Qiyaamaan Yoomi?
Gaafin guddaan namoonni Ergamtootaa gaafataa turan keessaa tokko, “Qiyaamaan yoomi? Qiyaamaan jettu kuni yoom dhuftii?” Gaafi akkanaatin of ko’oomsu fi deebii barbaaduf garmalee carraaqun ni barbaachisaa sila? Gaafi kanaaf deebii argachuun dhugummaa Qiyaamaa jijjiruu danda’aa? Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ogummaa fi rahmata Isaatiin Yeroo Qiyaamaan itti dhootu uumamtoota hundarraa dhokse.
Fooyya’insi uumamtootaa yeroon Qiyaamaa dhokachuu keessa jira– Yeroon Qiyaamaa namarraa dhokachuun ilma namaatif abdii akka qabaatanii fi jireenya isaanii akka fooyyessan taasisa. Osoo yeroon Qiyaamaa namotaaf beekkame, warroonni durii “Guyyaan Qiyaamaa fagoodha.” jechuun hojii gaarii hojjachuu irraa dadhaboo ta’uu, badii fi zulmii guddaatti taru. Ammas, warroonni Guyyaa Qiyaamatti dhiyaatan, “Qiyaaman guyyaa kanatti nutti buuti.” Jechuun jireenya addunyaa dagatu, abdiin itti dukkanaa’a. Haalli addunyaa ni jeeqama. Rabbiin rahmata fi Hikmaa Isaatin yeroo Qiyaamaa ni dhokse. Beekumsa Yeroo Qiyaamaan itti dhaabbattu garmalee akka dhokse mee aayah takkarraa ibsa waliin haa ilaallu…
“Waa’ee Qiyaamaa ilaalchisee “Geenyi (dhufaatin) ishii yoomi?” [jechuun] si gaafatu. Jedhi, “Beekumsi ishii Gooftaa kiyya bira qofa. Yeroo ishiitti ishii ifatti kan baasu Isa malee hin jiru. Samiiwwanii fi dachii keessatti ulfaatte. Tasa malee isinitti hin dhuftu.” Akka waan ati ishii sirritti beektuutti si gaafatu. Jedhi, “Beekumsi ishii Rabbiin qofa bira jira. Garuu irra hedduun namootaa hin beekan.” Suuratu Al-A’araaf 7:187
Jecha “mursaahaa” jettu suuratu An-Naazi’aat (79:42) jalatti in sha Allah ni ilaalla. Hiika ajaa’ibaa qabdii hordofuu hin dagatinaa. “Waa’ee Qiyaamaa ilaalchisee “Geenyi (dhufaatin) ishii yoomi?” [jechuun] si gaafatu.” Kana jechuun Qiyaamaan yoom dhaabbattii? jechuun si gaafatu. Ergasii akkana jedhee akka deebisuu ajaja: Jedhi“Beekumsi ishii Gooftaa kiyya bira qofa.” Kana jechuun Beekumsi Yeroo Qiyaamaan itti dhaabbatuu Gooftaa kiyya qofa bira jira. Isaan ala yeroo Qiyaamaan itti dhaabbatu kan beeku hin jiru. Kanaafu, Malaykaan dhiyoo ta’e, Nabiyyiin ergamee yeroo Qiyaamaan dhaabbattu hin beeku.
Asitti nafsee namoota gaafi kana gaafatan keessatti gaafin akkana jedhu ka’uu danda’a: “Yaa Muhammad! Akkuma atu jettu Ergamaa Rabbii taate osoo jirtuu yeroo Qiyaamaan itti dhaabbattu Gooftaa kee gaafatte fi itti warwaatte nutti hin himtuu?”
Deebiin kanaa hima itti aanu keessatti dhufe: “Yeroo ishiitti ishii ifatti kan baasu Isa malee hin jiru.” Kana jechuun beekumsa yeroo Qiyaamaan itti dhaabbattu Rabbii tokkicha malee ifa kan baasu hin jiru. Ifa baasun kunis hin ta’u, yeroo Qiyaamaan itti dhaabbattu keessatti yoo ta’e malee. (Beekumsi yeroon Qiyaamaan itti dhaabbattu ifa kan bahuu yommuu Qiyaamaan dhaabbattu qofa.)
Kuni kan agarsiisuu Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa yeroo Qiyaamaan dhaabbattu uumamtoota Isaa keessaa eenyullee akka hin beekne ykn Isa malee yeroo ishii beeksisu eenyullee akka hin dandeenye murteesse jira. Beekumsi kanaa yommuu Qiyaamaan dhaabbatu qofa beekkama. Kuni murtii jijjirraan keessa hin jirreedha.
Waa’ee yeroo Qiyaamaa ilaalchisee namoota gaafataniif Ergamaan Rabbii (SAW) dubbii armaan olii isaaniin jechuun hiika kana of keessaa qaba: Osoo gaafadhe fi itti warwaadhe, Gooftaan kiyya yeroo Qiyaamaan itti dhaabbattu natti hin beeksisu. Kanaafu, Yeroo Qiyaamaan itti dhaabbattu beekuuf karaan homaatu hin jiru. Gaafi kana dhiisaa.
Nafsee gaafattoota keessatti gaafin sadaffaan ka’uu danda’a: Rabbiin azza wa jalla beekumsa yeroo Qiyaamaan itti dhaabbattu warra dachii irraa erga dhoksee, samii keessatti Malaykoota Isatti dhiyoo ta’an irraallee ni dhoksee? Yookiin isaanitti beeksisee garuu akka eenyuttillee himan hin hayyamneefii?
Himni jalqabaa “Beekumsi ishii Gooftaa kiyya bira qofa” jedhu gaafi kana deebisuuf gahaadha. Deebii kana irratti dabaluun gaafi armaan oliitiif deebii quubsa haala kanaan kenna: “Samiiwwanii fi dachii keessatti ulfaatte.” Kana jechuun samiiwwanii fi dachii keessatti uumamni kamu Yeroo Qiyaamaa irraa haguuggi ulfaataa kaasuun yeroo dhokfamee fi eggame kana beeku hin danda’u. Jecha gabaaban, beekumsi Yeroo Qiyaamaan itti dhaabbattu warra samii fi dachii keessa jiran irratti ulfaate. Yeroo kana gonkumaa hin beekan.
Akkuma beekkamu jecha “ulfaataa” jedhu wanta baadhattaniif akkuma itti fayyadaman, dhimma namarraa dhokatee fi nama dhamaasu ibsuufis itti fayyadaman. Mana barnoota keessa yoo taane, “Kuni gaafi ulfaataa deebii isaa argachuun hin danda’amne” jenna. Dhimma hawaasummaa keessattis, “Kuni dhimma ulfaataa furmaata argachuun hin danda’amne.” Jenna. Kanaafu, Yeroon Qiyaamaan itti dhaabbattu beekun dhimma ulfaataa uumamtoonni beeku hin dandeenyedha. Hanga fedhan haa carraaqan yeroo kana beeku hin danda’an.
Waa’ee Yeroo Qiyaamaan itti dhaabbattu ilaalchisee gaafi gaafatamu danda’u hunda addaan kutuuf xumura aayah tana ni bareechise: “Tasa malee isinitti hin dhuftu.” Kana jechuun osoo yeroo ishii isin hin beekin Qiyaamaan tasa isinti dhufti.
“Akka waan ati ishii sirritti beektuutti si gaafatu.” Akka waan ati yeroo Qiyaamaan itti dhaabbutti beektu namoonni si gaafatu. Jedhi, “Beekumsi ishii Rabbiin qofa bira jira.”
Isaan ala yeroo Qiyaamaan itti dhaabbatu kan beeku hin jiru. Yeroo Qiyaamaan dhaabbatu gaafachuun dhimma Aakhiras ta’e dhimma addunyaa keessatti wanta faayda fidu waan hin taaneef gaafi qorraa fi gogaa ta’eedha. Garuu gaafi kana kan gaafataniif Guyyaa Qiyaamaa kijibsiisuu fi itti qoosufi. Kuni kan agarsiisuu wanta beekun barbaachisu irraa garagaluu, sammuun hir’uu ta’uu fi yaanni badaa ta’uudha. Kanaafi itti aanse ni jedha: “Garuu irra hedduun namootaa hin beekan.” Kana jechuun namoonni baay’een wanta isaan fayyaduu fi miidhuu hin beekan. Kanaafu, karaa qajeelaa irraa dabu, beekumsa irraa wanta isaan hin fayyanneen of ko’oomsu. Yeroo Qiyaamaan dhaabbattu isaanitti beeksisuu dhiisuu, Qiyaamaa kijibsiisuuf sababa godhatu. Yeroo kana beekun Qiyaamaa mirkaneessu keessatti yaada madaala kaasu homaatu hin dabalu. Sababni isaas, ragaaleen Qiyaamaa agarsiisan haqummaa (adlii) Rabbii fi odeefannoo amantii irratti kan hundaa’edha. Namni sammuu ofiitin yoo yaade, namoota badii gurguddaa hojjatanii fi osoo hin adabamin du’an Rabbiin akkanumatti akka hin dhiisne ni beeka. Ammas, odeefannoo Guyyaa Qiyaamaa Rabbiin azza wa jalla kitaaba buusun beeksisee jira.
Kanaafu, namni wanta beeku hin dandeenye waliin of ko’oomsu dhiisee wanta itti ajajamee hojjachuun Qiyaamaaf of qopheessuuf carraaqu qaba. Yeroon Qiyaamaan dhaabbattu namni kamiyyu hin beeku. Tasa dhooti. Wanta tasa dhufu immoo wanta of eeggachuu fi of qopheessu qabaniidha. Akkasi miti ree? Akkasumas, namni Yeroo Qiyaamaan itti dhaabbattu isatti waan hin beeksifamneef “Qiyaamaan hin jirtu” jechuun of gowwoomsu hin qabu. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa yeroo Qiyaamaa dhoksee jira. Garuu akka dhuftu waadaa galee fi wanta Guyyaa san adeemsifamu sirritti ibsee jira.
Wabii: Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi– 5/82-89, akkasumas, Tafsiir Ibn Kasiir 4/129
Pingback: Ibsa Suuratu An-Naazi'aat-Kutaa 3 - Ibsaa Jireenyaa