Amaloota Gabroota Ar-Rahmaan-Kutaa 3

Kutaa darbee keessatti amaloota Gabroota Ar-Rahmaan sadii ilaalle turre. Isaanis: (1)-yommuu dachii keessa deeman tasgabbii fi haala madaallamaan deemu. (2)-Yommuu wallaaltonni fi gowwoonni dubbii badaan isaan dubbisan, dubbii gaarii isaanitti deebisuun nagaha ta’u. (3)-Halkan irraa hanga danda’an salaataa bulu. Halkan isaanii tapha, badii fi wanta faaydi hin qabne irratti kan dabarsan osoo hin ta’in Gooftaa isaanii gabbaraa bulu. Badii fi hanqinna isaanitiif obboroo araarama kadhachuu baay’isu. Kuni hundi jireenya isaanii keessatti tasgabbii fi gammachuu dhangalaasa. Mee har’as itti fufuun amaloota isaanii haa ilaallu:

Ammas isaan,“Gooftaa keenya! Adabbi Jahannam nurraa deebisi. Dhugumatti adabbiin ishii namatti maxxanaa ta’eera. Dhugumatti ishiin iddoo qubannaa fi iddoo turtii ta’uun fokkatte!” kanneen jedhaniidha.” Suuratu Al-Furqaan 25:65-66

Amaloota gabroota Ar-Rahmaan keessaa halkanii guyyaa Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa adabbii Jahannam isaan irraa akka deebisuu kadhatu.

Gooftaa keenya! Adabbi Jahannam nurraa deebisi.” Kana jechuun Yaa Gooftaa keenya! Adabbii Jahannam nurraa garagalchi, nurraa fageessi. Kuni kan agarsiisu dogongora hojjatan amanuun Gooftaan isaanii adabbii Aakhirah akka isaan irraa deebisu kadhatu. Akkasumas, Gooftaan isaanii ma’asiyatti (badiitti) kufuu irraa akka isaan eegu kadhatu. Yoo badii fi cubbuu Jahannamitti nama geessu irraa isaan eege, adabbii Jahannam isaan irraa ni deebisaa jechuudha.

Jahannam- maqaa dhuunfaa ganda adabbii Rabbiin kaafirotaa fi warroota badii hojjataniif qopheessedha.[1] Jecha biraatin maqaa ibiddaati. Jahannam kan jedhameef garmalee gadi fagoo fi dukkana waan ta’eefi.[2]  

Gharaamaa”-jechuun adabbii cimaa yeroo hundaa namatti maxxanuu fi namarraa addaan hin baanedha. Kaafirota irratti adabbiin Jahannam yeroo hundaa cimaa fi maxxanaadha. Isaan irraa addaan hin bahu, gadi isaan hin lakkisu.
Mustaqarr”- iddoo qubannaa yeroo hunda achi turaniidha. Jahannam iddoo qubannaa yeroo hundaa kaafironni achi keessa turaniidha. Achi keessaa bahuun isaaniif hin jiru. Zalaalamii achii keessa jiraatu.
Muqaama– makaanu iqaamati- iddoo turtii, iddoo jireenyaa. Iddoo jireenya yeroo hundaaf turuun dirqamaa miti. Namni iddoo tokko yeroo gabaabaaf turee ergasii deemu danda’a. Akkuma biyya keenya keessaa baanee biyya biraa jiraachuuf deemnu iqaamaa fudhanne yeroo murtaa’af turra. Ergasii, gara biyyaatti deebina ykn mala biraa barbaadanna.

Garaagarummaan mustaqarr fi muqaama jidduu jiru, mustaqarr iddoo qubannaa yeroo hunda keessa turaniidha. Muqaama immoo iddoo turtii ykn iddoo jireenyaa yeroo hunda achi turun dirqama hin taanedha.

Ibsa kana booda, Jahannam keessatti “Mustaqarr” kaafirotaa fi munaafiqotaaf ta’a. Kaafironni fi munaafiqonni Jahannam keessa zalaalami waan jiraataniif, Jahannam isaaniif iddoo qubannaa yeroo hundaa keessa turan taati. Muqaama immoo warra amananii badii baay’ee hojjachuun nafsee ofii irratti daangaa darbaniif ta’a. Warroonni kunniin yeroo murtaa’ef Jahannam keessa erga turanii booda waan bahaniif, Jahannam iddoo turtii isaaniif taati. Akkuma beekkamu, warri amananii fi Rabbiin tokkichoomsanii garuu badiin isaanii baay’atee Jahannam yoo seenan, yeroo hunda achi keessa hin turan. Hanga badii isaanii Jahannam keessatti erga adabamanii booda, achi keessaa bahanii Jannata ni seenu.

Jahannam iddoo qubannaa yeroo hunda keessa turan ta’uun, ammas iddoo yeroo gabaabaf keessa turaniis ta’uun kan fokkateedha. Sababni isaas, adabbiin Jahannam cimaadha.

Amaloota gabroota Ar-Rahmaan keessaa, yeroo hundaa hanqinnii fi dogongorri isaanii isaanitti dhagahama. Kanaaf, Rabbiin rahmata Isaatiin isaaniif araaramu, isaaniif irra darbuu fi adabbii Jahannam isaan irraa akka deebisu ni kadhatu.

Jecha gabroota Ar-Rahmaan, sa’aat mustaqarran wa muqaama jedhu keessatti, iddoo sodaa isaanii agarsiisa. Gara fuunduraatti haalli isaanii jijjiramee shirkii fi wanta badaa sanii olii hojjachuun Jahannam isaaniif iddoo qubannaa ni taati sodaatu. Ammas, shirkii gaditti badii gurguddaa hojjachuun Jahannam iddoo yeroo gabaabaaf keessa turan ni taati sodaatu. Kanaafu, Gabroonni Ar-Rahmaan adabbii warra yeroo hundaa achi keessa turan ta’i, adabbii warra yeroo gabaabaf achi keessa turan ta’i, adabbii Jahannam gosa hundaayyu akka isaan irraa deebisuu fi garagalchuu Rabbii isaanii kadhatu.

Du’aayin armaan olii kuni addunyaa tana keessatti sababoota Jahannamitti isaan geessu akka Rabbiin isaan irraa deebisu of keessatti qabata. Kanneen akka kufrii, shirkii fi badii adda addaa isaan irraa akka deebisu kadhatu. Kunis kan ta’u, iimaana sirrii fi hojii gaggaariin isaan waffaquu (qunnamsiisudha). Jecha biraatin, iimaana sirrii akka qabaatanii fi hojii gaggaarii akka hojjatan isaan dandeesisuudha. Iimaana sirrii qabaachuun nafsee ofii kufrii irraa eegu. Kanaafu, Rabbiin Jahannam keessa yeroo hundaa turuu isaan irraa deebisa. Hojii gaggaariin immoo nafsee ofii badii fi cubbuu irraa eegu. Kanaafu, Rabbiin osoo yeroo gabaaballee ta’ee Jahannam keessa turuu isaan irraa deebisa.

Ammallee, du’aayin isaanii kuni tawbaaf, araarama kadhachuu fi gara Isaatti deebi’uuf akka isaan waffaqu Rabbiin kadhachuu of keessatti qabata. Akkuma ma’asiyaan isaan irraa mul’atuun, yookiin dogongorri isaan irratti argameen, hanga Rabbiin badii isaanii isaan irraa haaqee fi tola Isaatiin isaaniif irraa darbee ergasii Gooftaa isaanii galmee wanta ibidda Jahannam keessatti akka adabamaniif isaan taasisu keessa hin jirreen itti dhufanitti, tawbaa fi istighfaara akka isaan qunnamsiisu kadhatu.[3] Gabaabumatti, gabroonni Ar-Rahmaan, “sababoota adabbi Jahannamitti nama geessan irraa nu eegun, dogongoraa fi badii keenya nuuf araaramuun adabbii Jahannam nurraa deebisi” jechuun Rabbii isaanii kadhatu.[4]  

Mee du’aayi bareeddu armaan olii tana namni hunduu akka itti fayyadamuuf jecha jechaan haa ilaallu. Seensa irratti “Wallaziina yaquuluuna” jedhu, hiika “isaan kanneen jedhaniidha” jedhu waan qabuuf du’aayi keessa hin seenu. Du’aayin kana:

Rabbanasrif annaa azaaba jahannama inna azaabahaa kaana gharaamaa. Innahaa saa’at mustaqarran wamuqaamaa.

Hiika jechoota: Rabbanaa-Gooftaa keenya, isrif-deebisi, annaa-nurraa, azaaba-adabbii, jahannama-Jahannam, inna-dhugumatti,azaabahaa-adabbiin ishii, kaana-ta’eera, gharaamaa-namatti maxxanaa, innahaadhugumatti ishiin, saa’at-fokkatte, mustaqarran-iddoo qubannaa yeroo hundaa keessa turan, muqaamaa- iddoo turtii

Hiika himaa: “Gooftaa keenya! Adabbi Jahannam nurraa deebisi. Dhugumatti adabbiin ishii namatti maxxanaa ta’eera. Dhugumatti ishiin iddoo qubannaa fi iddoo turtii ta’uun fokkatte!”

Guduunfaa
¶Gabroonni Ar-Rahmaan osoo hanga fedhan hojii gaggaarii hojjataniyyuu, yeroo hundaa dogongorri fi hanqinni isaanii isaanitti dhagahama. Kanaafi, Rabbiin adabbii Jahannam isaan irraa akka deebisu halkanii guyyaa kadhatu. “Hojiin kiyya Jahannam jalaa na baasa” jechuun of hin jajan.
¶Adabbii Jahannam akka isaan irraa deebisu Mawlaa isaanii kadhachuun wantoota armaan gadii of keessatti qabata:
✒Guyyaa Qiyaamaa zalaalamiifis ta’ii yeroo gabaabaf Jahannam keessa akka hin turreef adabbii Jahannam akka isaan irraa deebisu kadhatu. Jecha biraatin, zalaalamiif ta’ii yeroo gabaabaaf Jahannam keessa akka isaan hin seensifne kadhatu.
 ✒Badii fi cubbuu Jahannamitti nama geessu irraa akka isaan eegu kadhatu. Kunis kan ta’u, iimaana sirrii akka qabaatanii fi hojii gaggaarii akka hojjatan isaan dandeesisuun. Iimaana sirrii qabaachun kufrii irraa of eegu, hojii gaggaarii hojjachuun badii fi cubbuu irraa of eegu.
✒Badii fi dongongora hojjataniif akka isaaniif araaramu kadhatu. Badii fi dogongora adabbii Jahannamitti nama geessu yoo isaaniif hin araaramin, Jahannamiin akka seenan ni beeku. Kanaafi, yeroo hundaa Rabbii olta’aa irraa araarama kadhachuu (istighfaara) baay’isu.


Kitaabban wabii
[1] Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi-jiildi 6, fuula 622
[2] Tafsiiru Qur’aanil Kariim, Suuratu Furqaan, fuula 276, Muhammad bin Saalih Useymiin
[3] Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi-jiildi 6, fuula-622-625
[4] Tafsiiru Sa’dii-fuula 686

Amaloota Gabroota Ar-Rahmaan-Kutaa 4
Amaloota Gabroota Ar-Rahmaan-Kutaa 2

Leave a Reply