Kafarsiisu wali galaati fi kafarsiisu adda baafame

Garaagarummaa Kafarsiisu wali galaati fi kafarsiisu adda baafame
(Kafarsiisuu wali galaa jechuun osoo nama dhuunfaa tokko adda hin baasin, haala wali galaatin “Namni hojii akkanaa hojjate ni kafara, namni kana hojjate kafaree jira” jechuun dubbachuudha. Kafarsiisuun adda baafame immoo nama dhuunfaa hojii kufrii hojjate tokkotti dhufuun, “Ati kafarte” ykn fagoo irraa eenyummaa isaa adda baasun “inni kafaree jira.” jechuudha.)

Ahli Sunnah wal jam’aa kafarsiisuu wali galaatii fi kafarsiisuu adda baafamee gargar godhu. Kafarsisuu walii galaa keessatti namoota kufrii hojjatan osoo adda hin baasin kafarsiisuuf jechoota akkanaatti fayyadamu: “Namni akkana jedhe yookiin akkana hojjate, inni kaafira.” Garuu namni dhuunfaa adda baafame, wanta san kan dubbate ykn hojjate, hanga isa keessatti ulaagaleen guuttamanii fi gufuwwan isarraa dhabamaniitti malee guutumatti kufriin itti hin murtaa’u. Yommuu ulaagaaleen guutamanii fi gufuwwan dhabaman, ragaaleen isarratti dhaabbatu.

Ibn Taymiyaan ni jedha:
Osoo dogongoreellee, hanga ragaan isarratti dhaabbatuu fi karaan qajeelan isaaf ibsamuutti malee Muslimoota irraa namni tokko nama biraa kafarsiisuun hin ta’u. Nama Islaamni isaa yaqiinaan (beekumsa shakkii hin qabneen) mirkanaa’e, shakkiin isarraa hin oofamu. Kana irra, ragaan erga dhaabbate fi shakkiin deeme booda malee [Islaamni isarraa] hin badu.” (Majmuu’al Fataawaa (Al-Kaylaaniyyah)-12/466)

Ergasii ni jedha: Dhugumatti, kafarsiisuun ulaagaalee fi wantoota dhoowwan kan qabu yoo ta’u, nama dhuunfaa tokko irraa dhabamu danda’u. Kafarsiisuun wali galaa kafarsiisuu nama dhuunfaa hin barbaachisu, yoo ulaagaaleen guuttamanii fi wantoonni dhoowwan dhabaman malee. Imaamu Ahmadi fi imaamtonni baay’een kafarsiisu haala wali galaatin dubbatan, nama dhuunfaa jecha kana mataa isaatiin dubbate hin kafarsiisne.”  (Majmuu’al Fataawaa (Al-Kaylaaniyah)-12/487,488)

Uzrii (sababoota fi rakkoolee) nama dhuunfaa irratti argaman muraasa ibn Taymiyaan ni dhiyeessa:
“Namni jechoota kufrii dubbatu, tarii keeyyattonni haqa akka beeku isa taasisan isa hin geenye ta’uu danda’a. Tarii keeyyattoonni kuni isa bira gahanii garuu isa biratti hin mirkanoofne ykn isaan hubachuu hin dandeenye ta’a. Ammas, tarii wal fakkaachun (shubhaanni) isatti dhufuu danda’a. Mu’mintoota (warra amanan) irraa namni haqa barbaadu keessatti carraaqqi guddaa godhe ergasii yoo dogongore, Rabbiin dogongora isaa kamiyyu haa ta’u ni araaramaf. Kuni wanta sahaabonni Nabiyyii sallallahu aleyh wassalam fi imaamoni Islaamaa irra jiraniidha.” (Majmuu’al Fataawaa 23/326)

Hanga akkana jedhutti:
Imaamu Ahmad rahimahullahu Jahmiyyah maqaalee fi amaloota (sifaata) Rabbii morman ni kafarsiisa. Sababni isaas, jechoonni isaanii wanta Nabiyyiin ittiin dhufee ifaan ifatti diigu… garuu Imaam Ahmad [Jahmiyyah keessaa] nama dhuunfaa hin kafarsiisu. Dhugumatti nama jecha san dubbatu caalaa kan gara jecha saniitti waamu guddaadha. Ammas kan itti waamu caalaa nama isa faallesse kan adabu guddaadha… Kana waliinu namoonni taaytaa irra turan jecha jahmiyyah jedhu. Namootas kanatti waamu, ni adabus. Nama isaaniif deebii hin deebisne ni kafarsiisu. Kana waliinu Imaamu Ahmad isaaniif mararfate, araarama isaaniif kadhate. Sababni isaas, kana waan beekuf: “Isaan Rasuula kijibsiisaa fi wanta inni ittiin dhufe mormaa akka jiran isaaniif ifa hin taane. Garuu hiika jijjiruun dogongoran, nama san isaaniin jedhe akkeessan.”

Haaluma kanaan Shaafi’iinis yommuu Hafs Al-Fard “Qur’aanni uumamaadha (makhluuqa).” jedhuun, [Shaafi’in] dubbiin kuni kufrii akka ta’e isaaf (Hafsif) ibse. Garuu jecha kana waan jedheef qofa Hafsin Islaama keessaa bahuu irratti hin murteessine. Sababni isaas, ragaan ittiin kafaruu isaaf ifa hin taane. Osoo Shaafi’iin, Hafs Islaama irraa deebi’u isaa amane, silaa isa ajjeesuf ni carraaqaa ture.” (Majmuu’al Fataawaa 23/348, 349, gabaabbinaan)

Shekh Muhammad ibn AbdulWahhaab ni jedha: “Dhimmi nama dhuunfaa kafarsiisu dhimma beekkamtu taatedha. Jecha ittiin kafarsiisan yommuu dubbatan, akkana jedhama: “namni jecha tana dubbate, inni kaafira.” Garuu namni [Muslimaa] dhuunfaa adda baafamee tokko yoo jecha tana jedhe, hanga ragaan yoo dhiise abbichi itti kafaru isa irratti dhaabatutti malee kufriin isarratti hin murteefamu.” (Ad-Duraru As-Siniyyati 8/244)

Haala kanaan, kafarsiisuun walii galaa jecha wali galaa fi dimshaashaa dubbachuu akka barbaachisu ifa nuuf ta’a. Garuu nama dhuunfaa addatti baafame tokkoon kaafira jechuuf ragaan irratti dhaabbachu barbaachisa. Murtiin kuni ulaagaan guuttamuu fi wantoonni dhoowwan dhabamuu irratti hundaa’a.

Garaagarumman kafarsiisuu wali gala fi kafarsiisuu adda baafamee erga ifa nuuf ta’ee, namoota keessaa dogongora garee lamaanii ni dubbanna. Asitti, namoota keessaa garee osoo ulaagaalee fi gufuwwan hin ilaalin nama dhuunfaa kafarsiisuu keessatti daangaa darbetu jira. Gareen biraa immoo osoo ulaagaleen guuttamanii fi gufuwwan dhabamanii jiranuu guutumaan guututti nama dhuunfaa kafarsiisu dhiisetu jira. Haqni karaa jidduu galeessaa keessa jira.

Guduunfa
✐Kafarsiisu (takfiir) jechuun namarratti kufrii murteessudha ykn ebalu kafare ykn namni kana hojjate kafare jechuudha.
✐Kafarsiisun haala lamaan ta’a: Kafarsiisu wali galaati fi kafarsiisuu adda baafame (dhuunfaa)
✐Kafarsiisun wali galaa (general)- osoo nama tokkolle addatti hin baasin haala wali-galaatin “Namni kana hojjate ni kafara ykn kafaree jira.” jechuudha.
✐Kafarsiisun adda baafame (specific)-nama dhuunfaa tokko adda baasun, “Ati kafarte ykn inni kafare” jechuudha.
✐Kafarsiisun wali galaa haaluma wali galaatin dubbatamu qaba. Garuu kafarsiisu adda baafame dubbachuuf ulaagaaleen guuttamuu fi gufuuwwan dhabamuu qabu. Kutaa itti aanu keessatti ulaagaalee kanniin ni ilaalla.


Nawaaqidul Iimaani al-qawliyah wal amalayah” fuula 52-54, Abdulaziz bin Muhammad

Print Friendly, PDF & Email
Ulaagalee nama Muslimaa dhuunfaa kafarsiisuu
Akkuma iimaanni dubbii fi hojiin ta’u, kufriinis dubbii fi hojiin ta'a

Leave a Reply