Jannata Isiniif Waadaa Galamte kafaruu fi Shirkii Hojjachuun hin dhabinaa-Kutaa 2.1

Jannani Eessa Jirtii?
Akkuma Nabiyyii (SAW) irraa mirkanaa’etti Jannani samii torbanii ol jirti. Nabiyyiin (sallallahu aleyh wassallam) akkana jedhan: “Yommuu Rabbiin kadhattan, Firdawsa Isa kadhaa. Sababni isaas, inni (Firdaws) ol’aanaa Jannataati, isa irraa laggeen Jannataa burqu, gubbaa isa Arshii Rahmaantu jira.Sahiih Al-Bukhaari 2790 Kuni Jannanii samiiwwanii ol akka jirtu agarsiisa.[1]

Qur’aana keessattis haala kanaan ni arganna:

Dhugumatti, inni bu’iinsa biraa [keessattis] isa argee jira. Sidrat al-Muntahaa biratti. Ishii bira Jannata Qubsumaatu jira.” Suuratu An-Najm 53:13-15

Kana jechuun Nabii Muhammad (sallallahu aleyh sallam) Malaykaa Jibril suuraa dhugaa irratti uumame si’a lammataaf kan gara isaatti bu’u ta’e Sidrata Al-Muntahaa biratti argee jira. Sidrata al-Muntahaa muka guddaa samii torbaffaa ol jiruudha. Sidrata Al-Muntahaa jedhame kan moggaafameef, wanti dachii irraa olbahu muka kana biratti dhaabbata, achi bira hin darbu. Yookiin beekumsi uumamtootaa daangaa sanitti dhaabbata. Halkan Israa Nabii Muhammad sallallahu aleyh wassallam bakka kanatti Jibriilin arge.

Muka san bira “Jannata qubsumaatu” jira. Kana jechuun Jannata qananii hunda of keessatti qabatte, muttaqootaaf itti galaa fi qubannaa taatetu jira. Kuni Jannani iddoo ol’aanaa fi samii torbaffaa ol akka jirtu agarsiisa.[2]

Qananii Jannataa-kutaa 1

Qananii Jannata ibsuuf dhugumatti jechoonni nama hanqatu. Qananii takkuu ijji hin argine, gurri hin dhageenye fi qalbii namaa hin qaxxaamurretu keessa jira. Ergamaan Rabbii (sallallahu aleyh wasallam) akkana jedhan: “Rabbiin olta’aan ni jedha, “Gabroota Kiyya gaggaariif wanta ijji hin agarre, gurrii hin dhageenye fi qalbii namaa irra hin qaxxaamurre qopheessefi jira.” Ergasii aayah tana qara’e:

32:17

Waan isaan hojjataa turaniif jecha akka mindaatti gammachuu ijaa irraa wanta isaaniif dhokfame lubbuun tokkoyyuu hin beektu.” Suuratu As-Sajdah 32:17 Sahiih Al-Bukhaari 4780

Abdullah ibn Abbaas ni jedhe: “Aakhirah irraa wanti addunyaa keessa jiru maqaalee malee homaayyu miti.” Kana jechuun maqaadhaan malee wantoonni Aakhiraa keessa jiran wantoota addunyaa keessa jiraniin wal hin fakkaatan. Khamriin Aakhirah akka khamrii addunyaati miti, Huur iin (dubartoonni Jannataa) akka dubartoota addunyaati miti, ibiddi Jahannam akka ibidda addunyaati miti.

Qur’aana keessatti qananiin Jannataa muraasni maqaa dhahamanii jiru. Qananiin kuni akka qananii addunyaati miti. Qananiin addunyaa gabaabaa fi kan addaan cituudha. Qananiin Aakhiraa immoo itti fufaa gonkumaa addaan hin cinneedha. Guddinna, bareedinnaa fi sadarkaa qananii Jannataa Rabbii olta’aatu beeka. Mee qananii kana ilaalchisee wanta Qur’aana keessatti dhufee muraasa haa ilaallu. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

47:15

Sifanni (ibsi) Jannataa muttaqoonni waadaa galaman: laggeen bishaanii hin xiraa’in, laggeen aannanii dhandhamni isaa hin jijjiramin, laggeen khamrii (daadhii) warra dhuganiif mi’aawa ta’ee fi laggeen damma qulqulleeffame irraa ta’etu ishii keessa jira. Ammas, isaaniif ishii keessa fuduraalee gosa hundaati fi araarama Gooftaa isaanii irraa ta’etu jira. [Kuni] akka nama ibidda keessa yeroo hunda jiraatutii? Isaan bishaan danfaa obaafamanii mar’imaa isaanii ciccira.” Suuratu Muhammad 47:15

Kana jechuun ibsi Jannataa namoota wantoota Rabbiin olta’aan dirqama godhe bakkaan gahuu fi Isa faallessuu irraa fagaachun adabbii Isaa irraa of eeganiif waadaa galamte kana fakkaata:
1-Jannata keessa laggeen bishaanii foolin isaanii hin jijjiramnetu jira. Yommuu foolin jijjiramee fi shame, “Bishaan biirii (eela) kanaa xiraa’e” jedhama. Bishaan Jannataa hin hadhaa’us, hin boora’us, fooli badaas hin qabu.

2-Ammas, Jannata keessa laggeen aannanii dhandhamni isaa hin jijjiramnetu jira. Sababni isaas, aannan kuni horii keessaa hin elmamu. Aannan gur’uu keessaa erga bahee booda yeroo dheeraaf yoo ture, dhandhamni isaa ni jijjirama, ni dhangaggaa’a. Garuu aannan Jannataa dhandhamni isaa gonkumaa hin jijjiramu.

3-Ammas, Jannata keessa laggeen khamrii (daadhiitu) jira. Khamriin kuni akka khamrii addunyaa nama jibbisiisu, mataa nama bowwaafachiisuu fi macheessu miti. Kana irra, Khamriin Jannataa adii, namoota isa dhuganiif garmalee mi’aawaa kan ta’e, urgaa’aa, mataa nama hin bowwaafachifnee fi hin macheessineedha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

Burqituu irraa kubbaayyaa [khamriin guuttameen] isaan irra naannawama. Adii, warra dhugaaniif mi’ooftu tan taate. Ishii keessa ghawl hin jiru, ishii irraas hin machaa’an.” Suuratu As-Saaffaat 37:45-47

Ishii keessa ghawl hin jiru” kana jechuun khamrii Jannataa keessa wanti nama miidhu, garaa namaa dhukkubsu, mataa bowwaafachiisu, badiin, wanti jibbisiisaa fi rakkisaan hin jiru. Ammas, namoonni khamrii tana dhugan hin machaa’an. [3]

4-Jannata keessa laggeen damma qulqulleefamaa ta’etu jira. Kuni damma gagaa, jiisaa fi xurii hunda irraa kan qulqulleefameedha. Dammi Jannataa kanniisa keessaa kan bahuu osoo hin ta’in Jannata keessatti uumamuun akka bishaanii kan yaa’udha. Kanaafi, qulqulluu ta’e. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa xurii damma addunyaa keessatti ta’uu irraa qulqulleesse jira.

Ammas, isaaniif ishii keessa fuduraalee gosa hundaati fi araarama Gooftaa isaanii irraa ta’etu jira.” Kan jechuun muttaqoota kanniiniif laggeen kanniin irratti dabalatee fuduraalee (firaafiree) gosa hundaatu Jannata keessa isaaniif jira. Wanti kana caale immoo badii hojjatan isaaniif dhoksuu fi irra darbuudha.

Gammachuun ilma namaa waa lamaan guuttama: wanta jaallatan argachuu fi wanti jibban namarraa fagaachudha. Warri Jannataa kunniin Jannata keessatti wanta jaallatanii fi fedhan hundatu isaaniif jira. Rabbiin olta’aan waan isaaniif araarameef wanti jibban hundi isaan irraa fagaata. Nagahaan achi keessa jiraatu. Ni jedha:

44:51

Dhugumatti muttaqoonni (warroonni Rabbiin sodaatan) iddoo nagahaa keessa ta’u.” Suuratu Ad-Dukhaan 44:51

[Kuni] akka nama ibidda keessa yeroo hunda jiraatutii? Isaan bishaan danfaa obaafamanii mar’imaa isaanii ciccira.” Kana jechuun sila namni qananii Jannataa kana keessa jiru akka nama ibidda keessa yeroo hundaa (zalaalamii) turuuti? Namoonni ibidda seenan kunniin bishaan garmalee hoo’aa ta’ee obaafamu. Bishaan kunis mari’amaa garaa isaanii keessa jiru ciccira.[4]

Rabbiin rahmata Isaatiin kanarraa nu haa eegu.


Kitaabban wabii:
[1] Tafsiir Qur’aanil Kariim-Suuratu Aali-Imraan 2/168-169
[2] Tafsiir As-Sa’dii-966, Tafsiir Muyassar-526
[3] Xabarii-19/532-535
[4] Tafsiir Xabarii-21/200-202, Tafsiir Muyassar-508, zaadul Masiir-1310, Tafsiir As-Sa’dii-927, Tafsiir Ibn Kasiir-6/654-656

Print Friendly, PDF & Email
Jannata Isiniif waadaa galamte kafaruu fi shirkii hojjachuun hin dhabinaa-Kutaa 1

Leave a Reply