Jannata Isiniif waadaa galamte kafaruu fi shirkii hojjachuun hin dhabinaa-Kutaa 1

Bismillah. Alhamdulillah. Rabbii jireenya lama uumee ergasii jireenya tokkoffaa iddoo qormaataa, jireenya lammataa immoo iddoo jazaa taasiseef galanni haa galu. Addunyaan tuni iddoo qormaataa fi hojiiti. Aakhiraan immoo iddoo jazaati fi turtiiti. Addunyaan tuni iddoo qormaataa fi hojii waan taatef yeroo muraasaf turti. Akhiraan immoo gahuumsa namaa waan taateef yeroo hundaa turti. Namni iddoo qormaataa osoo jiruu wanta isarraa barbaadame hojjate, iddoo jazaatti badhaasa guddaa fi qananii abadii argata. Namni iddoo qormaatatti wanta isarraa barbaadame hojjachuu dhiise immoo badhaasa dhabuun dararaa abadiitif of saaxila.

Namoonni gariin akkana jechuun gaafatu, “Aakhiraan isin jettan meeti? Namni du’e kan lamu kaafamu hin argine.” Deebiin namoota kanniinif kenninu: jalqaba qormaanni yeroo fi bakka qaba, firiin qormaataas akkasuma. Osoo yeroon qormaataa hin dhumatin firiin qormaataa ni ibsimaa? Addunyaan tuni iddoo qormaataa waan taatef, yeroon qormaataa Rabbiin olta’aan murteesse hin dhumanne. Wanta namoonni ittiin qoraman keessaa tokko wanta ijaan hin mul’annetti (ghaybitti) amanuudha. Du’aan booda kaafamun, Jannataa fi Jahannam wanta ghaybi (ijaan hin mul’anne) irraayyi. Kanaafu, yeroon qormaataa osoo hin dhumatin namni du’e osoo kaafamee fi Jannataaf Jahannam mul’atanii, silaa qormaanni namoonni ittiin qoraman akka barattoota qoruun dura deebii isaanitti agarsiisu ta’a. Deebii qormaataa erga itti agarsiistee booda barattoota qoruun maal faaydaa qabaa?

Akkasumas, yeroon qormaataa dhumachuun dura osoo namoonni du’an kaafamanii fi Jannataaf Jahannam mul’atanii, silaa mu’minaa fi kaafirri addaan hin baafamu ture. Mu’minni du’aan booda kaafamatti, Jannataa fi Jahannamitti amanuun kaafira irraa adda baha.

Hanga yeroon qormaata addunyaa tanaa dhumatutti Jannataa fi Jahannam namarraa dhokatoo ta’anii turu. Yeroon qormaataa yommuu xumuramu, ifatti bahu. Sa’aatin yeroon qormaata addunyaa tanaa itti xumuramu, yommuu Qiyaamaan dhootudha. Akkuma barattoonni yommuu firiin qormaata ibsamu wanta yeroo qormaataa hojjatan beekan, namoonnis Guyyaa san wanta addunyaa keessatti hojjatan ni beeku. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

Yeroo galmeewwan banaman. Yeroo samiin buqqifamtee maramte. Yeroo Jahannam qabsiifamte, Yeroo Jannanis dhiyeefamte. Nafseen hundi wanta fidde ni beekti.” Suuratu At-Takwiir 81:10-14

Suurah tana keessatti Guyyaa kam firiin qormaata akka mul’atu ibsa. Guyyaan firiin qormaata addunyaa tanaa itti mul’atus yeroo galmeewwan hojiin namootaa keessatti galmaa’e banamanii fi raabsaman, yeroo samiin buqqifamtee maramtu, yeroo Jahannam qabsiifamtu fi Jannanii dhiyeefamtuudha. Yeroo wantoonni kunniin argaman nafseen hundi wanta hojjattee dabarsite ni beekti. Namni hundi wanta hojjatee dabarse ni beeka, jazaa hojii isaas ni bara. Jecha biraatin firii qormaataa addunyaa keessatti qoramaa ture ni beeka. Jazaan kuni takkaa gara Jannataa, takkaa immoo gara Jahannam ta’a. (Qormaanni asitti barbaadame, qormaata waraqaa irratti qoraman osoo hin ta’in, wantoota namoonni addunyaa keessatti ittiin qoramaniidha. Bal’innaan kitaaba “Kaayyoo Jireenyi Tuni fi Ilmi Namaa Itti Uumamaniif” ilaalun ni danda’ama.)

Kanaafu, hanga yeroon qormaata addunyaa xumuramutti firiin qormaataa ifa hin bahu. Namni qormaata keessatti milkaa’inna guddaa barbaadu, yeroo qormaataa cime hojjata. Dhugumatti, milkaa’inni guddaan Guyyaa Murtii ibidda jalaa nagaha bahuun Jannata seenudha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

3:185

“Lubbuun hundi du’a ni dhandhamti. Mindaawwan keessanis guutumaatti kan argattan Guyyaa Qiyaamati. Namni ibidda irraa fageeffamee Jannata seensifame, dhugumatti milkaa’eera. Jireenyi addunyaas meeshaa gowwoomsaa qofa.” (Suuratu Aali-Imraan 3:185)   

Mata-duree keenya, “Jannata isiniif waadaa galamte kafaruu fi shirkii hojjachuun hin dhabinaa” jechuun qabannee kan dhiyaannef sababa sadiifi:
1ffaa-Waa’ee iimaanaa fi faallaa iimaana kan ta’e kufrii ilaalaa turreera. Iimaana kan waliif dhaamnu fi kufrii irraa wal dhoowwinuuf addunyaa fi Aakhiratti milkii guddaan milkaa’ufi. Namni Jannata kan seenu iimaana sirrii yoo qabaate qofa.
2ffaa– Waa’ee tawhiidaa fi faallaa isaa kan ta’ee shirkii ilaalaa turreera. Namni Jannata seenu kan danda’u, tawhiida yoo qabaate fi shirkii irraa yoo qulqullaa’edha. Namni shirkii guddaa hojjate, gonkumaa Jannata hin seenu.

3ffaa– Wantoota armaan olii yommuu ibsinu adabbii nama kafaree fi shirkii hojjate ibsinee jirra. Nafseen namaa tuni wanta sodaachisaa qofa yoo ibsaniif ni sunturti, ni dheessiti. Garuu yoo wanta abdachiisaa ibsaniif ni diriirti, ni gammaddi. Kanaafi, Qur’aana keessatti wanta sodaachisaa fi abdachiisa lakkuu ta’anii waliin arganna. Wanti sodaachisan jalqaba yoo eerame, itti aanse wanti abdachiisan ni ibsama. Yookiin wanti abdachiisan jalqaba yoo eerame, itti aanse wanti sodaachisan ni ibsama. Tooftaa sodaachisuu fi abdachisu kana fayyadamuun wal barsiisuu fi jireenya keenya foyyeesuuf haa carraaqnu.

Namni yeroma addunyaa tanaan ala addunyaan biraa garmalee bal’oo taate akka jirtu yaadu fi amanu, bal’inni fi tasgabbiin isatti dhagahama. Namni addunyaa tana malee addunyaan biraa hin jirtu jedhe immoo dhiphinnatu isatti dhagahama. Sababni isaas, addunyaan tuni dhiphoo waan taatef wanta dharra’uu fi abdatu hunda hin argatu.

Dhugumatti, Jannani biyya bal’oo bal’inni ishii akka samii fi dachii ta’eedha. Bal’inna kana waliin qananii ishii keessa jiru wanta takkuu ijji hin argine, gurri hin dhageenye fi qalbii namaa irra hin qaxxaamurreedha.

Bal’inna Jannataa

Ilmi namaa marsaalee jireenyaa afur qaba. Isaaniis: garaa haadhaa, addunyaa tana, barzakha fi gahuumsa dhumaa Jannata ykn Jahannam. Bal’inni Jannataa bal’innaa addunyaa tanaatin yommuu wal bira qabamu, akka bal’inna addunyaa tanaa garaa haadhaatiin wal bira qabamuuti. Akkuma garaan haadhati fi addunyaan tuni yommuu wal bira qabaman, addunyaan garaa haadhaa caalaa garmalee bal’oo taate, Jannataa fi addunyaan tunis yommuu wal bira qabaman, Jannani addunyaa tana caalaa garmalee bal’oodha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

3:133

Gara araarama Gooftaa keessan irraa ta’ee fi Jannata warra Rabbiin sodaataniif qophoofte kan bal’inni ishii akka samiiwwanii fi dachii taatetti ariifadhaa.” Suuratu Aali-Imraan (3):133

Araarama (maghfirah) jechuun badii haguuguu, irra darbuu fi adabuu dhiisudha. Gara Araarama Rabbiitti fiigun takkaa araarama kadhachuun takkaa immoo hojii gaggaarii hojjachuun ta’a. Istighfaara (araarama kadhachuun)- Allaahumma-ghfirlii (Yaa Rabbii naaf araarami), Astaghfirullah (Rabbiin araarama kadha) fi kkf jechuudha. Hojiin gaariin immoo hojii badaa oofa (haaqa). Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa sababa hojii gaggaariitiin badii namarraa haxaawa. Kan akka salaata shananii, sooma Ramadaanaa, Hajji, umraa fi kkf.

 Asi olitti gara “araaramaa Gooftaa keessan irraa ta’e fi Jannataaariifadhaa (fiigaa)” jedhe. Sababni isaas, gammachuun ilma namaa waa lamaan malee hin guuttamu: wanti jibban namarraa deemu fi wanta barbaadan argachuudha.[1] (Araaramaan wanti jibban namarraa deema, Jannata keessa immoo wanta barbaadantu jira.)

“Jannata warra Rabbiin sodaataniif qophoofte kan bal’inni ishii akka samiiwwanii fi dachii taatetti ariifadhaa.”

Kana jechuun gara Jannata bal’inni ishii akka samiiwwanii fi dachii taatetti fiigaa. (Kunis amanuu fi hojii gaggaarii hojjachuun ta’a. Namni addunyaa keessatti amanuu fi hojii gaggaarii hojjachuun namoota durse, Guyyaa Qiyaamas gara Jannataatti isaan dursa. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

Dursitoonni Dursitoonni, Isaan sun kan dhiyeefamaniidha. Jannata Qananii keessa ta’u.” Suuratu Al-Waaqi’a 56:10-12
Namoonni addunyaa keessatti gara iimaanaa fi hojii gaaritti dursan, Aakhirattis gara sadarkaa ol’aanaatti dursiitoota ta’u. Isaan sun Rabbiin biratti dhiyeefamu. Gooftaan isaanii Jannata qananii isaan seensisa.*)

Bal’inni Jannataa akka bal’inna samii torbanii fi dachii torbanii yommuu walitti dabalamanii (sufamaniiti). Ibn Abbaas ni jedha: akkuma uffannii walitti sufamu, samiin torbanii fi dachiin torban walitti sufamu. Kuni bal’inna Jannataati.[2] (Kuni bal’inna Jannataa bal’inna samii fi dachii yommuu walitti dabalamaniin wal faakkeesudha.) Kuni Jannani garmalee bal’oo ta’uu agarsiisa. Rahmaan rahmataa fi tola Isaatiin warra Jannataa keessaa nu haa taasisu.


Kitaabban wabii:
[1] Tafsiir Qur’aanil Kariim-Suuratu Aali-Imraan 2/166-167, Ibn Useymiin
[2] Tafsiir Xabarii-6/52
*Tafsiiru Muyassar-534

Jannata Isiniif Waadaa Galamte kafaruu fi Shirkii Hojjachuun hin dhabinaa-Kutaa 2.1
Iisaa (Iyyasuus)-Kutaa-2

Leave a Reply