Soba Shirkii-Kutaa 3

Sanamoota, Masiih, haadha isaa, malaykoota, nabiyyoota, waliyyoota, saalihoota, jinnoota fi uumamtoota biroo gabbaraman ilaalchisee
Rabbii olta’aan ala wanta biraa gabbaruun (waaqefachuun) sirrii ta’uu ragaan agarsiisu tokkollee hin jiru. Wanti namoonni akka ragaatti dhiyeessan wanta sobaa hundee hin qabneedha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa akkana jedha:   

23:117

Namni gabbaramaa biraa ragaa isarratti hin qabne Rabbiin waliin kadhatu, qorannoon isaa Gooftaa isaa bira qofa. Dhugumatti, kaafironni hin milkaa’an.” Suuratu Al-Mu’minuun 23:117

Kana jechuun namni wanti inni gabbaru gooftaa fi gabbaramaa ta’uu ragaa ittiin mirkaneessu kan hin qabne ta’ee osoo jiru Rabbii Tokkicha waliin gabbaramaa (waaqefatamaa) biraa gabbaree (waaqefate), qorannoon isaa Gooftaa isa bira qofa jira. Sababa kufrii isaatiif Guyyaa murtii qorannoon isaa Gooftaa isaa biratti adabbii Jahannam keessa yeroo hunda jiraachudha. Sababni isaas, kaafironni hin milkaa’an. Kana jechuun adabbii jalaa hin bahan, wanta barbaadan hin argatan. Kana irra, Guyyaa Murtii adabbii keessa zalaalami turu. Akkuma beekkamu, Rabbii olta’aan ala gabbaramaan haqaa akka jiruu ragaan agarsiisuu tokkollee hin jiru.[1]

Namoonni Rabbiin ala wanta biraa waaqefatan ragaa qabna osoo jedhanillee wanti isaan jedhan kijiba. Ragaaleen sirriin wanti isaan hojjatan soba akka ta’ee agarsiisu. Garuu isaan of tuuluun irraa garagalu.

Rabbii olta’aan ala wanta biraa waaqefachuun shirkiidha. Shirkiin hojiis amantis dubbiis of keessatti qabata. Namni “Rabbiin ala wanta biraatiif gabbarriin (ibaadaan) ni ta’a.” jechuun yoo amane, amantiin isaa kuni shirkiidha. Namni sanamaaf yoo sujuude ykn nama du’eef wareega qale ykn gosoota ibaada birootin itti dhiyaate, hojiin isaa kuni hundi shirkiidha. Haaluma kanaan faayda irraa argachuuf ykn miidha ittisuuf sanama ykn nama du’ee yoo kadhate, kadhaan isaa kuni shirkiidha. Shirkiin soba soba hunda caaludha. Sababni isaas, shirkiin faallaa haqaati fi ragaa sirrii Rabbiin irraa dhufe hin qabu. Kanaafi, Qur’aana keessatti warra shirkii hojjatan shirkii isaanii kanaaf ragaa akka dhiyeessan deddeebise gaafata. Garuu isaan ragaa sirrii dhiyeessu hin danda’an.

Shirkiin soba akka ta’e haala salphaan hubachuuf amaloota wanta gabbaramuu ilaalun gahaadha. Wanti gabbaramu gabbaramaa dhugaa ta’uu fi nama isa gabbaru fayyaduuf:

  • Waa hunda irratti danda’aa ta’uu
  • Waa uumuu
  • Waa hunda irratti too’anna qabaachu
  • Kadhaa namaa kan dhagayu ta’uu
  • Gara haqaatti kan qajeelchu ta’uu qaba

Mee amma kanniin tokkoon tokkoon haa ilaallu.
✏Wantoonni Rabbii olta’aa gaditti gabbaraman (waaqefataman) waa hundaa irratti dandeetti qabuu?
✏Wantoonni Rabbii gaditti gabbaraman uumamtoota uumu danda’uu?
✏Wantoonni Rabbii gaditti gabbaraman namoota uumuu, sooru, ajjeesu ergasii jiraachisuu danda’u?
✏Wantoonni Rabbii gaditti gabbaraman rizqii uumuu fi namaaf kennuu danda’uu?
✏Wantoonni Rabbii gaditti gabbaraman qalbii namaa qajeelchuu danda’uu?
✏Wantoonni Rabbii gaditti gabbaraman nama fayyisuu fi badii namaaf araaramu danda’uu?

Namoonni shirkii hojjatan (Rabbiin alatti wanta biraa waaqefatan) gaafilee kanniinif deebii sirrii hin deebisan. Kanaafu, shirkiin soba akka ta’e asirraa ni hubanna. Gaafilee kanniin tokkon tokkoon ibsaa fi ragaalee ajaa’ibaa waliin kutaalee itti aanan keessatti osoo ilaalle maal isinitti fakkaataa?


[1] Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi-14/510-511

Print Friendly, PDF & Email
Soba Shirkii-Kutaa 4
Iyyasuusi fi Haadha Isaa Waaqeffachuun Sirriidhaa???-Xumura

Leave a Reply