Yommuu Sodaa fi Rakkoon Cimu-Kutaa 7
Kutaa darbe keessatti yeroo qormaata haala mu’mintoota ilaalu jalqabne turre. Har’as itti fufuun ni ilaalla.
Namoota wanta Rabbiif waadaa galan Guutan
“Mu’mintoota irraa dhiirota waan Rabbiif waadaa galan dhugoomsantu jiru; isaan irraa nama dirqama isaa raawwatetu jira; isaan irraas nama eeggataa jirutu jira. Jijjirraa homaatu hin jijjirre.” Suuratu Al-Ahzaab 33:23
Anas ibn Maalik (radiyallahu anhu) akkana jedha: Abbeeraan kiyya Anas ibn Nadr lola Badri irraa ni hafe. Ergasi ni jedhe:Yaa Ergamaa Rabbii! Lola jalqabaa mushrikoota ittiin lolte irraa ani hafee jira. Yoo Rabbiin mushrikootaan loluuf carraa naaf kenne, wanta ani hojjadhu Rabbiin na arga.” Guyyaa Uhud yommuu Muslimoonni duubatti dheessan, Anas ibn Nadr ni jedhe: Yaa Rabbii wanta namoonni kunniin (kana jechuun hiriyyonni isaa) hojjataniif dhiifama Si gaafadha. Wanta namoonni kunniin (kana jechuun mushrikoonni) hojjatan irraa ani qulqulluudha.” Ergasii gara fuunduratti deemee Sa’d ibn Mu’aaziin wal qunname. Ni jedhe, “Yaa Sa’d ibn Mu’aaz! Gooftaa An-Nadrin kakadhe! Jannata! Fooli ishii Uhudi gadiitti argataa jira.” Boodarra Sa’d ni jedha: Yaa Ergamaa Rabbii! Wanta inni hojjate ani hojjachuu hin danda’u.” Anas ibn Maalik ni jedha: rukuttaa seyfiitiin ykn waraana xiyyaatiin madaa saddeetamaa ol qaama isaa irratti argine. Ajjeefamee fi mushrikoonni cicciranii isa argine. Obboleettin isaa hanga fiixe qubbiniitiin isa beektutti malee eenyullee isa hin beekne.”
Anas ibn Maalik ni jedha: aayan tuni isaa fi namoota isa fakkaatan ilaalchise akka buutetti ilaalla ykn yaanna: “Mu’mintoota irraa dhiirota waan Rabbiif waadaa galan dhugoomsantu jiru; isaan irraa nama dirqama isaa raawwatetu jira; isaan irraas nama eeggataa jirutu jira. Jijjirraa homaatu hin jijjirre.” Suuratu Al-Ahzaab 33:23″ Sahiih Al-Bukhaari 2805
Asitti Anas ibn An-Nadr “Yoo Rabbiin mushrikootaan loluuf carraa naaf kenne, wanta ani hojjadhu Rabbiin na arga.” yommuu jedhu, kuni waadaa Rabbiif galeedha. Kanaafu, yeroo lola Uhud waadaa gale kana ni guute. Kuni hiika aayah: “Mu’mintoota irraa dhiirota waan Rabbiif waadaa galan dhugoomsantu jiru” kana jechuun warroota amanan irraa dhiirota wanta Rabbiif waadaa galan guutantu jira, waadaa galaniif dhugaa ta’an.
“isaan irraa nama dirqama isaa raawwatetu jira” kana jechuun nama wanta waadaa gale guutuun karaa Rabbii keessatti ajjeefame ykn du’etu jira. Kanneen biroo karaa Rabbii keessatti wareega ta’uuf ajjeefamu ykn du’a eeggatutu jiru.
“Jijjirraa homaatu hin jijjirre.” Waadaa isaanii ganuun ykn diigun hin jijjire. Kana irra, wanta Rabbiif waadaa galan guutuu itti fufan. Akka munaafiqota hin diigne.[1] Munafiqoonni, “dugda garagalchuun diinoota irraa hin dheessinu” jechuun Rabbiif waadaa galanii turan. Garuu yommuu lolli dhufu, “Manni keenya qullaadha” jechuun lola irraa dheessan. Kanaafu waadaa isaanii ni diigan.
Faallaa kanaa, mu’mintoonni waadaa isaanii diigun ykn hir’isuun jijjirraa homaatu hin jijjirre.
Waadaa Rabbiif galan diigun miidhaa akkami akka qabu beektuu? Mee Qur’aana irraa haa ilaallu:
“(75)-Isaan keessaa namoota “Yoo tola Isaa irraa nuuf kenne, dhugumatti sadaqaa ni kennina, namoota gaggaarii irraas taana.” [jechuun] Rabbiif waadaa galantu jira. (76)-Yommuu tola Isaa irraa isaaniif kennu, ittiin doy’ooman, kan garagalan ta’anii dugda duuba deebi’an. (77)-Kanaafu, hanga Guyyaa Isaan wal qunnamaniitti nifaaqa qalbii isaanii keessa gochuun isaan adabe, sababa isaan waadaa Rabbiif galan diiganii fi sababa isaan kijibaa turaniif.” Suuratu At-Tawbaa 9:75-77
Munaafiqota hiyyeeyyi ta’an keessaa namoota waadaa ofirratti murutu jira: “Yoo Rabbiin qabeenya naaf kenne, sadaqaa kennadha, wanta namoonni gaggaariin qabeenya isaanitiin hojjatan anis nan hojjadha” jechuun Rabbiif waadaa gala. Yommuu Rabbiin tola Isaa irraa isaaniif kennu, sadaqaa kennuu fi kheeyri keessatti qabeenya arjoomutti ni doy’ooman. Islaama irraa kan garagalan ta’anii ofirra deebi’an. Adabbii fi xumurri gocha isaanii: nifaaqa isaanii irratti nifaaqa dabaleef. Hanga Guyyaa Qorannootti isa (nifaaqa) irraa qulqullaa’u hin danda’an. Kunis sababa isaan waadaa Rabbiif galan diiganii fi sababa sobaa turaniifi. (Tafsiiru Muyassar-199) (Kanaafu, waadaa Rabbiif galan rakkoo tokko malee diigun nifaaqni qalbii keessatti akka dabalu taasisa. Nifaaqa jechuu kufrii dhoksuun Islaama mul’isu, sharrii (badii) dhoksuun waan gaarii mul’isuudha.)
Addunyaa Keessatti Namoota Qoruun (Mokkoruun) Maaliif Barbaachisee?
“Akka Rabbiin namoota dhugaa dhugaa isaanitiin [isaan] mindeessu fi yoo fedhe munaafiqota adabu yookiin isaan irraa tawbaa qeebaluuf, [kuni hundi ta’e]. Dhugumatti, Rabbiin araaramaa, rahmataa godhaadha.” (Suuratu Ahzaab 33:24)
Kana jechuun fitnaa, qormaataa fi sodaan hurgufamuu kana irraa wanta murteesse kan murteessef, namni dhugaa nama kijibaa irraa akka adda bahuufi. Ergasii warra dhugaa dhugaa isaanitiin mindeessuf, yoo fedhe munaafiqota yeroo fitnaan bu’uu qalbii fi hojiin isaanii jijjiramu fi wanta Rabbiif waadaa galan hin guunne adabuuf ykn tawbaa irraa qeebaluufi.[2]
Osoo qormaanni jiraachu baate, silaa namoonni hojii keessatti gargar hin ta’ani turan. “Osoo namoonni hojii keessatti garagara ta’uu baatanii, silaa jazaa keessatti garagara hin ta’anii turan. Osoo jazaa keessatti gargar ta’uu baatanii, Jannataa fi ibidda uumuun faaydaa hin qabuu ture.”
Mu’mintoonni wanta Rabbiif waadaa galan irratti waan obsanii fi eeganiif mindaa gaarii argatu. Munaafiqonni immoo waadaa Rabbiif galan waan diiganii fi ajaja Isaa waan faallessaniif adabbiin isaaniif male. Garuu isaan addunyaa keessatti fedhii Rabbii jala jiru. Yoo fedhe hanga Aakhiratti Isa qunnamanitti wanta irra jiran irratti isaan dhiisa. Ergasii isaan adaba. Yoo fedhe immoo nifaaqa dhiisun iimaanatti fi hojii gaggaarii hojjachuutti isaan qajeelchuun tawbaa isaanii isaan irraa qeebala. Uumamtoota Isaatiif rahmanni fi mararfannaan Isaa dallansu Isaa waan moo’ateef ni jedhe: “Dhugumatti Rabbiin Araaramaa Rahmataa godhaa ta’eera.”[3]
Aayah tana irraa waa baay’ee baranna. Isaan keessaa: Amantii, dubbii fi hojii keessatti dhugaa ta’uun doonii nagaha nama baastu fi mindaa guddaa argamsiistudha. Guyyaa Qiyaamaa:
“Rabbiin ni jedha, “Kuni Guyyaa warra dhugaa (saadiqiin) dhugaan isaanii [isaan] fayyaduudha. Isaaniif Jannattoota jala isaanii laggeen yaa’antu jira, yeroo hundaa achi keessa jiraatu. Rabbiin isaan irraa jaallateera. Isaaniis Isarraa jaallataniiru. Suni Milkaa’inna guddaadha.” Suuratu Al-Maa’ida 5:119
Warri dhugaa warra hojiin, dubbii fi niyyaan isaanii karaa qajeelaa irratti gadi dhaabbateedha. Guyyaa Qiyaamaa firii dhugummaa (sidq) ni argatu.
Faallaa kanaa, munaafiqonni immoo adabbii guddaaf saaxilamu. Sababni isaas, isaan kijibdoota waan ta’aniifi. Qalbii keessatti kufrii dhoksanii gubbaadhaa immoo Islaama mul’isan. Dhugaa ta’uu (sidq) fi nifaaqni wanta wal faallessuudha.
Kanaafu, namni amanti, dubbii fi hojii isaa keessatti dhugaa ta’uu isaa mirkaneefachuun doonii najaa (nagaha nama baastu) haa qopheefatu. “Hundeewwan (arkaana) iimaanaa jahanitti dhugaadhaan amanaa jira moo hin jiru? Dubbii fi hojii keessatti dhugaadha moo dhugaa miti? Dubbii fi hojii keessatti niyyaan kiyya sirriidha moo sirrii miti?” jedhee of gaafachu danda’a.
Gabaabumatti: Addunyaan tuni iddoo qormaatati. Kaayyoowwan qormaataa keessaa inni tokko: namoota dhugaati fi namoota sobaa addaan baasun ergasii jazaa isaaniif kafaluudha. Namni Rabbii olta’aatti haala sirriin amanee, dubbii fi hojii isaa keessatti dhugaa ta’e, addunyaa fi Aakhiratti badhaasa (mindaa) guddaa argata. Namni kana hin taane immoo hamma badii isaatiin ni adabama. Garuu osoo hin du’in dura yoo tawbatee fi of sirreesse, adabbii jalaa nagaha ni baha.
Amanti, dubbii fi hojii keessatti dhugaa ta’uun markaba (doonii) nagaha ittiin bahaniidha.
Kitaabban wabii:
[1] Tafsiiru Xabarii-19/61, Tafsiiru Al-Qur’aanil Kariim-Suuratu Al-Ahzaab-Ibn Useymiin-fuula 179
[2] Tafsiiru Sa’dii-777
[3] Al-Misbaahu Al-Muniir fii zahziib Tafsiir Ibn Kasiir-1123
Pingback: Yommuu Sodaa fi Rakkoon Cimu-Kutaa 6 - Ibsaa Jireenyaa