Islaamni Jireenya Guutuun Wal-qabata-Kutaa-3

Kutaa darbe keessatti hariiroo Islaamaa fi siyaasa, Islaamaa fi diinagdee jidduu jiruu fakkeenya muraasa kaasun ilaalle jirra. Har’as itti fufun Islaamaa fi hawaasummaa jidduu hariiroo jiru ni laalla. Kuni hubannoo nuti Islaamaaf qabnu akka bal’isu taasisa.

Islaamaa fi Hawaasa

Islaamni nageenyaa fi tokkummaa hawaasummaatiif xiyyeefanno guddaa kenna. Wanta hawaasa jeequu fi miidhu karaa adda addaatin ittisuuf yaala. Karaalee kanniin keessaa, waan gaariitti ajajuu fi waan badaa irraa dhoowwu, gara tokkummaatti namoota waamu, daangaa darbitoota irratti tarkaanfi barbaachisuu fudhachuu fi kkf dha. Kanaafi, Qur’aana keessatti ni jedha:

Haada Rabbii hunda ta’aa qabadhaa, adda addas hin bahinaa (hin faca’inaa). Yommuu isin diinota walii turtanii qalbii keessan wal simsiisuun qananii Isaatiin obboleeyyan taatan; qarqara boolloo ibiddaa irra turtanii ishii irraa isin baraare, qananii Rabbii isin irra jiru yaadadhaa. Akka qajeeltaniif Rabbiin akka kanatti keeyyattoota Isaa isiniif addeessa.” Suuratu Aali-Imraan 3:103

Hundi keessanu Kitaaba Gooftaa keessanii fi qajeelcha Nabiyyi keessanii sirritti qabadhaa. Addaan faffaca’utti wanta isin geessu hin hojjatinaa. Qananii guddaa Rabbiin isin qananiise yaadadhaa: Yaa mu’mintoota yommuu isin Islaama dura diinota walii turtan, Rabbiin Isa jaallachuu fi Ergamaa Isaa jaallachuu irratti qalbii teessan walitti qabe. Wal-jaallachuu qalbii teessan keessatti darbe. Kanaafu, tola Isaatin obboleeyyan wal jaallattan taatan. Qarqara ibidda jahannam irra turtan. Islaamaan isin qajeelchee ibidda irraa isin baraare. Akkuma mallattoolee iimaanaa sirrii isiniif ibse, akka karaa qajeelaatti qajeeltaniif, hordoftanii fi irraa hin jallanneef wanta fooyya’iinsi keessan keessa jiru hundas isiniif ifa godha.[1]

“Isin keessaa gareen namootaa gara wanta gaarii ta’e hundatti waaman, wanta sirrii ta’etti ajajanii fi wanta badaa irraa dhoorgan haa jiraatan. Warri sun isaanumatu milkaa’odha. Akka warra ragaaleen ifaa erga isaaniif dhufanii booda addaan faca’anii fi wal dhabanii hin ta’inaa. Warra san adabbii guddaatu isaaniif jira.” Suuratu Aali-Imraan 3:104-105   

Yaa warra amantan! Isin keessaa gareen namootaa (jama’aan) gara khayrii waaman, ma’aruufatti ajajani fi munkara irraa dhoowwan haa jiraatan. Asitti khayrin (wanti gaariin) wanta gara Rabbii olta’aa nama dhiyeessu fi dallansuu Isaa irraa nama fageessu hundadha. Ma’aruuf jechuun bareedaa fi sirrii ta’uun isaa sammuu fi shari’aan kan beekkameedha. Kan akka namootaaf tola oolu, haqummaan hojjachuu fi kkf. Munkar jechuun immoo fokkuu ta’uun isaa shari’aa fi sammuun kan beekkamedha. Kan akka shirkii, zinaa, hanna, zulmii (cunqursaa fi miidhaa) fi kkf.

Aayah tana keessatti Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa Muslimoota keessaa gareen gara karaa Isaatti waamanii fi namoota gara Islaamatti qajeelchan akka jiraatan ajaja. Garee kana keessa, beektonni amanti Islaamaa namoota barsiisan, daa’iwan namoota Islaaman ala jiran gara Islaamaa seenutti waaman, namoota jallatan akka qajeelan waaman, namoonni karaa Rabbii keessatti qabsaa’anii fi kanneen biroo ni seenu.[2]

Itti aanse addaan bittinnaa’u fi gargar ta’uu irraa ni dhoowwa. Yaa warra amantan! Akka abbooti kitaabaa (yahuudotaa fi kiristaanotaa) diinummaa fi jibbummaan isaan jidduutti uumamuun garee gareen addaan faca’anii fi erga haqni ifa isaaniif ta’ee booda hundee amanti isaanii keessatti gargar ta’anii hin ta’inaa. Warri kuni adabbii guddaatu isaaniif jira.[3]  

Addaan bittinnaa’un, garagar ta’uu fi wal dhabuun tokkummaa fi jabeenyaa hawaasaa dadhabsiisa. Diinotaf karaa bana. Badii fi jeequmsi akka baay’atuu fi gaarummaan akka xiqqaatu taasisa. Islaamni kana hanbisuuf gara tokkummaatti waama. Garuu, “Tokkummaa hawaasaa” yommuu jedhamu, “namoota amanti biroo hordofan waliin tokkoomu qabna” jechuudhaa? Kuni tuqaa baay’ee barbaachisaa qorannoo fi ibsa bal’aa barbaadudha. Ammaf mata-dureen kuni bal’aa waan ta’eef itti hin seennu. In sha Allaah yoo ajalli hin dhufin, mata duree al-walaa’u walbaraa’u jedhamu jalatti ilaalun keenya hin oolu.

Ammas, Islaamni nageenya hawaasatiif xiyyeefannoo kenna. Wantoota nageenya hawaasaa booressan keessaa tokko oduu sobaa ykn oduu dhokfamu qabuu ummata keessa facaasudha. Qur’aana keessatti warra oduu nageenya hawaasaatiin wal qabatu facaasan ilaalchise akkana jedha:

Yeroo tasgabbii yookiin sodaa irraa dhimmi wayii isaanitti dhufe, [namoota keessa] tamsaasu. Osoo gara Ergamaa yookiin isaan keessaa abbooti dhimmaa (taaytaatti) deebisanii, silaa kanneen isa irraa xumura sirrii baasan ni beeku turan. Osoo tolti Rabbii fi rahmanni Isaa isin irra jiraachu baate, muraasa malee sila sheyxaana hordoftanii turtan.” Suuratu An-Nisaa 4:83

Yeroo oduun tasgabbii yookiin sodaan wal-qabatu namoota iimaanni qalbii isaanii keessatti hidda hin qabannetti dhufe, oduu kana namoota keessa ni raabsu. Fakkeenyaaf, yeroo lolaa Muslimoonni yoo moo’ataman ykn miidhaman, namoonni iimaanni isaanii dadhabaa ta’ee fi jarjaran, oduu kana ni tamsaasu. Ergasii hawaasa keessatti sodaa fi jeequmsi ni uumama.

Osoo namoonni jarjaran kunniin tamsaasun dura oduu dhagayan gara Ergamaa Rabbiitti (SAW) yookiin gara beektotaa fi abboota taaytaatti deebisanii, silaa warroonni xinxallanii fi qoratan, dhugaa oduu sanii ni beeku turan. Erga beekanii booda xumura oduu kanaa ilaalanii fooyya’iinsi keessa yoo jiraate ni labsu. Ta’uu baannan ni dhoksu. Osoo Rabbiin tola isin irratti ooluu fi rahmata isiniif gochuu baate, isin keessaa namoota muraasa malee sheyxaana hordoftanii turtan.

Kana keessa qajeelfama bu’uura naamusaatu jira. Innis, dhimmoota keessaa dhimma tokko qorachuun barbaachisaa yoo ta’e, namni kanaaf malu akka hojjatuu gochuudha. Namoonni dandeetti qaban ni hojjatu, isaan dursuun hin barbaachisu. Sababni isaas, namoonni dandeetti qaban dhimma san yoo qoratanii fi hojjatan, xumurri isaa gara sirriitti dhiyoo ta’a, dogongora irraa ni fagaata.

Ammas kana keessa, dhimma ykn oduu tokko akkuma dhagayaniin tamsaasu irraa dhoowwutu jira.[4] Namni oduu tokko yommuu dhagahu raabsun dura, oduu kana keessa fooyya’insi ni jiraa? Miidhaan oduu kana raabsun dhufu maalidha? Jedhee itti yaadu fi xinxalluu qaba. Keessumayyuu, oduu maatii fi hawaasan wal qabate akkuma argan tamsaasun balaa guddaa fida. Osoo namoonni soshaal midiyaa fi karaalee biroo fayyadamuun oduu akkuma argan hafarsanii namoota irratti miidha fidan, aayah tana beekanii hojii irra oolchanii maal qabaa!


Kitaabban wabii:
[1] Tafsiiru Muyassar-63
[2] Tafsiiru Sa’dii-149
[3] Tafsiiru Muyassar-63
[4] Tafsiiru Muyassar-fuula 91, Tafsiiru Sa’dii-205

Islaamni Jireenya Guutuun Wal-Qabata-Kutaa-4
Islaamni Jireenya Guutuun Wal-Qabata-Kutaa-2

Leave a Reply