Siiraa-Lakk.16

Da’waa (Waamicha gara Islaamaa) Ifaa
Nabiyyiin (SAW) hordoftoota isaanii erga leenjisanii fi amantii sirrii, ibaada fi amala gaarii barsiisanii booda yeroon ergaa Islaamaa ifaan ifatti itti labsan ni dhufe. Kunis jechi Rabbii olta’aa bu’uuni:

“Firoota kee dhiyoo akeekachiisi. Mu’mintoota irraa nama si hordofe koolu kee gadi qabiif.” Suuratu Ash-Shu’uraa 26:214-215

Asitti “koolu kee gadi qabiif.” Jechuun mu’mintootaaf rahmata gochuu, isaaniif garaa laafu, isaaniif tola oolu, dubbii gaarii isaanitti dubbachuu, akka waan maatii tokko ta’anitti bakka tokkotti walitti isaan qabuu fi isaan too’achuudha. Allaattinis haaluma kanaan ilmoolee ofiitiif koolu gadi qabdi.[1]

Nabiyyiin (SAW) firootaa fi gosoota isaa walitti qabuun Gooftaa tokkichatti akka amanan isaan waame. Yoo isa didan azaaba (adabbii) cimaan isaan sodaachise, ibidda irraa akka of baraaran isaan ajaje. Itti gaafatamummaa namni hundi nafsee ofii irratti qabu ifa isaaniif godhe.

Ibn Abbaas (radiyallahu anhu) akkana jedha: Yommuu aayan, “Firoota kee dhiyoo akeekachiisi.” buutu, Nabiyyiin (SAW) tabba Safaa irra bahuun, hanga namoonni walitti qabamanitti akkana jechuun lallabuu jalqabe, “Yaa Bani Fihr, Yaa Bani Adiyy!” (kunniin gosoota xixxiqoo Qureeshati). Yoo namtichi tokko ofii bahuu dadhabe wantichi maal akka ta’e akka ilaaluf ergamaa isaa erga. Abu Lahab fi Qureeshonni ni dhufan. Nabiyyiinis akkana isaaniin jedhe, “Mee natti himaa, loltonni faradoon duulan sulula keessa (kana jechuun gaara kana duuba) isinitti duulu hedan osoo isinin jedhe na dhugoomsituu?” Isaaniis ni jedhan, “Eeyyen. Dhugaa dubbachuu malee homaa sirraa hin agarre.” Innis ni jedhe, “Azaaba (adabbii) dura ani isiniif akeekachiisaadha.” Abu Lahab ni jedhe, “Guyyoota hafaniif badiin siif haa ta’u. Kanaaf walitti nu qabdee?” Ergasii yoosu aayaanni tunniin bu’an:

“(1)-Harki lamaan Abu Lahab badan, innis bade. (2)-Qabeenyi isaatii fi wanti inni hore isa hin fayyanne. (3)-Ibidda [bobayaa] laboobaa qabdu ni seena.” Suuratu Al-Masad 111:1-3 (Sahiih Al-Bukhaari 4770)

Gabaasni biraa dabalataan akkana jechuun gabaase: Nabiyyiin (SAW) gosoota xixxiqoo Qureeshota hundaa maqaa isaanitiin waame. Gosoota xixiqoo hundaanu akkana jedhen: Lubbuu teessan ibidda irraa baraaraa…” Ergasii ni jedhe, “Yaa Faaximah! Nafsee tee ibiddarraa baraari. Ani Rabbiin irraa homaa isin fayyadu hin danda’u. Garuu ana waliin hariiroo firummaa ani sufu ni qabdu.” Sahiih Muslim 204

Sagalee olkaasun lallaabuun kuni lallaba gahuumsa guddaa gaheedha. Nabiyiin (SAW) ergaa inni fidetti amanuun hariiroo isaa fi isaan jidduu jiruuf jireenya akka ta’ee firoota isaatiif ifa godhe. Hariiroon dhiigummaa Araboonni irra jiran akeekachiisa Rabbiin irraa dhufuun kan baqee baduudha.

Haqa Labsuu fi mormii Mushrikootaa
Sagaleen armaan olii kuni Makkaan keessatti qillisuu itti fufe, hanga jechi Rabbii olta’aan kuni bu’uti:

15:94

“Waan itti ajajamte ifatti labsi, mushrikoota irraas garagali.” Suuratu Al-Hijr 15:94 (Asitti “mushrikoota irraa garagali” jechuun mushrikoota aayata Rabbii irraa si dhoowwu barbaadaniif danta itti hin kenniin, arraba isaan si arrabsan itti hin yaaddawin. Ergaa Islaamaa ifatti labsuu itti fufi.)

Ergamaan Rabbii (SAW) bakka Mushrikoonni walitti qabamanii fi maqoo itti taa’anitti ifaan ifattai Islaamatti waamuf ni ka’e. Kitaaba Rabbii isaan irratti dubbisa, wanta nabiyyoonni duri ummata isaanitiin jedhan isaanin jedha: “Yaa ummata kiyya! Rabbiin gabbara. Isaan ala gabbaramaan biraa isiniif hin jiru.” Ija isaanii fuunduratti Rabbiin gabbaru jalqabe. Naannawa Ka’abatti osoo namoonni achi jiranu guyyaa adiin salaata ture. Waamicha (Da’waan) Nabiyyii (SAW) fudhatama argachuun dabalata baay’ee argate jira. Namoonni tokkon tokkoon diini Rabbii keessa seenan. Isaanii fi maatii isaanii keessaa namoota hin Islaamawne jidduu diinummaan, jibbinsii fi walirraa fagaachun ni uumame. Qureshoonni kana yommuu argitu gubachuu jalqabde.

Hajjajoota Da’wa Nabiyyii akka hin dhageenyeef Qureeshonni marii adeemsisuu
Guyyoota kanniin keessatti dhimmi tokko isaan yaachise: innis yommuu waqtiin hajjii dhiyaatu da’waa ifatti baasun guyyoota ykn ji’oota muraasa malee homtu irra hin dabarre. (Kana jechuun da’waan ifatti bahuu kan jalqabe waqtii hajjii dura guyyoota ykn ji’oota muraasa dura). Jiilli (bakka bu’oonni) Arabaa biyyoota garagaraa irraa akka isaanitti dhufan Qureeshonni beekte jirti. Nafsee Araboota keessatti da’waan nabiyyii bu’aa homaatu akka hin buusneef waa’ee nabiyyii ilaalchisee Araboota dhufan kanaaf jecha wayii jechuu akka qaban ni hubatan. Jecha sirrii filachuuf Waliid ibn Mughiiraah biratti walitti qabaman. Waliidis isaaniin ni jedhe, “Ilaalcha tokko irratti walii gala. Gargar hin ta’inaa, gariin keessan garii kjibsiisaati, jechi keessan gariin kan biraa waliin dhayaati.” Isaanis ni jedhan, “Ati jedhi. Waa’ee isaa ilaalchise ilaalcha jennuu nuuf dhaabi.”Innis ni jedhe, “Isin jedhaa ani nan caqasaati.” Isaanis ni jedhan, “Raagdu haa jennun.” Innis ni jedhe, “Lakki. Rabbiin kakadhe! Inni raagdu miti. Dhugumatti raagdu arginee jirra. Inni akka raagdu hin gumgumu, jechi isaas akka raagdu walitti kan naqamee miti.” Isaanis ni jedhan, “Majnuun (Maraataa) haa jennuun” Innis ni jedhe, “Inni majnuuna miti. maraatu arginee fi beekne jirra. Inni hin hudhamu, hin daaqu, waswasaas hin qabu.” Isaaniis ni jedhan, “Walaleessaa haa jennuun” Innis ni jedhe, “Inni walaleessaa miti. Walaloo hundaa beekne jirra. Bo’oo isaa, gabaaba fi dheeraa isaa beekne jira. wanti inni dubbatu walaloo miti.” Isaanis ni jedhan, “Kanaafu, saahira (nama sihrii hojjatu) haa jennuun” Innis ni jedhe, “Inni saahira miti. saahiraa fi sihrii isaanii arginee jirra. Tufaa saahironni tufanii fi guduunfa isaan guduunfan inni hin hojjatu.” Isaanis ni jedhan, “Kanaafu maal haa jennun.” Innis ni jedhe, “Dhugumatti jechi isaa mi’aa qaba. Isa irra bareedinnatu jira. Wantoota armaan olii keessaa homaa hin jettan baaxila (soba) ta’uun isaa kan beekkamu yoo ta’e malee. Garuu jechi hundarra dhiyoon isin jechuu dandeessa, ‘Saahir’ Jecha sihrii ilmaa fi abbaa, namtichaa fi obboleessa isaa, dhiirsaa fi niiti addaan baasun dhufe.” Isaanis kanarratti walii galanii addaan deeman.

Gabaasa biraa keessatti akka dhufeetti, yommu Waliid jechoota isatti dhiyeessan hunda fudhachuu dide, isaan ni jedhaniin, “Ilaalcha kee kan hanqinni keessa hin jirre nutti agarsiisi.” Innis, “Hanga waa’ee kanaa itti yaadutti yeroo muraasaaf na dhiisaa” jedhe. Waliidis ilaalcha armaan olitti dubbate hanga isaanif ifa godhutti yaadu yaadu itti fufe.

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa waa’ee Waliid ilaalchisee suurah Muddassir keessatti aayaata kudha jaha buuse (11-26). Achi keessatti akkamitti akka yaade fakkii kaasun ibsa:

“Inni itti xinxalle, ni tilmaames. Abbaarrame, akkamumatti tilmaame! Ergasiis, Abaarrame, Akkamumatti tilmaame! Ergasii ni ilaale. Ergasii fuula guuree akkaan jijjirame. Ergasii garagalee ni boone. Ni jedhes, “Kuni (Qur’aanni) falfala namoota biroo irraa waraabbame malee homaayyu miti. Kuni jecha namaa malee homaayyu miti.” Ani (Rabbiin) Saqar isa nan seensisa.” Suuratu Al-Muddassir 73:18-26 (Saqar maqaa ibidda Jahannami. )

Qureeshonni Waliid waliin mari’atan erga wanta waliid jedherratti walii galanii booda, yommuu namoonni waqtii Hajjii dhufan hojii irra oolchuuf karaa irra taa’an. Eenyullee isaan bira hin darbu, Nabiyyii irraa kan akeekachisanii fi dhimma isaa itti himan yoo ta’an malee.

Rasuulli (SAW) immoo namoota hordofuun gara Islaamatti isaan waama. Islaama fi nabiyyiif diina badaa kan ta’e Abu Lahab Nabiyyii duuka deemun, “Isaaf hin ajajaminaa, inni nama amanti abbooti isaa gadi lakkise, sobaadha.” Isaaniin jedha. Waqtiin kuni Araboonni dhimma Nabiyyii (SAW) fuudhanii biyya isaanii keessatti oduu isaa akka babal’isan sababa ta’e jira.

Wantoota Barbaachisoo Mushrikoonni fudhachuu didanii fi faalleessan
Warroonni shirkii leellisan wantoonni gurguddan isaan faalleessan: Tokkichummaa Rabbii, Guyyaa Aakhiraatti amanuu, Ergama Nabiyyii (SAW) fi Qur’aana Rabbal aalamina irraa isa irratti bu’eedha. Sababni kanniin asitti kaafnuf, namni biroo yaadaa fi amanti akka mushrikoota qabachuun dogongora wal fakkaatutti akka hin kufnee fi akkuma isaanii adabbiif akka of hin saaxilleefi. In sha Allaah kutaa itti aanu keessatti tokko tokkoon ni ilaalla…


Kitaabban wabii
[1] Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi 8/721, Tafsiiru Sa’dii-fuula 701
As-Siiratu Nabawiyyati–fuula 120-.., Alii Muhammad Sallaabi, Noble Life of The Prophet [English] 1/219-…
Rahiiqal Makhtuum Fuula-69-72, (Arabic), (The sealed Nectar) fuula 82-86 (English)

Mormii Mushrikootaa-Kutaa 1
Siiraa-Lakk.15.2

One comment

Leave a Reply