Akkaata Laa İlaah İllallah hojii irra olchan-kutaa xumuraa

Akkamitti wantoota Rabbii gaditti gabbaramanitti kafartaa?
Kutaa darbe irraa itti fufuun kutaa xumuraa har’a ni ilaalla.

Namni Rabbiin ala wanta biraa gabbaruun jallinnaa fi shirkiidha, Rabbiin ala wantoonnii gabbaraman hundi baaxila (soba) jedhee amanuun qofti gahaa miti. Kana irra, gabbaramtoota kanniin irraa fagaachuu fi isaan gabbaruu dhiisun isarra jira. Rabbiin waliin isaan hin kadhatin, isaan irraa birmanna hin barbaadin, isaan hin jaallatin, hin sodaatin. Wareegaan, silatii fi ibaadaa birootiin isaanitti dhiyaachu hin qabu. Shari’aa Rabbiitiin ala seeraa fi murtiwwaan xaaghuutaa hin hordofin. Seeraa fi murtii xaaghuuta kana gargaaru fi eeguu hin qabu, ittiin murteessu fi murtii irraa barbaadachu hin qabu.

Namni wantoonni Rabbii olta’aan alatti gabbaraman soba ta’uu erga amanee fi irraa fagaatee booda dhimmi sadaffaan isa hafa:

3ffaa-namoota Rabbii Tokkichaan ala wanta biraa gabbaran irraa qulqullaa’u fi bilisoomudha. Isaan irraa qulqullaa’un isaanitti diina ta’uu fi jibbuudha. Kana ilaalchisee Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

“Dhugumatti, Ibraahimii fi warra isa waliin turan keessa itti hidhannaa gaariin isiniif ta’eera. Yeroo isaan ummata isaaniitiin, “Dhugumatti, nuti isinii fi wanta isin Rabbiin alatti gabbartan irraa qulqullu’uudha, isin morminee jirra. Hanga Rabbii Tokkichatti amantanitti nuu fi isin jidduutti diinummaa fi jibbummaan abadii ifa bahee jira.” jedhan, [itti hidhannaa gaariitu isiniif jira.]” Suuratu Al-Mumtahinah 60:4

Yaa warra amantan! Yommuu Ibraahimii fi namoonni amanan isa waliin jiran ummataa kaafiraatiin akkana jedhan fakkeenya gaarii isiniif ta’u: Dhugumatti nuti isinii fi wanta Rabbii gaditti gabbartan irraa qulqulluudha. Isin dinnee fi amanti keessan morminee jirra. Hanga Rabbii Tokkichatti amantanii fi Isa qofa gabbartanitti nuu fi isin jidduutti diinummaa fi jibbummaan abadii ifa bahee jira.[1]

Ammas Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa kaafirotaan akkana akka jedhan Nabiyyii fi hordoftoota isaa ajaja:

109:6

Isiniif amantiin keessantu jira, anaafis amanti kiyya jira.” Suuratu Al-Kaafiruun 109:6

Kuni akkuma Rabbiin jedhe: “Yoo si kijibsiisan, “Anaaf dalagaa kiyyatu jira, isiniifis dalagaa keessantu jira. Isin waan ani dalagu irraa qulqulluudha, anis waan isin dalagdan irraa qulqulluudha.” Jedhi. (Suuratu Yuunus 10:41)

Namoonni gariin afaaniin Laa ilaah illallah jedhanii hiika jecha tanaa hin beekne, kaafiroota waliin hojii kufrii fi shirkii isaan hojjatan waliin hojjatu. Namoota akkanaa keessaa nama akkana jedhutu jira, “Taabota galchine dhufne.” A’uuzubillahi! Mee kana maal jettuun? Kuni hundi hiika laa ilaah illallah wallaalu irraa kan ka’e mitii?

Namoota Rabbin ala wanta biraa gabbaran (waaqefatan) ni jibbina, hin jaallannu. Garuu kana yommuu jennu, haqummaa isaanitti hin hojjannu jechuu miti. Wanti barbaadame qalbiidhaan isaan jibbudha malee haqa malee isaan miidhu miti. Islaamni haqummaan akka isaan waliin dalagdu fi jiraannu nu ajaja: “Yaa warra amantan! Rabbiif kan gadi dhaabbatu ta’aa, haqaan ragaa bahaa. Jibbi namootaa haqummaan dalaguu irraa isin hin dhoowwin. Haqa hojjadhaa, isatu sodaa Rabbiitti irra dhiyoodha. Rabbiinis sodaadhaa. Dhugumatti, Rabbiin waan isin hojjattan hunda beekaadha.” Suuratu Al-Maa’ida 5:8

Ammas haaqummaan yommuu isaan waliin jiraannu, hojii shirkii fi kufrii isaan hojjatan isaan waliin hojjachu hin qabnu. Yeroo kanatti wanti yaadachu qabnu:

109:6

Isiniif amantiin keessantu jira, anaafis amanti kiyya jira.” Suuratu Al-Kaafiruun 109:6

Guduunfaa
Laa ilaah illallah hojii irra oolchuun wantoota sadiin guuttama:
1-Rabbii Tokkicha qofa gabbaruu
2-Isatti homaa qindeessu dhiisu (Isa waliin homaa gabbaruu dhiisu)
3-Wantoota Rabbiin alatti gabbaramanitti kafaruu (Asitti kafaruu jechuun itti amanuu diduu fi mormuudha.)
Wantoota Rabbiin alatti gabbaramanitti kafaruun karaa sadiin ta’a:
1ffaa-Wantoonni Rabbiin alatti gabbaraman hundi baaxila (soba) ta’uu amanuu, ibaadaan isaaniif godhamuu fi amantiiwwan Islaaman ala jiran hundi baaxila (soba) ta’uu amanuu.
2ffaa- Rabbii olta’aan alatti wantoota gabbaraman hunda gabbaruu irraa fagaachu, irraa qulqullaa’u fi jibba cimaa jibbu
3ffaa-Namoota Rabbii Tokkichaan ala wanta biraa gabbaran irraa qulqullaa’u fi jibbuudha.


[1] Tafsiiru Muyassar-549, Tafsiiru Ibn Kasiir-7/245
Al-Jaami’ul Mufiid liduruusi ta’allumi tawhiidi-fuula 149-150

Print Friendly, PDF & Email
Hiika Islaamaa fi Laa ilaah illallah
Akkaataa Laa İlaah İllallah Hojii irra oolchan-4

One comment

Leave a Reply