. Beekumsa sirrii fi dhugaa ta’e hin qaban.

“Qabatamaan isaan isa hin ajjeefne. Dhugumatti Rabbiin gara Isaatti ol fuudhe.” Kana jechuun dhugumatti yahuudonni Iisaa (Iyyasuusin) hin ajjeefne. Dubbiin Kiristaanotaa “Iyyasuus cubbuu keenyaf jedhe du’e” kan jedhus soba. Garuu Rabbiin gara Isaatti ol fuudhe. “Rabbiinis injifataa, ogeessa ta’eera.” Rabbiin waan hundaa irratti Danda’aa, Injifataa fi Ogeessa waan ta’eef Iisaa gara samii ol fuudhun homaa Isatti hin ulfaatu.  

“Abbooti kitaabaa irraa eenyullee hin jiru du’a isaatiin dura kan isatti amanu yoo ta’e malee.” Asitti abbooti kitaabaa yommuu jedhu Yahuudotaa fi Kiristaanota jechuu isaati. Mufasiroonni (Hayyoonni Qur’aana ibsan) aaya tanaaf ibsa lama kennanii jiru:

1ffaa– Maq-dhaalli  “du’a isaatiin dura.” Jedhu keessa jiru, nama Kiristaana ykn Yahuudaa ta’e agarsiisa. Kanaafu, hiikni isaa kana ta’a: Nama Kiristaanaa ykn yahuudaatti duuti yommuu dhuftu, Iisaan (Iyyasuus) gabrichaa fi Ergamaa Rabbii akka ta’e ni amana. Gooftaa ykn ilma gooftaa akka hin taane yeroo du’aa ni hubata. Garuu kuni homaa isa hin fayyadu, ibidda irraa isa hin baraaru. Kuni kan agarsiisu Kiristaanotaa fi Yahuudota akeekachisuu fi haaluma amma irra jiraniin akka itti hin fufneefi. Waa’ee Iisaa ilaalchisee soba irra jiran yoo itti fufan yeroo du’aa ni gaabbu. Guyyaa Qiyaamaa immoo san caalaa gaabbu.

2ffaa- Maq-dhaalli “du’a isaatiin dura” jedhu keessa jiru “İisaa” agarsiisa. Hiikni isaa kana ta’a: Abbooti kitaabaa irraa eenyullee hin jiru du’a İisaatiin dura kan amanu yoo ta’e malee. Kunis kan ta’u Qiyaamaan yommuu dhiyaattudha. İisaan yommuu gara dachii bu’u booyye ni ajjeesa, Masqala ni caccabsa, Islaama malee amanti biraa hin qeebalu. Kanaafu, yeroo kanatti Yahuuda fi Kiristaanonni Iisaan gabrichaa fi Ergamaa Rabbii akka ta’e ni amanu[2].

Guyyaa Qiyaamaas isaan irratti ragaa ta’a.”  Hayyuun Qataadah jedhamu kana ilaalchisee ni jedha: “Rabbiin irraa ergaa akka isaanitti geessee fi gabricha Rabbii akka ta’e isaan irratti ragaa baha.” “Ani Gooftaadha ykn ilma gooftaati na waaqefadhaa” isaaniin kan hin jenne ta’uu ni labsa. Ragaan Iisaan (Iyyasuus) bahuu haala kanaan dhuma suuratu Maa’ida keessatti dhufee jira:


Yeroo Rabbiin “Yaa Iisaa ilma Mariyam! Sila situ namootaan ‘Anaa fi haadha tiyya Rabbii gaditti gabbaramaa (gooftaa waaqefatamu) lama taasifadhaa’ jedhee?” jedhu [yaadadhu]. Innis ni jedha, “Ati Qulqulloofte! Ani waan haqa naaf hin taanee jechuun naaf hin ta’u. Yoo ani san kan jedhu ta’e dhugumatti Ati beektee jirta. Wanta lubbuu kiyya keessa jiru ni beekta, ani waan nafsii Kee keessa jiru hin beeku. Dhugumatti Ati sirritti beekaa waan fagoo fi hin mul’anneeti. Waan Ati itti na ajajje, “Rabbii Gooftaa kiyyaa fi Gooftaa keessan ta’e gabbaraa” jechuu malee waan biraa isaaniin hin jenne. Hangan isaan keessa turetti isaan irratti ragaan ture. Erga ol na fuutee booda, Ati isaan irratti Tiiksaa turte. Ati waan hundaa irratti ragaadha. Yoo isaan adabde (azzabde), gabrootuma keeti. Yoo isaaniif araaramtes, Ati Simatu Injifataa Ogeessa.

Suuratu Al-Maa’ida 5:116-118

Kuni ragaa Guyyaa Qiyaamaa Iisaan (Iyyasuus) (nageenyi isarratti haa jiraatu) bahuudha. Dubbiin erga akkana ta’ee,

Eenyutu yeroo jalqabaatif “Iisaan (Iyyasuus) ilma waaqayyooti (gooftaati)” jedhe ree?

Deebiin isaa kana fakkaata:

Yeroo jalqabaatiif Iyyasuusin Gooftaa ykn ilma gooftaati kan jedhe nama maqaan isaa Phaawulos jedhamuudha. Seenaa kiristaanaa keessatti seenaan Phaawulos seenaa gariiba (adda ta’ee) fi ajaa’ibaati. Amanti Kiristaanaa jallisuu keessatti gahee ol’aanaa kan taphateedha.  Phaawulos nama Yahuudi ture. Maqaan isaa “Saa’ol” jedhamaa ture. Inni Nabii Iisaa hin argine. Yeroo Iisaan gara Amantii Rabbiitti namoota waamu fi isaan gammachisus hin dhageenye.

Yeroo isaa jalqabaa irratti, Phaawulos Kiristaanota Iisaa hordofanitti namoota diina ta’an gurguddaa keessaa tokko ture. Inumaa, isaan adabbaa fi garmalee rakkisaa ture.
Erga Rabbiin Olta’aan İisaa gara samii ol fuudhee booda Phaawulos tasa gara Kiristaanummaaa seenu isaa labse. Erga itti seenee booda oduu addaa odeessu jalqabe. Yeroo gara Damasqoo deemu ifni akka isa marsee fi gooftaan samii irraa akka itti lallabee ni dubbata. (Barreefama asii gadii keessatti Iisaa =Yesus)
Mee wanta Phaawulos (Saa’ol) jedhe Macaafa qulqulluu gara Afaan Oroomotti hiikkame, “Hojii Ergamtootaa Boqonnaa sagal” irraa fudhannee haa ilaallu:

“¹ Saa’ol amma illee bartoota gooftaa doorsisuudhaa fi ajjeesuutti banbanaa gara angafa lubootaa dhaqee, ³ Utuu adeemuus Damaasqootti dhi’aate, kunoo, dingata ifni waaqa irraa naannoo isaatti balaqqeessa’e.
⁴ Lafa dha’ees sagalee, “Saa’ol, Saa’ol, maaliif na ari’atta?” jedhuun dhaga’e.
⁵ Inni immoo, “Eenyu ati yaa gooftaa?” jedhe. Sagalichis deebisee, “Ana, Yesus, kan ati ari’attu;
⁶ garuu, ka’ii, gara mandaraatti lixi! Waan gochuun siif ta’us sitti in himama” jedheen…..

 ¹⁹ Nyaata nyaatees jabaate; bartoota warra Damaasqoo biras bubbule.
²⁰ Saa’ol ergasii utuu hin turin manneen sagadaa keessatti, ”Yesus kun ilma Waaqayyoo ti” jedhee lallabe.
²¹ Warri isa dhaga’an hundinuu garuu dinqifatanii, “Namichi kun, isa Yerusaalemitti warra maqaa Yesus waammatan balleessuuf dhama’aa ture mitii? Addana iyyuu isaanuma hidhee luboota warra angafootatti geessuudhaaf dhufee ture mitii?” jedhanii gaafatan.”
Madda: https://zoebible.page.link/ob

Keeyyata armaan olii keessatti lakkoofsa 20 fi 21 wanta jedhe sirratti hubadhaa!
(Barreefama armaan gadi keessatti Yahuuda=Yihudii)
Ammas Hojii Ergamtootaa Boqonnaa digdami lama (22) keessatti Phaawulos (Saa’ol) akkana jechuun dubbate:
³ “Ani Yihudii dha; Qiliiqiyaa keessaa Xarseesittan dhaladhe, addana Yerusaalemittan guddadhe. Gamaali’el birattis seera abaabilii keenyaaf kenname hundumaa ija irratti eegee bareera; akkuma keessan har’aa kanas Waaqayyoof nan hinaafan ture.
⁴ Namoota karaa barsiisa haaraa kana irra adeemanis hamma du’aatti nan ari’adhan ture, warra dhiiraas warra dubartiis qabeetan mana hidhaatti galchisiisan ture.
⁵ Angafni lubootaa, yaa’iin maanguddootaas guutummaatti waa’ee kanaaf dhugaa anaaf ba ‘u. Isaanuma biraa caaffata gara Yihudoota obboloota Damaasqoo jiraataniitti caafame baafadhee, jarreen kana qabee, akka isaan adabamanitti hidhee gara Yerusaalemitti fiduudhaaf, Damaasqoo nan dhaqan ture.
⁶ “Karaa irra adeemaa Damaasqootti yommuu ani dhi’aadhe, waareetti dingata ifni humna qabeessi naannoo kootti balaqqeessa’e.
⁷ Lafatti kufeen sagalee, ‘Saa’ol, Saa’ol, maaliif na ari’atta? jedhu dhaga’e.
⁸ ‘Eenyu ati yaa gooftaa?’ jedheetan deebise; inni immoo, ‘Ana, Yesus nama Naazireet, kan ati ari’achaa jirtu’ anaan jedhe.
⁹ Namoonni anaa wajjin turan ificha arganiiru; sagalee isa anatti dubbachaa ture garuu hin dhageenye.
¹⁰ Ani immoo, ‘Maal godhu, gooftaa?’ jedheen gaafadhe; gooftaan immoo,’Ka’ii, mandara Damaasqootti lixi, akka ati gootuuf waan Waaqayyo murtoo godhe, achitti sitti in himama’ anaan jedhe.
¹¹ Calaqqisa ifichaa irraa kan ka’es iji koo arguu dhabnaan, warri anaa wajjin jiran harka qabanii mandara Damaasqootti na galchan.

Madda: https://zoebible.page.link/ob

Yeroo kana irraa eegalee, Phaawulos Iisaan (Yesuus) ilma gooftaa (waaqeyyoo) akka ta’e lallabuu itti fufe. Kiristaanummaa keessatti kana barsiisuun namni jalqabaa hanga isa ta’u gahuutti dhiibbaa guddaa uume. Barnoota kana kan fudhatu gooftaa irraa akka ta’e himata. Wanta inni jedhu kanaan waa’ee isaa ilaalchise wanta namoonni beekan ni dhoksa. Barataa Yesus akka hin turree fi isaan akka wal hin qunnamne namoonni ni beeku. Garuu “Ani Gooftaa irraa barnoota argadha” jedhee waan dubbatuuf wanta namoonni irraa beekan ni haguuga. Himannaa sobaa kanaan hundee amantitti ni taphate  Amalli yahuuda amanti jallisuu fi micciruudha. Kanaafu, Phaawulosis yahuuda waan tureef amanti jallisuu fi micciruu eegale. Sobaan ani Kiristaana ofiin jechuun amanti Kiristaanatti akkanatti taphate.

İisaan erga ol fuudhamee booda namtichi Yahudii kuni ergamtoota torbaatamaa hafuurri qulqulluun irratti bu’uu fi kiristaanummaan warra gammachiisaan keessaa tokko akka ta’ee Kiristaanonni ni amanu. Kiristaanonni warroota kanniin, “Ergamtoota torbaatama” jechuun moggaasu. Kana jechuun kallatti hundan ergamtoota kiristaanummaan nama gammachisaniidha.

Phaawulos hanga barsiisaa Maarqos ta’u gahuutti dhiibbaan isaa garmalee guddate. Maarqos namoota macaafa qulqulluu barreessan keessaa tokko. Maarqos garmalee Phaawulositti maxxanuun barnoota irra barate. Ammas ni jedhu,  Luqaasis barataa jallatamaa Phaawulositti maxxanu ture. Luqaasi barreessa macaafa qulqulluu keessaa tokko ture.

Yaanni, “Iisaan (Yesus) ilma Gooftaati” jedhamu Phaawulos dura kan beekkamu hin turre. Garuu erga kiristaanummaa keessa sobaan seenee fi handhuura barnootaatti barsiisaa guddaa erga ta’ee booda naannoo adda addaa keessa deemun Kiristaanummaa haarawatti namoota waamu jalqabe. Ergaalee bakka adda addaatti ni erga. Ergaaleen isaa kunniin bu’uura barnoota amanti ta’an.

Tooftaa kanaan namtichi Yahuudi kuni kan isa faallessuu waan hin jirreef bu’uura amanti Kiristaanaa micciruu fi jallisuu danda’e jira. Sababni isaas, barnoota amantii kanniin Masiih Iisaa irraa argachaa jira isaaniin jedha. Isaanis kana amanuun ni fudhatan. Kiristaanummaa keessatti wanta seensisee ni seensise. Wanta micciree ni miccire[3].

Kanaafu, Iisaan (Yesus) (nageenyi isarratti haa jiraatu “Ani Gooftaadha na waaqefadhaa ykn ani ilma gooftaati” hin jenne. Garuu kan kana itti maxxanse Phaawulos. Ergasii Phaawulos irraa barattoonni isaa kan akka Marqoosi fi Luqaas macaafa keessatti barreessu jalqaban. San booda ummanni Kiristaanas wallaalummaan jara kana hordofuun jallinnaa fi dukkanatti kufan. Seenaa kana erga dubbisani booda gara ifaa fi karaa qajeelaatti akka bahan isaaniif hawwina. Karaan ifaa fi qajeelaan karaa Iisaan itti waamaa tureedha. Iisaan (Yesus) akkana jechuun ummata waamaa ture:

19:36

“Dhugumatti Rabbiin Gooftaa kiyyaa fi Gooftaa keessani. Kanaafu Isa qofa gabbaraa. Santu karaa qajeelaadha.” Suuratu Mariyam 19:36

Wa aakhiru daaw’aana anilhamdulillahi Rabbil aalamiin.


Kitaabban wabii
[1] Tafsiira Qurxubii 5/151
[2] Tafsiir Sa’diyyi 233, Tafsiir Qurxubii 7/214-215
[3] Kawaashif Zuyuuf – Fuula-25-29, Abdurahmaan Habanka

Iisaa (Iyyasuus)-Kutaa 3
Iisaa (Iyyasuus)-Kutaa 1

4 comments

Leave a Reply