Shirkiin Rabbiin waliin gabbaramaa godhachuudha

Akkuma kutaa darbe keessatti jenne ibaadaan gosa kamiyyuu Rabbii olta’aa Khaaliqa samii fi dachii ta’eef malee homaafiyyuu hin malu. Tawhiinni ibaadaa gosa hundaan Rabbii olta’aa tokkichoomsudha. Namni ibaadaa irraa hojii tokko Rabbiin ala wanta biraatiif godhe, shirkii hojjate jira. Shirkiin hiika bal’aa qaba. Ammaaf haala salphaan asi gaditti haa ilaallu.

Shirkii jechuun ibaadaa irraa hojii tokko Rabbiin ala wanta biraatiif gochuudha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

39:64

Jedhi, “Yaa wallaaltoota! Sila Rabbiin ala wanta biraa akka gabbaru na ajajju?” Suuratu Az-Zumar 39:64

16:52

Wantoonni samiiwwanii fi dachii keessa jiran kan Isaati. Haala itti fufaa ta’een amantiin Isa qofaafi. Sila Rabbiin ala kan biraa sodaattu?” Suuratu An-Nahl 16:52

Wantoonni samii torbanii fi dachii keessa jiran hundi kan Rabbiiti. Haala itti fufaa ta’een ibaadan, ajajamuu fi hojii qulqulleessuun (ikhlaasni) Isa qofaaf ta’a. Kanaafu, Rabbiin ala wanta biraa sodaachuu fi gabbaruun isin irraa ni bareedaa?[1]

“Kitaaba addeefame (ibsame) gara keessanitti Kan buuse Isa ta’ee osoo jiruu sila Rabbiin alatti murteessaa (abbaa murtii) nan barbaadadhaa?” Suuratu Al-An’aam 6:114

Jedhi“Inni Gooftaa wanta hundaa ta’ee osoo jiruu ani Rabbiin ala gooftaa biraa nan barbaadaa?” Suuratu Al-An’aam 6:164

72:20

Jedhi, “Ani Gooftaa kiyya qofa kadha, waan tokkollee Isatti hin qindeessu.” Suuratu Al-Jinn 72:20

Asitti namni dhugaa shirkii beekuuf dhimmoota lamatti xiyyeefannoo itti kennuu barbaachisa:
Dhimma 1ffaa- Shirkiin gosoota ibaadaa keessaa wanta tokko Rabbiin ala kan biraatiif gochuun uumama. Fakkeenyaaf kan akka du’aayi. Shirkii ta’uuf ibaadaa guutuu wanta biraatiif gochuun akka sharxiitti (ulaagaatti) hin kaa’amu. Gosoota ibaadaa keessaa tokkichayyuu yoo wanta biraatiif godhan shirkii ta’a.

Dhimma 2ffaa-Rabbiin ala wantoonni jiran hundi ibaadaa irraa homtu isaaniif hin malu. Malaykaa, nabiyyoota, saalihoota fi isaaniin ala uumamtoonni biroo kana keessatti wal qixa. Shirkii ta’uuf wanti gabbaramuu sanama (siidaa) ta’uun sharxii miti. Kana irra, Rabbiin alatti sanamaf ta’i, jinnif ta’i, malaykaf ta’i, nabiyyotaf, awliyaa’otaf ta’i ibaadaan godhamu shirkiidha. Mee aayah tanatti xinxalli:

“Rabbiin gabbaraa, homaa Isatti hin qindeessinaa.” Suuratu An-Nisaa 4:36
Homaa” yommuu jedhu uumamtoota hunda of keessatti hammata.

 Ibaadaa irraa hojiin kamiyyuu Rabbiin ala wanta biraatiif godhame, Rabbii Tokkichatti waa qindeessudha. Osoo namoonni kana hojjatan shirkii jechuu baataniyyuu ibaadan isaan Rabbiin ala wanta biraatiif godhan shirkiidha.

Rabbiin ala wanti kamiyyuu ibaadaan isaaf godhamee gabbaramaa sobaati.

Wanta Rabbii olta’aa malee eenyullee dandeetti irratti hin qabne argachuuf namni Nabiyyii ykn waliyyii, ykn saaliha (nama gaarii) kadhate ykn qalma qaleef ykn sujuudeef akka nama sanama kadhate, qalma qaleef ykn sujuudef. Isaan lamaanu wali qixa. Sababni isaas, Rabbiin ala wanta biraatiif ibaadaa gochuun shirkii fi kufriidha.


Kitaabban wabii:
[1] Tafsiiru Muyassar-272
al-Jaami’ul Mufiid liduruusi ta’allumi tawhiidi-fuula 139-…

Akkaataa Laa İlaah İllallah Hojii irra oolchan-4
Akkaataa Laa İlaah İllallah Hojii irra oolchan-3

One comment

Leave a Reply