Ibsa Suuratu An-Naazi’aat-Kutaa 2
Suuratu An-Naazi’aat irraa kutaan kuni waa’ee Nabii Muusaa (aleyh salaam) fi hogganaa abbaa irree kan ta’e Fira’awnaa of keessatti qabata. Moottotaa fi namoota daangaa darban akkamitti itti dubbachuu akka qaban nama barsiisti. Itti aansitee, Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa waan hundaa irratti danda’aa ta’uu uumamtoota agarsiisan keessaa muraasa ni dubbatti. Kaayyoon kana keessa jiru, namni uumamtoota gurguddoo kanniinitti xinxallee du’aan booda kaafamuutti akka amanuufi. Du’aan booda kaafamutti yoo amane, milkaa’innaa fi gammachuu bitata. Yoo didee immoo kasaaraa guddaatu isa qunnama. Amma darsi keenya haa jalqabnu:
“(15)-Sila oduun Muusaa si gahee? (16)-Yommuu Gooftaan isaa sulula qulqulleefamaa “Xuwaa” keessatti isatti lallabee,(17)– Gara Fira’awnaa deemi, dhugumatti inni daangaa darbee jira. (18)-[Akkana] jedhiin,“Of qulqulleessuf fedhii qabdaa? (19)-Akka [Isa] sodaattuf gara Gooftaa keeti si haa qajeelchu.” (20)-Mallattoo guddoo isatti agarsiisee. (21)-Garuu inni kijibsiisee ni faallesse. (22)-Ergasii kan carraaqu ta’ee garagalee [deeme]. (23)-Walitti qabee ni lallabe. (24)-“Ani gooftaa keessan ol’aanadha” jedhe. (25)-Kanaafu, Rabbiin adabbii fakkeenyaa dhumaa fi jalqabaa isa qabe. (26)-Dhugumatti, kana keessa nama [Rabbiin] sodaatuuf barnootatu jira.” Suuratu An-Naazi’aat 79:15-26
“Sila oduun Muusaa si gahee?” Kuni gaafi nama wallaalaa barsiisuuf, nama beekaa yaadachisuuf barbaadameedha. Kana jechuun, oduu nabii Muusaan wal qabate kana hubannoon dhageefadhu. “Yommuu Gooftaan isaa sulula qulqulleefamaa, “Xuwaa” keessatti isatti lallabee,”
Sulula jechuun gaarreen jidduutti lafa gadi bu’aa ta’eedha. Sululli qulqulleefamaan Xuwaa jedhamu sulula gaara Xuur cinaatti argamuudha. Sulula kana keessatti Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa Muusaa ni dubbise, Ergamaa taasisee gara Fira’awnaa fi ummataa isaa erge. “Gara Fira’awnaa deemi, dhugumatti inni daangaa darbee jira.” kana jechuun cunqursaa, zulmii fi kufrii isaatiin, daangaa moottonni abbaa irree darban innis darbee jira. Fira’awni namoota cunqursuun, isaan miidhun, Gooftaa isaatti kafaruu fi garmalee of tuuluun daangaa darbee jira. Kanaafu, kanarraa isa deebisuuf gara isaa deemii jecha laafaan isa dubbisi.
“[Akkana] jedhiin, ‘Of qulqulleessuf fedhii qabdaa? Akka [Isa] sodaattuf gara Gooftaa keeti si haa qajeelchu.”
Rabbiin azza wa jalla Fira’awna gara diini Rabbii haqaatti dubbii laafaa fi kabaja qabuun akka waamuu fi dubbii yeroo isaa san keessatti moottota dubbisaniin akka dubbisuu Nabii Muusaa (aleyh salaam) barsiisa. Akkasumas, haala ajajaa fi dhoowwutin osoo hin ta’in haala gaafitiin gara amantiitti akka isa affeeru barsiisa. (Kana keessa namoota daaw’aa godhaniif barnoota guddaatu jira. Fira’wna garmalee daangaa darbeetti “dubbii laafaa dubbadhu” jechuun Rabbiin nabii Muusaa ajaja. Yommuu daaw’aa godhan (gara Islaamaa waaman) namoota hanga isaa daangaa hin darbin hoo dubbii akkami itti dubbachu barbaachisa? Arrabsuu moo dubbii jabaa laafinni keessa hin jirre itti dubbachu barbaachisaa? Kuni hundi hin ta’u. Dubbii laafaa arrabsoo fi jabeenyi keessa hin jirre isaanitti dubbachu barbaachisa. Mee ilaali, dubbii nabii Muusaan fir’awnatti akka dubbatu ajajame:)
“Of qulqulleessuf fedhii qabdaa?” kana jechuun xurii kufrii fi badii irraa of qulqulleessuu fi Gooftaa keetitti amanuu fi hojii gaggaarii hojjachuun nafsee tee faayuf fedhii qabdaa?[1]
Tazkiyah jechuun of qulqulleessuu fi dagaagsudha. Namni akkuma Rabbitti dhugaan amanuu fi hojii gaggaarii hojjatuun, xurii kufrii, shirkii fi badii gurguddaa irraa nafsee ofii qulqulleessa. Akkasumas, sadarkaa tokko irraa gara sadarka ol’aanutti darba. Yeroo dheeraaf badii hojjachuun sadarka gadi aanaa keessa ture. Garuu akkuma amanee hojii gaggaarii baay’ee hojjatuu fi badii irraa fagaatun sadarka ol’aanaa irra gahuun kabajamaa ta’a.
“Akka [Isa] sodaattuf gara Gooftaa keeti si haa qajeelchu.” kana jechuun sifaataa (amaloota) gugguutuu fi maqaalee gaggaarii Gooftaa keeti sitti beeksisa. Amaloota fi maqaalee Isaa keessaa Inni Khaaliqa (Uumaa) wantoota hundaati, ajaja, “Ta’i” jedhuun wanta fedhe hojjata. Ammas, Inni Jabaa, Danda’aa, Injifataa fi Ogeessa. Sammuu keetiin amaloota Isaa gurguddoo yoo beekte, adabbii Isaa ni sodaatta. Gooftaa shariika hin qabne ta’uu Isaattis ni amanta, Isaaf ni masakamta (ajajamta), osoo homaa Isatti hin qindeessin Isa qofa ni gabbarta. Ammas, Guyyaa Murtii mindaa guddaa fi bareedaa kajeelun wanta Inni itti si ajaju ni hojjatta, wanta Inni irraa si dhoowwus irraa ni fagaatta.[2]
“Mallattoo guddoo isatti agarsiisee.” Kana jechuun Nabii Muusaan gara Rabbiif harka kennuutti (Islaamatti) waamu waliin, mallattoo fi ragaa guddaa wanti inni Rabbiin irraa fide dhugaa ta’uu mirkaneessu Fira’awnatti agarsiise.[3] Fira’awni mallattoo Rabbiin ergamaa godhee isa erguu agarsiisu akka isatti mul’isuu Nabii Muusaa irraa barbaade. Nabii Muusaanis mallattoo guddoo itti agarsiise. Mallattoon guddoon tunis ulee Nabii Muusaan lafatti darbuun ergasii bofa guddaa fiigu fi nama sodaachisuu taatedha.[4]
“Garuu inni kijibsiisee ni faallesse.” Fira’awni mallattoon guddoon tuni Rabbiin irraa ragaa ta’uu ni kijibsiise. Kuni hojii sihrii (falfalaa)ti, warri Misri sihrii hojjatu fakkaatama kana hojjachuu ni danda’an jechuun ni odeesse. Ni faallesses-da’waa (waamicha) Muusaatiif deebii hin kennine, hin amanne, Rabbiif ajajamu ni dide.
“Ergasii kan carraaqu ta’ee garagalee [deeme].” Kana jechuun iimaana irraa garagalee haqa Muusaan (aleyh salaam) fide sobaan faallessuuf carraaqe. Sobni isaa kunis warra Misrii keessaa namoota sihrii (falfala) hojjatan walitti qabuun sihrii akka hojjatan taasisuudha.[5]
“Walitti qabee ni lallabe. “Ani gooftaa keessan ol’aanadha” jedhe.” Kana jechuun namoota bulchiinsa isaa jala jiran walitti qabuun, “Ani gooftaa keessan ol’aanaa ta’eedha. Naa ol gooftaan biraa hin jira.”[6]
“Kanaafu, Rabbiin adabbii fakkeenyaa dhumaa fi jalqabaa isa qabe.” Kana jechuun Rabbiin Fir’awnan addunyaa fi Aakhiratti adabbiin isa qabe. Adabbiin dhumaa azaaba Aakhiraati. Adabbiin jalqabaa immoo osoo addunyaa keessa jiru galaana keessatti akka liqimfamu isa taasise.[7]
“Dhugumatti, kana keessa nama [Rabbiin] sodaatuuf barnootatu jira.” kana jechuun sababa badii isaatiin adabbiin fira’awna irratti raawwatame, nama Rabbiin sodaatuuf barnootaa fi gorsa. Adabbii Fira’awna irra gahe yommuu arguu ykn dhagahu, nama of tuule, Mootii Ol’aanu faallessee fi ajaja Isaa dide hunda, addunyaa fi Aakhiratti adabbii cimaa akka isa adabu ni beeka.[8] Kanaafu, of tuulu fi ajaja Rabbii olta’aa diduu irraa of eega.
(27)–Sila isin uumuutu irra jabaata moo samiidhaa? Inni ishii ni ijaare. (28)-Ijaarsa ishii ol kaasee, ishii wal qixxeesse. (29)-Halkan ishii ni dukkaneesse, waaree ishiis ni baase. (30)-Dachiis sana booda ni diriirse. (31)-Ishii keessaa bishaan ishiitii fi wanta dheedamu ni baase. (32)-Gaarreenis sirritti gadi-dhaabe. (33)-Isinii fi beelladoota keessaniif itti fayyadama akka ta’uuf” Suuratu An-Nazi’aat 79:27-33
Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa keeyyattoota tannin keessatti namoota du’aan booda kaafamutti hin amanne dubbisa:
“Sila isin uumuutu irra jabaata moo samiidhaa?” Kana jechuun yaa namoota akka yaada keessanitti du’aan booda isin kaasutu irra jabaadha moo samii uumutu irra jabaadhaa?[9] Eeti, samii fi wantoota ishii keessa jiran uumuun nama uumuu caalaa jabaa fi guddaadha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:
“Dhugumatti, uumamni samiiwwanii fi dachii uumama namootaa caalaa guddaadha. Garuu irra hedduun namootaa hin beekan.” Suuratu Ghaafir 40:57
Samii fi dachii yommuu ilaalan garmalee gurguddoodha. Namoonni immoo isaan lamaaniin wal bira yommuu qabaman baay’ee xixxiqoodha. Samii fi dachii garmalee gurguddatanii fi bal’attan kanniin Kan uume, namoota erga du’anii booda isaan deebisuun ykn kaasun itti ulfaataa? Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:
“Sila samiiwwanii fi dachii Kan uume fakkaataa isaanii uumuu irratti danda’aa mitii? Eyyeen [ni danda’a]! Inni akkaan Uumaa, Beekaadha.” Suuratu Yaasin 36:81
Kana jechuun samiiwwanii fi dachii garmalee gurguddatanii fi bal’atan kanniin uumuu kan danda’e, du’aan booda akkuma duraan turanitti isaan deebisuu irratti danda’aa mitii? Eeyyen, erga du’anii qaamni isaanii biyyee fi lafee bututte ta’ee booda deebisuu irratti danda’aadha. Sababni isaas, Inni wantoota hundaa irratti danda’aa waan ta’eef wanti Isatti ulfaatu fi jabaatu tokkollee hin jiru. Kanaafi, itti aanse ni jedha, “Inni akkaan Uumaa, Beekaadha.” Al-Khallaaq jechuun wanta fedhe baay’innaan Kan uumu fi yeroo hundaa uumuun amala (sifata) Isaa kan ta’eedha. Yeroo hundaa wanta fedhe uuma. Yeroo hundaa wanta fedhe Kan uumuu erga ta’ee, du’aan booda namoota lamuu uumuun kaasuu ni danda’aa jechuudha. Itti aanse “Beekaadha” jechuun jabeesse. Lafeen namootaa dachii keessa eessa akka jirtu, lakkoofsi namoota du’anii fi gara fuunduraatti dhufanii hunda beeka. Samii fi dachii keessatti wanti Isarraa dhokatu tokkollee hin jiru. Kanaafu, bakkaa fi yeroo kamittu haa du’an, Guyyaa Qiyaamaa isaan kaasuun bakka tokkotti walitti isaan ni fida. Qur’aana keessatti:
“Eessallee yoo taatan Rabbiin [Guyyaa Qiyaamaa] hunda keessanuu ni fida. Dhugumatti, Rabbiin waan hundaa irratti Danda’aadha.” Suuratu al-Baqara 2:148
“Inni ishii ni ijaare. Ijaarsa ishii ol kaasee,” Kana jechuun samii ijaarsa guddaa fi sirraawaa hanqinni fi iddoon duwwaan keessa hin jirre ni ijaare. Dachiif akka xaaraa gochuun ijaarsa ishii ol kaasee garmalee ol fageesse. Hawaa bal’aa iddoo ishiif murtaa’e keessatti ni qabe. Guddinna ishii waliinu dachii irratti hin kuftu, bakka ishii irraayis hin sochootu. “ishii wal qixxeesse” kana jechuun dhoohinsaa fi wal darbuu tokko malee samii wal-qixxeesse guutuu ishii godhe.[10]
“Halkan ishii ni dukkaneesse,” Kana jechuun halkan samii dukkanaa’aa godhe. “Waaree (guyyaa) ishiis ni baase” kana jechuun waareen akka bahuuf aduu sababa taatu ni baase. “Waaree” jechuun addatti baafame dubbatame. Sababni isaas, waareen waqtii hundarra caalaa ifni fuula dachii irra diriiruudha.[11]
Sababni “halkan ishii (samii) dukkanneesse…” jedheef, aduun samii keessa waan naannoftuuf yommuu seentu dukkanni ni dhufa, yommuu baatu immoo waareen ykn guyyaan ni dhufa.[12]
“Dachiis sana booda ni diriirse.” Kana jechuun uumama samii booda dachii diriirsee faayda baay’ee keessa godhe. Faayda kanas itti aanse ni ibse:[13]
“Ishii keessaa bishaan ishiitii fi wanta dheedamu ni baase. Gaarreenis sirritti gadi-dhaabe.” Kana jechuun ogummaa fi guddinna dandeetti Isaatiin dachii keessaa bishaan ishii ni baase. Bishaan erga baasee booda wanta lubbu-qabeeyyin dheedan, kan akka margaa, uka’aa fi kanneen biroo ni baase. Wanta dheedamu erga baasee booda midhaan namoonni sooratanii fi firaafiree ni baase. Dachiin akka tasgabbooftuu fi hin sochooneef ishii keessatti gaarreen sirritti gadi dhaabun akka shikaalii taasise.
Wanta rahmata Isaa agarsiisan keessaa tokko wantoota dachii keessaa bahan irraa wanta nyaatamu namootaa fi beelladota isaaniitiif itti fayyadama godhe: “Isinii fi beelladoota keessaniif itti fayyadama akka ta’uuf” (Kana jechuun wantoota kanniin kan uumeef, dachii keessaa bishaan, wanta dheedamu fi biqiltoota biroo kan baasef isinii fi beelladonni keessan akka itti fayyadamtaniif. Kuni galata hin barbaachisu ree? Eeyyen galateefachu barbaachisa. Rabbii wantoota kanaan nama qananiise akkaatan itti galateefatan, “Isa qofa gabbaruudha.”)
Arabiffan “Mataa’a” jechuun wanta yeroo gabaabaaf itti fayyadamanii dhumti isaa baduu ta’eedha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa Kitaaba Isaa keessatti faayaa fi faayda addunyaatiif jecha, “Mataa’a” jedhu filate. Wanta Jannata keessatti namoota gammachiisu immoo jecha “na’iim” jedhu filate.[14] Itti fufa….
[1] Tafsiiru xabarii-24/80, tafsiiru muyassar-584[2] Ma’aariju tafakkuri-15/53-54[3] Tafsiiru ibn Kasiir-7/474[4] Ma’aariju tafakkuri-15/54[5] Tafsiiru ibn Kasiir-7/474, tafsiiru muyassar-584[6] Zaadul Masiir-1512[7] Maddoota olii [8] Zaadul Masiir-1512, Tafsiiru Sa’dii-1072[9] tafsiiru muyassar-584[10] Ma’aariju tafakkuri-15/56, Zaadul Masiir-1513[11] Ma’aariju tafakkuri-15/57[12] https://www.englishtafsir.com/Quran/79/index.html#sdfootnote15sym , Tafsiiru Qurxubi-22/58-59[13] Tafsiiru muyassar-584[14] Ma’aariju tafakkuri-15/58