Ibsa Suuratu Al-Qiyaamah-Kutaa Dhumaa

Kunoo suuratu Al-Qiyaamah osoo ilaallu dhuma irra geenye jirra. Kaayyoo websaayiti kanaa keessaa tokko, gaafi, “Du’aan booda gahuumsi namaa eessaa? Namni du’e achumaan ni hafaa?” jedhuuf deebii quubsaa deebisuudha. Dhugumatti, deebii quubsaa Qur’aana keessatti jechoota filatamoon irra deddebi’amuun ni arganna. Jechoota kanniin keessaa, “Al-Masiir (Gahuumsa), ar-Rujuu’u (Deebii)” kanneen jedhaniidha. Maarre, namni du’ee achumaan biyyee ta’ee ni hafaa ree? Kunoo dhumti Suuratu Al-Qiyaamah gaafi sammuu namaa keessa naanna’u haala bareedan kaasun deebii itti deebisti. “Yaa namana akkanumatti ni dhiifamtaa?”Dubbisa gaarii…

(36)-Sila namni akkanumatti dhiifamu yaadaa? (37)-Sila inni maniyyii dhangalaafamu irraa copha bishaan saalaa hin turree? (38)-Sana booda dhiiga ititaa ta’e, ergasii [Rabbiin nama godhee] isa uumee sirreesse. (39)-Isa irraa saala lama, dhiiraa fi dhalaa taasise. (40)-Sila [Rabbiin akkas godhe] sun du’aa jiraachisuu irratti danda’aa mitii?” Suuratu Al-Qiyaamaa 75:36-40

Keeyyattoonni kunniin keeyyattoota jalqaba suurah irratti dhufaniin kanneen wal qabatanii fi guutaniidha. Keeyyattoota jalqabaa keessatti nama, “Namni du’ee lafee bututtee erga ta’e, dandeettin Rabbii subhaanahu sadarkaa lafee bututte tana lamuu deebisu irra hin gahu” jedhee yaadu irratti deebii deebisa. Deebiin akkana jechuun dhufe: “Eeyyen [walitti ni qabna]. Nuti fiixee qubbiin isaatu [akka turanitti deebifnee] sirreessu irratti Danda’oodha.”

Keeyyattoota dhumaa kana keessatti immoo, nama du’aan booda kaafamutti hin amanne: “Gooftaan Khaaliqni karoora namoota uumuu fi too’atu keessatti hojii isaaniitiif hin qoratu. Beelladootaa fi bineensota biroo caalaa uumama addaa kan akka sammuu sirritti xinxallu namaaf kennee osoo isaan hin qorin, hin ajajin, hin dhoowwin akkanumatti dhiisa. Du’aan booda isaan kaasuun osoo isaan hin qoratin, murtii isaan irratti hin dabarsinii fi jazaa isaaniif hin kafalin akkuma du’anitti isaan dhiisa.” jedhee yaadu irratti deebii deebisa. Deebiin kanaa haala gaafitiin dhufee:

“Sila namni akkanumatti dhiifamu yaadaa?”
Aayah keessatti “sudaa” jechuun kan akkanumatti dhiifame (neglected). Akka horii gadi dhiifame akka fedhetti tiikse malee dheedu akkanumatti kan dhiifame. Akka lugaatti ni jedhama: “ibilu sudaa”- kana jechuun gaala akkanumatti tiikse malee dhiifamte. Qorannoo fi to’annnaa tokko malee wanta balleessitu ni balleessiti.

Haala kanaan gaafi erga dhiyeesse booda keeyyattoonni armaan olii kunniin sifaata (amaloota) Rabbii keessaa amaloota lama beeksisuu of keessaa qabu:
Amala 1ffaa: Ogummaa Rabbii azza wa jalla. Ogummaan Isaa uumamtoota uumuu keessatti ni mul’ata. Uumamtoonni mallattoolee gara ogummaa Rabbii akeekaniidha. Mallattolee kanniin keessaa nama copha bishaan saalaa ergasii dhiiga ititaa irraa uumudha. (Ogummaa (hikmaa) jechuun keessaa fi ala, jalqabaa fi xumura wantoota beekuu fi wanta hundaa bakka isaaf malu kaa’udha). Rabbiin subhaanahu Ogeessa jalqabaa fi xumura, keessaa fi ala wantoota hundaa beeku fi dogongora tokko malee wanta hundaa bakka isaaf malu kan kaa’udha. Inni Ogeessa waan ta’eef wanta taphaa hin hojjatu.

Amala 2ffaa-Dandeetti Isaa fiixee ol’aana irra gahe. Wanta tokko dhabama irraa uumuu fi wanta bade lamuu deebisee uumuu irratti Inni Danda’aadha. Amalli kuni hojii Rabbiin subhaanahu uumamtoota Isaa irratti hojjatu irraa ni hubatama.

Kana booda hiikni aayah, “Sila namni akkanumatti dhiifamu yaadaa?”: Sila Rabbiin Ogeessaa fi beekaa ta’e uumama fedhii fi filannoo qabu uumee osoo isa hin ajajinii fi hin dhoowwin ergasii isa kaasun osoo isa hin qoratinii fi hin mindeessin akkanumatti ni dhiisaa? Lakki! Namni addunyaa tana keessatti osoo hin ajajaminii fi hin dhoowwamin hin dhiifamu. Osoo hin kaafamin qabrii isaa keessattis akkanumatti hin dhiifamu. Kana irra, addunyaa tana keessatti wanta gaariitti ni ajajama, wanta badaa irraa ni dhoowwama. Ganda Aakhiraatti immoo gara Rabbii oofamuun ni qoratama. Wanti asitti barbaadame du’aan booda kaafamu mirkaneessuu fi namoota jallatan, wallaaltoota ta’anii fi of tuulun osoo beekanu warra haqa faalleessan irratti deebii deebisuufi.[1] 

Namoota dhaabbata bareedaa irratti Kan uumee, humna sammuu beelladoota fi bineensotaaf hin kennine Kan namaaf kenne, akkuma horii akkanumatti isaan dhiisuun namoota gaggaarii akka namoota badii hojjatanii gochuun ogummaa Isaatiif hin malu. Rabbiin Beekaa fi Danda’aa ogummaa Isaatiin gahuumsa dhumaa gara Isaa taasisu danda’uudha. Osoo akkanumatti namoota dhiisee, silaa namoonni balleessaa fi badii hojjatan addunyaa rakkattuu tana keessatti ni milkaa’u turan. Akkasumas, warroonni hojii gaggaarii hojjatan ifaaje malee homaa hin argatu turan. Sulula hunda keessa kan raata’an ta’anii namoota akkanumatti dhiisun ogummaa Ogeessaatiif hin malu.

Kanaafi, du’aan booda kaafamuu dhugaa akka ta’e ilaalchise yommuu ragaa dhiyeessu akkana jedhe: “Sila namni lafee isaa walitti hin qabnu yaadaa?” Kana jechuun uumama isaa kan hin deebisnee fi jazaaf isa hin kaasne isatti fakkaataa?

Gama ogummaa Isaatinis haala ibsa armaan olii fakkaatun akkana jedhe, “Sila namni akkanumatti dhiifamu yaadaa?” kana jechuun osoo hin ajajaminii fi hin dhoowwamin ergasii osoo kaafame hin qorataminii fi hin mindeefamin akkuma gaalli dhiifamtu namnis akkanumatti dhiifamaa? Osoo isa hin kaasin ni dhiisnaa, hojii isaa akkanumatti akka badu ni goonaa? [2]

Gaariis ta’ee badiin inni hojjate akkanumatti ni dhiifamaa? Zaalimni (Cunqursaan) namoota meeqa guyyaa guyyaan fixa! Garuu inni addunyaa tana keessatti osoo mana murtiitti hin dhiyaatinii fi hin adabamin du’a. Mee hidda onnee jalaa of haa gaafannu: “Hojiin badaan isaa kuni akkanumatti ni hafaa? Namni kuni hojii badaa isaa kanaaf osoo qoratamee hin adabamin akkanumatti biyyee ta’ee ni badaa?”

Rabbiin azza wa jalla Dandeetti guutuu qabu, dandeettin Isaa uumama jalqabaa keessatti namootaaf ifa ta’ee jira. Nama erga ajjeese fi qaamni isaa badee booda lamuu deebisuun Isatti hin ulfaatu. Inni Olta’e, aangoon Isaa guddate namoota du’an kaasuu irratti danda’aadha.

Inni azza wa jalla qorachuuf, murtii irratti dabarsuu fi jazaa isaaniif kafaluuf namoota du’an ni kaasa. Nama badii hojjate haqummaadhaan ni adaba. Tarii yoo kufrii hin hojjatin araarama Isaatiin isa haguugu danda’a. Namoota amananii fi hojii gaarii hojjatan immoo tola Isaatiin mindaa guddaa isaaniif kenna.

Ragaan amaloota Isaa lamaan kanniin-Ogummaa fi Dandeetti- agarsiisan keessaa nama biyyee irraa ergasii copha bishaan saalaa irraa uumudha. Namni du’aan booda kaafamu yoo shakke uumama jalqabaa isaa ilaalun gahaadha. Kanaafi ni jedha: “Sila inni maniyyii dhangalaafamu irraa copha bishaan saalaa hin turree?”

Maniyyi jechuun dhangala’aa saalaa dhiirati. Cophni bishaan saalaa (nuxfaan) copha xiqqaa gadaamessa haadhaa keessatti dhangalaafamuudha. Sila namni lafee isaa walitti hin qabnu yaadaa? Sila uumama isaa copha bishaan saalaa irraa hin jalqabnee? Kanaafu, akkuma duraatti lamu isa deebisuu maaltu Nu dadhabsiisa ree?[3]    

Sila inni maniyyii dhangalaafamu irraa copha bishaan saalaa hin turree?” Sila namni dhangala’aa saalaa gadaamessa haadhaa keessatti dhangalaafamu irraa nuxfaa (copha) hin turree? “Sana booda dhiiga ititaa ta’e, ergasii [Rabbiin nama godhee] isa uumee sirreesse.” Kana jechuun Rabbiin subhaanahu copha bishaan saalaa (nuxfaa) kana dhiiga ititaa, ergasii muraa fooni taasise. San booda boca namaa qabsiisuun ruuhi itti afuufee uumama isaa sirreesse. Kutaalee qaamaa isaaf guutee murtii fi fedhii Isaatiin dubartii ykn dhiira taasise.

“Isa irraa saala lama, dhiiraa fi dhalaa taasise.” Kana jechuun bishaan saalaa isaa (namaa) irraa ijoollee dhiiraa fi dhalaa ta’an ni uume.[4]  

 “Sila [Rabbiin akkas godhe] sun du’aa jiraachisuu irratti danda’aa mitii?
Dhugumatti, Rabbiin Guddaan Olta’ee uumama namaa sirreessee fi dhaabbata bareeda isaaf godhe Suni isaan qorachuuf, haqaan isaan jidduutti murteessu fi wanta hojjataa turaniif jazaa isaaniif kafaluuf namoota du’an kaasu irratti danda’aa mitii? Gaafi kanaaf deebiin beekumsa irratti hundaa’e kana fakkaata:

Eeyyeen! Dhugumatti Inni du’aa jiraachisuu irratti danda’aadha. Wanta fedhe uumuu irratti, wanta hundaa irratti Danda’aadha. Wanta namoonni du’aan booda kaafamutti hin amanne jedhan irraa Rabbiin qulqullaa’e olta’e.[5]

Qabxiilee ijoo keeyyattoota armaan olii irraa barannu:
1-Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ogeessa waan ta’eef namoota erga uumee akkanumatti hin dhiisu. Akkanumatti isaan dhiisun ogummaa Isaatiin kan wal faallessuudha. Kanaafi ni jedha: “Sila namni akkanumatti dhiifamu yaadaa?”

Ogeessi wanta hundaa kan beeku, wanta hojjatu hunda kaayyoof kan hojjatuudha. Taphaaf wanta tokko hin hojjatu. Namni erga du’ee booda qorannoo fi jazaaf osoo hin kaafamin akkanumatti yoo hafe, isa uumuun tapha ta’aa jechuudha.Kuni immoo Ogummaa Rabbii waan faallesuuf namni akkanumatti du’ee hin dhiifamu. Du’aan booda kaafamuun wanta hojjataa tureef qoratamuu fi jazaa argachuun dirqama.

2-Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa namoota du’an kaasu irratti danda’aa akka ta’e ragaa agarsiisu namni hunduu guyyaa guyyaan ni arga. Ragaan kunis ilma namaa copha bishaan saalaa irraa uumuudha. Kanaafi ni jedha: Sila inni maniyyii dhangalaafamu irraa copha bishaan saalaa hin turree?”

Copha bishaan saalaa kana irraa harkaa luka, afaani funyaan, kutaalee qaamaa biroo uumuun nama guutee dhaabbata isaa Kan sirreesse, lamuu deebisuun Isatti hin ulfaatu. Cophni bishaan saalaa copha homaa hojjachuu hin dandeenyedha. Mataa ofiitin of uumuun harkaa luka, afaanii funyaan, kutaalee qaamaa biroo baafachuu danda’aa? Gonkumaa hin danda’u. Sababni isaas, cophni kuni beekumsa, dandeetti fi fedhii hin qabu. Osoo beekumsa, dandeetti fi fedhii qabaate silaa namoota biroo irraa adda ta’uuf harka sadii ykn kutaa qaama biroo dabalata. Namni hundu harka lama, luka lama qaba. Kanaafu, kana hunda tartiiba Kan qabsiisu Khaaliqa tokkicha wanta hundaa irratti Danda’aa ta’eedha. Kanaafu, namoota jalqaba irratti copha irraa Kan uume erga du’anii biyyee ta’anii booda lamuu deebisun homaa Isarratti hin ulfaatu. Ni jedha:

30:11

Rabbiin uuminsa ni jalqaba, san boodas isa ni deebisa. Sana booda garuma Isaa deebifamtu.” Suuratu Ar-Ruum 30:11

Rabiin subhaanahu wa ta’aalaa wanta uumuu fedhe fi murteesse uumuu ni jalqaba. Ergasii wanta uumee san ni ajjeesa. San booda wanta ajjeese san dandeetti Isaa guutuu ta’een ni deebisa. “Sana booda garuma Isaa deebifamtu.” Kana jechuun ergasi isin jireenya lammataatiif ni kaafamtu, gara qorannoo Rabbii, murtii Isaatii fi jazaa Isaa hojii irra oolchuutti dirqamaan ni deebifamtu.[6] Namni amanee fi waan gaarii hojjate mindaa gaariin mindeefama. Namni badii hojjate immoo badii isaatiin ni adabama.

Alhamdulillah Rabbil aalamiin. Gargaarsa Rabbiitiin tafsiirri suuratu Al-Qiyaamah asirratti xumurame.


[1] Tafsiiru Ibn Kasiir-7/441[2] Tafsiiru tahriir wa tanwiir-29/365-366[3] Madda olii[4] Zaadul masiir-1495[5] Ma’aariju tafakkur-2/516-521[6] Ma’aariju tafakkuri-15/136

Print Friendly, PDF & Email
Tafsiira Suuratu Al-Hadiid-Kutaa 1
Ibsa Suuratu Al-Qiyaamah-Kutaa 6

Leave a Reply