Siiraa-Lakk.24.1
Bara Gaddaa fi Qormaata Xaa’if
1ffaa-Bara Gaddaa
Du’a Abu Xaalib
Duuti Abu Xaalib, Baniin Haashim bakka hawaasummaa fi diinagdeen itti uggurame (cufame) keessaa erga bahanii booda ture. Kunis Nabiyyiin (SAW) erga ergamani waggaa kurnaffaa irratti ture. Abu Xaalib Nabiyyi marsee eegaa fi isaaf jedhee dallanaa ture. Qureeshonni isa ni ulfeessu. Yommuu duuti isatti dhufte, warroonni shirkii leellisan isatti dhufuun akka amanti isaa irratti gadi dhaabbatu fi Islaama keessaa akka hin seenne isa jajjabeessan. Akkana jedhaniin, “Amanti Abdulmuxxalib ni dhiistaa?” Nabiyyinis (SAW) akkana jechuun Islaama isatti dhiyeesse: “Laa ilaah illallah jedhi, jecha tanaan Guyyaa Qiyaamaa siif ragaa bahaati.” Abu Xaalibis ni jedhe: Osoo Qureeshonni, “obsa dhabuutu jecha tana akka jedhu isa taasisee” jechuun na xiqqeessu baatanii, silaa jecha tana jechuun gammachuu ijaa siif kennaa ture. Ergasii, Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa aayah tana buuse:
“Dhugumatti, ati nama jaallatte hin qajeelchitu, garuu Rabbiin nama fedhe qajeelcha. Inni hunda caalaa warroota qajeelan beeka.” Suuratu Al-Qasas 28:56
Sammuu Abu Xaalib keessatti yaadonni jaahiliyya (wallaalummaa) hidda kan qabataniidha. Jijjiruu hin dandeenye. Inni jaarsa guddaa waan ta’eef yaada fi wanta abboota irraa dhaale jijjiruun garmalee itti ulfaata. Kanarratti dabalate, yommuu du’u hiriyoonni isaa mushrikoota ta’an achi turan. Oduun Islaamaa ni babal’ataa sodaachuun, isa irratti dhiibbaa godhan. (Haala kanaan, Abu Xaalib Laa ilaah illallah osoo hin jedhin shirkii irratti du’e.)
Du’a Khadiijah
Khadiijaan haati mu’mintoota Nabiyyiin (SAW) gara Madiinaatti godaanun (hijraan) dura baruma Abu Xaalib du’eetti duute. Nabiyyiin (SAW) namoota jaallatamoo fi isa deeggaran kanniin du’aan dhabuun gaddi fi yaaddon isa irratti dachaa ta’e. Abu Xaalib deeggaraa fi gargaaraa alaa Qureeshota Nabiyyii irraa dhoowwu yommuu ta’u, Khadiijan (radiyallahu anhaa) immoo gargaartu keessaa ulfaatinna isaaf laaffistuu, jajjabeessituu fi booharsituudha. Barri Abu Xaalib fi Khadijaan du’an, “Bara Gaddaa” jedhamuun beekkama. Sababni isaas, namoonni lama namoota hunda caalaa Nabiyyiif gargaartoota fi deeggartoota ta’an baruma tokko du’uun gaddi guddaan Nabiyyii (SAW) qunname.
Abu Xaalib du’uu waliin kuffaarri Qureeshaa duraan caalaa Nabiyyii rakkisuuf ni gootoman. Nabiyyiin (SAW) Rabbii olta’aa malee kan isa gargaaru hin hafne. Kana waliinu ergaa Gooftaa isaa namoota hundatti geessuuf itti fufe. Raakkolee fi qormaanni itti baay’atan. Yommuu haalli garmalee itti cimuu, Nabiyyiin (SAW) biyya keessatti guddatanii fi namu isaan beeku keessaa bahuun gara naannoo biraa deemun namoota gara Islaamatti waamuuf murteessan. Tarii namoonni kunniin Islaama fudhachuun deeggartootaa fi tumsitoota ta’u. Kanaafu, Nabiyyiin (SAW) magaala Makkaatti dhiyoo taate gara Xaa’if deeman.
2ffaa-Imala Rasuulaa (SAW) gara Xaa’if
Ji’a Shawwaal keessa namoota gara Islaamatti waamuf Nabiyyiin (SAW) Zaayd ibn Haaris waliin gara Xaa’if qajeelan. Xaa’if Makkaan irraa gara kilomeetira 60 fagaatti. Sanamni maqaan ishii Al-Laat jedhamtu Xaa’if keessatti dhaabbachuun namoonni gabbaraa fi hajji itti godhaa turan.
Akkuma Makkaan keessatti gosti ol’aantummaa guddaa qabdu Qureeshota taate, Xaa’if keessattis gosti ol’aantummaa guddaa qabdu Saqiif turte. Yommuu Nabiyyiin (SAW) Xaa’ifin gahu, gara namoota gurguddoo fi hoggantoota Saqiifitti qajeele. Isaan bira taa’un gara Islaamatti isaan waame. Garuu deebiin Nabiyyiif kennaan garmalee badaa ture. Isatti qoosan. Gowwootaa fi gabroota isaanii isatti duulchisan. Gowwoonni fi gabroonni kunniin Nabiyyii dukkana keessaa gara ifaatti isaan baasuuf dhufe, ni arrabsan, itti iyyan, dhagaa itti darban. Ergasii Nabiyyiin (SAW) garmalee kan gaddan ta’anii gaaddisa muka teemira jala taa’an. Wanti Xaa’if keessatti isa qunname wanta mushrikoota irraa Makkaan keessatti isa qunname caalaa cimaa ture. Warri Xaa’if karaa irratti hiriira galanii isa eegan. Dhagaan darbachuun luka Nabiyyii (SAW) ni dhiigsan.
Rahmataa fi Garaa Laafummaa Nabiyyii (SAW)
Nabiyyiin (SAW) warra Xaa’if irraa deebii badaa fi miidhaa haa argataniiyyuu malee, wanta gaarii isaaniif hawwe. Gaafa tokko Aa’ishaan (radiyallahu anhaa) Ergamaa Rabbii (SAW) akkana jechuun gaafatte:
Guyyaan guyyaa waraana Uhud caalaa sirratti cimaa ta’e sitti dhufee?”, Nabiyyinis (SAW) ni jedhan: Ummata kee irraa wanti na qunname qunname. Isaan irraa wanti garmalee cimaan ana qunname: guyyaa Aqabaa yommuu ani ibn Abd-Yaalayla ibn Abdul-kulaabif of dhiyeessee, wanta ani barbaade naaf deebisuu dideedha. [Yommuu wanta ani barbaade inni naaf deebisu didu], ani garmalee kan gaddu ta’ee deeme. Hanga Qarna As-Sa’aaliba gahuutti malee boqonnaa fudhachuu hin dandeenye. Yommuu bakka kana gahee mataa kiyya olkaasu duumessi na gaaddisissee jira. Yommuu ilaalu, Jibriil achi keessa jira. Innis na waamun akkana jedhe, “Dhugumatti Rabbiin, dubbii ummanni kee siin jedhanii fi wanta sitti deebisan dhagayee jira. Isaan ilaalchisee wanta feete akka ajajju Malaaykaa gaaraa sitti ergee jira.” Malaykaan gaaras na waame nagaha naan jedhe. Ergasii ni jedhe, “Yaa Muhammad! Wanta feete ajaji. Yoo feete gaarreen lamaan kana isaan irratti maxxansa.” Nabiyyinis (SAW) ni jedhan, “Lakki! Kana irra, Rabbiin nama osoo homaa Isatti hin qindeessin (hin shaarrakin) Isa qofa gabbaru akka dugda isaanii keessaa baasu kajeela.” (Kana jechuun ijoollee Rabbiin qofa gabbartu isaan keessaa akka baasu kajeela.) Sahiih Al-Bukhaari 3231
Barnoota Asirraa Baratamu:
✏Jaarsi yaada jijjirruu irratti ulfaatadha. Yaanni fi amantiin ijoollummaa irraa jalqabee hanga jaarsummaatti yoo nama waliin guddate, yeroo jaarsummaatti jijjiruun garmalee ulfaata. Kanaafi, yommuu Nabiyyiin (SAW) ummata isaanii gara Islaamaatti waamu, namoonni jalqabaa Nabiyyii (SAW) faallessan jaarsota turan. Kanaafu, namni yaanni fi amantin sobaa qalbii isaa keessatti hidda qabachuun dura dafee jijjiruuf tattaafachu qaba.
✏”Nan salphadha, namoonni maal nan jedhan!” jechuun haqa dhiisun of salphisuudha. Mee haala Abu Xaalib ilaali. Namoota sodaaf, jecha “Laa ilaah illallah (Rabbiin malee haqaan gabbaramaan hin jiru)” jettu jedhu dide. Jechi (kalimaan) tuni jecha namni ibiddaa fi salphinna irraa ittiin baraaramuudha.
✏Dhiibbaa hiriyyaan badaan namarratti qabu- Hiriyyonni Abu Xaalib isarratti dhiibbaa gochuun kufrii irratti akka du’u taasisan.
✏Qajeelchi harka Rabbii subhaanahu wa ta’aalaa jira- hanga fedhe nama jaallanne qajeelchuuf haa carraaqnu, yoo Rabbiin subhaanahu hin qajeelchin, nuti qajeelchu hin dandeenyu. Kanaafu, mataa keenyaafis ta’i namoota birootif qajeelcha yoo barbaanne, Rabbiin irraa qajeelcha kadhachuu qabna.
✏Namoonni jaallatanii fi deeggarsa namaaf taa’an du’aan dhabuun baay’ee nama dhukkubsa. Garuu, Rabbii olta’aa abdachuu fi irratti hirkachuun boohartii namaaf ta’a.
✏Wallaaltonni, gowwoonni fi of tuultonni nama alaabaa haqaa baadhate gara hundaan itti duulu irraa duubatti hin deebi’an. Namni kuni hanga fedhe faayda isaanitiif haa carraaqu, isaan kana hin argan. Kanaafu, namni ergaa Islaamaa baadhatu ykn Islaama yommuu hojii irra oolchu, wanta wallaaltonni, gowwoonni fi of tuultonni isaan jedhanii fi isarraan gahaniin abdii kutuu hin qabu. Mee ilaali, Nabiyyii (SAW) dubbii badaan ni arrabsan, dhagaa itti roobsan. Garuu obsuu fi Rabbiin irratti hirkachuun adeemsa ergaa Islaamaa ummatatti geessu itti fufan.
✏Namni yommuu wallaaltoota fi gowwoota irraa wanti badaan isa qunnamu, abaarsa fi isaan miidhutti fiigu hin qabu. Mee ilaali, amala Nabiyyii (SAW). Warra Xaa’if wanta badaa yommuu irra geessan hin abaarre. Yommuu Malaaykan gaaraas itti dhufe, “Yaa Muhammad! Wanta feete ajaji. Yoo feete gaarreen lamaan kana isaan irratti maxxansa.” jedhuun, waan gaarii hawwaniif. Sababni isaas, isaan wallaaltoota akka daa’imaati. Sahiih Al-Bukhaari (3477) fi Sahiih Muslim (1792) keessatti, Abdullah ibn Mas’uud akkana jedha:Yommuu Ergamaan Rabbii (SAW) Nabiyyoota darban keessaa waa’ee Nabiyyi tokkoo dubbatu gara isaa waan ilaalu natti fakkaataa. Nabiyyi kana ummanni isaa isa rukutanii fi dhiigsanii ergasii dhiiga fuula isaatirraa xuruuraa akkana jedhe, “Yaa Rabbii ummata kiyyaaf araarami. Dhugumatti,isaan hin beekan waan ta’eef.”
Nabiyyi kana ummanni isaa beekumsa osoo qabaatanii silaa isa hin miidhan. Nabiyyin kunis haala isaanii hubachuun isaaniif du’aayi godhe, gadoo hin kuufanne. Kuni amala namoota milkaa’aniiti. Yeroo baay’ee gadoo kuufachuun nama miidhaa malee hin fayyadu.
Kitaabban wabii:
Siiratu Nabawi– fuula 209-…, Abul Hasan Nadawi
As-Siiratu Nabawiyyati–fuula 209-…, Alii Muhammad Sallaabi [Arabic]
Noble Life of The Prophet [English]-fuula 518